Telegram Web Link
Dhugaadha, namummaan yookaan gaarummaa gochuun haala kamiinuu hindaanga'u. Fakkeenyi dubbii tolcha! Nan yaadadha guyyaa tokko ture. Gara galgalaati. Maraatota lamatu karaa irra turani. Inni tokko uffata isaa irra keessaa baasee kan biraaf osoo godhuun arge.
Galgala qorraati waan ta'eef, isa tokkotti qorri akka itti hinqorrineef, akkana akka godhe wal nama hingaafachiisu. Jarri kun, warra nuyi maraatota jennudha. Faallaa dubbii garuu, namummaan isaanii guddaa tokko ture. Gaarummaa jabaas of keessaa qabu. Akka kanaatti egaa, maraataan isa miidhama nama oolchu osoo hintaane, isa nama miidhudha. Nuyis warra nama miidhan taanaan, maaratonni nu mataa keenyadha. Kanarraa kan hubannu, namummaan ganamumaan dhala namaa keessa kan jiru ta'uusaati. Dhimmi dagaagfachuufi dhiisuu garuu, kan abbaati. Akkana gochuunimmoo, tattaaffii nama dhuunfaa qofaas miti. Haalli guddisa keenyaa, naannoon jiraannu, hiriyoonni nuyi waliin oollu, kitaabonni nuyi dubbifnuufi barumsi nuyi argachaa oollu murteessaadha. Kunneen baay'een isaanii immoo filannoodha. Akkuma nyaata nuuf ta'u filannee nyaannu, kanas filannee fudhachuutu nurra jiraata.

Akkanuma, jechi tokko yookaan dalagaan bicuun nuyi daa'ima biratti dubbannus ta'e goonu hiika guddaa akka qabu seenaan armaan olii kun ni dubbata. Akkuma ilaallee darbine, yeroo maatiin mucaa sanaa harmee sanatti orii'aa turan, mucaan sun dhiphachaafi boo'aa ture. Sanarras darbee, akkanni murtoo manaa bahee deemuu filatu isa taasise. Argitee? Walitti idaa'ama ta'iilee guyyaa guyyaatu, addunyaa daa'imni tokko sammuusaa keessatti keessa jiraatu ta'a. Kanaafuu, haalaan of eeggachuu qabna. Falatu kana!

Daa'ima qofaaf osoo hintaane egaa, ofiifi walii walii keenyaafillee eeggannoo gochuun gochaa dorgee hinqabnedha. Bakka nama biraa of buufnee miidhamasaa miireffachuun nurraa eegama. Yoo kana gochuu dandeenye, nuyi nama. Nama haa taanumee!

Ergaan seenaa olii kanaa, kanarra bal'achuu danda'a. Kan hafe siniif dhiiseera. Sakatta'aa keessa ilaalaa!

     
#Nama_haa_taanumee!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii

   Hagayya 2022

    @Orobook
(Barreeffamni gadii kun, ittiin lixa kitaaba 'Sansakkaa Sakaalame' irraa fudhatame. Kutaa lamatti qoodameetu dhiyaachuuf jira. Itti dhiyaadhaa.)

         #Kutaa1ffaa....
Nyaata malee hinjiraatani; kan hin nyaannes du’aadha…,lakki.…,ittuma didii nyaadhu siif wayya!” naan jedha gar-tokkeenkoo. Miirri dhageettiikoo silaa naannoon keessa jiraadhu qofaa osoo hintaane anaan dhageeffachuuttis duubatti hindeebi’uutii, yaada keessoo gar-tokkeekoo kana dhagahee afaan kaawwachuuf yoon hiixadhu, keessumtikoo “Nyaadhu,….nyaadhu….qalam godhi… guruc… liqimsi…kan daakamu daaki…mee afaan keessa naannessi …baraa’essis!” jedhee na haasofsiisaa turetu, “Sittaa hafu, akkas ta'aahoo gara afaan keetti hingeessin; harkakee mee ilaali gurbaa….hurgufamaa jirtaam, akka nama horii imaanaa nyaatee! Fuullikees baay'ee dukkanaa’uun fedhii nyaataa dhabuukee mirkaneessa” naan jedha.
Nyaachuuf fedhiin dhabe; dhiisuufis, dhiisuun fedhii nyaataa naaf hindabalu. Fedhii ilaalee nyaata yoon balfes, nyaachuu garuu waanan dhiisu miti. Eeyyen, fedhii dhabee nyaata dhiisus, fedhii dhabuunkoo nyaata naaf hinta’u! Sa’a ibidda dhalten ta'e.…sa'a ibidda dhalte! Isheen gatuuf dhaladha, garaatu raafama. Hoosifachuufis ibiddadha, ni gubatti. Dhugummaa, “Nyaata malee hinjiraatani!” isa jedhu osoo hintaane, dirqama “Nyaachuu dhiisuu duubaan du’atu jira!” jedhu sodaadheen alalfadhee liqimsuuf yaale.
Hammi bahu bahee kan liqimsituukoo gad darbummoo, tumannaa keemikaaloota garaachakoon iddoo dhufetti deebi'a. Hafteen bullaa'ee xuuxames, dhiigaan baatamee maashaakoo humneessee jabaataa na hingoone; sammuufis anniisaa ta'ee akkan ittiin hojjedhuuf na hinkakaafne; qaama miiraakoos hinmiireffachiifne. Gara dhabaa!
Namoonni, “Maali, dhiqattee hinrirriittattuu? Fuullikee waanuma daaraa keessa oolchitee bulchitu fakkaata….daalachoo wayii!…harree firoomfattee?” naan jedhanii gorsa tuffiin makameen na dubbisu. Namni isaas maaltu isa dhibee? Kan itti tole daalachaa’aanuu bifa hora. “Biyyi itti tollaan kurupheenuu lakkuu dhalti!” jedhahoo mammaakaan. Nattimmoo hintolleefi. Ani nan jaaladhee fuula kanan badu? “Jaalatanii hingodoomani Waaqatu bedengerree nama uuma!” isa jedhamu namni maaf dagatee?
“Nama biraa waa’eekoo maaltu dhibee?” Kunis of jajjabeessuumaaf malee, kaka’umsa keessakoon miti. Kanaaf ta’uu hinhafu, kan ani jechama waa’ee fuulakoo mirkaneeffachuuf dhamaatii eegale. Dhugummaa naan jedhanii ilaaluuf, fuullee fuulakoo duratti qabee yoon keessatti of ilaalu, ijakoo fuullee sanaa keessatti fuullichuman arge. “Ekkekkee …bada abbaa na dhalchee! …natu fuullee keessatti of ilaalemoo fuulleetu ijakoo keessatti of ilaalee?” jechaa, fuullee ofirraa darbadheen gara fuulakootti deebi'e.
Bishaan qorraa bulluqsee ho'aammoo qorrisiisuun, dhiqxee baastuu (saamunaa) gosa garagaraan fuulakoo dhiqachuufan of mari’adhe. Bishaan qorraa argachuuf tabba bu'ee hinbaane; garuu qorraa ho’isuun yeroofi humna na gaafate. Kanaafis, anniisaa ho’aa bishaan kana ho’isu hin arganne; argamus, qodaan irratti bulluqu natti dhihoo hinjiru. Kanaaf, dhagaa soofee batteesseen, bishaan dirra isaarratti naqeen aduu keessa kaa’e. Dhagaan kunis, hamma unatu unatee hamma nan geenye naaf hambise. Kan hafte kanaan hangan danda’u ofan dhiqe, fuulichakoo!

#Kutaa 2ffaadhaan itti fufa.~>>>>>


@Orobook
#Kutaa 2ffaa

Eddan dhiqadheefi osoo hindhiqatiin dura, ani ofirraa garaagarummaa tokko nan dhabe. Dhiqadhee boodas of hinjaalanne, ofitti hin urgoofne…ofittis cululuqee, ‘anaa duraafi kan ammaa” jedhee adda adda hinbaafne. Ta'us, akka duraanii namoonni quba natti hinqabani. “Dhiqadhee dibadhee natti hintolu; yoon dhiises natti hinbadu yoo ta'e, maaliifan bishaan mooyyeetti naqee tumuuf yaalaa…maaliifis dhagaa batteessuuf harkaa dhiigaa?” Kun, gaaffii keessakoo iddoo lamaafi isaa olitti hirame sanaan waliif dhiyaatudha.
“Dhagnakootu immoo uffata haaraa ofirraa dhabe ta'uu hinhafuu laata?” Shakkii kanaan, moofaa narratti bara lakkaawwate ofirraa baaseen, haaraa kan nama biraa ergifadheen uffadhe. Uffanni haaraan kun, keessakoo haaressee hin argamne, ani ammallee akkuma duraaniiti! Ta’us, ofiif garaa hinkutanne.
Kun hundi maaliif akka ta’aa jiru baruuf…bira gahuuf…sakatta’ee baasuuf…madda rakkoo baruuf, ifaajakoo adda hinkutne. “Ahaa kanaaf ta’uun hafu.….kamiif? …. namummaakoo isa callisaa kanakaa! Mee yoon dubbadhe naaf wayyaa laati?….eeyyen, gadi fuudhii haasa’i Aabboo! Maaliif ukkaamamta?” Akkanaan jechoota qindeeffadhee, arrabakoos qaradheen namuman argetti, kan taa'u faana taa'ee, kan deemummoo duubaan tuttuqee, “Obboleesso...o..o…obboleetti, mee dhaaphu” jechuun faana dhaapheen odeessuuttan ka'e. “Silaa dubbattee dubbiin sirraa hinbareeduuti, maal taate yaa ilma abbaa abaluu? Safuu haadhakoo...tuu!” jedhee xiqqaaf guddaan harkasaa waliin rurrukuchaa waan natti kolfun se'uu jalqabe. Kanaafuu, dubbachuus ta'e callisuu nan dhiise.
Ofis ta’ee ofitti jijjiiree wanti naaf jijjiirame hinjiru. Ilkaankoo kolfaan wal oode, qaamnikoos kan duriirra of jibbe, fuuldurrikoo hurrii duumessaan haguugame. Kun hundi, ‘Yaa carraakoo!’ akkan jedhu na godhu. Baalleef qolli ijakootii, "Sirraa hinkaanu! Maalitti baataa?" waanuma jedhanii ijakoorraa olka'uu didan fakkaatu, akka waan shira xaxuu tokkoo! Nan fiigaaf kaachuukoo yoon eegale, iddooman eegalen jira, akka fiigicha abjuu keessaa. Abjuu! Hiixannaafi dhowwannaa abjuu san ta’e, jiruunkoo!

Guyyoonni ani har’aan dura gaddaan dabarse baay’ee natti dhiyaatanii mul’atu. Kan na gaddisiisu hedduu yaadadheen, kan na gammachiisu xiqqumayyuu nan dagadhe. “Yaadachuu yaadadheen irraanfachuu dagadhe!” isa jedhan sana ta’e dubbiin.
Namummaan ilma namaa, haalli nyaataafi dhugaatii, uffannaa, dubbannaafi kanneen akkasii biroon sansakkaa jedhamanii beekaman anaafillee kunneen sansakka; anisoo namaa! Haalota kana jijjiiree wanti jijjiirame dhibuun, kun hundi (Sansakkikoo) sakaalame (qabame,…hidhame) jechuudha!...SANSAKKAA SAKAALAME!
Guyyaan dhufinnaa laata? Guyyaan akkamii? Yommuutti sansakkaan sakaalame hiikamee, sokoksaan suksuka isaa dhagahamu? Anaa mooji!

●Sansakkaan Sakaalame akkanaan imala eegala. Imalasaa guutuu argachuuf, kitaabichi gabaarra jira. Dubbisa gaarii!



Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022



@Orobook
NAFA NAAFATE
(Kitaaba Kuusaa Walaloo)

Barreessaan: Riyaad Raayyaati

Yeroo dhiyootti nu dhaqqabuuf jira. Anaa dhufu!


Aartiin keenya oluma!👏

@Orobook
Dargagageessa tokkotu barsiisaa isaa durii bakka cidhaatti arga. Kabaja baay'ee olka'een edda dubbisee booda, “Na yaadattanii jirtuu?” jedhaanii. “Sin barre,” jedha barsiisichi. Baratichi ammas, “Ani barataa keessanan ture. Akkasumas yaadannoo hindagatamne tokkoonan isin yaadadha. Innis yeroon kutaa shanaffaa turetti, guyyaa tokko sa’aatiin harkaa barataa daree keenyaa kan ta’e tokko jalaa badee ture. Kanarraan kan ka’e, sa’aatii kana barbaachaaf sakatta’insi barattoota daree hundarratti ta’e. Sinis, barattoonni hundi iddoo taa’anii dhaabbachuun akka dunuunfatan edda ajajjanii booda sakatta’insa itti fuftani.
Dabareen sakatta’insa na bira gahee yommuu harki keessan giiphii kiyya seenu, miira namatti hintolletu narraa wal yaabee bu’a; salphina, qaanii, reebamuu, boquun lafa ilaaluu, barumsa addaan kutuu…! Sakatta’insi erga na bira darbee booda, warreen natti aananitti fufuunsaa, sa’aatiin bade tokkoo qofaa ta’uu dhiisuu na shakkisiise. Garuu erga sakattataanii xumurtaniin booda, sa’aatiima tokko barataa jalaa badeef deebistani. Bakka dhaabannee jirruus teenyee, barnoonni guyyaa sanaa xumurame.
Anis dhugaa hinseene. Daree barnootaatii bahee, biiroo isin qofaa jirtan akkuman seeneen, luka keessanitti kufeen dhiifamaafi galataan yommuun isinitti watwaadhu, sinumattuu bitaa gale. Dhumarrattis, waan ta’e hundumaas sinan hubachiise. Sa’aatiin hatame giiphiikoo keessatti qabamuu osooma beektanii na saaxiluu dhiisuun keessaniif, jechan ittiin sin galateeffadhu hinqabu. Isinis, balleessaakoo kana adabbiin osoo hintaane, gaarummaatiin na barsiiftani.
Barsiisichis akkana jedheen; "Sa'aatii giphii barataa keessaa arguukoo nan yaadadha; garuu kan eenyuu keessaa akkan arge hinbeekne. Sababiin isaas, yommuun sakattaa'aa ture anis dunuunfadhee waanan tureefi." jedhee jedhama.

Dawaan dhibee tokkoof kennamu yoo hammaan ta'e ni wal'aana; wal'aanees ni fayyisa, dhibees hundeen balleessuu danda’a. Garuu hamma hin barbaachifneen ol yookaan akka ajajaan ala yoo ta'e, ittuu dhukkuba dabala; dhibee dura hinjirres qocee fiduu mala.
Dawaan dhukkuba tokkoos kan biraaf, kan isa biraas isa tokkoof hinta’u. Maarree, akka qaba! Akkanuma, balleessaa namaaf dawaan sirreeffamadha. Akka itti sirreessan keessaa tokko kan ta’e adaba. Adabuun immoo rukuchuu qofaan miti. Eeyyeen, akka qaba!
Adabuunis qajeelchuufi. Qajeelfamni immoo bu'uura jireenya ilma namaati. Kan qajeeletus immoo qajeelfama kenna. Kun kanuma ta'ee osoo jiruu garuu, qajeelchuunis adabuu qofaan miti. Yeroo adabanii qajeelchuun barbaachisu callisuuniifi yeroo adabuun hin barbaachiifne tarkaanfii fudhachuun lachuu walii tokko. Lamaanuu badii hedduummatu. Adabuun sirreessuufi. Sirreessuunis immoo, adabuu qofaan miti. Adaba dhiibbaa sirreessuu hinqabnerra dhiisuutu filatama. Hunduu akka qaba, akka galumsa isaatti yoo ta'e qofa dawaa kan ta'u. Adabuun sirreessuuf akkuma ta'e, adabuu qofaanis sirreeffamni hinta'u. Hunduu akka qaba! Walii gallee? Eeyyeen!

Madda: Kitaabakoo "Sansakkaa Sakaalame" jedhu keessaa fudhatame.


Galatoomaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa.

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
      (#SANSAKKAA_SAKAALAME)
Kitaabicha iddoowwan gadii kanaa argachuu dandeessu.

👉Buraayyuu: -Bulchiinsa magaalaa fuuldura, Mana Kitaabaa Dachaasaa, (0912677529)
               -Mana Kitaabaa Yoomiyyuu (0912841550)
👉Finfinnee: -Mana Kitaabaa Ellellee, (0912365502)
                    -Mana Kitaabaa Shawaa, Awutoobistaraa fuuldura (0911719720)
👉 Amboo:- Mana Kitaabaa Maatii, naannawwaa Yuunibarsiitii Amboo isa haadhoo (+251912648533)
👉 Adaamaa: Mana Kitaabaa Bilisummaa (092 363 4151/+251960811380)
👉 Naqamtee: Mana Kitaabaa Ermiyaas (0913300373)
👉 Harar: -Naannoo Kim-Kaaffee (091 341 4401)
           

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Sirna Eebba Kitaabaa
(Abdii Boruu)
Barreessaan: Dr. Leencoo Kaawoo

Hagayya 28, 2014 Harar, Mooraa Fayyaafi Wal'aasaa Yuunibarsiitii Haramaayaa keessatti eebbifama. Nurraa hin hafiinaa!


@Orobook
#Sirna_Eebba_Kitaabaa
(SUMSUMMAN)

SUMSUMMAN kitaaba haaraa barreessaa Ijjiguu Olaanaa (PhD) fi Yizaabwarq Margaa (Ass. Professor)-tiin  qophaa'ee nuuf dhiyaaachuuf jirudha. Kitaabni kun, Sanbata duraa (Hagayya 28, 2014) waaree booda sa'aa 7:30 irraa eegalee Magaalaa Amboo, Galma Guddaa Yuunibarsiitii Ambootti kan eebbifamu ta'a. Affeerraan hunduma keenyaaf ta'ee jira. Maarree, irratti argamnee haa eebbifannu. Warreen argamuuf nuuf mijatu, irraa hin hafnu!


    Aartiin keenya oluma!👏


@Orobook
@Galaakoo
Namicha tokkotu, dhimma ta'eef gara mana dureessa ofgahaa, liqeessee du'a nama oolchuufi biyya keessattis ta'e alatti beekamtii addaa qabuu tokko  deema.  Namichi akkuma qe'ee duuressichaa gaheen, karra rurrukutee olseene. Uffata hojii uffatee mooraa qulqulleessaa kan jiru, kanumti karra jalaa bane sun, maaliif akka dhufeefi eenyuun akka barbaadu edda adda baafateen booda, "Dhimmakee natti himadhu; namni ati barbaaddu, duuresichi anuma" jedheenii. Innis haalasaa, addumaanimmoo uffannaa isaa ilaalaa, ija tuffiitiin mimil'atee itti kolfaa, "Ni qoostaa? Mee of ilaali, maal keetu duuressa fakkaata? Amma qoosaa dhiisiitii duressicha naaf waami!" jechuun itti mudde. Namichi mooraa bareechaa jiru sun, "Siin waama, dhaabadhuu na eegi!' jedhee ariitiin mana seene. Duuressi barbaadamu, uffata gatii jabeessaafi bareedaa uffatee mana gadi bahe. Namichi duressicha barbaadus, fuulaa ifaan simachuun, hamma sagaduufiitti gad jedhee nagaa gaafate.
Garaa isaattis, "Ela kunooti, sooressichi ani barbaadu" jechuu hinhafne. Duressichi, fuula gaddaan baay'ee gurraacha'e agarsiisaa, "Ani namuma sila ati tuffachaa turtedha. Sila akka namaatti na ilaaluun sitti ulfaatee ija tuffii naaf hirte, dubbii salphinaas natti darbaa turte; ammaa garuu, kabajaa irraa hafaa naaf laatte. Garaa garummaan anaa ammaafi duraa uffata qofaadha. Namni uffataafi waan alaan mul'atuun osoo hintaane, namummaa isaatiin madaalama. Kanaaf, waan akkasiitti hindeebi'iin!" jedheen. Dhugaadha! Namummaan uffata akkanuma faaya alaan mul'atuun osoo hintaane, miidhagina keessoo dhala namaati. Miidhaginni keessoo immoo uffannaafi kuula alaan miti, jechaaf gochaan mul'ata. Kunneenimmoo lubbuu qabu,  galateeffamoodhas! Eeyyeen, akkanuma buqqee mataa ilaalanii humna keessa namaa adda baafachuun gonkumaa hindandaa'amu. Duubni keessa, keessis duuba miti. Nama kabajuuf ulaagaan inni jalqabaa nama ta'uudha. Namummaan namaas uffata alaan nama haguugee argamu, qabiyyee garaa dhiibee gara duubaatti mul'atu, aangoo ammee boru kan nama biraa sana osoo hintaane waan kanaan olii yaadaafi qalbii isaati. Nama uffata miidhagfateef lafaa kaatee, isa biraafimmoo bakkuma isaa irraayyuu nidhiibda taanaan, ammayyuu namummaankee gaaffii jala jira. Waanti ati lafaa kaateefii sun uffata malee nama miti; inni ati ofirraa dhiibde sunis sanuma.
Dhugaa dubbachuuf taanaan, gogaafi waantonni gogaa golganii jiran guutummaa nama sanaa himuuf haamilee hinqabani. Maarree, waan haamilee hinqabnetti haamilee hinliqeeffatiin! Nama namummaa isaaf kabaji!


•Kitaaba "Sansakkaa Sakaalame" keessaa fudhatame.

~>Guutummaa isaa iyyaafattanii akka dubbiftaniif, affeeramtanii jirtu. Dubbisa gaarii!


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

©Abdiisaaa Ejjetaa U. Bantii, 2022


@Orobook
Lammiitu Lammiif gaachana!
    =====================
Uummata keenya rakkoo hamaa keessa jiraniif, karaa Koree Yuunivarsiitii Wallaggaa armaan dura lakk. baankii maqaa #TUMSA_LAMMIIn banamee jiru irraan waan humna keenyaan haa qaqqabnu.

Ammaaf uummata Agamsaa buqqa'ee Amuruu manneen barnootaafi amantaa keessa haala hamaa keessa jiraniif midhaan nyaataa qarshii 480,000.00 bitnee raabsuuf bittaa xumurree jirra.

CBE ; 1000452304078

OIB: 1490471000001
AWASH ; 01322676071400

Via ~ Dr Alima Jibril

@Orobook
Addunyaa sammuukee keessaa hanga dhugoomfattutti hin boqotiin; yoo dhugoomfattes ni dhaabda osoo hintaane, keessa jiraachaa itti fufta. Harka hin kenniin!

@Orobook
"Waa'een keenyahoo?" haa jennu!

Harmeefi abbaan keenya maalitti akka jiran quba hinqabnu. Akkoofi akaakayyuun keenyas dhukkubsatanii gaafachuufuu yeroos hin arganne, ni dhabnas. Hawaasni keenya, kan nuyi keessaa dhalanneefi keessa jiraannu maal keessa akka jiru dhimma keenya miti. Namuma akkanaatu egaa, dhimma laga gamaafi nu hin ilaallanneef mataa dhukkubsachuun ajandaa jabaa godhanna. Ajandaa godhachuu qofaa miti, akka nama dhimma irraa qabuu, irratti wal lolla. Wal lollees wal balaaleffanna. Kan isa biraa akka sirrii hintaane himaa, sirrummaa kan keenyaaf ragaa qilleensarraa walittti qabaa oolla. Beekaas haa taanu wallaalaa, dhaloonni duuba keenya jirummoo nuun wabeeffachaa badii keenya ol guddisee gamoo badisaa ijaarrata. Kanaaf ka'umsi nuyi. Ayii yaa dhalootaa! Yaadaan Ardii hin beekne keessa oolla. Fageessanii yaaduun badii hin qabu. Waanti nama qaanessu garuu, dhiyootti of wallaaluudha. Kunimmoo dalagaa idilee nama hedduuti! Kanaaf sababni guddaan, jireenya keenya dhiifnee kan nama biraa ilaalaa jiraachuu keenya sani.

Nama akaakayyuu isaa hamma muraasaatti himachuu hindandeenyetu, kan mootii yookaan taphataa tokkoo hamma abbaa 7tti lakkaa'uuf hin rakkatu. Waa'ee Pirezedaantii biyya tokkoo kan jiraachuu keenya quba hin qabne buufnee kaafna. Mana akkamiitti akka galu, ijoollee meeqa akka qabu, waa'ee uffannaafi nyaata isaa xiinxalaa oolla. Keessuma dabarree, kophee lakkoofsa meeqa akka godhatu irratti hamma wal falmuu irra geenyeerra. Ayii yaa nuyi kanaa!
Gara taphaatti yoo ceenummoo, inni mata duree guddaa namaafi saba keenyaa ta'eera. Tapha kubbaa miilaa! Akka paartii siyaasaatti, gareefi gooxii godhannee t-shirt bixxillanneefii ittiin dhadachaa oolla. Tapha torbee har'aa ta'uuf, har'aa kaafnee qophii eegalla. Kan oduu jechuudha. Guyyaafi halkan lakkoofna. Kana keessatti isa nu waliin deeggaru ofitti qabachaa, isa mormu immoo jifachaa turra. Barataa meeqatu osoo kana hordofuu hojii manee isaa osoo ijaan hin argiin mana barumsaa deema. Kan ittuu nama gaddisiisu, akkana gochuusaarra darbee hamma barsiisaan isaa dhufee sababa dirqama isaa hin baaneef dareedhaa isa baasutti waa'eema tapha galagalaa sana odeessaa turuusaati. Edda dareedhaa bahees, sanuma mata dureen isaa! Ayii dhalootaa! Maal barataa qofaa, kisaaraan akkanaa manaafi gola hedduu keenyaatii teessoo guddaa qaba. Addumaan immoo, anaafi si bira guutee irraa hafeera! Kan nama ajaa'ibu garuu, jarri taphatanis ta'e taphachiisan jiraachuu keenya quba hinqabani. Dhalachuu keenyayyuu hin beekani. Jireenya dhuunfaa isaanii jiraachaa jiru. Dhuguma, nutu keenya gaaffii jalatti gate malee isaan dalagaarra jiru. Osoo nuuf barreeffamees, "Isaan dalagaarra jiru, sin oduurra jirtu; muu!" jedhameetu nuuf galmaa'a. "Yaa nuyii!" jedhe Haceen. Keenya odeeffamee hindhumu. Muraasuma olii kanayyuu dubbii 'giiftiin tokko boqotan' jedhu tokko argeen yaadadhe. Boqochuun nama kamuu nama gaddisiisa. Garuu ajandaa keenya miti. Jaartii dulloomtee boqottee ajanda godhannee dhukkubsachuufi rifeensa ofirraa haaduu waan qabnu hin se'u. Maaltus kana fidee? Kichuutu cabee,...osoo rakkattuu dabartee,....gammachuu ishee hin arginee, heerumtee dhala hin godhannee,.... fuusifattees hin heerumsiifannee? Guuttattee deemte; nagaan haa boqottu! Kanaafuu ajandaa miti. Waan ajandaa nuuf ta'u hedduu qabna. Kichuu meeqatu karaatti hafaa jira, abbaafi harmee meeqatu dhumachaa jira, dargaggeessa hedduutu adamfamaa jira. Kanaafi kanneen kan fakkaatani ajandaan nu ilaallatu. Ajandaan kanarra darbu, kan quufaafi fakkeessaadha. Akkanuma, maal na dhibdeefi fakkarsaan kan guutedha. Namatti dhagaahama dhugaa! Mee of haa ilaallu. Akkuma kan ormaa sana, waa'een keenyaafi kan dhalootaas mata duree keenya haata'u. Maaloo, "Waa'een keenyahoo?" haa jennu!

Irra darbeera yoo ta'e, na ofkolchaa!

Galatoomaa!🙏🏻

"Waa'een keenyahoo?" haa jennu!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
@Galaakoo
Iddoowwan armaan gadii kanaa, kitaaba mata dureen isaa  "Barbaadii of Argadhu" jedhu kan barreessaa Daawwit Girmaatiin barraa'e ni argattu. Iyyaafadhaa!

1). Finfinnee: Mana kitaabaa shawaa, naannoo Awutoobistaraa: 0911719720

2) Harar: Mana kitaabaa Gaalaaksii: 0936434445

3). Bishooftuu:  0922279504 (Dr. Araarsaa)

4). Amboo: 0961793096 (Jammaraa)

5). Garba Gurraachaa: 0933541270 (Fayisaa)

6). Laga Xaafoo; Ganda 'Daallee' jedhamuun beekamu: 0912091625

7). Adaamaa : Mana kitaabaa Bilisummaa:+251923634151/+251960811380

Kitaabicha barbaadaa argadhaa!

Dubbisa gaarii!


@Orobook
Akkas jedhii galateeffadhu!
"Baayyeen yonnaa watwaatu
Du'arraa fuudhee qabdii
Ani garuu nagaadha
Boriifis qaba abdii
Mucucaadhee caccabee
Hin taane irbaata balaa
Ofiikoon taa'ee ka'een
Ofiikoon ba'ee gala
Qaamni kiyyas nagaadha
Hin qabu madoof caba
Kophee miidhagaa dhabus
Miilla deeemu nan qaba
Yeroo biyyi jedhutti
Boo'e gadoodee wayyoo
Ati guyyaa naaf dabalte
Ulfaadhu yaa Waaqayyoo!"

Ayyaana gaarii!

Via Belina Wakjira

     Galatoomi Jaal!🙏🏻

@Orobook
Forwarded from Inspire the Nation (Oli, the Great)
## Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa##Watch "Qajeelfamoota  Qormaataa biyyoolessaa Kutaa 12 barbaachisoo ta'an" on YouTube
https://youtu.be/NCDHL3AzgCE
Qajeelfamoonni kun qajeelfamoota qormaata biyyoolessaa kee irratti baay'ee si fayyadanidha. Akkamitti qormaata kee hojjechuu akka qabdu si hubachiisu. Qajeelfamoonni kun anaafis milkaa'ina naaf kennaniiru. Qajeelfamoota kana dabalatee waa'ee qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa jalqabaa hamma dhumaatti maaltu akka si barbaachisu in hubatta. Kun ijoollee afaan keenya dhaga'aniif carrraa guddaadha. "Firii qormaataa gaariin dubbisa qofarraa dhufa jettee hin yaadiin. Qormaata keerraa firii barbaaddu argachuuf dubbisni waan jalqabaati malee waan dhumaa miti. Wantoota qormaata irratti gaaffii,sodaa sitti ta'an hundafiyyuu furmaata ni argatta. Dabalataan karaa Telegraph ORO PLATFORM mis qormaatichaan walqabatee waan hedduun barreessa.https://youtu.be/NCDHL3AzgCE Haalaa Gaarii ta'een itti fayyadamaa.
Wantoota gaaffii sinitti ta'anis comment jalatti gaafadhaa.
@oroplatform Kun Telegraph ORO PLATFORM waan ta'eef "join " gochuun odeeffannoo fi wantoota barbaachisoo hunda argachuu dandeessa.
Forwarded from Guduunfaa📚
Yeroo waan dhabde hedduu isaa qalbiidhaan of kennitee yaaddu, miirri ofii kun namaan dhidhimee qaama ofii namatti alagoomsee, eenyummaa ofii waliin walitti nama diinomsee, weerara yaadaatiin nama dhuunfata.

Yeroo tokkotti, humna sanaan too'atamanii, jabina qaban, abdii qaban, dandeettii qaban, ofitti amanamummaa qaban hunda of harkaa harcaasanii ona ta'uun, duwwaa ta'uun, kophaa ta'uun nama dhuunfata.

Waan of harkaa qaban dhabuun yeroo tokkotti daaraa nama godhee bubbeetti nama kenna. Keessumaa nama. Nama jechuun karaa tokko fira, karaa biraammoo diinas. Inni tokko dhimma anaa dhabee gaafa darbatee na bira darbu, inni biraan immoo "Anaan" jechuun haga humna isaa kufaatii na oolchuuf batattisa. Gaafa inni tokko dhugaakoo arguu dadhabee sobakoo qofa odeessu, inni tokkommoo dhugaakoof abukaattoo dhabbata.

Gaafa inni tokko tuffii, arrabsoo, abaarsa, nuffii, jibbaaf summii yaadaa waa'ee koorratti kuusaa oolu, inni biraan immoo, Zinnaara kabajaa, jaalalaa, ulfinaa, dinqisiifannaa, jajjabinaa,hamilee, hidhatee as bahee annisaadhaan na guuta.

Kanaafi namarraa abdii kutuu wantin dadhabuuf. Hundayyuu jireenya ofii keessatti beekuun, arguun immoo akkam nama gammachiisa? Garuu addunyaan keessoo dhala namaa buburreedha. Inni tokko keessi isaa summii ofitti ta'eetu, namaaf qooda. Wanti nuti qixa qabnu nama ta'uu qofa.

Kanaafi kaa! Nama itti of kennitu, nama jaalattu, nama jiraachuufii barbaaddu, nama yeroo mara ofbiraa qabaachuu feetu gaafa dhabdu miirri ofiikun waan qabnii dhiisan nama wallaalchisa. Agartuu ofii kun haguugamee homaa argee itti goruu wallaala.

Kana hunda keessatti garuu ati nama taatee dhaabbachuu qabda. Namni kaleessa ol fuudhee sibaachuu kajeelu hundi bor akkasana miti. Jijiiramaadha. Afaan kaleessa sijajeen deebi'ee si abaara. Afaan kaleessa si jabeesseen deebi'ee si mudhuksa. Afaan kaleessa gaarummaaf jabina kee himeen, bor dabaaf laafina kee odeessa. Kana keessatti garuu atiin ofitti araaramuu, dhiifama ofiif gochuu, dhiiftee tarkaanfachuuf qophaa'aa ta'uu qabda.

Jireenyi kee tarkaanfiikee waliin gaafa itti fufu, waan haaraan, namni haaraan fuuldurumatti si waliin itti fufa. Tokko deemu tokkotu dhufa.

Hagamuu jeeqamtu waan jeequmsa kee si dagachiisan, boqonnaa siif kennan, haalota sanarra si dabarsanitti xiyyeeffadhu. Murtii badii fidu murteessuuf yaaluurra, murtii ittiin of too'attuuf, of qabdu barbaaduutu fala. Amma garuu waan dhabde hunda yaaduurraa deebi'ii waan qabdu mara yaadi.

Miirrikee warra kaleessaaf taatee kaleessaa ilaalee akkan of sindagachiifneef, waan fuulduratti ta'u har'a yaadaan itti qophaa'i. Namarratti haalarratti of dagattee gaaftokko akka tasaa kufta. Har'uma akkan kufnetti ofdanda'ii dhaabadhu.

Yeroo ammaa kanatti anikun akka jechis gochis nan cabsineef, bakkaa nan sochoofnetti ejjeta toleen jira. Atis akka jechiif gochi hamoon humna si dhoowwan tasa hin'eeyyamin.


@Guduunfaakoo
2024/09/26 21:36:42
Back to Top
HTML Embed Code: