Telegram Web Link
Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
#YunivarsitiiHaramaayaa

Barattoota Bulleeyyii Digrii Eebbaan Duraa(Digrii jalqabaa) Yuunivarsiitii Haramaayaatti barataa turan hundaaf

Bara barnoota 2016'f barattoonni bulleeyyiin digirii jalqabaa hundi gara mooraatti kan deebitan Fulbaana 18, 2016 ta'uu isin beeksifna.

Guyyaan Galmee 'online' dhaan Fulbaana 18-20, 2016 Kan gaggeeffamu yoo ta'u, haalli baruu fi barsiisu fulbaana 22/2016 ni eegala jedhameera.

Hubachiisa:- Bara 20l5 barattoonni sagantaa fooyya'iinsaan ( #Remedial) Barnoota keessan Yuunivarsiitii Haramaayaatti hordofaa Turtanii qabxii darbiinsaa argattan guyyaan gara mooraaitti Seentan fuldura kan isin beeksifnu ta'u ibsina.

( Toora Registaraa Yunivarsiticha irraa)

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Beeksisa!
(Hagayya 30/2015)

Barattoota manneen barnoota Bultii Addaa seenuuf ulaagaa guuttanii galmooftan hundaaf!

Qormaanni seensa manneen barnoota Bultii Addaa bara 2016 Oromiyaa guutuufi magaalaa Finfinneetti gaafa Qaammee 3, bara 2015 sa'aa 2:30 irraa eegalee ni kennama. Gosti barnootaa qormaattan, Afaan Oromoo, Afaan Ingilizii, Herreegaafi Saayinsii Waliigalaati.

Barattoonni qormaataaf wantoota armaan gadii qabattanii dhiyaachuu qabdu. Isaanis:-
1. Waraqaa eenyummeessa barataa /Admission card/ kutaa 8ffaa;
2. Qubeessaa /pencil/,
3. Haqxuu /Eraser/ qabattanii

Kana malees barattoonni gaafa Qaammee 2, 2015 sa'aa 9:00tti buufata qormaataa itti ramadamtanitti argamuun haala kenniinsa qormaataa /orientation/ akka fudhattan isin beeksisaa, buufanni/giddugalli qormaataa keessan haala armaan gadiin kan maxxanfame ta'uu isin beeksifna.

Tokkummaan Misoomaaf!!
#Reading [#Dubbisuu!]

Reading is the best way to damage our ignorance! So, let us use it as our everyday instrument and weapon!👌

[Dubbisuun karaa filatamaa ittiin dhibaa'ummaa keenya barbadeessinudha. Kanaafuu, meeshaafi gaachana keenya yeroo maraa haagodhannu!]👌

@Orobook
Waggaa haaraa osoon taane ilaalcha haaraatu jijjiirama fida. Waggaa har'a akka jireenyakee jijjirtu waadaa ofiin galtee turte. Garuu yoon si ilaalu iddoodhuma kaleessaa jirta. Akkuma kaleessaatti haasofta. Akkuma waggaa darbeetti yaadda. Kanaafuu ilaalchi kee yoo hin jijjiiramne, barri haaraan siif moofaadha. Bara haaraan nagaa, gammachuu, badhaadhina, jaalala, tokkummaafi bilisummaa hin fidu. Ilaalchi haaraan garuu nagaa, gammachuu, badhaadhina, jaalala, tokkummaafi bilisummaa ni fida!
Of hin goyyomsinaa!

Nagaan oolaa!

© Galataa
Midaa, Oromiyaa, Afrikaa
@Galaakoo
Kun qoosaa miti…

Keessumaa dargaggootniifi shamarran 20’oota keessa jirtan yeroo keessan social media maallaqa keessan nyaatu fayyadamuun keessan erga hin oollee waan bor maallaqa isinii argamsiisu irraa baradhaa! Akka saree maraatuu takka TikTok,takka Facebook, ammoo instagram jechaa galaanja’aa hin oolinaa! Umrii kanatti beekamtii caalaa beekumsa adamsaa! Dhugaa kooti. Fedha keessan adda baasaa, fedha keessan erga adda baastanii hangafootni keessan maal akka jedhan irraa baruuf kitaaba dubbisaa! Nama isin dura jiru qoradhaa! Daandii namoota milkaa’anii foolii fuudhaa! Chaanaliiwwan YouTube barumsa kennan ilaalaa! Skill dabalataa (waan baraaf ta’u) baraa! LinkedIn banadhaa!
Umriin keessan warqee akka ta’e ana caalaa namni isinitti hin himu! ❤️

“Waan Waaqayyo naa kaa’e hin dhabu!”nama jedhee dagalfatee ciisu caalaa waan Waaqayyo isaafii kaa’e kan dhabu hin jiru. Waaqayyo sii kaa’e taanaan itti deemi fudhadhu. Dhibaa’ummaan jalqaba badiinsaati!

Mootii Abbaltii Tufaa

@Orobook
Waan dhiitni yaadaa, booreen taatee kuuse keessaa dhihootti kanin labatichaaf waju, GOOMII. Amma dhihoo kana keessa magaalarraa argattu.

Dabalataan waan yeroo kanatti sirriin barbaachisu, kitaaba Tasfaayee ( Gadaa) Gabra'aab"የቡርቃ ዝምታ" jedhu mata duree KOSA BURQAA jedhuun hiikee kunoo isniif...

Viva Yaasoo Kabbabaa Hordofaa

@Orobook
Quba qabduu?

Torbee Irreechaatti Dhangaalee Aartii ajaa'ibaatu jiru.

~ Fulbaana 19, Galma Tiyaatiraa mana qopheessaa Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Sagantaa Bokkuu Arts kan Mubarek Sultan  qopheesse.

✓ Fulbaana 20 Waaree Aartii + Tiyaatira RAAJANII

✓✓ Fulbaana 21 Agarsiisa Tiyaatira Garlamee

✓✓ Fulbaana 22 Agarsiisa Fiilmii

✓✓ Fulbaana 23 Agarsiisa Tiyaatira SEEDAA SOLANEE kan Daadhii Taammiruu  qopheesse.

✓✓ Fulbaana 24 Agarsiisa Fiilmii

✓✓ Fulbaana 25 Agarsiisa Tiyaatira SEEDAA SOLANEE

Sagantaa Keessan sirreeffadhaa!
Irreecha Milkii!

@Orobook
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️ (Dr.Bulti👨‍⚕️)
Magaalaa Adaamaatti tibbana waan ta'e jedhamee gurra na bu’eedha. Namtichi uqqubii qaba. Uqqubichi qarshii miiliyoona lama. Dabareen isaa gahee uqqubittiin isa geesse.

Akkuma maallaqicha fudhatee guyyoota muraasa buleen lakkoofsa inni hin beeknen itti bilbilanii, "Nuti Shaneedha. Maallaqa miiliyoona tokko fiddu malee sin dhiisnu." jedhanii doorsisan.

Namtichis, gara waajjira poolisii dhaqee waan kana beeksise. Akkam yoon godhe wayya jedhees waliin mari’ate. Poolisoonnis "Tole jechuun iddoo wahiitti beellamiifii nu beeksisi." jedhaniin.

Yeroo jarattiin bilbiltu, akkuma jedhame tole nan fida jedheenii iddoo beellameefii waajjira poolisiittis beeksisee maallaqa qabatee dhaqe. Yeroo inni achi gahu namootni sadi fuula isaanii uffata gurraachaan haguuganii konkolaataa wahii irraa gadi bu’an.

Yeroo kana Poolisoonnis achi gahanii dhoksaadhaan hordofaa jiran. Akkuma jarattiin gadi buutee namtichatti dhihaatteenis poolisiin tokko halaalumaa dhukaasee sadeenuu gombise.

Yeroo namoota ajjeefaman san dhaqanii waan fuularratti haguugatan irraa mulqan, jarattiin Koree qindeessitoota uqqubii keessaa: barreessaa, obboleessa isaatifii ilma isaa tahanii argaman.✍🏾

Wanti irraa baratamu jiraa laata?!

#HawiAnole
@Fayyaa_egeree
[Barreeffamni gadii kun dheeraadha. Ergaan isaa garuu sanaa gad hin dheeratu. Namni dubbise akka baay'ee fayyadamus hin shakku! Mata duree dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabuufi furtuu rakkinoota sadarkaa garagaraatti nu mudatanii qabatee dhiyaateera. Dubbisa gaarii!]

~~~~
"Manni barumsaa dhugaadhumatti addunyaa qabatamaaf ijoollee ni qopheessaa?" jechuun gaaffiidhaan eegalti. Gaaffiin kun anaafuu gaaffiidhaatii, yaadicha ittuma fufeen hordofe. Isheenis ittuma fuftee, "Jabaadhuu dubbisi; qabxii gaariis galmeessi. Yoo kana goote, dalagaa kanfaltii jabaa qabu argatta" jechaanii maatiin ishee gorsaa akka turan himti. Galmi guddaan maatii ishees, isheefi obboleettiin ishee barnoota sadarkaa olaanaa akka argatan ture. Kana keessaanis, carraa guddaa gara milkaa'insaatti isaan geessuu danda'u akka gonfatan amanu. Haaluma kanaan, yuunivarsiitii biyya ishee keessaa sadarkaa qabu tokko irraa digirii ishee gosa barnoota akkaawuntiingiitiin xumurti. Edda xumurtee boodas, kanfaltii olaanaadhaan qacaramuuf yeroo itti hin fudhanne. "Jabaadhuu dubbisi! Qabxii olaanaa galmeessii yuunivarsiitii filatamaa gali. Qabxii gaariin bahiis bakka kanfaltii olaanaa argattutti qacaramii hojjedhu!" jechaa maatiin ishee kan gorsaa turan tokko hin dhiifne. Gorsa maatii ishee hojiirra oolchuun nama milkaa'e fakkaachuu dandeessi. Garuu waan hir'ateefi sirrachuun irra jiru baay'ee akka ishee hafee ture lafa keessi. Kana gara boodaatti itti deebina.

"Abbaan warraa kiyya Mikaa'elis deemsi isaa akkuma kankoo kanaa ture" jetti itti fuftee. Dhugaan jirus kanuma! Faanuma tokko jiru. Innis akkuma ishee kana nama jabaatee hojjetudha. Nama badhaasaan digirii isaa yuunivarsiitii irraa xumuredha. Jalqaba irratti injiineriingiidhaan kan hojjete yoo ta'u; itti aanseemmoo, barnoota seeraan xumure. Digirii si'a lama jechuudha! Kanaan booda, "Washington D.C"-tti abbaa seeraa ta'ee hojjechuu eegale. Dafee hojii kan eegaleefi nama bakka olaanaatiis hojii argate ta'e. Kana keessaanis fuuldurri isaa ifaa kan fakkaatedha. Innis gorsa maatii isaa fiixaan baasuu hin hafne. "Jabaadhu! Baradhuus xumuri. Sanaan booda, bakka jabaafi waan jabaan qacaramii dalagi!" Akkana namaan jedhu mitiiree maatiin baay'een? Kanarraa waan fagaate miti. Anis keessatti of ilaaluu hin dhiifne. Atis carraa kanatti fayyadamtee of gaafachuu mee yaali. Kana garuu ittuma fufnee haa ilaallu!

"Aniifi abbaan warraankoo dalagaa keenyaan waan  milkoofnee taanullee, akka eegne ta'uu hin dandeenye. Haala mijataa barbaachaaf bakka dalagaa si'a hedduu jijjiirre. Jireenyi keenyas kan ammaarra darbee kan gara fuulduraaf wabii waan qabu fakkaachuu dide. Wabiin yeroo sooroma baanuu nutti argamaa hin jiru." Jetti, haati warraa Mikaa'el. Hojiin isaanii kun, harkaa gara afaanii ta'uurra darbee wabii gara fuulduraa akka hin qabne kaafti. Kan hundumarra bitaa itti galaa jirummoo, ijoollee ishees akkuma dura gorfamaa guddatte kanatti gorsaa jiraachuu isheeti. Osooma kanaan jirtuu, gaaf-tokko ilmi ishee gara ishee dhufa. Miira dubbisaan dadhabeefi mukaa'een akkana jedhaanii; "Maaliif barnoota jireenyakoo qabatamaaf naan qopheessineefi naan taanetti yerookoo gubaa? Maaliifan callisee itti dadhabaa?" Yeroo kana, deebiima deebisuufiif waan qabduuf qofa, osoo itti hin yaadiin akkana jettiin; "Yoo qabxii gaarii argachuu baatte, carraa yuunivarsiitii dhabda." Dubbattee osoo afaan ishee irraa hinfixiin, "Yuunivarsiitii deemes deemuu baadhes, ani sooressa nan ta'a" jedhee deebisaaf. Naasuun ishee ittuma fufe! Waan ilmishee jedhe qofaaf osoo hintaane, waan dura of gaafachaa turtes itti dabalamee akka irra caalaa naatu godhe. Ammallee callisuu waan hinqabneef, "Koollejjii yookaan yuunivarsiitii deemuu yoo baatte, hojii gaarii hin argattu. Hojii hin argattu taanaan immoo akkamitti qabeenya horachuu dandeessa?" jettee gaaffii isaa gaaffiin mataa marti. Gurbaan deebii kanatti hinquufne. Ittuma fufee, " Harmee! Mee addunyaa qabatamaa kana ilaali. Abbootiin qabeenyaa beekamoon addunyaa kanaa waan barataniif miti kan qabeenya horatan. Mee Mikaa'el Jordaaniifi Maadoonnaa ilaali. Biil Geetillee fudhachuu dandeessa.
Harvaard irraa adda kutee deebi'e. Garuu "Microsoft" argate. Inni abbaa qabeeyaa akkamii akka ta'e ni beekta. Taphatoota garagaraa ilaali. Barnootaan akkam akka isaan rakkatan sitti himuu hin barbaachisu. Garuu galiin isaanii waggaa doolaara miiliyoona hedduudha." Yeroo akkana jedhuun, harmeen isaa callisuu irraan kan hafe carraa biraa hin arganne. Lamaan isaanii jidduuttis callisatu haboo godhate, yeroof. Addunyaan duraa yookaan moofaa jijjiiramtus, garuu gorsi ishee akka hin jijjiiramiin jiru yaaduutti kaate. Barnoota gaarii argachuufi qabxii gaarii galmeessuu qofaan galmaan akka nama hin geenye ilmi ishee hubatee akka jirus yaaduu itti fufte.

"Ani, akkakeefi akka abbaakoo kanatti jabaadhees hojjechuu hin barbaadu. Qarshii hedduu argattani. Mana guddaa keessa jiraattani. Mana keessanis wantota garagaraan kuullattani. Yoo gorsa keessan qofaa duukaa bu'e kankoos hireen kanumadha. Hireen keessan taaksii kanfaluufi liqeeffachuu irraa hin siqne. Wabii hojiis hin qabdani. Eebbifamtoonni bara keenyaammoo akkuma keessanillee miti. Kanfaltiin kan keessaniin gadi. Doktaarota hedduu mee ilaali. Hamma dadhabaniifi itti fayyadaman hin argatan. Warri kaanis hubannaan ilaali. Wal hin argu! Kanaafuu waan wabii naaf taanetti of gatuu hinqabu. Wabii jireenyaa yookaan yeroon sooroma bahuu naaf hinqabu, waan kun. Deebii moofaa osoo hintaane, haaraan sirraa barbaada harmee!" jedhaanii ammallee, gurbaan. Harmeen isaas deebii quubsaa dhabduufiillee, gaaffii sirrii ta'uu isaa ni beekti. Deebii sirrii akka deebisaafii hin jirres hubattee jirti. Akka akkas ta'es ni dubbatti. Gorsi amma isheen gorsaa jirtus kan waggoota hedduun dura fayyaduu danda'u malee, amma akka hin fayyadne haalaan galeefii jira. Amma akka duraa sana ija jabaattee; "Mana barumsaa deemi. Qabxii gaarii galmeessii bahii hojii gaarii argadhu!" jechuu qofaaf haamilee godhachaa hin jirtu. Irruma dabarteeyyuu "Deebii haaraa deebisuufin qaba ture" jettee hamma of ceepha'uutti geesse. Ceephoon ishee ittuma fufe; "Akka harmee tokkooti....akka akkawuntaantii tokkoottis, ijoollonni keenya barboota galiin wal qabatu dhabuun isaanii na yaachisaa jira. Dargaggooni bara kanaa biroon hedduun isaanii, osoo barnoota sadarkaa 2ffaa hin xumuriin, waan kana quba qabu. Kana hunda mana barnootaatti akka hin baranne nan beeka. Osoo beekumsa waa'ee qarshiifi akkamitti akka qarshiin akka hojjetu hin qabaatiin, ijoolleenkoo, akkamitti addunyaa qabatamaaf qophaa'uree?" Gaaffii irratti gaaffii! Sirriis ta'us ta'uu baatus gaaffii ilmi ishee, ishee gaafachaa tureef deebii  kennuu dhiisuu baattullee, ofiif garuu deebii xiqqooyyuu dhabde. Of gowwoosuun baay'ee ulfaata!

Guyyaa tokko bilbilatu bilbilamaafi. Abbaa warraa ishee, Mikaa'elidha. Sagalee gammachuu wayii dhagahuuf jirti. "Nama tokko ati wal arguu qabdu tokkon arge" jedhaanii. "Maqaan isaa Roobert Koyaasaakiidha. Nama dhimma galiifi diinagdee irratti hubanna addaa qabudha. Ana bira jira. Namni kun nama ati barbaaddu ta'uu hin shakku," jedha itti fufee. Isheenis ni deemte. Dhuguma namuma barbaaddus ture. Yaadota haaraa barbaadaa turte argatte. Deebii gaaffii ilma ishee argachuu isheettis baay'ee gammadde. Mucayyoo ishee tokkos gara leenjii kanaatti affeerte. Isaanirra darbee, namoonni biroonis itti hirmaachuu eegalani. Gareedhaan wal hiranii leenjiicha fudhachaa turani. Roobert Koyaasaakiinis bifa tapha (game)-tiin isaan barsiisuu itti fufe. Yaada addaa argatani. Deebii haaraa argatan kanattis gammachuun isaanii guddaa ta'e.

Dhuma irratti, haati mana Mikaa'el, Roobert Koyaasaakiitiin akkana jetti; "Waan nu hubachiifte kana akkamiin namni biraan waan kana hin hubanne haa hubatu? Karaa salphaan ittiin maatiin kana hubatanii ijoollee isaanii hubachiisaan ni jiraa?" "Kana irrati kitaaba barreesseen jira!" jedha Roobert. "Eessa jiraree?" jetti. "Koompiiterakoo keessa" jedhaan. Akka osoo hin maxxaniin waggaa hedduu tures itti hima. Kitaabni akkanaa hammam akka barbaachisu hubachuuf yeroo waan itti fudhanneef, isa gargaatee akka fiixaan baaftu walii galani. Maxxanee hawaasa bal'aa gahes! Kitaabichis egaa "RICH DAD, POOR DAD" kan jedhudha.
Barreessaan Roobert Koyaasaakiidha. Dhugaa dhumatti, gaaffii armaan dura ka'aa tureefi kanneen biroof deebii quubsaa qaba. Garaagarummaa hojjetaafi hojjechiisaa jidduu jiru isa sirrii lafa kaa'a. Sooressi maaliif akka soorome, hiyyeessi maaliif akka hiyyoome suura kaasee namaa ibsa. Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa.

"Abbaa laman qaba!" jechuun eegala, barreessichi karaa kitaaba isaa kanaa (RICH DAD, POOR DAD). 'Ajaa'iba! Abbaa lama irraa dhalatuu?' jechaan dubbisuu itti fufe. Innis hin dhaabne, ittuma fufa. Abbaan isaa inni tokko sooressa, inni biraan immoo hiyyeessa akka ta'etti hima. Abbaan isaa inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaan isaa inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha. Lamaanuu hojii isaaniitti cimoofi milkaa'oo ta'uun immoo wal isaan fakkeessa. Garuu inni tokko rakkoo maallaqaan mudatama, inni biraan immoo nama sooressa beekamaa ganda isaaniiti. Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan maatii, mana waaqeffannaa isaafi gargaarsa biraaf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu dhiiseefii du'e. Inni kun, isa hiyyummaa dhala isaa dhaalchisee du'edha.

Akkuma sila jenne, lamaanuu jaboofi dhiibbaa uumtotadha. Lamaan isaanii ni gorsuunii; garuu waan wal fakkaataan isa hin gorsani. Namoonni kun lamaanuu haalaan barnootatti amanu. Garuu, kenninsa barnoota wal fakkaataa hin gorsaniin. Inni tokko, "Jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami!" yoo jedhu, inni biraan immoo, "Jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu!" jedhaani.

"Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" Akkanaan abbaa lama qabaachuu isaaf waan itti dhagaahamu ibsata. Yaada faallaa qabaachuun abboota isaan lamaan kanaa akkuma itti fufetti. Fakkeenyaaf: Inni tokko, "Jaalalli qarshii hundee jal'inaati!" jedha; inni biraan immoo, "Dhabinsi qarshii madda jal'inaati!" jedha.

●Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera. Akkuma jara olii kana, gaaffii hedduuf akka deebii argattan hin shakku. Yaadichi mata duree guddaafi dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabu ta'uu eddan hubadhee booda, siniif qooduun filadhe. Dubbisaa!


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa.

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
                  
@Orobook
"Lafti waan facaasan deebitee magarsiti" jedhama, mitiree?

Ani kufaatii gama barnootaan biyya kana mudateef sababoonni gurguddoon sadan kun ijoodha jedheen amana.
1. Barataan seeran hin dubbisne, jechuunis itti gaafatamummaa isaa gita isarraa eegamuun hin baane. Kanaafuu, qabxii inni hin hojjanne namni biraa hojjatteefii bakka buusuu hin danda'u! Hin facaafne waan ta'eef, hammachuu hin danda'amu!
2. Barsiisaan barataa seeran hin barsiisne. Erga hin barsiisne immoo, 'barataankoo maaf qabxii hin fidne' jedhee irraa eeguun hin barbaachisu. Nuti duratti, gaafa barsiisaa daandiirratti argine, daandii gad-dhiifnaaf. Kan ammaa garuu, waamee 'puulii'fi 'daamaa' waliin taphata. Kan waliin mana dhugaatiifi jimaa (Caatii) oolus hedduuma. Kanaafuu, Barsiisanis hin facaafne waan ta'eef, haammachuudhaa waan eeggatu hin qabu.
3. Mootummaan barsiisaadhaaf mindaa qixa dadhabii isaa hin kanfalleef. Dhugummatti yoo dubbanne, Barsiisonni iddoo tokko tokkorraa jiran sadarkaa wantoota bu'uura jireenya waan ittiin guuttatan dhabuurran kan ka'e hanga deebii qormaataa baasanii barattootatti gurgurachuurra gahetu jira. Kana jechuun ammoo, barsiisan gaaffii ofumaa baasee ofumaan deebisaa ture jechuudha. Kanaafuu, barataan gaaffiilee qormaata biyyoolessaarratti dhufan kanaan wal hin beeku. Qaala'insa jireenyaa kana fakkaatu keessatti, nama tokkon qarshii 3000 ykn 4000 n ji'a tokko jiraadhu jechuun waan ulfaatudha.
Dabalataan ammoo, mootummaan humna baratee biyya kana keessa jiruuf gatii (Value) isaaf malu kennuufii dhabuun, sirni barnootichaa akka bifa barbaachisuun hin deemne taasise. Yoon jedhu, yeroo kanatti hangi barattoota Yuunibarsiitii irraa bahanii gara dalagatti galanii baay'ee xiqqaachaa dhufuurraan kan ka'e, hojii dhabdummaan gar-malee akka babal'atu taasisee jira. Kunimmoo, haamilee barattootaas ta'ee kan maatii akka buuse waan wal nu mormisiisu miti.
Kanaafuu, Mootummaanis waan isarraa eegamu hin bahanne waan ta'eef barsiisattis ta'ee barataatti quba qabuun gaarii natti hin fakkaatu.
Walumaagalatti, kufaattin hangi kun waan salphaa miti. Generation gap guddaa uumuu danda'a jedheen amana. Kanaafuu, warrumti kufaatii kanaaf sababa ta'an itti gaafatamummaa fudhatanii gara fuulduraaf sirreessuu yaaluun furtuu rakkichaati jedheen amana.

#If u agree with my idea, you can share for whom it may concern!

Galatooma!🙏🏻

Via Abdii Addunyaa

@Orobook
#Ofitti_hirkadhu!
Qaama alaa osoo eegduu akka sitti hin barfanne! Namni itti darbee jireenyakee akka siif jiraatuuf kaa'ame tokko hin jiru. Dirqamakee siif bahuuf kan ramadames hin jiraatu. Kan of oolchuufi of jiraachisuu danda'u suma mataakeeti. Kanaafuu, ciniinnadhuu seenaa mataakeetii galmeeffadhu. Yoos goota dhuunfaakeetii taata. Eeyyen, qaama alaa eeguutti yerookee akka hin balleessine!

Galatoomaa!🙏🏻

Ofitti hirkadhu!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#SIRNA_EEBBA_KITAABAA
(#TATTAAFFII)

Barreessaan: Shuumii Abarraa

Kitaabichi Dilbata boruu (04/02/2016), Gimbii, Bulchiinsa Magaalaa Gimbiitti, eebbifamuuf jira. Affeerraan hundaaf ta'eera. Argamnee haa eebbifannu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Aartistii #Halloo_Daawwee, gootittii onneen sibiilaa, qabsooftuu bara hundaa, qaanqee baha biiftuu! Nagaan boqodhu!

Boollakee daadhiin haa guutu!😭
2024/09/24 21:26:25
Back to Top
HTML Embed Code: