Telegram Web Link
Forwarded from GuduunfaaπŸ“šβ€
Eenyummaa sirrii ati jiraattutu isa boqonnaa siif kennu sana. Inni dhoksaan ati haguugdee golgaa biraa keessa dhokattee jirtu garuu of-gowwoomsuudha.

Isa gaariis, isa yaraas, isa bareedaaf, isa ilaalcha ijaatti fokkisu hunda keessatti badaafii gadibu'aan deebii ati kennitudha.

Waan keessa jirtu, haala itti jirtuuf, jireenya ati dhugaan jiraattu sanatu imala haqaati. Galma boqonnaati.

Waan saalfachiisaa jalqabuma irraa of-eegan. Waan jaalatanii, filatanii itti deemanitti salfachuuf of dhoksuun achi keessatti eenyummaa biraa uffachuu yaaluun garuu hir'ina ofitti amanamummaa dhabuuti. Ofitti quufuu dhabuuf, ilaalcha gad-aantummaatiin gaadi'amuurraa madda.

Xiqqeessanii of ilaaluuf, bakka humni ofiin geenyetti of yaaduurraa madda. Bakka filannoon kee itti si geessetti, ija jabina, humna guddinaaf ejjennoo hin'raafamne, ofitti-amanamummaa jaalalaan guutame qofatu si barbaachisa. Bu'aan bakka jirtuu argachaa jirtus yeros sitti beekama.

Ilaalchi badaan gurra keetti asaasu, miirri badaan keessa keetii maddu, xiyyeeffannaan ati yaada siif kennamanitti kennitu, haalli itti alaa dhufaa qaama biraa jireenya keerratti simattu gonkuma filannoo keetii olta'ee si too'achuun qabu. Xiyyeeffannoon kee bakka jirturratti utubamee bakka gahuuf jirtutti aggaamuudha.

Jireenyichi, imalichi, tarkaanfii fi gulantaa jiruu sun hundi si qofa ilaallata. Isarrattimmoo eenyummaa ta'ee jiraatu malee, eenyummaa fakkaatee fakkeessee jiraatu qabaachuun sinbarbaachisu.


@Guduunfaakoo
️GAAF TOKKO SIIFAN BITA!

Yeroon isaa yeroo ayyaana Qillee ture. Yeroo itti namoonni keennaa waliif kennan. Namni Phaawuloos jedhamu obboleessa isaa irraa konkolaataa bareedaa kennaa fudhate. Jaala bultii ayyaanichaa irratti Phaawuloos waajjira isaatii yoo ba'u, gurbaan karicha irra ture tokko konkolaataa haaraa bareedduu sanatti naanna'ee otoo ajaa'ibsiifatuu arge. "Gooftaakoo, konkolaataan kun kan keetii?" jedhee gaafate.
"Eeyyee, obboleessa kootu kennaa ayyaanaa taasisee naaf kenne" jedhee deebiseef Phaawuloos. Gurbaan baay'ee kenne jedhee ajaa'ibsiifate. "Ati waan tokko illee otoo hin kaffaliin obboleessi kee toluma siif kenne jechuudhaa? Ah...anis gaaf tokko..." jedhee dubbii isaa addaan kute.

Gurbaan maal akka hawwe tilmaameera Phaawuloos. "Anis otoon abboleessa akkanaa qabaadhee!" jedha jedhee eege. Garuu miti, dogongoreera. Waan gurbaan itti aansee dubbate akka malee Phaawuloosiin naasise. Waan inni hin eegin waan ta'eef. "Anis otoon obboleessa akkanaa ta'ee jedheen hawwa!" kan jedhu ture dubbiin gurbaa xiqqaa sanaa. Phaawuloos naasuun ija gurbaa keessa ilaalaa, "Konkolaataa koon bashannanuu barbaaddaa?" jedhee gaafate.

"Eyyeekaa, baay'een gammada!" jedhee deebiseef. Waliin deemsa eegalan.
Xiqqoo deemanii booda gurbaan Phaawuloosin ilaalaa haala kadhannaa fakkaatuun, "Gooftaa koo, maaloo karaa mana keenyaa nu geessitaa?" jedhe. Phaawuloos ni seeqe. Gurbaan maaliif karaa mana isaanii deemuu akka fedhe tilmaame.

"Maatiifi olloonni isaa konkolaataa bareedaan bashannanuu isaa akka isaaf argan barbaadee ta'a," jedhee yaade. Garuu sana hin turre. Ammas yeroo lammaffaa tilmaama dogoggoraa tilmaame. "Ilaa, gulantaawwan sana lamaan biratti naaf dhaabda!" jedhe gurbaan. Phaawuloos konkolaaticha dhaabeef. Gurbaan konkolaataa keessaa akkuma bu'een, fiigee gulantaalee lamaan irra ba'ee manatti ol gale. Xiqqoo turee otoo deebi'ee dhufaa jiruu sagalee gurbaa dhaga'e Phaawuloos.
Garuu dafee hin deemu ture. Edaa obboleessa isaa quxisuu kan miilli isaa deemuu hin dandeenye baatee jira. Kanaaf suuta deema. Obboleessa isaa fidee gulantaa sana jala kaa'ee qubaan konkolaaticha itti agarsiise.

"Ilaa, kunooti! Argitee? Mana yoo jirtu ishuman sitti hime fakkaatti mitii? Homaa horii hin kaffalle. Obboleessa isaatu kennaa ayyaanaa taasisee kenneef. Obboleessa koo, anis
gaaf tokko konkolaataa akkanaan siif kenna! ...Isa booda wantota mimmiidhagoo ani sitti himaa ture hunda ofii kee naannoftee ilaalta! Eeyyee, gaaf tokko anis siifan bita!" Phaawuloos baay'ee gadde. Konkolaataa isaa irraa bu'ee
gara gurbaa miilli isaa deemuu hin dandeenyee deeme. Haammatee baatee fidee teessoo konkolaataa isaa isa fuulaa duraa irra kaa'e. Obboleessi mucichaa inni hangafni ijawwan isaa gammachuun ifan. Gammachuu guddaadhaan obboleessa isaa bira taa'e.
Sadan isaaniis guyyaa jal-bultii ayyaana Qillee bashannana hin irraanfatamne bashannanani.

Seenaa kana nama Daan Kilaarki jedhamu hiriyyaa Phaawuloostu seenesse. Dhugaa dubbachuuf taanaan, seenaa kana gaafan dubbise
imimmaan koo to'achuu hin dandeenye. Waan baay'een yaades. Gad fageenyaan ergan itti yaadee booda, "Anihoo
obbolaan koof nama akkamiiti?" gaaffii jedhu ture kan ani of gaafadhe. Tokkoo tokkoon keenya gaaffii kana fakkaatu of gaafachuu gabna jedheen yaada. "Obboleessi koo maal naaf gochuu danda'a?" jechuu otoo hin taane, "Ani obboleessa koof maal gochuun danda'a?" jennee of gaafachuu qabna. Obboloonni keenya obbolaan gaarii akka nuuf ta'an qofa eeggachuu mannaa, ofii keenya obboloota keenyaaf obboleessa yookan obboleettii gaarii ta'uu irratti xiyyeeffachuu qabna.

Madda: Kitaaba "GATIIN NAMAA MEEQA?" jedhu kan barreessaa Eebbisaa Baayisaatiin barraa'edha.


@dbiiftu πŸ™πŸ™πŸ™
Jechoota ''Ati_ hin_ dandeessu'' jedhan meeqa baattee jirta laata?

Sitti haa hafu, siif hin ta'u, hin dandeessu, siif hin milkaa'u, sin madaalu, siif hin malu, jechoonni jedhan namoota hammam bakka gahuu qaban irraa hambiseeraa laata?
Namoonni har'a addunyaan dinqisiifattu, gootummaansaanii kan nu ajaa'ibsiisu, meeqatu jalqaba gaafa eegalan, mormiin akka irraa ture, hammam dhageenyeerra laata?

Galma gahinsi, karaa guddinaa haaraa eegaluun, namoota hedduuf maraatummaadha; kanaaf, akka waan hin taaneetti nutti himu.
Sababnisaas, namni kamuu caalamuu hin barbaadu; kanaaf akka ati waan moo'amteetti sitti himanii karaakeerraa si dhaabu.

Firootako, gamna ta'i malee!
Of ilaali, si'i mataakee caalaa kan si beeku hin eenyu?
Si'i caalaa kan dandeettiikee sitti himuu danda'u eenyu?
Maaliif mataakee, eenyummaakeefi dandeettiikee dabarsitee ormaaf laattaa?
Kanaaf, Ati Ni Dandeessa!
πŸ™Fayyaaf nagaa hin dhabiinaaπŸ™
~~~~~~

Β© Bulti Likisa, 2022, (Carii )

#JOIN & #SHARE

#TelegramπŸ‘‡πŸ‘‡
@Fayyaa_egeree
https://www.tg-me.com/Fayyaa_egeree

#Fb pageπŸ‘‡πŸ‘‡
https://www.facebook.com/bultooliko/
Akkamitti yaadatamuu barbaadda?

Waggoota dhibban darbe namicha tokkotu gaazexaa ganamaarraa, haala baay'ee isa ajaa'ibsiisuufi naasisun, maqaa isaa tarreeffama namoota du'aaniirratti arge. Gaazexaan sun, dogongoraan akka waan namichi du'eeruutti gabaaseera. Deebiin namicha kanaa inni jalqabaa, hurgufamuu ture. "Ani asimoo achin jira?" jechuun ofitti gungumuu eegale. Xiqqo edda namummaasaati deebi'ee booda, waan namoonni isaan jedhan hubachuu barbaade. Kanaaf, gaazexaa sana gaggaragalchuu eegale. Gazeexicharraa, " Mootiin dimaamitii, namichi daldaalaan du'aa sun ni du'e." kan jedhu arge. Namichi kun nama dimaamitii hojjetedha. Yommuu jecha 'daldalaa du'aa,' jedhu kana argu, ofiisaa of gaafate, "Kun haala ani ittin yaadatamudhaa?" Haala kanaanis yaadatamuu akkan qabne murteesse. Guyyaa sanarraa qabee nageeyaaf hojjechuu eegale. Maqaan isaas 'Alfeerdi Noobelii'; innis badhaasa Noobelii guddaan yaadatama.


Namichi kun waa'ee eenyummaasaa kaleessaaf of ceepha'uu qofaan hin dhiifne; kana sirreessuuf, seenaa fokkisaa haaressuuf yeroo itti hin kennine. Waantota yaadannoo keenya boruu fokkan ofirraa hambisuun yeroonsaa amma. Boruun keenya akka nun abaarretti, dhaloonnis fakkeenya safuu cabseen akka nu kaafnetti haa deddeebinu!

How would you like to be remembered?

Akkamitti yaadatamuu barbaadda? Deebii gaaffii kanaa sinumaaf dhiiseera.


Β©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Dr. Leencoo Kaawoo kitaaba haaraa mata duree "ABDII BORUU" jedhuun qabatee dhufaa jira. Kitaabichi kitaaba fayyaa daa'immanii (Pediatric and Child Health) irratti kan xiyyeeffatuufi qabiyyee biraas kan of keessaa qabudha. Kun aaga! Anaa dhufuun simannas. Anaa dhufu!

Baga milkoofte yaa Doktara keenyaa!πŸ‘

@Orobook
EEBBA WAAMAMTAN!

Ijoollee hin sooranne, kan hinduune- kan firoomaaf nama isaan baruuf dubbisu hundaaf dhihoo ta'an keessaa warra eegoo walii ta'an- MIILA HINSHOKOKSINE,DIBAA, SHIRA fi IJIBBAATA bakka tokkotti, erga takkaa...

Gaafa ADOOLESSA 24/2014 ALH Finfinnee, Restooraantii KAKUU MAAMMEE tti sa'aatii 7:00 irra eegaluun IJIBBAATA eebbisiisna. Ijibbaata waliin ammoo kitaabonni hundi ni dhiyaatu.

Eebbi kun aartistoota bebbeekamoo:
WELLUU: SHIMALLIS ABBAABBUU
EELSAA NIGUSEE
ADDUNYAA AMANTEE
KICHUU RAGGAASAA fi kan biroo
QUUYYEEFI QOOSAA:

JAALLEE AMANTEE( KABBEE KABBITOO) ni miidhagsu!

koottaa EEBBISAA,

EEBBIFAMAA!

Via Yaasoo Kabbabaa Hordofaa

@Orobook
Forwarded from Reading PDF (Getu Abera✟)
RICH_DAD,_POOR_DAD_FOR_TEENS_by_Robert_Kiyosaki_&_Sharon_Lechter.pdf
632.6 KB
Rich Dad & Poor Dad
πŸ‘€ Robert T. Kiyosaki

πŸ“š ENGLISH PDF
Page-121β•‘Size-632KB
shareπŸ’―shareπŸ’―share
@Reading_pdf
@Reading_pdf
πŸ”ΊJOINπŸ”Ί
Forwarded from Dirree Xiinsammuu
#ILAAMEE!

Amerikaa keessatti namoota carraan lotorii bahuuf keessaa % guddaan qarshii baheef qisaasessuun daandiirra jiraachuutti deebi'u.
'Kanaaf sababni guddaan maalii?' kan jedhuuf deebiin ifadha; 'qarshii sanatu dhamaatii tokko malee, sanuu daqiiqaan, dhufe'.

Waan yaannu hunda halkanuma tokkoon osoo arganne jireenyuu miira namaa hin laatu; madda dhiphinaa ta'a;
Beekumsi, qabeenyi, beekamtiin, aangoon, yeroo eegee, obsaan gaafa dhufu akkataa ittiin hoggannus nu barsiisa.

Gara galma ofitti bifa sirnawaafi fufaan(regular and continues) yoo siqne dhumarra bakka yaadne sana geenya; geenyees duubatti hin sigigaannu;

....Kanaaf imalakee obsaan ittuma fufi.
Forwarded from Dirree Xiinsammuu
OFIRRATTI HOJJECHUU
_________________________
----------------____-----------------
___
__
_

Loltoonni dirree waraanaa seenuun dura qophii sammuufi gahumsaa taasisu;
Ilaalchasaaniirratti hojjetama; leenjii lolaatu laatama; kanaanis mo'ichi argama.

Namni daldarratti milkaa'u, baay'ina kaappitaalaa qofaan miti; dandeettii hojii uumuu, ofitti amananummaa, gaaga'ama(risk) fudhatanii hojitti seenuu feesisa; sammuu rakkoo fi carraa jiru raagee irraa maqu ykn itti maqu qabaachuu gaafata;

Barataan dirree bobba'eerratti qabxii gaarii dalaguu yaadu, dandeetti yeroo haalaan fayyadamuu horachuu qaba; beekumsa qindaa'aa argachuuf dharraa boba'u(burning desire) kan haala, yeroo fi bakkarratti hin hirkanneen yoo booji'amedha.

Eyyeen, gabaa kamittuu milkaa'uuf dursa ofirratti hojjechudha; ilaalchaafi hojii boca guddinaa balleessu sana hundeen buqqisuu dirqama; gaafa ofirratti hojjetan dhihootti gahu galma;
#Yeroonsaas amma!
Forwarded from Dirree Xiinsammuu
Hojii fi mallaqa!
__________________
''''''''''''''''''''""""""""""""""""""""""""
"Harka namaa ilaalluurra, halkan ka'anii hojjechuu wayya," jedhu Chaayinoonni.

Dhuguma, ofii cimanii yoo hojjetan, kan argatanis gundunfachuun dirree hojii biraatti yoo ce'an milkaa'ina.

Walitti fufinsaan jabaatanii yoo hojjetan, mallaqa furdaa kuufatu; mallaqni sunimmoo,
..Mana akkamii keessa akka jiraattu murteessa
..Gosa nyaataa akkami akka soorattu murteessa.
..Hiriyyoonni kee eenyu akka ta'an murteessa.
Milkaa'ina ijoollee keef qooda qaba;
....Fayyaa fi umurii keessaallee harka qaba.
...Tarii yoo dhukkubsattes, eessati akka yaalamtu fi dawaa akkami akka fudhattu murteessa.

Kanaafuu aadaa hojii cimaa gabbifadhu;
Sooromuuf murteessi;
Hiyyummaa hadheeffadhuu;
Jabaadhuu hojjedhu.
Helloo jaallanko, akkam jirtu?
Waanan asirratti isiniif maxxansaa jiru, yoo tarii isinitti tolee jiraateef, karaa #page #fb kiyyaa link asii gadiin seentanii #follow gochuun; akkasumas,waliif #share godhaan affeerraa kooti!
πŸ™GalatoomaaπŸ™

https://www.facebook.com/bultooliko/
Forwarded from Dirree Xiinsammuu
FILANNOO TOLLAAN...
Kutaa 1ffaa

Akka hayyoonni jedhanitti namni tokko guyyaatti murtii kuma 35 ol xiinxalee murteessa. Lakkoofsi kun kan wal nama falmisiisu ta'us, murtii xixxiqqaa hanga gurguddaa guyyaatti goonurraa osoo ilaallee yaadni hayyootaa kun dhugaa ta'uu maluu hubanna; fknf murtii "Ganama sa'aa meeqaattan hirribaa ka'a?" kan jedhurraa eegallee, nyaata akkamii nyaadhu? uffata isa kam uffadhu? har'a eenyu waliin oolu?, sa'a meeqatti gara manaa galu?.....jechuudhaan filannoowwaan gara sammuu keenyaa dhufan xiqqaa miti.

Egaa, guyyaatis ta'e jireenya keenya keessatti murtii kamiyyuu murteessuun dura filannoo keessa darbuun waan hin hafne.
Murtii goonu garuu 'bu'aansaa akkami?' jechuun barbaachisaadha. Bu'aan murtii sanaa,
β€’ kan firii xiqqaa qaban.
β€’kan firii G/G qaban.
β€’kan bara jireenya keenyaa nu waliin jiraatu ykn
β€’kan dhalootatti darbu ta'uu danda'a.


Jireenyi keenya har'aa bu'aa filannoo kaleessaa, kan borummoo kan har'aati!
Kanaaf filannoo tolaa!

KUTAA 2FFAA
Gosoota filannoo Arfan....
Forwarded from Dirree Xiinsammuu
Filannoo fi Murtii
Kutaa 2ffaa fi kan dhumaa

Gosoota Filannoo Arfan

1. Filannoo firii xiqqaa qaban.

Inni kun dhihootti rakkoo hin fidu yoo ta'eyyuu suuta suutaan ilaalcha ofii keenyaa fi dandeetti filannoo keenyarratti qabnu hubuu danda'a.
Fknf guyyaa boqonnaa ofii manatti dabarsuuf murteessuu ykn nama biraa gaafannee filannoon nuti taasisnu kutaa kana jalatti ilaalamuu danda'a.

2. Filannoo firii G/G qabu.

Firiin filannoo kanaa kan baay'ee nun miine fakkaata garuu salphaa miti.
Fkn "Digrii jalqabaa ergan xumuree osoon kan lammaffaa itti hin fufiin boqonnaa waggaa 1 fudhachuun qaba," yaanni jedhu firii G/G argamsiisuu danda'a. Garuu sana gidduutti hojii fi ajandaaleen biroo gidduu galuun karoora sana dheerrassu, hambisuullee danda'u. Kunimmooo gurmaa'ina milkaa'ina keenyarratti dhiibbaa waan qabuuf ofeeggannoo barbaada.

3. Filannoo umurii guutuu.

Gosti filannoo kanaa kan umurii guutuu nu biraa hin hafnedha. Fknf barnoota barachuu fi barachuu dhiisuu, haala hidhata gaa'elaa filachuu; namoonni filannoo akkanaa taasisan osoo itti hin yaadiin murteessuun ba'aa umurii guutuu fuudhanii ofirra kaa'u.

4. Filannoo dhalootatti darbu.

Warreen kana jalatti ramadaman kanneen filannoo keenya irraa ka'uudhaan ijoollee keenyatti daddarbanidha.
Fknf Qooda gaa'ila keessatti obsaa fi waldanda'uudhaan waliin jiraatan wal hiikuuf ariifachuu akkasumas faayidaa siyaasaaf jecha ijoollee ofii keessatti ilaalcha jibbinsaafi sanyummaa(racism) uumuun kanaaf fakkeenya ta'u.

Dhiibbaa miirri sirrii hin taane nurratti gaggeessuun filannoo fi murtiin taasifnu erga xiqqo turree booda sirrummaansaa beekama.

Kanaaf filannoo fi murtii taasifnu keessatti 'yeroo' fi 'itti yaaduu' gabbisuun barbaachisaadha.

#Hiriyyoota keessaniif qoodaa.
#Sal'oo_Sareefi_Kanniisaati!

Guyyaa wayiiti! Bakka aniifi hiriyaankoo teenyee jirru tokko saree tokkotu ture. Saree qaamaan guddaafi furdaa akkanuma dulloomaa, olka'ee deemuuf dadhabuutti jirudha. Fuuldura keenya, daraaraa tokko jala ciisee jira. Akkanni achii ka'uuf yaallus, ka'uuf eeyyamamaa hinturre, sarichi! 'Itti dhiisi' jennees itti dhiifne. Daqiiqaa muraasaa booda, kanniisonni hoomaan dhufanii daraaraa kana irra quqqubachuu eegalani. Kanniisonni kun garuu, kunneen kan nama iddaniifi hin iddine ta'uu hinbeeku. Kanniifni hundi nama hin idduu mitiiree? Eeyyeen, kanaafi! Garuu sagalee huursaa jabaatu isaan irraa dhagahama. Yeroo kana sareen kun, gurra isaa achi ergisuu hin hafne. Sodaachuus eegale. Ol jedhee isaan ilaaluu itti fufe. Afaan isaatiin qabuufis, yaalii inni hingoone hinjiru. Garuu hindandeenye! Hanguma inni isaan hordofuufi adamsuu isaa itti fufe, kanniisonni kun xiyyeeffannoo isaanii gara isaatti deebisani. Miidhaa inni isaan irraan gahaa jiru ofirraa ittisuu eegalani. Yeroo inni isaan nyaachuuf itti jedhu kana, isa idduun ofirraa faccisuu itti fufani. Lola jabaas godhani. Saree lafaa ka'ee isaan jeequu eegale kanarraa dhukkee kaasuun, hammam akka gahan itti agarsiisani. Sarichis, yeroo haalichi itti ulfaatu baqatee qajeele. Hamma inni fiigee dadhabuttis faana fiigani. Waan godhan godhaniis biraa deebi'ani. Akkanaan sareen kun, bakka sana gadhiisee baqatee bade! Kanniisonni kunis, isa bakkaa kaasanii gara dalagaa isaaniitti deebi'ani. Gara dalagaa isaanii daraaraa soorratanii damma dammeessuu sana jechuudha!

Aniifi hiriyaankoo, yaada kanaan akkuma badnetti jirra. Ana waan baay'ee na ajaa'ibe keessaa tokko, haalaafi bakka sareen sun turedha. Bakkichi babbadee jira. Tafkiinis kan dhuunfatameedha. Iddoo sareen sun jiru, bakkee bareedoofi hawwata daraaraafi kanneen biroon kuulame irraa adda ta'ee jira. Kanaaf immoo itti gaafatamaan saree sanadha. Tafkiitiif, baattoofi dirree misoomaa ta'eetu jira. Balfa isarraa bahuunis, bakka jiru sana balleesseera. Foolii naannoon sun hinqabne itti horee jira. Kana qofaa miti, kanniisota dalagaa isaanii irraa gufachiisuuf waan inni hingoone hinjiru. Bakka isaa dhiisee bakka isaaf hinmalle taa'uun isaa, warreen bakki sun maluuf jeequurra darbees, akka inni bakka isaa taa'ee dalagaa isaa hindalagnee godhee jira. Akkanuma, bakka jiru sanatti badiin inni dhaqqabsiisuuf yaale sun, bu'aa buusuu dhiisuu isaatti dabalamee akka inni bakkaa ka'u isa godhe. Bakkaa isa kaasuu qofaas miti, akka inni salphatuuf isa saaxile. Ni iddame, ni arii'ames! Baqattis harka isa kennachiise.

Kan saree sanaa qofaa miti waan nama ajaa'ibu, dubbiin kanniisota sanaas xiyyeeffannoo namaa hata. Kaayyoon isaanii daraaraa soorrachuudha waan ta'eef, akkuma dhufaniin gara dalagaa isaanii deemani. Kaayyoo! Qaama kamittuu hinbuune. Qaamni tokko garuu, lafaa ka'ee isaanitti bu'e. Gara jalqabaarra ni dhiisani. Obsa! Sarichi garuu, isaan qocholuu itti fufe. Sanaan booda gara faccisaatti deebi'ani. Xiiqii! Faccisuu qofaas osoo hintaane, gara furmaata dhumaatti darbani. Kunis waan isaan rakkisaa jiruufi fuuldurattis itti fufee isaan miidhuu danda'u bakkaa kaasani. Cichoomina! Edda bakkaa kaasaniis, achumaan hindeemne. Galma! Kaayyoon isaanii inni guddaan manaa bahaniif sal'oo saree waliinii miti waan ta'eef, galmi isaaniis saree bakkaa kaasuu irratti hin dhaabbanne. Kanaafuu, gara daraaraa xuuxuu isaaniitti deebi'ani. Imala damma dammeessuu sana jechuudha! Akkanaan akkas ture dubbichi!

Dubbiin sal'oo sarichaafi kanniisota kanaa, na ajaa'ibuurra darbee mata dureefi fakkeenya irraa waa baran naaf ta'e. Namni yaada kana hubannaan ilaales, akka waan tokko irraa argatu hin shakku. Kanatus akkan qindeessuuf na kakaase. Ergaa isaa garuu, sinumaafan dhiise. 'Ani akkanattin hubadhe' jedhee gabaabsee kaa'uurras, akka siniif galeetti ergaa isaa bal'iftanii yoo fudhattan wayyuu hin hafu! Kanaafuu, siniif dhiiseera!


Galatoomaa!πŸ™

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Forwarded from Gammee Darajjee
Kitaaba, Ogeessicha..pdf
894.4 KB
Share 'Kitaaba, Ogeessicha..pdf'
Forwarded from Kitaabota-books
Napoleon Hill - Think and Grow Rich.pdf
845.6 KB
Think and grow rich(PDF)
✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡#joinπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@kitaabotaGaraagara
Forwarded from Milkaa'ina jireenyaa✍ (Abdii Abbiyyoo Eda'oo)
GAARII HOJJEDHU!
GAARII TA 'I!
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
✧ Aristootil dubbii umurii dheeraa lakkoofsise tokko qaba: "Gaarii hojjedhuu gaarii ta'i!" Jireenya keenya keessatti yeroo hundumaa waan gaarii
hojjechuu haa amaleeffannu!

✧ Hojiin gaariin gaafa irra deddeebi'ee hojjetamu ni
amaleeffatama. Amala nuuf ta'a. Wanti amaleeffanne immoo qaama jireenya keenyaa
ta'a. Otuma waan gaarii hojjennuu, namoota gaggaarii taana. Hojii gaariin nama gaarii nu taasisa jechuudha. Kanaaf akka ilmaan namootaatti yeroo hundumaa waan gaarii waliif
haa yaadnu, waan gaarii waliif haa hojjennu. Ija gaariin wal haa ilaallu, ilaalcha gaarii waliif haa qabaannu.

✧ Ganama yeroo hirriiba keenya irraa dammaqnu mara,
"har'a wanti gaariin ani hojjechuu danda'u maali?" jennee of haa gaafannu. Wanta gaarii hojjechuu dandeenyu hunda immoo haa hojjennu!!!

✧ Gaarummaan qajeeltoo jireenya keenya hoogganu nuuf haa ta'u!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
halkan GΞ±Ξ±Κ€ΞΉΞΉ

sΚœα΄€Κ€α΄‡β—ˆsΚœα΄€Κ€α΄‡β—ˆsΚœα΄€Κ€α΄‡β€‹
@milkaainajireenyaa
Dr. Taaddasee Qana'aa Amantee kitaaba "Anaafi Nuhi" jedhuun nuuf dhufaa jiru. Kun aaga dhageettiiti! Dhugaadhumatti, nama akka Dr. Taaddee kanarraa waan haaraa tokko argachuun carroomuudha. Kitaabichi egaa, bakkaafi yeroo waraqaa waamichaa kanarratti eerametti kan eebbifamu ta'a. Hundinuus afeeramnee jirra; haa eebbifannu.

Guddaa Keenyaaf milkii hawwina!πŸ₯°πŸ‘

@Orobook
#Nama_haa_taanumee!

Seenaa dhugaadha! Harmee umuriidhaan deeman tokkotu turani. Mana firaa jiraatu. Bahanii galuufis dadhabaa dhufani. Kun, maatii sana baay'ee yaaddesse. Hamma yoomiitti akka harmee kana faana rakkatanis itti yaadani.
Fuula itti baduu eegalani. Nyaatas irraa hir'isuu itti fufani. Boodarrammoo, mana isaanii gadhiiftee akka deemtuuf itti himani. Garuu iddoo deemtu hinqabdu turte. Mana ijoollee isheetti baqachuuf ijoollee hinqabdu. Qofaa bahuuf of hindandeessu, umuriin deemee jira. Fira biraas hinqabdu. Namatti dhagahama! Kun akkanumaan osoo jiruu, galgala tokko abbaan mana sanaa ala barfatee dhufe. Barfatee dhufuu qofaa osoo hintaane, dhugaatii dhugee jira. Quuffateeras! Akkuma mana gaheen, waa'ee harmee kanaan afaan saaqqate. "Hamma yoomiitti itti fufa? Waggoota hedduuf baannee yoonaan si geenyee jirra. Kanaan booda garuu haagahu. Yeroo keessummaan mana keenya dhufu, sababakeef hamma yoomiitti itti qaanoofna? Hamma yoomiitti si soorra....hamma yoomiittis baafnee si galchina? Dadhabnee jirra; kanaafuu nurraa bahuu qabda. Bahi!" jechaa akka isheen mana gadhiiftee baatuuf itti mudde. Galgaluma sanayyuu bulchuu ni dide. Gadis baasani. Gad baasuu qofas osoo hintaane, baasanii karra itti cufatanii mana isaaniitti deebi'ani. Wanti waan hundumarra garaa nama nyaatu, galgala ta'uufi bakka deemtu dhabuu ishee qofaa hinturre, rooba hamaa galgala sanaati ture. Isaan garuu kana hundaa of jalaa dhoksanii jiru. Ofirraa arii'anii mana isaaniitti deebi'ani. Ayii!

Akkuma manatti galaniin mudannoo tokkotu isaan mudate. Kanaaf jecha, waan qabanii dhiisanis wallaalani. Naasuun isaanii guddaa ta'e. Kunis, mucaa isaanii kan waggaa 7 hincaalle tokkotu bakka ciisuu dhibame. Yeroo rafu arganii turani. Amma garuu achi hinjiru. Waaqamoo lafatu liqimseree? Isaanii mooji! As achi jechaa, barbaadanii edda mana keessaa dhabanii booda, roobuma sana keessa barbaachaaf bahani. Qe'ee keessa homaa dhabani. Sanaan booda, karra cufanii deebi'an sana bananii bahani. Sagalee guddaa dhageessisanii waamanis mucaan hinjiru. Osooma akkanaan jiranii qe'eerraa xiqqo fagaatani. Amma egaa waan raajiin tokko kan ta'e. Mucaan sun, uffata xiqqoo tokko mataarra godhateetu qullaasaa roobicha keessa jira. Uffatittiin xiqqoon sunuu, kan harmeen manaa arii'amte sun isarra buuftedha malee, qulluma isaa manaa bahee ture. Kunis yeroo isaan harmee sana manaa arii'an mucichi ciisee isaan dhaggeeffachaa ture. 'Dhiisaa' jedhuuf maatii isaa sodaatee jira. Achuma ciisee boo'uu isaa itti fufe. Boodarra gaafa isaan manaa baasan sana, suuta jedhee manaa bahe. Akkuma baheen dallaa hulluuqee harmee sana qaqqabe. Biraa deebi'uus dide. Muka isheen jala buufatte jala faanuma turuu filate. Yeroo kana argan maatiin baay'ee qorrani. Waan jedhaniifi godhan dhabani. Harmeen mucaa sanaa addumaan, baay'ee gaddite. Edda miidhama mucaa ishee argiteefi qorra sanas ofii ishee dhamdhamattee booda, miidhamni harmee arii'amte sanaas haalaan itti dhagahamuu hin hafne. Kanaaf ta'a kana isheen imimmaan qabachuus dadhabde. Kan nama ajaa'ibus, mucaa isaanii qofaa fudhatanii hindeebine; harmee miidhamtuu kanallee qabatanii gara manaatti deebi'ani. Gara fuulduraattis manaa akka ishee hinbaafne waadaa galaniif. Akkanaan mucaan xiqqoon waggaa 7 hincallee kun, seenaa ajaa'ibaa hojjete. Dhugaatti nama ajaa'iba!

β€’Seenaa kana argee callisee akka hindabarre kan na godhe, irra jireessaan gochaa daa'ima olii kanaati. Daa'ima maatii isaa dura darbee yaade, kan dhukkubbiin namaa akka kan isaatti itti dhagahame, isa gaarummaaf jecha qorraafi roobaan dararamuu filate. Daa'ima ajaa'ibaa! Yeroo tokko tokko, namummaa jabaa bakka eegnuu dhabneetu bakka hin
eegneemmoo arganna. Dhugaan jiru garuu, namummaan bakka yookaan nama, umurii, sadarkaa barnootaafi eenyummaa kamiin kan murtaa'u miti. Namni tokko gaarii gochuuf dirqama umuriin deemuu yookaan barumsaan fagaachuun irraa hin eegamu. ~~~~>>
2024/09/26 23:19:20
Back to Top
HTML Embed Code: