Telegram Web Link
Forwarded from Doctors Online 🇪🇹
📌 SPHMMC call for registration to undergraduate Doctor of Medicine program:-

https://telegra.ph/SPHMMC-call-for-registration-to-undergraduate-Doctor-of-Medicine-program-02-14


___
👉 ለተከታታይ የጤና መረጃዎች
በTelegram-  www.tg-me.com/Thequorachannel
በGroup www.tg-me.com/Ethiopianquora
በFb  https://www.facebook.com/Doctorsonlineeth/

በwebsite https://doctorsonlinee.com ይከታተሉን።

➡️ Share
#Jechoota ''#Ati_hin_dandeessu'' #jedhan_meeqa_baattee_jirta_laata?
☆☆☆☆☆
Sitti haa hafu, siif hin ta'u, hin dandeessu, siif hin milkaa'u, sin madaalu, siif hin malu, jechoonni jedhan namoota meeqa bakka gahuu qaban irraa hambiseeraa laata?
Namoonni har'a addunyaan dinqisiifattu, gootummaansaanii kan nu ajaa'ibsiisu, meeqatu jalqaba gaafa eegalan, mormiin akka irraa ture, meeqa dhageenyeerra laata?

Galma gahinsi, karaa guddinaa haaraa eegaluun, namoota hedduuf maraatummaadha; kanaaf, akka waan hin taaneetti nutti himu.
Sababnisaas, namni kamuu caalamuu hin barbaadu; kanaaf akka ati waan moo'amteetti sitti himanii karaa keerraa si dhaabu.

Egaa yaa hiriyyee, gamna ta'i malee!
Of ilaali, si'i mataakee caalaa kan si beeku eenyu?
Si'i caalaa kan dandeettiikee sitti himuu danda'u eenyu?
Maaliif mataakee, eenyummaakeefi dandeettiikee dabarsitee ormaaf laattaa?
Kanaaf, Ati Ni Dandeessa! Hundumtuu ni danda'ama!
☆☆☆☆☆
© Dr. Bulti Likisa (Bultoo), 2023

#JOIN & #SHARE
#Telegram channel👇👇
https://www.tg-me.com/Fayyaa_egeree
Who cry when die.pdf
604.9 KB
Who Will Cry When You Die?

By: Robin Sharma

@Orobook
Wal Simachuu dhabuu dhalootaa

Rakkinni addunyaa kanaa wal simachuu dhabuu dhalootaa (generational gap) dha. Dhaloonni ammaa kun, dhaloota waan isaaf hin galle gaafatu, waa gochuuf sababa gahaa kan barbaadu fi waan isaaf hin liqimfamne tasumallee hojjechuuf fedha kan hin qabne; akka dhaloota darbanii waan tokko cal jedhee garraamummaadhaan hordofuu dhaloota hin barbaannedha. Dhaloonni kun gaaffii gaafata; gaaffii gaafateef immoo deebii barbaada. Gaaffiin isaa waanti ta’e maaliif ta’e, ati maal waan taateef, maal waan naaf gootuufan si waliin jiraadha, maal waan naaf gootuufan si hordofa, sababiin quubsaan anaa fi si’iin walitti hidhu maaliidha fi kan kana fakkaatanidha. Gaaffiiwwan kanaaf sababawwan quubsoo ta’anii fi yeroo jalqabaa fi isa dhumaatiif ejjennoo dhaloota kanaa cimsanii dhaabantu barbaachisa. Ta’uu baannaan dhaloonni yeroo hundumaa wal dhabaa jiraata. Waan namaaf hin liqimfamne tokko dirqamaan liqimsii yeroon isaa waan darbe fakkaata. Lafa dirqamni jiru jaalalli hin jiru; lafa jaalalli hin jirre ammoo nagaan hin jiru. Kun seera uumamaati.

Akka qorattoonni saayikaatirii tokko tokko jedhanitti akkaataan saxaxni sammuu (brain circuit) dhaloota ammaa itti hojjetame kan dhaloota durii irraa baay’ee garaagaraa. Akkaataan sammuun dhaloota amma jiru kanaa itti hojjetame baay’ee walxaxaa fi akkaataan hojii isaas kan dhaloota darbanii irra caalaa baay’ee walxaxaa akka ta’e dubbatu qorattoonni kun. Jaarraa tokko dura dhalli namaa lafarraa olka’ee qilleensa keessa balali’uuf yaaduuniyyuu baay’ee cima ture. Gaafa yaanni akkasii ijoollee xiyyaara kalaqan sana irraa dhiyaate, ‘isin sammuutti hin jirtanii? Ni maraattan moo?’ kan jedhan lakkoofsa hin qaban. Abbaan isaanii yeroo sanatti luba ture immoo ‘kun dhala namaatiif utuu hin taane, mirga allaattota qofaaf kennamedha. Namni alka’ee samii keessa balali’uu hin danda’u. Kun cubbuudha isaaniin jedhe’. Har’a garuu xiyyaaraan balali’uun ….

Dureessi addunyaa keenyaa Eeloon Maaski dhaabbata gurguddoo inni qabu keessaa Ispees Eksi (Space X) isa tokkodha. Dhabbanni kun namoota gara Hawaatti fuudhee deemee urjoota fi addeessawwan sirna soolaarii keenya keessa jiran daawachiisa. Dubbii isaa keessaa kan na ajaa’ibe tokko waan jiruufan waa’ee namicha kanaa dubbadhe. Akkuma beekamu gara fuulduraatti Dacheen irra jiraannu tun dhala namaa baay’achaa jiruuf hin geessu ykn immoo Koosmikiin dhufee Dachee tana rukutee balleessuu danda’a jedhamee waan sodaatamuuf, dhala namaa gara pilaaneetii biraatti geessinee jiraachisuu qabna jedhee NASA’n erga hojii jalqabee bubbuleera. Qorattoonni NASA akka bira gahanitti ammatti pilaaneetiin irra jiraachuuf mijattuu taate Maarsidha. Rakkinni ishee garuu waan tokkodha; atimoosfariin Maarsi haguugee jiru sababa hin beekamneen yeroodhaa gara yerootti haphachaa fi dhumaa jiraachuu isaati. Kun immoo dhalli namaa hoo’a aduu irraa gadhiifamu akka hin dandamanne taasisa. Isa kana Eelon Maaski ‘maaliif atimoosferii Maarsi suphinee dhala namaa garasitti fudhachuu hin jalqabnu’ jedhee dubbate. Namni dhuunfaa tokko atimoosferii pilaanetii tokko haa suphinu jedhee yeroo yaada dhiyeessu amanuun namatti ulfaata. Ani namichi kun maraateeti, yaanni kunis hin danda’amu hin jedhu. Maaltu beeka gaaf tokko waanti inni amma dubbate kun dhugoomee arguu dandeenya. Kun egaa sadarkaa yaanni dhala namaa irra gahedha.

Dubbii kana waa malee hin kaasne. As biyya keenyatti dhaloota akka dhaloota durii, akka bara Zaaraa Yaa’iqoobittin yaadaa isinis na waliin akkasitti yaadaa jedhuu fi dhaloota sadarkaa Saayinsii fi Teeknooloojii addunyaan keenya har’a irra geesse waliin balali’uu barbaadutu wal sigigsaa jiraata. Yeroo itti falaasamoonni siyaasa-diinagdee addunyaa kanaa akka malee ammayyaa’aa jiranitti ilaalchota funyaan namaa bira xiqqoo isheellee hin darbne dhaga’uun baay’ee nama nuffisiisa. Hawaasa akkasii waliin ooluunis yeroo ofii kophaa dabarsuudhaan wal hin caalu. Al tokko tokko namoota qarree waliif faallaa ta’an lama irra gamaaf gamana taa’anii walitti dhaadatanin arga.
Waantichi waan akka yeroo biyyi meeshaalee waraanaa ammayyaa’oo fi teeknooloojii gurguddaadhaan badhaate Ameerikaanii fi ummanni bosona Amaazoon keessa jiran kan takkaa gadi bahanii qilleensi addunyaa kanaa maal akka fakkaatu hin argin, sin fixa sin balleessa waliin jechaa walitti dhaadatan arguuti. Waantichi waan akka Adurreen Leencaan wal’aansoo qabuuti. Yeroo itti biyyoonni gurguddoon meeshaalee waraanaa gurguddoo ardii qaxxaamuranii biyya balleessuu danda’an hojjetaa jiranitti warra asii ‘YAA SHIMALA KOO’ jechaa dhiichisaan lafa dhiphisaniifis garaatu nama jibba!

Dhaloonni biyya kana keessa jirus akkas fakkaata. Anatu siif beekaa, akkan ani sitti himetti buliin faashiniin isaa akka darbe dhaloota hin arginii fi dhaloonni bilisummaan akka yaaduuf dhaloota dhaloota karaa dabarsuu hin barbaannetu jira. Utuu lafarraan si fixa jetteenii dhaloonni kun akka sirna ittiin bulmaataa durii sanatti jiraachuu hin danda’u. Isa kana akkaataa seetaappii sammuun dhalootichaa itti hojjetametu isaaf hin eyyamu. Dhaloonni ammaa dhaloota waan haaraa kalaquu barbaaduu fi dhaloota falaasama birmadummaa namaa kennuu fi nama hundumaa ija walqixaan ilaaluun buluu barbaaduudha. Ilaalcha gadi-aantummaa fi tuffiif dhaloonni bakka laatu kana booda addunyaa kanarratti deebi’ee waan mul’atu hin fakkaatu. Namoonni kana hubachuun isaan rakkisu garuu, addunyaa haaraa kanatti wallaalanii ofiifis karaa darbuu dadhabanii, dhalootas karaa dhoorkatu. Mootummaan biyya bulchus kana hin hubatu taanaan bulchiinsi isaa wal’aansoodha.

Bara kana keessa nagaa buusuu fi nagaan walii wajjiin jiraachuuf namni maal akka barbaadu dursanii beekuun murteessaadha. Ollaan ollaa waliin, mootummaanis ummata waliin, addumaan dhaloota haaraa kana waliin fedhii walii wal hubachuun baay’ee barbaachisaadha. Biyyoonni dursanii bara hubatan dargaggootaaf iddoo oolmaa qopheessanii investimentiiwwan gurguddaa achirratti gochaa jiru. Pilaatfoormiin teeknooloojii gurguddaan har’a diinagdee addunyaa keenyaa sochoosaa jiran dhaloota haaraa kanaaf iddoo oolmaa isa mijataadha. Har’a namni kamuu haadha fi abbaa, obboleessa fi obboleettii caalaa bilbila sochootuu harka isaarra jirtu waliin yeroosaa dabarsa; taphachaa oolas. Utuu humna guddaa hin baasin waan jaalattu hojjechaa, kolfaa taphachaa yeroo itti bizinasii gurguddaa hojjechuu danda’an kan akka yeroo kanaa hin jiru. Utuu manaa hin bahinis bilbila harka keerra jirtuun miiliyeenarii ta’uun kan danda’ame yeroo amma keessa jirru kanadha. Hawaasni fi biyyoonni tokko tokko garuu pilaatfoormiiwwan kana karaa badiisaatiif itti fayyadamaniiru. #Tragedy!

Egaa rakkinni nu mudate kanadha. Yoo wal hin hubannu taane, carraa waliif kenninee yoo wal hin dhaggeeffannu taate, kophee walii keessa dhaabbannee ija tokko ittiin ilaaluun yoo hin ilaallu taate, anatu siif beekaa dhiisnee namni kun maal fedha hin jennu yoo taate wal dhabdeen itti fufa; walii galanii kaayyoo waliinii tokko milkeessuun baay’ee cima.

Hunda hin dubbatanii; dugda hin dhungatani! Namni hundumtuu of haa ilaalu!


Horaa Bulaa Deebanaa!
Dhugoo Gaaddisaa Roobalee

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!


@Orobook
Forwarded from Ifargan Gudeta Official ♉️ (Alex ➲ IGE)
Wal Simachuu Dhabuu Dhalootaa.pdf
795 KB
Barruu PDF haaraa, 2023
Wal simachuu dhabuu dhalootaa
Barreessaa: Dhugoo Gaaddisaa
Publisher: @ifargantech
#Hireen_Ofii_Ofumaani!
Akka hin daganne! Hiree kee sumatu ofiif murteeffata. Eeyyeen sumatu! Gatiin kees madaala keen murtaa'a. Ofitti amanamummaa hir'attee caarrataa ofirratti hin baasiin. Gatii salphaan kan si sharafuuf qophaa'ee jiru hedduu ta'uu mala. Isa manaa baateef duubatti hin deebi'iin. Isa harkatti qabattee jirtus sirriitti beeki. Ofitti amanamummaa dhabdee warqee harka keerra jiru hin darbatiin. Ofitti amanamummaa kee cimsadhu! Yoos hireenkee sumaan murtaa'a.

Hireen ofii ofumaani!

Abdiisaa Ejjetaati

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
IDDOOTTIN SI ARGADHUN QABA!

Torbanuma kana keessa, guyyaa keessaa toora sa'aa 5:00tti ture. Imala Harar irraa gara Haramaayaa irrattidha. Akkuma Awwadaay geenyeen, konkolaachisaan konkolaataa ittiin deemnu sun karaatti meeshaa wayii fe'uuf dhaabate. Dhaabatees xiqqo ture. Yeroo kana, imaltoota keessaa dargaggeessi tokko sagalee jabaa dhageessisuu eegale. "Shufeera, nuun deemi malee! Hojii qabna bar. Moo maal barbaaddeetu" ittiin jedhe, bifa oriisaa makateen. Yeroo kana konkolaachisaan, "Daqiiqaa lama caalaa hin turru; dhumuutti jira. Xiqquma naaf obsaa. Dhiifama!" jechaa, akka ariitiin xumuramuuf gargaaraa konkolaachisaatti hime. Yeroo kana dargaggeessi duraa sun, "Ammas itti dabaltee daqiiqaa lama na eegaa jettaa! Karaarra nu oolchuuf yaada qabda ati. Na buusi. Karaa hafte bajaajiidhaanin deema. " jechuun arraba kan durarra caalu itti dadarbachaa irraa bu'e. Irraa bu'ees hatattamaan achii hin deemne; dhaabatee arrabsoo namichaa itti fufe. Konkolaachisichis aaree sagalee jabaa dudubbachuu eegale. Wal rukuchuufis walitti fiigani. Nuyis akka taanu taanee walirraa isaan qabne. Dargaggeessi sun dhumarratti, "Yoo dhiira taate, yeroo biraa qofaatti naaf dhufta. Har'a nama keessatti dubbachuun bu'aa hin qabu. Isa har'aa kanammoo sin baasisa. IDDOOTTIN SI ARGADHUN QABA. Eeyyeen, sin baasisa!" jechuuniin hancufa isaa tuttufaa achii deeme.

Lola isaanii kanaan nuyi hunduu naane jirra. Meeshaan fe'amaa tures, yeroo lolaa kana adda citee jira.

Xiqqo turree magaalaa Awwadaay irraa gara Haramaayaatti qajeelle. Deemsa daqiiqaa 5 hin calleen booda, waan nuyi arginetu naasuu guddaa nutti uume. Kunis, konkolaataa tokkoofi bajaajii tokkotu walitti bu'ee jira. Bajaajiin sun karaarraa maqxee/darbamtee jirti. Namoota keessa jiran keessaas, lama baay'ee miidhamanii jiru.

Dhimmichi dhimma lubbuu baraaruutis waan ta'eef, konkolaataan ittiin deemaa turre sun, nuun dhiisee miidhamtoota kana mana yaalaan gahuuf dirqame. Yeroo namoota miidhaman kana gara konkolaataatti seensisuuf jedhan kana, naasuun keenya kan duraarra caalee argame! Sababni isaas, miidhamtoota sana keessaa tokko dargaggeessicha ariifatee konkolaachisaa sanaan wal lolee deemedha. Ajaa'iba!

Akkanaanis gara mana yaalaatti fuudhanii ittiin deemani. Nuyimmoo wal hirree bajaajiidhaan deemsa ishee hafte xumuruuf kaane. Akkana ture dubbichi!


●~>Waan nu barsiisu qabaafan kaasuu filadhe! Yeroo baay'ee gaafa deemsa eegallu, 'hagamitti geenya jennee dursinee tilaamuu malee, dhimmi nagaan gahuu keenyaa sammuutti nu hin dhufu. Garuu kan dursuu qabu nageenya keenyadha. Sababa bakka gahumsaa qofaa irratti xiyyeeffannee jirruufis, haalota tokko tokko hubachuun nu rakkisa. Dargageessi olii  kunis dura, bakka deemaa jiru ariitiin gahuuf yaaduu irra darbee haala yeroo sanaa hubachuu hin yaalle.  "IDDOOTTIN SI ARGADHUN QABA" jedhee ture. Akkas jechuusaas malee, iddootti wal argan hin beekne ture. Hin beekamus! Bakki inni jechaa jirus, bakka itti wal lolan ture. Garuu faallaa ta'ee argame! Bakki amma isaan itti wal argan, bakka itti konkolaachisaan sun lubbuun dargaggeessa kanaa akka ooluuf gara mana yaalaatti geessudha. Eeyyeen, faallaa ta'ee argame!

Waan amma ta'aa jiru malee, waan ammaan booda ta'u beekuun ni rakkisa. Eeyyeen amma jirra; kan ammaan boodaaf garuu ragaa tokko hin qabnu. Amma fayyaa waan qabnuuf barbaachisummaan fayyaa nuuf galuu dhiisuu mala, amma nageenyatti waan jirruuf faayidaa isaa yookaan miidhaa jeequmsaa hubachuun nu rakkisa ta'a, har'a quufnee waan jiraannuuf miidhaa beelaa salphaatti hin hubannu ta'a, har'aa maatiifi hiriyootaan marfamnee waan jirruufis dhiphina qofummaan dhufu tilmaamuun nutti ulfaata ta'a, maaltu beeka....! Gaafa kanneen faallaa ta'an garuu, namni nu dura waan sana hubatu hin jiru.

Garuu nama hamma taanetti, haala tokko hubachuuf nurra gahuun dirqama miti. Hubannaan dubbii ilaaluu shaakaluu qabna. Ariitiirra tasgabbiin akka wayyu hubachuutu nurraa eegama. Hubannaan hundaaf falan jedha!

         Galatoomaa!🙏🏻

IDDOOTTIN SI ARGADHUN QABA!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantiiti
Guraandhala 20, 2023

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Forwarded from Gola Oromootaa Official Channel (اولبانا اورمو)
Ati isaan keessaa kami?

Addunyaan kun namoota gurguddoo dorgommii irra jiran lama qabdi. Inni jalqabaa galma, gahumsaafi dandeettii isaa kan beekudha. Maaliif akka fiigu, eenyuuf akka fiigu, akkamiin akka fiigu adda baasee hubateera. eenyummaa isaa isa sirrii "Ani eenyu?" Kan Jedhu addaan baasee kan beekudha. Injifataadha. Namni inni lammafaan immoo namicha jalqabaa sana ilaalee kan fiigudha. Eenyummaa isaa adda baasee kan hin beekne. Galmaafi gahumsa isaa kan hin hubatnedha. Addunyaa dorgommii keessa jira, garuu eenyuun akka dorgomuufi maaliif akka dorgomu kan hin beekne. Gabaabumatti "Bishaan gabatee irraatti" jechuudha.
Ati garuu isaan kana keessaa kami? Haala kamiin dorgomaa jirtaa? Namicha jalqabaa san yoo taate, ati dhugumaan dorgomaa baay'ee cimaadha. Ni injifatta. Galma kee ni beekta. Eenyummaa kee isa sirrii "Ani eenyu?" Jedhu sirriitti hubatteeta. Jaalatamaa koo! Anis kunoo carraa kana fayyadamee gaaffiii kana akka namoota biroof qooddu si affeereera. Namoota waa'ee isaanii hin beekne kana akka isaan "Ani eenyu?" jedhanii of gaafatan taasisimee! Eenyummaa isaanii karaa kee haa baran.


Olbaanaa Caalaa H.

Kunis tokko, kaan immoo gaaf tokko!

Imala keenya!.......

@ttmmggoo
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️ (Dr.Bulti👨‍⚕️)
Yooyyaa! Boorana,
Oromticha mootii biyyaa
Dhiignisaa silaa
kankeetiif kan kiyya

Saba ofiin boonu
kan aadaasaa beeku
Calaqqee oromummaan
eenyuu boorana hin qeequ

Elmatee areeree
baksatee dibata
Dirree abbaasaarra
yaafatee tikfata

Waan barri baraan fidu
silaa tasa hin beekani
Jalaa baqachuufuu
dursanii hin gaafatani

Bara beelli hammaatee
abjuun buddeen taate
Arraba jiifachuufuu
bishaan daadhii taate

Osoo maqaa guddaa qabuu
Mataan gadi hin cabu
Kan sherfee tokko qabu
Oromticha harka haa qabu🙏
☆☆☆☆☆
© Dr.Bulti Likisa (Bultoo), 2023.

#JOIN & #SHARE👇

https://www.tg-me.com/Fayyaa_egeree
            #Boorana
Booranni hongeefi beelaan miidhamaa jira; waan dandeenyuun haa birmannuuf!

Warreen gargaaruu barbaaddan karaalee gadii kanaan isaan dhaqqabsiisuu dandeessu.

ALCHIISOO PASTORALIST UP BANK ACCOUNTS:-

1) COMMERCIAL BANK OF ETHIOPIA ACCOUNT NO: 1000522499823
Swift Code: CBETETAA

2) OROMIA COOPERATIVE BANK Account No: 1011800084313
Swift code: CBO RETAA

3) AWASH BANK Account No: 013081084782900
Swift code:  AWINETAA

4) OROMIA BANK Account No: 1548414100001
Swift code: ORIRETAA


Beelli beellama namaaf hin qabu! Waliif haa birmannu!

           Galatoomaa!🙏🏻

        Abdiisaa Ejjetaati

        @Orobook
#Sirna_Eebba_Kitaabaa
       #Araada
(Kuusaa Walaloo)
Barreessaan: Abboomaa Margaati

Kitaabni kun Guraandhala 19, 2015, GGAOtti eebbifamuuf jira. Maarree, kitaaba keenya kana ha eebbifannu!


           Abdiisaa Ejjetaati

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Booranaaf birmachuun ittuma haa fufu!

Kunoo ani hamma humnakoo waa jedhe!

Ammallee namoonni gargaaruu barbaaddan, karaalee gadii kanaan bira gahuu dandeessu!

ALCHIISOO PASTORALIST UP BANK ACCOUNTS:-

1) COMMERCIAL BANK OF ETHIOPIA ACCOUNT NO: 1000522499823
Swift Code: CBETETAA

2) OROMIA COOPERATIVE BANK Account No: 1011800084313
Swift code: CBO RETAA

3) AWASH BANK Account No: 013081084782900
Swift code:  AWINETAA

4) OROMIA BANK Account No: 1548414100001
Swift code: ORIRETAA


      Galatoomaa!🙏🏻

Beelli beellama namaaf hin qabu!
    Waliif haa birmannu!

      Abdiisaa Ejjetaati

        @Orobook
Living for others is the greatest indicator of humanity. And, there is nothing more beautiful than someone who goes out of their way to make life beautiful for others.
I really appreciate u, brother!
      Thank you!🙏🏻🥰
Guddaa galatoomi obboleessa nanaa!

@Orobook
Why should we pursue every dream?

Every dream has the potential to come true, but if we never give it a go, we'll never know.

Sometimes we want to achieve something in life but are afraid to try. We fear that we might lose or that it might never happen. That's why we make no effort for it, only to regret it later if we could have tried once.

If you have a strong desire to achieve something in life, then work for it. Don't be afraid to fall or lose, because it's all part of achieving. Just believe in yourself, believe in your dreams and keep the faith. Even if you don't get exactly what you want, you'll have the experience and confidence to move on to something else.

Dr Bhawna Gautam

#achieve #dream #success

@Orobook
2024/09/25 09:15:14
Back to Top
HTML Embed Code: