Telegram Web Link
Dynamic Clinic

@Bole Michael.

Your Health Partners!

Come and visit us.
Kitaaba "HIRIYAA_SIRIBOOME" jedhu, kan  Fedhasaa Nagaash-tiin barreeffame dursee dhamdhamuun, carroomeen jira. Jaallachaan gulaales! Kitaabichi osoo bifa kanaan hin qophaa'iin dura, mata duree "THE PHONY PAL" jedhuun Afaan Ingliffaadhaan, toora gurgurtaa kitaabaa KDP AMAZON irratti gadhiifamee ture. Boodarra yaada dubbiftootaa hundee godhachuun, kitaabichi gara Afaan Oromootti akka jijjiiramu taasifame. Barreessichi dalagaa jabaa lama wal cinatti kan dalagedha. Inni jalqabaa, kitaaba jiruufi jireenya Oromoo irratti xiyyeeffatu afaan addunyaa bal'aan hubachuu danda'uun dubbiftootaaf baase. Kan itti aanu immoo, kitaabichuma akka hundi keenya hubachuu dandeenyutti Afaan Keenyatti nuuf hiikee jira. Dhugaatti gumaacha guddaadha. Nuyis anaa dhufuun haa simannuun!

Kitaabichis, Guraandhala 12, 2015 A.L.H-tti, magaalaa Alamganaa-Sabbataatti waan eebbifamuuf, hundinuu affeeramtanii jirtu. Galmi eebbaa, fuulduratti kan beeksifamu ta'u.

       Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

Fedhoon milkaa'i!๐Ÿ‘๐Ÿ˜


  Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Riyaad_Raayyaa, Waloo walaloo isaa osoo hin ajaa'ibsiifatiin darbuun namatti ulfaatudha. Kan harkatti qabatee jiru kun, kitaabasaa haaraa "Nafa Naafate" jedhu, Guraandhala 5, 2015, GGAOtti eebbifamuuf jirudha. Sirraa hin hafnu haa jennuun!

Kitaaba keenya waliin haa eebbifannu!
Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

Milkaa'i namakoo!๐Ÿ‘๐Ÿฅฐ

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Obboloonnikoo Shumii Abarraafi Ifargan Guddataa, dizaayineerota jajjaboo sammuufi harki kuulaati. Tajaajilota kanaafi kanneen biroo isaan biraa argattu. Dalagaa isaanii ajaa'ibsiisaa kana itti dhiyaattanii osoo daawwattanii, fayyadamoo akka taatan hin shakku. Siniif dhiise egaa!

Jabaadhaa jaallan!๐Ÿ‘๐Ÿ˜

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
11K members, thank you!

Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!


@Orobook
Forwarded from Milkaa'ina jireenyaaโœ (Anuma Abdiidha!)
๐˜ฟ๐™–๐™ฃ๐™™๐™š๐™š๐™ฉ๐™ฉ๐™ž๐™ž ๐™ง๐™–๐™ ๐™ ๐™ค๐™ค ๐™›๐™ช๐™ง๐™ช๐™ช

"๐‘บ๐’‚๐’‡๐’‚๐’“๐’•๐’–๐’–๐’ ๐‘ด๐’Š๐’๐’Œ๐’‚๐’‚'๐’Š๐’๐’‚๐’‚, ๐’“๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’๐’ ๐’•๐’๐’Œ๐’Œ๐’ ๐’‡๐’–๐’“๐’–๐’–๐’‡ ๐’Œ๐’‚'๐’–๐’– ๐’Œ๐’†๐’† ๐’๐’”๐’๐’ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’•๐’‚๐’‚๐’๐’†, ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’๐’๐’†๐’† ๐’“๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’๐’ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚ ๐’…๐’‚๐’“๐’ƒ๐’†๐’† ๐’”๐’‚๐’๐’‚ ๐’‡๐’–๐’“๐’–๐’–๐’‡ ๐’Œ๐’‚'๐’–๐’– ๐’Œ๐’†๐’†๐’•๐’Š."- John Foster Dulles

Akkaataa furmaata rakkoo sirrii taโ€™e beekuu dhabuun rakkoo tokko irra deddeebinee furuuf rakkachaa akka jirru nu gochuu dandaโ€™a.

Dandeettiiwwan hawaasummaa jireenya keenya keessatti qabachuu qabnu keessaa tokko rakkoo bulchuudha. Kunis walqunnamtii hawaasummaa guyyaa guyyaa keenya kamiyyuu keessatti gonkumaa rakkoo irraa bilisa waan hin taaneef. Yeroo baayyee rakkoo keenya sammuudhaan osoo hin taane miiraan furuuf waan yaalluuf akka gareetti hin hojjennu.

Hiriyummaa, maatii, waltaโ€™iinsa hojii, waajjira. . . Adeemsa rakkoo furuu sirrii yoo hordofnu malee rakkoon keenya tokkummaa fi milkaaโ€™ina keenyaaf balaa taโ€™uun isaa waan hin oolle.

๐—ง๐—ฎ๐—ฟ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐˜„๐˜„๐—ฎ๐—ป ๐—ฏ๐˜‚'๐˜‚๐˜‚๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ณ๐˜‚๐—ฟ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ ๐—ฟ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ผ๐—ผ ๐—ฎ๐—ฟ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ด๐—ฎ๐—ฑ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐˜๐—ฎ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ป ๐—ต๐—ผ๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ผ๐—ผ๐—น๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ถ:

โ€ข ๐‘…๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘œ๐‘œ๐‘› ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘™ ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ก๐‘Žโ€™๐‘’ ๐‘ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘–๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘๐‘’๐‘’๐‘˜๐‘ข๐‘ข.
โ€ข ๐‘†๐‘Ž๐‘๐‘Ž๐‘๐‘›๐‘– ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘‘๐‘– ๐‘“๐‘Ž๐‘”๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘ข๐‘ข.
โ€ข ๐‘Œ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“ ๐‘“๐‘ข๐‘Ÿ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž ๐‘ก๐‘Žโ€™๐‘Ž ๐‘—๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘š๐‘’๐‘’ ๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘ข ๐‘ค๐‘Ž๐‘™๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘ข๐‘ข.
โ€ข ๐น๐‘ข๐‘Ÿ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘š๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘ข ๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Žโ€™๐‘ข๐‘ข ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Žโ€™๐‘ข ๐‘ ๐‘Ž๐‘˜๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘Žโ€™๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘ข๐‘ข.
โ€ข ๐‘Œ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘› ๐‘“๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘› ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘ข๐‘Ÿ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž โ„Ž๐‘ข๐‘›๐‘‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘–๐‘– ๐‘ก๐‘Žโ€™๐‘’ ๐‘“๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข.
โ€ข ๐น๐‘ข๐‘Ÿ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž ๐‘“๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘š๐‘’ โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘œ๐‘œ๐‘™๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข.
โ€ข ๐ทโ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘๐‘ขโ€™๐‘Ž ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘ข๐‘š๐‘š๐‘Ž๐‘Ž ๐‘š๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘ข.

๐Ÿ“ขJOIN & ๐Ÿ”—SHARE
โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•—
๐Ÿ“šJOIN:
@milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN:
@milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN:
@milkaainajireenyaa
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
Amajjii 8/2015
Beeksisa Gita Hojii Banaa!
Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa armaan gadii kana irratti kanneen ulaagaa gutaan dorgomsiisuun qacaruu barbaada waan ta'eef namoonni ulaagaa kana guuttan dorgomaa!
Tokkummaan Misoomaaf!
#GATII_GALFATA_GAMEESSAA
        (Kitaaba Haaraa)

Barreessaan: Fayyisaa Hirphasaati

Kitaabni kun bifa PDF-tiin nu dhaqqabuuf jira. Anaa dhufu jechaa telegiraama irraan eegganna.

Anaa dhufu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Forwarded from Ifargan Gudeta Official โ™‰๏ธ (Alex โžฒ IGE)
GATII GALFATA GAMEESSAA.pdf
991.2 KB
GATII GALFATA GAMEESSAA
---------------------------------------
Kitaaba Asoosamaa haaraa. Barreessaa Fayyisaa Hirphasaan kan qophaa'e.
All right reserved!

@ifargantech
@ifargantech
#Anaaf_namni_nama!
Uffata gogaa haguugee argamu, gogaas qaama guutuu uwwisee jiru mitii golgi tokko tokkoo qaama keessaayyuu maalummaa qaama sanaa isa dhugaa hin himu. Akkanuma uffanni alaan nama golgee jiru, fakkaattiin gogaafi haalli argama qaamolee alaa namummaa nama sanaa bakka hin bu'ani. Xiyyeeffannoon keenya gaafa isaan kanarra ta'ee taphaan ala jiraachuu keenya akka hin daganne. Gaafa waan hin barbaachifnee haammachaa waan barbaachisu immoo hamachuu eegallu, badiin dabaree qabatee haammannaaf nutti kaata.
Nama kabajuuf ulaagaan inni jalqabaa nama ta'uudha. Namummaan namaas uffata alaan nama haguugee argamu, qabiyyee garaa dhiibee gara duubaatti mul'atu, aangoo ammee boru kan nama biraa sana osoo hin taane waan kanaan olii yaadaafi qalbii isaati. Nama uffata miidhagfateef lafaa kaatee, isa biraaf immoo bakkuma isaa irraayyuu ni dhiibda taanaan, ammayyuu namummaankee gaaffii jala jira. Waanti ati lafaa kaateefii sun uffata malee nama miti; inni ati ofirraa dhiibde sunis sanuma. Namichoo, namummaan uffataan oli.
Dhugaa dubbachuuf taanaan, gogaafi waantonni gogaa golganii jiran guutummaa nama sanaa himuuf haamilee hin qabani. Maarree, waan haamilee hin qabnetti haamilee hin liqeeffatiin! Namichoo, ati namaamii? Eeyyeen! Namummaa namaa nama irraa mulquutti namummaakee akka hin darbanne. Akka gootu, nama nama waan ta'eef kabaji. Isa kaan boodarra itti deebita. Jaarsa jaarsa waan ta'eef ulfina kenniifii, ijoollee barsiifatee iddoo guddaatii qabaachuufi qabeenyaan guuttattaa ta'uu isaa booda itti deebita. Barataa si faana baratus haa ta'uu hojjetaa waliin dalagdan, kan  ciminaafi dandeettii isaanii gara boodarra itti deebitaatii, dursa kabaja namummaa itti agarsiisiitii nama ta'uukee mirkaneessi. Warra kaanis akkanuma godhi. Maarree, jarreen warraa ilaalchi isaanii kankee faana wal hin fakkaanne sanas akkasuma. Warreen amantiin isaanii kan keerraa adda ta'e sanattis gaafa dhuftu, namummaan amantiikee yookaan amantii isaanii miti. Namummaan achitti hin dhalanne, asittis hin guddanne; eeyyeen namummaan ganda hin qabu. Namummaan kan paartii warra sanaa miti, kan warra kanaas. Yaadaan qabi! Isa dursuuf dursa kenni, yoos namummaan dura dhufa. Isa kaan itti dhuftaatii nama namummaa isaaf kabaji!


    #Anaaf_Namni_Nama!
  
     Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

    Abdiisaa Ejjetaati

    @Orobook
[Barreeffamni gadii kun dheeraadha. Ergaan isaa garuu sanaa gad hin dheeratu. Namni dubbise akka baay'ee fayyadamus hin shakku! Mata duree dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabuufi furtuu rakkinoota sadarkaa garagaraatti nu mudatanii qabatee dhiyaateera. Dubbisa gaarii!]

~~~~
"Manni barumsaa dhugaadhumatti addunyaa qabatamaaf ijoollee ni qopheessaa?" jechuun gaaffiidhaan eegalti. Gaaffiin kun anaafuu gaaffiidhaatii, yaadicha ittuma fufeen hordofe. Isheenis ittuma fuftee, "Jabaadhuu dubbisi; qabxii gaariis galmeessi. Yoo kana goote, dalagaa kanfaltii jabaa qabu argatta" jechaanii maatiin ishee gorsaa akka turan himti. Galmi guddaan maatii ishees, isheefi obboleettiin ishee barnoota sadarkaa olaanaa akka argatan ture. Kana keessaanis, carraa guddaa gara milkaa'insaatti isaan geessuu danda'u akka gonfatan amanu. Haaluma kanaan, yuunivarsiitii biyya ishee keessaa sadarkaa qabu tokko irraa digirii ishee gosa barnoota akkaawuntiingiitiin xumurti. Edda xumurtee boodas, kanfaltii olaanaadhaan qacaramuuf yeroo itti hin fudhanne. "Jabaadhuu dubbisi! Qabxii olaanaa galmeessii yuunivarsiitii filatamaa gali. Qabxii gaariin bahiis bakka kanfaltii olaanaa argattutti qacaramii hojjedhu!" jechaa maatiin ishee kan gorsaa turan tokko hin dhiifne. Gorsa maatii ishee hojiirra oolchuun nama milkaa'e fakkaachuu dandeessi. Garuu waan hir'ateefi sirrachuun irra jiru baay'ee akka ishee hafee ture lafa keessi. Kana gara boodaatti itti deebina.

"Abbaan warraa kiyya Mikaa'elis deemsi isaa akkuma kankoo kanaa ture" jetti itti fuftee. Dhugaan jirus kanuma! Faanuma tokko jiru. Innis akkuma ishee kana nama jabaatee hojjetudha. Nama badhaasaan digirii isaa yuunivarsiitii irraa xumuredha. Jalqaba irratti injiineriingiidhaan kan hojjete yoo ta'u; itti aanseemmoo, barnoota seeraan xumure. Digirii si'a lama jechuudha! Kanaan booda, "Washington D.C"-tti abbaa seeraa ta'ee hojjechuu eegale. Dafee hojii kan eegaleefi nama bakka olaanaatiis hojii argate ta'e. Kana keessaanis fuuldurri isaa ifaa kan fakkaatedha. Innis gorsa maatii isaa fiixaan baasuu hin hafne. "Jabaadhu! Baradhuus xumuri. Sanaan booda, bakka jabaafi waan jabaan qacaramii dalagi!" Akkana namaan jedhu mitiiree maatiin baay'een? Kanarraa waan fagaate miti. Anis keessatti of ilaaluu hin dhiifne. Atis carraa kanatti fayyadamtee of gaafachuu mee yaali. Kana garuu ittuma fufnee haa ilaallu!

"Aniifi abbaan warraankoo dalagaa keenyaan waan  milkoofnee taanullee, akka eegne ta'uu hin dandeenye. Haala mijataa barbaachaaf bakka dalagaa si'a hedduu jijjiirre. Jireenyi keenyas kan ammaarra darbee kan gara fuulduraaf wabii waan qabu fakkaachuu dide. Wabiin yeroo sooroma baanuu nutti argamaa hin jiru." Jetti, haati warraa Mikaa'el. Hojiin isaanii kun, harkaa gara afaanii ta'uurra darbee wabii gara fuulduraa akka hin qabne kaafti. Kan hundumarra bitaa itti galaa jirummoo, ijoollee ishees akkuma dura gorfamaa guddatte kanatti gorsaa jiraachuu isheeti. Osooma kanaan jirtuu, gaaf-tokko ilmi ishee gara ishee dhufa. Miira dubbisaan dadhabeefi mukaa'een akkana jedhaanii; "Maaliif barnoota jireenyakoo qabatamaaf naan qopheessineefi naan taanetti yerookoo gubaa? Maaliifan callisee itti dadhabaa?" Yeroo kana, deebiima deebisuufiif waan qabduuf qofa, osoo itti hin yaadiin akkana jettiin; "Yoo qabxii gaarii argachuu baatte, carraa yuunivarsiitii dhabda." Dubbattee osoo afaan ishee irraa hinfixiin, "Yuunivarsiitii deemes deemuu baadhes, ani sooressa nan ta'a" jedhee deebisaaf. Naasuun ishee ittuma fufe! Waan ilmishee jedhe qofaaf osoo hintaane, waan dura of gaafachaa turtes itti dabalamee akka irra caalaa naatu godhe. Ammallee callisuu waan hinqabneef, "Koollejjii yookaan yuunivarsiitii deemuu yoo baatte, hojii gaarii hin argattu. Hojii hin argattu taanaan immoo akkamitti qabeenya horachuu dandeessa?" jettee gaaffii isaa gaaffiin mataa marti. Gurbaan deebii kanatti hinquufne. Ittuma fufee, " Harmee! Mee addunyaa qabatamaa kana ilaali. Abbootiin qabeenyaa beekamoon addunyaa kanaa waan barataniif miti kan qabeenya horatan. Mee Mikaa'el Jordaaniifi Maadoonnaa ilaali. Biil Geetillee fudhachuu dandeessa.
Harvaard irraa adda kutee deebi'e. Garuu "Microsoft" argate. Inni abbaa qabeeyaa akkamii akka ta'e ni beekta. Taphatoota garagaraa ilaali. Barnootaan akkam akka isaan rakkatan sitti himuu hin barbaachisu. Garuu galiin isaanii waggaa doolaara miiliyoona hedduudha." Yeroo akkana jedhuun, harmeen isaa callisuu irraan kan hafe carraa biraa hin arganne. Lamaan isaanii jidduuttis callisatu haboo godhate, yeroof. Addunyaan duraa yookaan moofaa jijjiiramtus, garuu gorsi ishee akka hin jijjiiramiin jiru yaaduutti kaate. Barnoota gaarii argachuufi qabxii gaarii galmeessuu qofaan galmaan akka nama hin geenye ilmi ishee hubatee akka jirus yaaduu itti fufte.

"Ani, akkakeefi akka abbaakoo kanatti jabaadhees hojjechuu hin barbaadu. Qarshii hedduu argattani. Mana guddaa keessa jiraattani. Mana keessanis wantota garagaraan kuullattani. Yoo gorsa keessan qofaa duukaa bu'e kankoos hireen kanumadha. Hireen keessan taaksii kanfaluufi liqeeffachuu irraa hin siqne. Wabii hojiis hin qabdani. Eebbifamtoonni bara keenyaammoo akkuma keessanillee miti. Kanfaltiin kan keessaniin gadi. Doktaarota hedduu mee ilaali. Hamma dadhabaniifi itti fayyadaman hin argatan. Warri kaanis hubannaan ilaali. Wal hin argu! Kanaafuu waan wabii naaf taanetti of gatuu hinqabu. Wabii jireenyaa yookaan yeroon sooroma bahuu naaf hinqabu, waan kun. Deebii moofaa osoo hintaane, haaraan sirraa barbaada harmee!" jedhaanii ammallee, gurbaan. Harmeen isaas deebii quubsaa dhabduufiillee, gaaffii sirrii ta'uu isaa ni beekti. Deebii sirrii akka deebisaafii hin jirres hubattee jirti. Akka akkas ta'es ni dubbatti. Gorsi amma isheen gorsaa jirtus kan waggoota hedduun dura fayyaduu danda'u malee, amma akka hin fayyadne haalaan galeefii jira. Amma akka duraa sana ija jabaattee; "Mana barumsaa deemi. Qabxii gaarii galmeessii bahii hojii gaarii argadhu!" jechuu qofaaf haamilee godhachaa hin jirtu. Irruma dabarteeyyuu "Deebii haaraa deebisuufin qaba ture" jettee hamma of ceepha'uutti geesse. Ceephoon ishee ittuma fufe; "Akka harmee tokkooti....akka akkawuntaantii tokkoottis, ijoollonni keenya barboota galiin wal qabatu dhabuun isaanii na yaachisaa jira. Dargaggooni bara kanaa biroon hedduun isaanii, osoo barnoota sadarkaa 2ffaa hin xumuriin, waan kana quba qabu. Kana hunda mana barnootaatti akka hin baranne nan beeka. Osoo beekumsa waa'ee qarshiifi akkamitti akka qarshiin akka hojjetu hin qabaatiin, ijoolleenkoo, akkamitti addunyaa qabatamaaf qophaa'uree?" Gaaffii irratti gaaffii! Sirriis ta'us ta'uu baatus gaaffii ilmi ishee, ishee gaafachaa tureef deebii  kennuu dhiisuu baattullee, ofiif garuu deebii xiqqooyyuu dhabde. Of gowwoosuun baay'ee ulfaata!

Guyyaa tokko bilbilatu bilbilamaafi. Abbaa warraa ishee, Mikaa'elidha. Sagalee gammachuu wayii dhagahuuf jirti. "Nama tokko ati wal arguu qabdu tokkon arge" jedhaanii. "Maqaan isaa Roobert Koyaasaakiidha. Nama dhimma galiifi diinagdee irratti hubanna addaa qabudha. Ana bira jira. Namni kun nama ati barbaaddu ta'uu hin shakku," jedha itti fufee. Isheenis ni deemte. Dhuguma namuma barbaaddus ture. Yaadota haaraa barbaadaa turte argatte. Deebii gaaffii ilma ishee argachuu isheettis baay'ee gammadde. Mucayyoo ishee tokkos gara leenjii kanaatti affeerte. Isaanirra darbee, namoonni biroonis itti hirmaachuu eegalani. Gareedhaan wal hiranii leenjiicha fudhachaa turani. Roobert Koyaasaakiinis bifa tapha (game)-tiin isaan barsiisuu itti fufe. Yaada addaa argatani. Deebii haaraa argatan kanattis gammachuun isaanii guddaa ta'e.

Dhuma irratti, haati mana Mikaa'el, Roobert Koyaasaakiitiin akkana jetti; "Waan nu hubachiifte kana akkamiin namni biraan waan kana hin hubanne haa hubatu? Karaa salphaan ittiin maatiin kana hubatanii ijoollee isaanii hubachiisaan ni jiraa?" "Kana irrati kitaaba barreesseen jira!" jedha Roobert. "Eessa jiraree?" jetti. "Koompiiterakoo keessa" jedhaan. Akka osoo hin maxxaniin waggaa hedduu tures itti hima. Kitaabni akkanaa hammam akka barbaachisu hubachuuf yeroo waan itti fudhanneef, isa gargaatee akka fiixaan baaftu walii galani. Maxxanee hawaasa bal'aa gahes! Kitaabichis egaa "RICH DAD, POOR DAD" kan jedhudha.
Barreessaan Roobert Koyaasaakiidha. Dhugaa dhumatti, gaaffii armaan dura ka'aa tureefi kanneen biroof deebii quubsaa qaba. Garaagarummaa hojjetaafi hojjechiisaa jidduu jiru isa sirrii lafa kaa'a. Sooressi maaliif akka soorome, hiyyeessi maaliif akka hiyyoome suura kaasee namaa ibsa. Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa.

"Abbaa laman qaba!" jechuun eegala, barreessichi karaa kitaaba isaa kanaa (RICH DAD, POOR DAD). 'Ajaa'iba! Abbaa lama irraa dhalatuu?' jechaan dubbisuu itti fufe. Innis hin dhaabne, ittuma fufa. Abbaan isaa inni tokko sooressa, inni biraan immoo hiyyeessa akka ta'etti hima. Abbaan isaa inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaan isaa inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha. Lamaanuu hojii isaaniitti cimoofi milkaa'oo ta'uun immoo wal isaan fakkeessa. Garuu inni tokko rakkoo maallaqaan mudatama, inni biraan immoo nama sooressa beekamaa ganda isaaniiti. Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan maatii, mana waaqeffannaa isaafi gargaarsa biraaf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu dhiiseefii du'e. Inni kun, isa hiyyummaa dhala isaa dhaalchisee du'edha.

Akkuma sila jenne, lamaanuu jaboofi dhiibbaa uumtotadha. Lamaan isaanii ni gorsuunii; garuu waan wal fakkaataan isa hin gorsani. Namoonni kun lamaanuu haalaan barnootatti amanu. Garuu, kenninsa barnoota wal fakkaataa hin gorsaniin. Inni tokko, "Jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami!" yoo jedhu, inni biraan immoo, "Jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu!" jedhaani.

"Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" Akkanaan abbaa lama qabaachuu isaaf waan itti dhagaahamu ibsata. Yaada faallaa qabaachuun abboota isaan lamaan kanaa akkuma itti fufetti. Fakkeenyaaf: Inni tokko, "Jaalalli qarshii hundee jal'inaati!" jedha; inni biraan immoo, "Dhabinsi qarshii madda jal'inaati!" jedha.

โ—Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera. Akkuma jara olii kana, gaaffii hedduuf akka deebii argattan hin shakku. Yaadichi mata duree guddaafi dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabu ta'uu eddan hubadhee booda, siniif qooduun filadhe. Dubbisaa!


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa.

ยฉAbdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
                  
@Orobook
RAKKINNI HAA RAKKATU! (3).pdf
588 KB
Warreen kitaaba kiyya "Rakkinni Haa Rakkatu" jedhu kana eessaa arganna jettaniif, kunooti kitaabichi. Waliif qooduun akka dubbisaa gara biraan geessan abdiikooti. Akkanuma, yaada kitaabicha irratti qabdan naan gahuu hin dagatiinaa.

        Abdiisaa Ejjetaati

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
2024/09/25 17:15:10
Back to Top
HTML Embed Code: