Telegram Web Link
#Dhangaa_Kana!

Kitaaba "Ganda Beeyladootaa" jedhu kana yeroon dubbisu, ogummaa barreessaa kitaabichaafi dandeettii nama kitaabicha Afaan keenyatti nuuf hiikee (Amantii Bonjaa)-tu na ajaa'ibe. Galatoomaan jedhaanii! Dhugaatti, kitaaba dhoksaa guddaa of keessaa qabudha. Nama bohaarsaas nama barsiisa. Jalqabaa hanga dhumaatti namatti tola. Bifa PDF-tiin hidhata garagaraa irratti gadhiifamee jira; mee dhangaa kana itti goraa ilaalaan jedha. Asii gadittis ni argattu; affeeramaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma haa fufu!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Baga gammaddan. Baga gammanne. Barattoonni mana barumsa bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa akkuma barametti qabxii boonsaa galmeessanii jiru.
1.ROBERA ASMERA ABERA=652👑
2.OLANA ABERA WIRTU=641👑
3. FIRAOL DENU LUTE=639👑
4.GETE BONA LENJISO=637👑
5. NUHAMIN JIBRIL HUSSEIN =634
Uummanni Oromoo, miseensonniifi deeggartoonni WMO akkasumas maatiin manneen barnootaa Bultii Addaa hundi keessan baga gammaddan!

Tokkummaan Misoomaaf!
Amajjii 19/2015
WMO
Firiin barattoota kutaa 12ffaa bara 2014 ifoomee jira.
Bu'uuruma kanaan barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa /ODA SPECIAL BOARDING SCHOOL/ seenaa baroota darbanii irra deebi'uun bara kanas qabxii ol'aanaa galmeessuu itti fufanii jiru.
Barattoota 76 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoraman keessaa:
👉Barattootni 21 /27.6%/ qabxii 600fi isaa ol,
👉Barattootni 45 qabxii 500-599 fi
👉Baratoonni 2 immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta'u gosa barnoota Herregaas100% galmeessuun kan danda'meefi qabxiin ol'aanaa ta'e 652 galmaa'ee jira.

Kanaafuu, uummanni keenya, barattootni, maatiin barattootaa, hawaasni mana barnootaa, boordiifi miseensonni WMO, hojjeettootni caasaa WMO sadarkaa sadarkaan jirtaniifi deeggartootni misoomaa hundi baga gammaddan baga gammanne!
1. Roobeeraa Asmaraa...............652
2. Biqilaa Haacaaluu.................. 650
3. Sanyii Dassaalany.................. 644
4. Olaanaa Abarraa.................... 641
5. Firaa'ol Danoo........................ 639
6. Geexee Boonaa...................... 637
7. Roobeeraa Bushuraa .............637
8. Barakat Kabbadaa .................635
9. Elihaam Jibriil ........................634
10. Hayaat Ibraahim.................. 630
11.Siyyum Waldee .....................630
12.Saamu 'eel Xaasoo............... 628
13. Firoomsaa Mohaammad ....625
14. Dastaa Nigusee ...................619
15. Naafyaad Daagim............... 619
16. Leencoo Baay'isaa ..............617
17. Meeroon Abbabaa.............. 617
18. Indaaluu Qalbeessaa ..........616
19. Abdii Geetuu ........................614
20. Roobee Abaataa .................614
21.Warquu Camadaa ...............612

Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota qareeyyii, egeree saba keenyaa qajeelchan oomishaa jira.
Tokkummaan Misoomaaf!
Kan dursee kufe sirna barnootaati!

Kufaatii barattoota baay'eef sababni guddaan, kufaatii sirna barnoota tokkichaati. Osoo sirna barnootaa hin sirreessiin sirna qorumsaa sirreessuuf yaaluunis, bu'aa inni qabaatu yoo jiraate isuma akka kanaati. Sirreeffamni hundeerraati malee kan eegalu, asii gadi miti. Barsiisaniitus qoru malee, qoranii barsiisu miti. Akkuma gochaan sun faallaa ta'e, bu'aan isaas faallaa ta'ee argame malee waan haaraan hin dhufne. Waanuma eegamutu kana! Haala kanaan, barataa qorame caalaa kan komatamuu qabu, sirnicha barataan keessatti qoramedha. Kan dursee kufe sirna barnootaati. Inni haa sirratu; yoos, barataan sirnaan baratee sirnaan qoramaati!

Kan kanarraan hafe, hanna qorumsaa hir'isuufi hambisuu yoomuu nan deeggara. Waan jajjabeeffamudhas!

Yaada kiyyatu kana!

Galatoomaa!🙏🏻

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
👉Ani jechoota; hin dandeessu, ni kufta, hin milkootuu, kun ulfaataadha jedhan dhaga'uu hin jaalladhu.🙅

"Ani mucaa dargaggoota ol adeemoo lama irraa dhalateedha. Jechuun abbaankoo fi haati koo ijoollummaatti wal fuudhan. Abbaan koo maatii bulchuuf bilchina ga’aa hin qabu ture waan ta'eef haadha koo waliin wal fuudhanii yeroo gabaabduu keessatti wal hiikan. Haati koo dabartee nama kan biratti heerumte. Amman of barutti abbaa buddeenaakoo jalan rafaa ture. Ergan of baree booda immoo gara baadiyyaa akaakayyuu koo bira deemen, isa hojii qonnaan gargaaraa dirree magariisaa keessaa fiigee taphachaa guddadhe. Horii qe'ee sooruu fi wal'aanuun hojii koo idilee ture. Yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa baradhutti mana ‘Burger’ keessatti qacarameen daabboo tolchaa ture. Tarii kun namoota kaaniif hojii salphaaf gad aanaa fakkaachuu danda’a ta'a. Anaaf garuu kollejjii leenjii fi hojii guddaa ture. Bakka kanatti maamila haalan keessummeessuu, nama gammachiisuuf hojii namoota gammachiisu hojjechuu, akkaataa itti waantoota to’atanii fi karoora ofiitti fayyadaman hundumaan bare.Waantoonni nuti hojjennuu fi bakki nuti keessaatti hojjennu akka ilaalcha namootatti tuffatamaa, xiqqaaf kan waa’ee hin baafnee ta’uu malu. Garuu haalan yoo hubbannee ilaalle waan hedduu nu barsiisuu. Nuti namoota hubatoo yoo taane isa nuuf ta'ee fi nu irratti ta'e hundumaa irraa waan barannu qabna.

An barnoota kootti barataa cimaan ture. Yeroon Yuuniversitii seene muummee saayinsii uumamaa keessaa Fiiziksii na ga’ee. Hojii humna hojjechaa waanan baradhuuf qayyabachuuf carraa bal'aa hin arganne. Kanaaf gaaffii tokko deebisuuf waanti baratootni daqiiqaa muraasatti xumuran anatti sa’aati dheeraa fudhata ture. Kana irraa ka’uun hayyuu Fiziksii ta’uu akkan hin dandeenyen beeke. Nan murteesses. Ergan murteesseen boodas yaada koo gara Kompiteer saayinsii barachuuttan deebise. Baradhee xumureen isaanis eebbiifame. Kompiteeraan ergan eebbifame booda dhaabbata garaagaraa keessaa hojjedheera. Booda waanti kunis akka nan in baafnen hubadhe. Yeroo sana interneetiin akka addunyaatti fudhatama guddaa argataa waan dhufef akkamitti itti fayyadamuu akkan qabun itti yaade. Yaanni tokkos na keessa bule. Yaanni na keessa bule kunis kitaaboota ‘online’ gurguruudha. Istoorii kitaabaa kana 'Amazon’ jedhee moggaaseen hojii isaa eegale. Yeroo ani jalqabu namni jabaadhu hojii gaariidha, si baasaasii nan jedhe hin jiru ture. Dhibbantaan 70 ol kufaatii koo fi hojicha itti fufuu akkan hin dandeenye odeessu turan. Ani isaaniin hin dhaggeeffaanne. Gurrii koo abjuu koo isa na keessaa natti wacuu sana qofa dhaggeeffata ture. Hojichi itti fufe. Bara 1999 G.C dhaabbanni xiqqaan dhimma baasa jedhamee hin yaadamne kun galii doolaara miliyoonaan naaf galchuutti ka’e. Baruma sanas nama dhiibbaa guddaa fide jedhameen badhaasa argadhe. Amma immoo dhaloonni sooressaa addunyaa jedhee na waama. Ani jechoota; hin dandeessu, ni kufta, hin milkootuu, kun ulfaataadha jedhan dhaga'uu hin jaalladhu. Qooda kanaa; namoota jabaadhu, waantichi cimaadha garuu ati ni dandeessaa itti fufii yaali. Cimii hojjedhu jedhan dhaga'uutu natti tola. Namoota akkas nan jedhaniin jaalladhas." Seena gababaa hundeessaa fi abbaa qabeenyaa #Amazon_Jeff_Bezos'.
Via Waadaa Bultii Caalii.



📚JOIN: @milkaainajireenyaa
📚JOIN: @Orobook
   #Loogoo_Jaalalaa
  (Kitaaba haaraa)

Barreessaan: Badhaasaa Darajjee Bayyanaati

Yeroo dhiyootti eegaa!


@Orobook
#GADADOO_MANA_HIDHAA
(Kitaaba Haaraa)

Barreessaan: Gammadaa Darajjeeti

Kitaabni kun, yeroo dhiyootti nu dhaqqabuuf jira. Anaa dhufuun harkaa haa simannu. Anaa dhufu!

@Orobook
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Guyyaa: 30/5/2015

Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Afaanota Biyya Keenyaa keessaa (Afaan lammaffaa) heddummina Afaaanii manneen barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessa jiran keessatti akka baratamu murtaa’uun ni beekkama.

Waan kana ta’eef barsiisota gosa barnootaa Afaan Amaariffaa fi Afaan Oromootiin Digiriifi Dippiloomadhaan eebbifamtanii naannoo irratti barsiisaa jirtan jijjiirraadhaan namoonni barabaadan liinkii kunoo.
https://docs.google.com/forms/u/0/d/1mfc0GF-Fy9-T3lC9yyiayyv3u6Y9v_ATVLtrFWFLn5Y/viewform?edit_requested=true

gadi lakkifameetiin qofa guyyaa beeksifni kun ba’e irraa eegalee guyyoota walitti aanu shan (5) keessatti galmaahuu kan dandeessan ta’uu Cimsinee isin beeksifna.

Hubachiisa!
. Gosoota barnootaa Amaariffaa fi Afaan Oromootiin ala
galmaahuun fudhatama hin qabu
. Jijjiirraan kun kan ilaallatu manneen barnootaa mootumma naannoolee keessatti hojii barsiisummaa irra kan jiran qofa.

@segnigudeta
#IYYAAFANNOO
Mucaan armaan gaditti suuraa isaa argitan kun SANYII LACHIISAA WAGGAARII jedhama. Jiraataa magaalaa Amboo naannoo Taltallee kan jiraatuufi nama waggaa kudha tokkoo (11) ti. Gaafa Sanbata Duraa, 27/05/2015, manaa bahee hanga ammaatti deebi'uu hin dandeenye. Yeroo manaa bahu uffata piijaamaa gurraachaafi kophee siliipperii godhateera. Hadaraa namoonni argitan lakkoofsa bilbilaa armaan gad jiru kanaan nuuf bilbilaa, akkasumas 'share' gochuudhaanis nu deeggaraa.
~> 0924960323
~> 0921340838

#Haa_Iyyaafannuuf!

Galatoomaa!🙏🏻

@Orobook
#NAFA_NAAFATE
(Kitaaba kuusaa walaloo)

Barreessaan: Riyaad Raayyaati

Boru (05/06/2015) waaree booda, GGAOtti eebbifamuuf jira. Wal argaan achumatti haa ta'u!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
   Yaaddoof yeroo qabadhu!

Jireenya keenya guyyuu guyyuu keessatti, yaaddoon nu mudachuu danda'a. Yeroo yeroon sammuu keenyatti dhufees, nu jeeqa ta'a. Kunimmoo, xiyyeeffannoo nuyi dalagaa qabannee jirru tokko irratti qabnu gad nu jalaa buusa. Kana hambisuuf egaa, yaaddoo kana gad buusuu yookaan dhabamsiisuutu nurraa eegama. Karaa kun ta'uu keessaa tokkoofi inni guddaan, yeroo yaaddoo adda baafachuudha. Yerooma namatti dhufe yaadda'uurra, yaaddoof yeroo qabachuu akka jechuuti. Guyyaa guutuu dalagaarraa, halkanis dhufee hirriba irraa akka nun jeeqnetti, yaaddoof yeroo adda bahe qabachuun tooftaa filatamudha. Karooraan yeroo yaaddoo ofii adda baafatanii irratti hojjechuunis, yaadda'uuf karoorfachuu miti. Walii adda! Kanaafuu, galgala galgala daqiiqaa 30 kan hin calleef, wantota  jireenya keenya keessa deddeebi'anii nu yaaddeessaniif yeroo kennuu qabna. Callifneema yeroo kennineefii dhiifnas osoo hintaane, addatti maaltu akka nu yaaddessu adda baafachuutu nurraa eegama. Eeyyeen, inni jalqabaafi inni guddaan adda baafachuudha. Kanaan booda, furmaata irratti barbaaduun hin rakkisu.

Yeroo baay'ee, wanta nu dhiphisu yookaan nu yaaddeessuuf sababa osoo hin qabaatiinfaa yeroo dhiphannu ni jiraata. Gaafa itti yaannu garuu sababa barbaannee dhabna. Yeroo kana gadduun yookaan dhiphachuun hafee, deebinee hafuura dheeraa baafachuun yaadda'uu irraa gara ofii keenyaatti deebina. Argitee? Yeroo adda bahe yaaddoof qabachuu keessaan dhiphina sababa qabu qofaa osoo hintaane, isa sababa hin qabneyyuu ni injifanna. Adda baafannee yookaan tasgabboofnee hin ilaallu taanaan, kan akka yaaddoo sababa hin qabnee nu miidhu hin jiru. Yoo adda baafanne garuu nuuf salphatee argama! Kanaafuu, yaaddoo ofiif yeroo adda bahe qabachuun karaa ittiin yaaddoo jireenya ofii ittiin hir'isan yookaan dhabamsiisanidha. Tooftaa salphaa kana fayyadamnee yaaddoo haa injifannun jedha.

   Yaaddoof yeroo haa qabannu!


        Galatoomaa!🙏🏻

      Abdiisaa Ejjetaati

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

      @Orobook
Cagginoo.pdf
889.5 KB
CAGGINOO
(Kuusaa Walaloo)

Barreessaan: Caalaa Warquuti

Dubbisa gaarii!🙏🏻

@Orobook
2024/09/25 11:25:24
Back to Top
HTML Embed Code: