Telegram Web Link
   #Dhukkubsattoota_Gosa_Lamaan!
      (Dubbii qoosaa makatedha!)

Karra hospitaalichaa akkuma seenaaniin 'TV' fuula agarsiisaa bal'aa qabu tokkotu jira. Yeroon seenuufi bahu mimil'adheen darba. Hamma kana garuu waanuma wal fakkaataadha, kan karaa 'TV' sanaa deddeebi'ee argamu. Kunis angaa'ota siyaasaatu wal jijjiiranii achirraan haasahu. Dubbiin kun bitaa na galee jira. Maaliif? Iddoon kun bakka yaala fayyaa, hospitaaladha. Bifa kanaan ergaan fayyaa hawaasa bakka kanatti argamu, addumaan namoota dhukkubsachiisuuf gara hospitaala kanaatti argamaniif osoo darbee gaarii ture. Garuu faallaa kanaa, ergaafi piroopogaandaa siyaasaatu ol ka'ee dhagahamaa jira, asitti. Dhuguma bitaa namatti gala! Anattis kanumatu gaaffii uume. "Maaliif garuu?" jedheen yaada kana bifa gaaffiin kaaseef, hojjetaa hospitaalaa na bira dhaabbatee jiru tokkoof. Natti kolfee dhiisuu dide, namni kun. "Gaaffii hintaane yoon gaafadheera ta'eef, dhiifama naaf godhi" jedheenii osoo afaan irraa hin fixiin, "Lakki, gaaffii hintaane yookaan gaaffii dogoggoraa nan gaafanne. Garuu haaluma isaatu nama kofalchiisa malee" naan jechaa kolfa isaa iddoo adda kutee itti fufe. "Haala yeroo jettu?" jedheen. "Ilaa maal seete,...dhukkubsataan gosa lamatu jira" jedhe ofirra i'ilaalaa.  Innis ittuma fufee; "Eeyyeen, dhukkubsataan gosa lamatu jira. Inni jalqabaa, warra dhukkubsatanii mana yaalaa dhufanii yaalamaa jiran kanadha. Isaan qaamaan argamanii yaalamuu danda'u. Yeroo qaamaan argaman kanas, ogeessi fayyaa itti dhiyaatee seenaa dhukkubsataafi waa'ee dhukkuba isaa waan gaafatu qaba. Addumaan mallattoolee dhukkuba isaan wal qabatee waan gad fageenyaan gaafatu ni qabaata. Edda gaafatee boodas, sakatta'insa qaamaafi meeshaa garagaraan deeggaramee dhukkuba nama sanaa adda baasee yaala barbaachisu kennaaf. Bifuma kanaanis hamma dhumaatti hordoffiin akka ta'uufii ta'a. Kun egaa dhukkubsataa qaamaan argamee yaalamuu danda'u, isa gosa jalqabaa jenne sanaan kan wal qabatudha.

Dhukkubsataan inni gosa biraa immoo, isa qaamaan argamuu hin dandeenye kan halaalatti hordofamudha. Yaaluun dura seenaafi qaama dhukkubsataa irraa, hamma ta'e, waa'ee dhukkubasaa hubachuun dirqama waan ta'eef, ogeessi fayyaa taa'ee haasahaa isaanii kana hordofa. Akka dhukkubsattoota warra jalqabaa sana itti dhiyaatee haalaan irraa hubachuu yoo baatellee, odeeffannoo hedduu irraa ni argata jedhamee yaadama. Kana gochuun kan barbaachiseefii immoo, namootumti kun dhukkuba isaanii of irratti wallaaluu isaaniiti. 'Fayyaadha' ofiin jedhu. Yoo namni dursee isaanitti himes, dubbii godhanii kaasu. Yakkamaas nama godhu! Dhukkubsattoota fayyaa of se'ani, warri kun. Yeroo baay'ee, jarreen bifa kanaan yaalaman dhukkubsattoota yaala sammuu barbaadanidha. Isaan kana, waan isaan dubbataniifi akkamitti akka dubbatan ilaalanii waan hedduu irraa hubachuun ni  dandaa'ama. Addumaan, odeeffannoo dhugaa irraa fagaateefi lafa irra hin jirree baay'inaan irraa argachuun shakkii dhukkuba sammuu kanaa ol akka kaasu beekamaadha. Kanarra dhaabbachuun, gara bakka yaalli kun isaaniif argamuu danda'uu akka deeman gorfamu. Yeroo baay'ees, gara Finfinnee, Hospitaala Amaanu'elittidha kan jarri kun geeffaman. Akkana! Jarri TV keessaan argaman kun egaa, gabaabumatti dhukkubsattoota warra gosa lammaffaa irraati.  Sila yeroo na gaafatte sana, haala kana hunda keessa galee siif ibsuurra jedheen kolfee darbuu filadhe. " Akkana naan jechuufi na biraa sokkuunsaa tokko ta'e.
Anis kana dhagahadhee hinturre; dhukkubsataakoo isa qaamaan argamee nu biratti yaalamuu dhufe biran deeme. Kunoo amma achan jira. Dhukkubsattoonnikoo na mararu. Gosa kamuu maaf hin ta'iin. Rabbis fayyaasaanii haa deebisuufi. "Hunduu haa fayyu" jennagaa nuyi!

   
     ``````
     Dubbii qoosaa makatedha!
     ``````
        Fayyaa hin dhabiinaa!

Abdiisaa Ejjetaa (Barreessaafi barataa doktareetii fayyaa)

@Orobook
Afaan lammaffaa (not mother tongue language) akkamiin baruun danda'amaa?

1⃣, Speak, speak, speak!
Dubbadhu, dubbadhu, ammas dubbadhu!
Dogoggoran uuma jettee hin sodaatiin! Hammuma caalaatti shaakalaa deemtu, dandeettii dubbachuufi ofitti amanamummaa kee gabbifachaa deemta.

2⃣, Use Technology
Teknoloojiitti fayyadami
Yeroo afaan sana haasoftu smart phone of harkaa qabduun record godhiitii, waan haasaankee namoota birootti fakkaatu ilaali.

3⃣, Listen
Dhaggeeffadhu
Akkaataa sagaleeffamuu (pronounciation) jechoota tokko tokko baruuf, music ykn oduuwwan garaagaraa dhaggeefachuun gaariidha.

4⃣, Read out loud
Yeroo dubbistu sagalee olkaasii dubbisi!
Gaazexaafi barruulee garaagaraa dubbisi.

5⃣, Learn a new word every day
Guyyaa guyyaatti jecha haaraa baruuf yaali.
Jecha baruu barbaaddu san, himoota garaagaraa keessatti fayyadamuun shaakali.

6⃣, Watch films
Fiilmiiwwaan afaan baruu feetu sanaan hojjetaman daawwachuun, akkaataa sagaleeffamuu jechoota haaraatti xiyyeeffaannoo kenni.

7⃣, Make friends
Hiriyyoota afaan sana haasa'an ykn afaan sana baruuf shaakalaa jiran horadhu.

8⃣, Do interesting activities
Hojiiwwan nama hawwatan ykn bashannansiisan afaan baruu feetu sanaan hojjedhu.

9⃣, Have a debate
Mata dureewwan garaagaraa irratti hiriyyoota kee waliin yeroo falmii afaan sanaan gochuu.

πŸ”Ÿ, Use a dictionary
Galmee jechootaa fayyadami!
Galmeen jechootaa 'online' jiran baay'een isaanii 'pronounciation' jechoota bifa 'audio' tiin waan qabaniif smart phone irratti buufachuun fayyadamuun gaariidha.
~~~
'Link' gadiinπŸ‘‡ amma 'join' godhaa, hiriyyoota keessaniifis amma 'share' godhaaπŸ™πŸ’ž
@Fayyaa_egeree
@Fayyaa_egeree
@Fayyaa_egeree
https://www.tg-me.com/Fayyaa_egeree
Sadaasa 23,2015
Beeksisa Gita Hoji Banaa!
Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa armaan gadii kana irraatti kanneen ulaagaa gutaan dorgomsiisuun qacaruu barbaada waan ta'eef namoonni ulaagaa kana guttaan dorgomaa!
Tokkummaan Misoomaaf!
Forwarded from GuduunfaaπŸ“šβ€
Waan faayidaa qabu dhaggeeffadhu.Sababa barbaadi, yaada gaari dubbadhu. " dubbiin namootaa akka biyyeeti; yoo qilleensa keessa hin balali'in miila jalatti dhiitama. Kana gochuu hin dandeessu taanaan, ofuma keef jiraadhu. Arrabni hin callisu" jedha ogeessi tokko.

Miidhamni hundinuu sadarkaa bilchina haaraati. Wanta jibbitu hundarraa fagaadhu. Waamicha si aarsu tuffadhu. Ergaawwan si miidhan haqi. Waan jaalattu haala ittiin argachuu dandeessu yaalii argadhu.

Waan abdii kee haaressu barbaadi. Waan kamuu dhiisuun fedhii keeti malee hiree kee miti. Yeroon filannoowwan hedduu yoo siif kennite wanta ejjennoo keef malu gara keetti dhiyeessi.

Yeroo ofitti amanamummaa qabnu keessatti immoo, ija qalbi cufnee waan eenyummaa keenya guutuudhaan hin argine ilaaluuf ija sammuu banuun dirqama.


@Guduunfaakoo 🧑🧑
Forwarded from Sanyii Guddataa (Firoomin Isan)
🎴Fana Broadcasting Corporation🎴

β–ͺ️Baay'ina : 10
β–ͺ️Gita Hojii:- Rippoortara Jalqabaa - Afaan Oromoof
β–ͺ️Muxxannoo hojii fi sadarkaa barnootaa:- Barnoota Gaazexeessummaa fi Kominikeeshiniin, Afaanoota biyya keessaa fi Hogbarruu, Afaanoota alaa fi Hogbarruu, Aartii Tiyaatiraa, Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil addunyaa yookaa barnoota saayinsii hawaasummaa walfakkaataa biroon, digrii jalqabaan muxxannoo waggaa O kan qabu
β–ͺ️Find More Details here
          πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§
    https://bit.ly/3uFdExp

β–ͺ️Share & Forward For Your Beloved Freinds
    @Elelanajobs || @Elelanajobs.

β–ͺ️Deadline: December 16/2022
#Waamicha_Lammummaati!

Sagantichi sagantaa eebba kitaabaa qofaa miti; sagantaa deeggarsa lammiilee keenya dabaafi shira diinaan miidhaman cina dhaabbachuuf qophaa'edhas. "Dhagaa tokkoon simbira lama," kan jedhan isa akka kanaati. Galaa qabnu qabannee irratti argamuun, aantummaa keenya lammiilee keenyaafi barreessaa keenya guddicha Eebbisaa Baayisaatti haa agarsiifnu.

Wal argaan gaafa Mudde 08, 2015, Finfinnee, GGAOtti haa ta'u!

Koottaa, kitaaba eebbisaa lammii keenya gargaarra!

@Orobook
Forwarded from Gaad-Doo πŸ‡
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
#Abbaa_Murtii_Tokkoofi_Murtoosaa

Mucaa umuriin isaa  ganna 15 ta'e tokkotu, mana kuusaa daabbootii osoo daabboo hatee fiiguu qabame. Yeroo fiigee jalaa bahuuf yaalu kanas, meeshaa daabboon irra taa'u caccabsee ture. Dubbii irratti dubbii! Sababa kanaaf mucicha mana murtiitti dhiyeessani. Abbaan murtiis akka gadii kanaan gaafata.

Abbaa murtii: Dhuguma, daabboo jedhan sana hattee jirtaa?

Mucaa: Eeyyeen

Abbaa Murtii: Maaliif?

Mucaa: Nan barbaade

Abbaa murtii: Bitteetuu?

Mucicha: Qarshiin dhabe

Abbaa murtii: Maatiikee irraa fudhattakaa

Mucaa: Maatii ani qabu harmee qofa. Isheen immoo dhukkubsattee mana jirti; hojiis hin qabdu.

Abbaa murtii: Ati homaa hin hojjettuu?

Mucaa: Dura konkolaataan dhiqaa ture. Harmeekoo dhukkubee ishee qabuuf hojicha irraa hafnaan, hojiirraa na arii'anii jiru.

Abbaa Murtii: Akka  si gargaaraniif gargaarsa nama hin gaafannee?

Mucaa: Ganamaa qabee gara namoota 50n gaafadhe. Garuu nama na gargaaru tokkon dhabe. Kanaafan dhumarra ejjennoo akkanaa fudhadhe.

Akka olii kanaan edda gaafateen booda, abbaan murtii sun bifa gadii kanaan murtee dabarse; " Gochaan mucaan beela'e daabboo hate sun yakka akkam nama qaanessudha! Yakka kanaafimmoo kan itti gaafatamu nuyidha. Namoonni mana murtii kana keessa argamtan, ana dabalatee, yakka rawwaattaniittu. Kanaafuu, tokko tokkoon keenya doolaara kudhan kudhan adabamnee jirra. Osoo kana ofirraa hin kanfaliinis namni tokko asii bahuu hin danda'u" jedhee doolaara 10 giiphii yookaan kiisa isaa keessaa fuudhee lafa kaa'ee booda, maqaa warreen kaanis galmeessuu eegale. Adabni jalqabaa akkanaan xumurame.

Ittuma fufe abbaan murtii sun! "Manni kuusaa daabboo sun, mucaa beela'ee waan nyaatu dhabe sana qabee mana murtiitti dhiyeessuu isaaf doolaara 10, 000 adabamee jira." Jedhe. Qaamni kun adaba itti murame kana sa'aa 24 keessatti hin raawwatu taanaan, manni daabboo sun guutummaa guutuutti akka saamsamu (cufamu) akeekkachiise. Akkanuma, poolisoonni mucaa kana qabanii mana murtiitti dhiyeessanis qarshii wal fakkaataa manni daabboo sun adabame akka adabaman murteesse. Qaamoleen adabni itti murame kunneen edda adaba armaan olitti eerame sana fudhataniin boodas, mucaa sana akka dhiifama gaafatan murteessee galmeen himatichaa cufamee galmeen mana galmeetti akka deebi'u taasise. Kana abbaan murtichiifi murteensaa!

β€’ Seenaa olii kana Fuulbarruu "The People's News Africa" jedhu tokko jalaa yommuun dubbbisu, imimmaan qabachuun dadhabe. Dhugaatti, seenaa laphee nama tuqudha! Murtee tokko osoo hin fudhatiin dura, duubaafi fuuldura gochaa sanaa haalaan sakatta'anii ilaaluun hammam akka ofis ta'e nama biraa kabajichiisuu danda'un barruu kana keessaa arge. Namummaan waan hundumaan ol akka ta'es jabeessee ibsa. Gaafa namni namummaaf bakka dhabe, seerri duudaafi jaamaa ta'a. Yeroo kana hojiin abbaa seeraa dhiigaan harka of dibuu qofa ta'ee argama. Eeyyeen, gaafa namummaan bakkaa bade, jaarsa biyyaafi abbootii amantiitu sobaaf kuulaafi golga ta'uun dhugaaf diina ta'anii jiraatu. Yeroo kana egaa ol adeemaan guddina malee hin hafu. Akkanaan egereen dhalootaa gaaffii deebiin dhokate ta'ee tura. Gabaabumatti bakka ilaalchi namummaa inni sirriin hin jirretti, kabajni namni namaaf qabu hin jiraata jedhanii yaaduun abjuu guyyaati. Kanaafuu, jechaa hanga gochaa ofii madaaluun ceephoo gochaan boodaafi gaafatamummaa seenaa jalaa nama baasa. Yoos murtoon keenya guyyuu guyyuu nuyirra darbee sababa kabajamuufi gammachuu nama biraa ta'a. Kana keessaanis murtoo qajeelfanna.

β€’ Nama gammachiisuufi gargaaruu yooma dadhabnerree, sababa gadduufi miidhamuu nama sanaa ta'uu irraa of haa qusannuun dhaamsa ani ofiifi hundaaf qabudha!

               Galatoomaa!πŸ™πŸ»


Β©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Dhukkubsachuu qofaan miti, dhukkubsatanii yaalaaf bakkaa bakkatti dadhabuunuu dhukkubbii biraadha. Rakkoolee akkanaa furuuf, ' Dr. Ifran Home Based Healthcare Clinic' manuma nuyi jirutti nu dhaqqabuuf qophii xumuree jira. Waan haaraadha! Hojiin kun, yaala kennuu irra darbee hubannaa fayyaa hawaasa keenyaaf kennuu keessatti gahee hamma hin jedhamne kan qabudha. Anaa dhufuun simachaa, doktaara keenyaafi tajaajila isaa waliin wal haa barru.

[Teessoon: Magaalaa Harar, Araattanyaa (+251923956444/0906833309)]

Dr. Irfaan Ibraahim , baga gammadde; milkiinis si haa dursu!
~~~
Fayyaa hin dhabinaa!πŸ™πŸ»

@Orobook
#Burjaajota_Nama_Burjaajessan!
Namoonni waanuma arganiifi itti fakkaatetti '666' moggaasan, mallattoo isa sirrii dhaabbaticha bakka ba'u akka namoonni adda hin baafanne gochuun nama burjaajessu. Osoo adda hin baafatiin irraa of eeguunimmoo, ni ulfaata. Nama burjaajessuun cinattis, beeksisa (Promotion) ajaa'ibaa dhaabbatichaaf hojjechaa jiru. Kun egaa, bu'aa osoo hin hubatiin nama hubachiisuu yaaluuti. Burjaajota nama burjaajessan irraa of eeguun egaa, kan abbaati!

Hubannumaafani!πŸ™πŸ»

@Orobook
Forwarded from Dr. Abdisa Ejeta Official Channel (Abdisa Ejeta)
#Ani_siif_Ati_Anaaf!
Yeroo ta'e, mootii tokkotu dorgommii qopheesse. Abbaan dorgee kana injifates badhaasa argata. Akkanuma bulchiinsa mootichaa keessaas teessoon ni kennamaafii ture. Dorgichimmoo dorgee marqaati. Nama lama lamaanis gaggeeffama. Akka dambii dorgommichaatti, nama marqaa kana nyaachuu danda'etu badhaafamaa ta'a. Fal'aanni ittiin marqicha afaan godhatanis itti kenname. Asirratti egaa gufuu guddaan. Fal'aanichi baay'ee dheeraa ture. Kanarraa kan ka'e, afaan isaaniirra darbee gurra isaaniitti jalaa diddibama, marqichi. Dorgomtoonni hedduun, waan falaa dhabuun dorgeen ala ta'ani. Dhumarratti, dorgomtoonni lama gara fuulduraatti dhufani. Akkana waliin jedhani; "Ani siif, ati anaaf!" Walii walii isaanii afaan kaa'uuf qophaa'uu isaaniiti. Akkuma jedhan kanaan, wal nyaachisaa nyaatanii injifattoota badhaasichaa ta'ani. Guddaas ajaa'ibsifatamanii jedhama.

πŸ‘‰As haa deebinu! Anaafi atis walumaaf jirra. Waan bira gahuufi qabuun nutti ulfaateef falli guddaan harka wal qabachuu, wal tumsuu ta'a. Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis, waliiniifi waliif jiraachuudha. Hamma kana hintaanetti hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haataanu. Yoos, ani siif, atis anaafi!

#Ani_siif_Ati_Anaaf

Β©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
πŸ‘¨πŸ½β€βš•οΈDooktara Dhibamtootaa fi rakkattootaa ta'i!πŸ§‘πŸ»β€βš•οΈ
Namoonni tokko tokko yeroo rakkoo isaanii qofa si barbaadu. Atimmoo maaliif akkana ta'u? jettee kan isaanitti aartu yoo ta'e, na amani badii guddaa raawwachaa jirta. Sababni isaas dhalli namaa qoricha kan barbaadu yeroo dhukkubsatu qofaadha. Siin immoo, uumaan kee qoricha taasisee waan si uumeef galateeffadhu, malee sababa rakkattoonni yeroo rakkoo isaanii malee yeroo kaan na hinbarbaadan jedhuun kennaa kee awwaaluu hin qabdu. Atis yeroo rakkatu, wanti humna kee ol ta'e yeroo si mudatu, gara qoricha kee, gara uumaa keetti iyyatta. Kennaa muraasa uumaan kee siif kennee, daran akka siif baay'isuuf cimsii qabadhu. Hojiin kee yeroo maraa akka Doktaraa dhibamtoota yaaluu haa ta'u! Dr rakkattootaa Ta'i!

Fayyaa hin dhabinaa

Shimallis Sooressaatin!
@Fayyaa_egeree
Ganda Beeyladootaa.pdf
4.2 MB
#GANDA_BEEYLADOOTAA
Barreessaan: Joorjii Ooweel
Afaan Oromootti kan hiike: Amantii Damissee Bonjaati

Kitaaba gara Afaan Oromootti hiikamee, bilisa bifa PDF-tiin dhiyaatee jirudha. To'annoo keessan jala oolfadhaa.

       Dubbisa gaarii!πŸ‘Œ

@Orobook
"Anuu beeka hunda hin beeku
Hundas immoo hin wallaalu
Isan beekne beeka hin jedhuu
Isan beekus hin awwaalu,
Kan beekurraa nan baradha
Kan ofii kiyya hin beekne
Isan beekus kaaniif hireen
Ittiin jaja isa naaf kenne!" AEUB

@Orobook
Imala kee dursii kana hubadhu!

'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanummaa kee gabbisii qabadhu! Akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuu dalagi. Hamma geessuus hin ibsiin; hammi geessuu sunuu ragaadha. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuu deemsa itti fufi. Imala milkii!

Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Eeyyeen kanatu jira! Kun jiraachuu isaa hubachuufi kanaaf deebii akkamii akka laattus of harkaa qabaachuutu si ceesisa.

Kan akkan taaneen si hordofu hin hordofiin. "Jaldeessa faana dhahuun hallayyaa nama buusa!" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hin butuchiin, dhagaa sitti darbamuu walitti qabi riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta, jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hin baafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi.

Akkanuma, kan si faarsu faana of hin faarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hin malletti miirri siif kennu dhageessee weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hin hafnetti of eegi. Badhaasa siif kennamu adda baasii beeki. Badhaasnifi jajjabeessi siif hin mallee itti quufinsa sobaa si gonfachiisuun karaa jal'uurra si qajeelchu. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i!

Kan siif jibbu jaalattee kan si jibbu hin jibbiin. Kan siif reebuu ol kaastee, kan si reebuu reebuuf yeroofi annisaa kee hin gubiin. Kana hundumaa, akka galumsaatti, keessumeessuu akka dandeessuuf ogummaa dabaladhu.

Imala milkii!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2020
~~~~

@Galaakoo
@Orobook
Qoraasuma Sammuu

"Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee
akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf

Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota
kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a
tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee:
Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee
garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee
dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna.
#Dubbisuun:-

Arraba gabaabsa
Afaan dhiphisa
Sammuu bal'isa
Wallaalaa qaroomsa
Beekaa daraan qara.

Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha.

Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha.

Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni
jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda;
Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa dhageettii gurraaf tolu ,kan quuqqaaf quuqama xiin-sammuu namaa irratti hin qabaanne madaalee haasa'a. Dhaggeeffataan dubbisaa gaarii dhaggeefatullee jireenyi isaa akka malee boqochaa, akka waan siree oksijiiniin haguugame keessa jiruutti taa'ee haasaa namichaa dhudha'a.
.
Kana qofaa osoo hin taane, dubbisaan gaariin jireenya dhaggeeffataa isaa irratti dhiibbaa kallattii uumuudhaan beekama. Kun hundumtuun firii dubbisuu keessaa argamudha. Dubbataan dubbisaa hin taane yoo dubbatummoo, isa jalqabaa filannoo jechoota dubbatuu irrattiyyuu nama sirrii miti. Kansaa waan baay'eetu babbadaadha. Jechoota qor-qalbii yokaan xiin-sammuu namaatti bu'an dubbachuun dhaggeeffataa isaa waliin lola guddaa uumuu danda'a. Dirree waraana sammuu dhaggeeffataa isaa irratti uumuu danda'a.
"Manni kitaabni keessa hin jirre akka foon lubbuu hin qabneeti!" Siiseerootu jedhe. Akkuma foon lubbuu hin qabne, socho'uu hin dandeenye manni kitaabni keessa hin jirree, abbaan mana sana keessa jiru sammuun isaa socho'uu hin danda'u. Kanaaf mi'a manaa qofaa osoo hin taane, kitaabas manaa qabaachuun dirqamadha.

Walumaagalatti namoota akkasiitiif furmaanni, mana yaalaa deemuu osoo hin taane, mana kitaabni itti gurguramu deemanii yaalamuutu sirriidha.
.
Dubbisuun yeroo kee sirraa fixa osoo hin taane, ba'aaf rakkoo jireenyakee keessatti si quunnaman sirraa fixa. Kitaabota dubbistummoo filattee dubbisuun ga'ee kan keetii. Sammuu ofitti amanamummaa dhabee fi jireenya dhaabbii dhabeef, kitaaba dhubbisuun deebisanii ijaaruun salphaadha. Sammuu dubbisee arge qofaatu kana ragaa ba'uu danda'a.

Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!

Via Orooliyaanaa MargaaπŸ™πŸ»

@Orobook
#Aayyoo_Koo
(Eebbisaa Baayisaa)

Aayyoo koo!

Bada aayyoo tiyyaa...

Ijoolleen kee
Inni tokko in bitame
Inni tokko in butame
Inni bitame muudamee
Inni butame muddame!

Aayyoo_koo
"Kan ajjeese jaarsa kee
kan du'e obboleessa kee,
Tilmaamarra darbe
gaddii fi dhiphinni kee!"

Ani jooraan kee immoo...
Yokaan hin bitamne
Yokaan hin butamne qarqaran dhaabadha,
Imimmaan koo roobseen
Obsa akka siif kennu Waaqa siif kadhadha!

Β©Eebbisaa Baayisaa 2022
2024/09/25 15:24:15
Back to Top
HTML Embed Code: