Telegram Web Link
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️ (Dr.Bulti👨‍⚕️💞)
#FOROFORII (#Seborrheic_dermatitis)
#Foroforiin_maali?

Foroforiin gosoota dhukkuba gogaa keessaa tokko kan ta'eefi namarraa namatti kan daddarbudha.
Foroforiin amalasaarratti hunda'uun jabaataa kan hin taaneefi mallattoo hedduus kan hin qabne (dandruff)jedhamuun kan beekamuufi jabaataa kan ta'e yeroo hedduu gogaa sammuu keenyaafi kutaa qaama keenyaa kan biroorrattillee kan mul'achuu danda'udha.

#Foroforiin_namoota_akkamiirratti mul'achuu danda'a?

-Daa'imman torban 2 hanga waggaa 1 jidduu jiraniifi namoota umurii ga'eessummaa ol jiran irratti mul'achuu danda'a.
- Yeroo hedduu namoonni foroforii qaban dhibee biroo hin qaban garuu, namoonni tokko tokko HIV, Parkinson, gaggabdoo, dhiphina waliin walqabatee uumamuu danda'a.

#Sababoonni_foroforii_fidan_maalfaati?

-Sababnisaa sirriitti kanadha jedhamuu baatus fangasii gogaa keenya wajjin waliigalanii jiraatan (normal flora)Malassezia jedhamuun dhufuu danda'a jedhamee yaadama.

-Xannachoonni gogaa keenyaa bakkatti walitti qabamanitti (gogaa sammuu, fuula, naannoo qomaa, dugda gara olii, gurra gara alaa, bobaa, harma jala)tti uumamuu danda'a.

#Foroforiin_akkamitti_yaalama?

- Shaampoowwan dhiqannaaf oolan kanneen akka ketoconazole 2%, Selenium sulfied, Ciclopirox , Zinc pyrithione of keessaa qaban fayyadamuun to'achuu dandeenya.
- Shaampoo kana dibannee daqiiqaa 5-10 tursiifnee dhiqachuu, torbee tokkotti yeroo 2-3 deddeebisanii ittiin dhiqachuun barbaachisaadha.
- Dabalataanis, yoo kan hooqsisuu ta'eefi, jabaataa ta'e, gogaa sammuun alattiifi dhukkubni biroon yoo jiraate, gorsa ogeessa gogaatiin qorichoota dabalataa fudhachuun barbaachisaadha.

#Foroforiin_maaliif_namatti_deddeebi'a?

-Sababni fidu sirriitti waan hin beekamneefi fangasiin kun gogaa keenya waliin waliigaluun foroforiin akka hin fayyine (not curable) godha. Kanaafi kan namatti deddeebi'u; garuu, mallattoosaa to'achuufi hir'isuun ni danda'ama.

#Foroforiin_akka_nutti_hin_deddeebineef maal_haa_goonu?

-Hanga mallattoonsaa badutti shaampoon dhiqachuu barbaachisa(ogeessi gogaa qoricha dabalataa ajajuu danda'a), mallattoonsaa erga badees shaampoon torbeetti altokko ykn torban lamatti altokko dhiqachuun akka nutti hin deddeebineef nu gargaara.

#Foroforiin_akka_rifeensi_bubuqqa'u_ni_godhaa?

-Sababa foroforiin rifeensi bubuqqa'uun kan barame miti garuu, kan hedduu nama hooksisuu yoo ta'e rifeensi bubuqqa'uu danda'a.

#Dabalataanis, ogeessa gogaa osoo hin mari'atiin qorichoota fayyadamuu dhiisuun, gogaan keessan akka hin miidhamneef gargaara.
🙏Fayyaaf nagaa hin dhabiinaa🙏
~
© Dr. Bulti Likisa, 2024😎

👉Hiriyyoota keessaniif,
#JOIN & #SHARE godhaa!

#Telegram👇👇
@Fayyaa_egeree
https://www.tg-me.com/Fayyaa_egeree
Teleegiraamiin badhaasa star jalqabeera kallattiin yemmuu link kanaan seentan ⭐️ 15 siniif kenna. Isin ammoo naaf kennuu dandeessu gurgurachuu dandeessu. Dafaa join godhaa.

Dabalataan ammoo Taskii isa jedhu hojjachuun qabxii 185 sassaabbachuu dandeessu.

Affeeramaa, wal-affeeraa
  👇👇👇
https://www.tg-me.com/major/start?startapp=426605945
           #Ayi_Nuyii
"Ittan dammaqe! Akkanni boolla naaf qotaa jiru yeroodhaanin dhagahadhe." jedha duubatti garagalee namicha taa'umsa duubaarra jiru tokkotti, cicciniinnachaa. Taaksii keessattidha. Namichis jalaa hin callisneetii, "Maal haa ta'uuf boolla siif qota! Maqaaf hiriyaadha mitii, isin!  Ayi nama bara kanaa!" jedhaan, akka waan ofii bara keessaa bahee bara biraa keessa jiraachaa jiruutti. "Ani duruu nama sana si biratti jaaladhee hin beeku. Isumaa nagaa hojjetus guyya tokko hin argine. Inni bineensadha! Bineensammoo hin amanani, hin komatanis.  'Waraabessi nama nyaachuurra, waraabessa nyaatanii afaan lulluuqqachuu wayya' jedhama. Kanaafuu ofirratti dhiisuun sirra hin jiraatu." jedhaan itti fufee.

"Ani qaxaleenkee callisee waanan dhiisu sitti fakkaataa! Akkuma inni boolla naaf qotaa jiru kana, anis gad fageesseen qotaafii jira. Yoon kana hin goone abbaankoo nan dhalchine. Na argitakaa!" jedhaan, akka aaruu tokko ta'ee.

"Kana kan sirraa bareedu. Kan dabaan sitti dhufe dabaan jala dhaabachuutu fala. Anis si waliinan jira" jedhaan. Gargaaree boolla qotuuf ta'uu hin hafu.

Sagalee isaanii ol fuudhaniima haasahu isayyuu, akka nama aaga himuu. Imaltoota hundas gurra bu'uu hin hafne, dubbichi. Ajaa'ibeeras. Gurbaan akka dargageessaa of godhu tokko keessaa fuudhee kolfaa, " 'Kan akka walii wal barbaaddi' jedhan. Kan himatus, kan itti himatus tokkuma. Muu! Inni boolli qotamuufii deebisee boolla qotuuf jira. Atimmoo kanatti jabeessaa jirta. Maal ta'a yoo jara kana walitti fiddee rakkoon isaanii akka furamu goote? Innis gara boolla qotuu osoon dhaqiin dura, dubbichi akka furamuuf maaliif hin gaafanne. Dhugummaa isaayyuu addan baafanne; 'jedhan' jechaa jira. Kanaafuu, mee lachuu of ilaalaa. Yoo hin ta'u jettanimmoo, boolla lama qotuurra namichuma faana wal ta'aa tokko qotaa. Yoos haalaan gad sinii fagaata. Achiin booda, kan humna caale keessa wal haa buusu." Jechuuf bu'uunsaa tokko ta'e; bakkasaa gahuu hin hafu. Aarii qofaaf hin buune akka jechuuti!

Xiqqon turre, jarri lamaanis bu'anii deemani. Edda isaan deemanii keessa beekessi jaraa tokko waa dubbate. "Elaa jarana, namichi lammataa kun, namicha gargaaruuf dubbachaa hin turre. Ofiif jedheetu! Isa jalqaba boolla qotu sanatu qarshii irraa qaba. Liqii guddaadhayyuu! Kanaaf gargaaree boolla qotee ofii bilisaan jiraachuuf itti gootomsaa ture. Ayi namaa!" jedhee callise. "Ayi nuyii" jedheen ba'ee gara manaatti gale, anis. Ayi nuyii!

      #Ayi_Nuyii
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
    Dr. Abdiisaa Ejjetaati
        Galatoomaa!🙏🏻

@Orobook
Forwarded from Daandii
Leenjii Gaazexeessummaa fi Bu'uraalee Ogbarruu

Dream Journalism training center and Media kutaa barnootaa Garagaraa barattoota isaa leenjisaa jira.

Kutaa barattoonni idilee itti baratan :Guyyaa idilee Kibtaxa, kamisaa Barnoota 'Theory' Wiixataa, Roobiifi Jimaata ammoo Practice gareen kenna.

kutaa barnootaa Sanbataafi Dilbata: 'Theory' fi 'practice' walfaana sa'aatii adda ababaafameen kenna.

'Kutaaa barnootaa Special' Guyyaa barattootni addaa baafatanirra kan kennamuufi sa'aatii Hojiin booda galgala kan kennamuudha.

'Practice' haala Mijataa uumuun yeroo leenjii qabaatu!

Galmee Leenjii marsaa 2ffaa eegallee jirra
Warri leenji'uu barbaaddan guyyaa kanaa keessaa kan isiniif mijaturra galma'aatii baradhaa.

Kaffaltiifi ulaagaa ilaalchisee Biiroo keenya Magaalaa Finfinnee Naananoo Calcalii (Saarbet) Jiru kottaa

Odeessa dabalataaf 0917727450
Nu quunnamaa
Gatiin Telegram STAR ifoomeera. Join it here👇

https://www.tg-me.com/major/start?startapp=426605945
Forwarded from Galaa Sammuu
Harlin - Fullee Hegeree.pdf
1.4 MB
Gumataa Kitaaba

📖 MATA-DUREE KITAABICHAA: "Harlin - Fullee Hegeree"

📖 BARREESSAN: Amajjii Gammadoo

📖 QABIYYE KITAABICHAA (GENREs): Seenaawwaan Gaggaababoo, Gorsa, Galma, Kayyoo, Dhaanga Milkii

📖 LAKKOOFSA FUULOTA: 78

📖 BARA MAXXANSAA (PUBLISHED ON): Addoleessaaa 21, 2024, Nagele Arsi, Oromiyaa, Itoophiyaa

📖 Yuunivarsitii Finfinnee irraa

📖 WAA'EE KITAABICHAA ⤵️


"Harlin - Fullee Hegeree" keessa imala yeroo jalqabdu, addunyaa seenaa booji'amaa kan nama bashannansiisu qofa osoo hin taane barumsa gatii guddaa qabu keessatti cuuphamta. Seenaawwan kun akka foddaa muuxannoo dhala namaatti kan tajaajilan yoo ta’u, injifannoo, qormaataa fi yeroowwan jireenya keenya bocan irratti ibsaafi gorsaa gahaa kan kennan ta’a. Karaa seeneffama kanaan dubbistoonni gadi fageenya miiraa fi muuxannoo dhala namaa akka qoratan, Imalaa isaanii irratti immoo ofii isaanii fi namoota biroo irratti hubannoo gadi fagoo akka argatan affeeramaniiru.

Harlin yeroo saaxnu fi Gahee jireenya keenyaaf qabu yeroo hammannu nu waliin ta'aa.
Forwarded from Galaa Sammuu
#EEBBA_KITAABA_FAYYAA_SAMMUU
Kitaabni Kun kitaaba saayinsii fayyaa, ogeessota ogummicha keessa jiraniin kan barreeffame yoo ta'u;  Ogeessota fayyaa sammuu gita gara garaa irra jiran 30 oliin ilaalameera. Dabalataanis Hospitaala Ispeeshaalayizdii Sammuu Amaanu’eel dabalatee Hospitaalota tajaajila fayyaa sammuu kennan gara garaa, waldaa fayyaa sammuu Itoophiyaafi Ogeessota Yuunivarsiitiiwwan buleeyyin  kan gulaalamedha.
Kana malees, gama ogbarruutin Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin seecca'amee,  Deeggarsa Yuunivarsiitii Jimmaa, abbootii qabeenyaafi Hospitaala Ispeeshalayizdii Sammuu Amaanu’eelitiin maxxanee  Hagayya 12, 2016 hoteela internaashinalii Ililliitti eebbaaf qophaa'ee jira.
Kitaabni kun qabxiiwwan gurguddoo armaan gadii irratti xiyyeeffatee barreeffame.
1. Waa’ee fayyaa sammuu irratti hubannoo hawaasa keenyaaf uumuuf.
2. Yaadotaafi ilaalchota dogoggoraa waa’ee dhibeewwan sammuu hir'isuuf.
3.  Dhibeewwan sammuu beekamoo, rakkoowwan araadan walqabatanifi dhibeewwan gaggabdoo irratti ibsa baldhaa kennuuf.
4. Maqaa balleessiifi loogii akkasumas qoolliffannaa namoota dhibee sammuu qaban irratti taasifamu falmee sirreessufi
5. Tarkaanfiwwan qaamonni garagaraa tajaajila fayyaa sammuu kennuuf taasisan jajjabeessuufi tajajilamtoonni gara yaalaatti  akka dhufan onnachisuu dabalata.

           Irratti hirmaadha.
Gurmuu ogeessota yaala sammuutin
Forwarded from Galaa Sammuu
Yeroo Jalqabaatif Tiyaatirri Afaan Oromoo Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaa keesaatti kan argisiifame bara 1991 yemmuu ta'u, mata dureen Tiyaatiraa sanaas “Dukkanaan Duuba” jedhamu barreessa hangafticha Dhaba Wayessa barraahee Tesfaye Mekonnen qajeelfame. Sana booda carraa garagaraatiin yeroo quba harkaan lakkaa'amu kan hin caalleef Tiyaatiroonni muraasni waltajjii kana irratti agarsiisaaf dhiyaatanii turan.

Ammas sanbata xiqqaa dura keenya jiru 04/12/2016 Tiyaatirri #Walaabu jedhu waltajjii kana irratti agarsiisaaf 'Haala adda ta'een' kan dhiyaatu yemmuu ta'u, hundumti keessanuu irratti argamtanii akka daawwattan kabajaan sin affeerra.

Walabu Art Production
We were created to create
Aadaa. Ogummaa. Falaasama

Odeeffannoo dabalataaf

@Walaabu9 quunnamaa
OromoBook
Faana Hogbarruu Oromoo

Kitaabolee Afaan Oromoo dijitaaleessuun gaaffii waggaa lakkoofsise keessaa tokko.

Isa kanaaf deebiin Amma dhufee Jira.
Kitaabolee keenya si'achi Sagalee bareedaan waraabamanii ol kaa'amu. 

Kitaaba baattanii deemuuf hin dirqamtani. Bakkuma jirtan jiraattanii dhaggeeffattanii barattu.

Hagayya 12/2016 Hoteela internaashinaalaa Ililliitti Faana Hogbarruu Oromoo ifatti labsina.

#Kalaqan Intertainment waliin ta'uun bohaaraa barachaa dabarsina!🙏

Hundinuu affeeramneerra!
Torban hojii gaarii !🙏

@Orobook
Forwarded from Gabbisa Sammuu (Firomsa Urgessa)
Kitaabni FAYYAA SAMMUU kan gurmuu ogeessota fayyaa sammuutin barraa'e Dilbata dhufu Hagayya 12,2016 " Intercontinental Hotel" tti eebbifamuudhaan dubbistootaaf qophaa'aa ni ta'a!
JAALALA SAKAALAME.pdf
9 MB
#Jaalala_Sakaalame
(Kitaaba Asoosamaa)

Barreessaan: Nimoonaa Biqilaati

Barreessichi kitaaba kana bifa PDF-tiin gumaacha godhee dubbistootaaf kennee jira. Isaatiin 'galatoomi' jechaa, kitaabicha of harka haa galfannu. Dubbisa gaarii!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Waamicha Sagantaa Hog-barruu!
Sagantaan "FAANA OGBARRUU OROMOO"

Dhaabbanni #OromoBook jedhamu dhimma Ogbarruu Oromoon wal qabatee, kitaabota Afaan Oromoon barreeffaman dijitaalessuu irratti argama. Kitaabota Xiinsammuu, Asoosama, Seenaa fi Walaloo gara sagaleetti jijjiiruun bifa nama hawwatuun yeroof gabaarratti bilisaan dhiyeessaa jira. Dhimma dhaabbatichaa irratti hubannoo yoo barbaaddan, sagantaa Hagayya 12/2016, Finfinnee, Hoteela Int' Ililliitti qophaa'u irratti argamaa.

Sagantaawwan bashannanaas qophaa'aniiru. Hudumti keessan affeeramtanii jirtu.

@Orobook
#GATIIN_BIYYAA_MEEQA?
Nagaan hunda keenyaaf haa ta'u! Kitaabni koo haaraan dhufaa jira. 'Gatiin Biyyaa Meeqa?' jedha. Hojii yeroo dheeraaf itti dadhabame waan ta'eef, bal'inaan dubbifama jedheen amana. Gidduu kana na eegaa!
#Gatiin_Biyyaa_Meeqa?
#deemsiittifufa
#namabiyyaoromoo Ebisa Bayissa

@Orobook
Sagantaa 'Faana Ogbarruu Oromoo' Hagayya 12, 2016 Hoteela Internaashinaalii Ililliitti gaggeeffamuuf jiruuf guyyaa tokko qofaatu hafa. Qophooftanii?

Wal argaan achumatti haa ta'u!

@Orobook
      #Maqaankee_eenyu?
(Kitaaba 'Sansakkaa Sakaalame' keessaa kan fudhatame)

Ani maqaan Biqilaa, kan abbaakoo Dagaagaa, kan akaakayyuukoo immoo Guddataa dha….Biqilaa Dagaagaa Guddataa! Dhaladhee yoon dagaagaa hinguddanne, haala guddachuu qabuun hindeemne, hiikkaan maqaa jireenyakoofi maqaan ittiin waamamakoo, xiyya kallattii gara garaan adeeman ta’a. “Biqilee osoo hindagaagiin guddate!” jedhama.
Yaada yaaddoon guute kana qabadhee yoon asiif achi mil’adhu, kaan “Sabboonaa!” jedhee of waamaa sabatti boona. Gariinimmoo, “Bilisummaa”n of waamee waamsisaa, yaadaafi gochaa isaatiinimmoo, ofis ta’e aanteesaa garboonfata. Ifa keessatti bakka bu’aa dukkanaa ta’aa gariinis, ‘Ibsaa’fi ‘Ibsituu’ of moggaasa. Kun naman argu hundaan “Maqaankee eenyu?” jedhii gaafadhu na godha. Mee takkaa dhiifama, asumaanis wal barraatii, kanumtikee iyyuu maqaan eenyu…? Maqaankee eenyu?

      Galatoomaa!🙏🏻
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Dr. Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Kitaabni "FAYYAA SAMMUU", gurmuu ogeessota fayyaa sammuutiin kan barraa'edha. Ilaalchota dogoggoraa kan rakkoo sammuu waliin walqabatan irratti hubannoo cimaa kan kennuufi yaalii xinsammuu ta'ee kan  artiin faayamee dhiyaatedha. Kanaafuu, namni Afaan Oromoo dubbisee hubachuu danda'u kamiyyuu yoo kitaabicha argate fayyadamaadha. Of harka galfadhaa!

Namoonni Harariifi naannawwaa ishee irraa kitaabicha barbaaddaan karaa lakk. gadii kanaa argachuu dandeessu. 👉 0928626770

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
@Orobook
#Seenaa_Qaba!

Gaaf tokko namoonni konkolaataa uummataan karaa deemu turan. Isaan keessaa dargaggeessi ganna 24 abbaa isaa waliin ture.
Dargaggeessichi sagalee ol kaasee dubbata. Fuulli isaa gammachuudhaan ifeera. "Abbaa, ilaa! Ilaa mukkeen sun gara booda keenyaatti fiiguu!" jedha karaa foddaa mukeen ala jiran ilaalee. "Argitee ijoollee muka jala taa'an sana?" jedha. Afaan isaa walitti hin qabatu. "Ilaali abbaa! Duumessa sana ilaali; nu waliin fiigaa jira!" jedha sagalee guddaan. Haasaan isaa kan dargaggeessa waggaa 24 hin fakkaatu. Nama sammuun darbe fakkaata. Ni waca. Sagalee gammachuun guddisee haasa'a.
Namoonni gocha mucichaatti aaran obsi isaanii dhume. Abbaa mucichaatiin, "Ilma kee kana maaliif dokteratti hin geessitu?" jedhan. Maraatuu itti fakkaatee.
Abbaan mucichaas, "Geesseeraam! Doktera biraa dhufaa jirra. Mucaan koo dhaloota isaatii eegalee qaro-dhabeessa ture. Amma waldhaanamee fayye. Yeroo jalqabaaf arguu isaati. Kanaaf gammadee akkanatti haasa'a!" jedhee deebiseef.
Namni hundumtuu seenaa mataa isaa qaba. Haala namaa otoo hin hubatiin itti murteessuun gaarii miti. Hamma dandeenyetti wal hubachuu barbaachisa. Wanti baay'een akka nutti fakkaatu miti.
#deemsiittifufa!
Eebbisaa Baay'isaa

@Orobook
Jaallatamoo dubbistoota koo! Nagaan isiniif haa ta'u! Miiltoon yeroo 13ffaa maxxanfamee har'a gabaaf dhi'aatee jira. Namoonni argachuu feetanis ta'e baay'inaan raabsuu barbaaddan lakkoofsota armaan gadii irratti bilbiluu dandeessu.
0911323334/ 0911264890 Aschaaloo
0911105842 Obbo Fiqaaduu
Deemsi itti fufa!
Eebbisaa Baayisaati

@Orobook
2024/09/24 05:25:30
Back to Top
HTML Embed Code: