Telegram Web Link
Adaraa dubbisaa waliif qoodaa🙏
Qabsoo Taasisaa beektuu? Sabboontuu intala Oromoo, kan gaafa rakkoo waamicha tokkoon birmattu, Mindaa xiqqoo argattutti liqeeffattee isa dhabeef gumaachitu, kan sagalee barbaaduuf sagalee taatudha. an qaamaan ishee argee beekuullee baadhu, bakka deeggarsa jedhamee waamamu maratti maqaa ishee dhabee hin beeku.

Har'a isheen eessa jirti? Sa'aatii kana maalirra jirti? namni quba qabu jiraa?

Qabsoon harmeen ishee erga jalaa dhukkubsatanii baatii 5 oli. Yeroo hanga kana kophaa ishee waliin rakkachaa turte. waan hojjattee fi if harkaa qabdu mara dhukkuba harmee ishee kana baruu osoo hospitaalatti deddeebistuu of harkaa fixxe. kan qabdu fixxee, fuulduratti hojjattee deebisuuf liqeeffattee erga namni ishee nuffee booda harmeen ishee bu'aa #City_Scan tiin "Kaanserii sammuu qabu. Yaalii kanaaf qarshii 500,000 ol isaan barbaachisa" jedhaniin. Hanga kaffaltii kana raawwattutti Siree illee siif hin kenninu jedhanii guyyaa guyyaan konkolaataa kontiraataan deddeebisaa jirti. amma inumaa sanayyuu dhabdee Teessoo Hospitaalaa irratti harmee ishee hirkistee taa'aa jirti. Sa'aatii amma ati kana dubbisaa jirtutti jechuudha.

Qabsoon kaleessa nama namaaf hiixataa turtedha. har'a gaafa rakkoon humnaa olii itti dhufu illee gargaarsa nama gaafachuu qaanfattee, sodaattee callistee boo'aa jirti. nama of biraa hin qabdu. akkam wayya gargaarsa siif gaafannuu jennaan hin fedhu naan jette. "osoo nuti jirruu sababa ati kabaja keef ykn maqaa kee eeggachuuf jecha deeggarsa gaafachuu qaanfatte harmee keenya lubbuun haa darbuuree? Harmee kee dhabuu barbaaddaa?" jennaan gonkumaa jette. "Filannoo biraahoo qabdaa?" jedheen gaafadhe. " Hin qabu" naan jette. Filannoon jiru kanuma qofadha akkan tilmaamutti.

Kanaafuu hiriyoonni ishee kanaan dura itti dhiyaattanis kan miidiyaarratti beektanis rakkoo ishee kana gaafadhaa. Hospitaala Xiqur Ambessaa deemuu warri dandeessan deemaa abshir jedhaanii. Namoonni kaan immoo Garee wayii hidhaa, akkaawuntii ishee irraa fuudhaa, rakkina isheef fala barbaadna. Lubbuu harmee ishee du'arraa baraarra. Namoonni Hospitaala Xiqur Ambassaa keessa hojjattan ykn nama achi hojjatu beektan immoo hanga qarshii kana argattutti bakka ciisichaa harmeen ishee irratti hirkatan akka haala mijeessaniif deeggaraa!

Qabsoo koo.. Yeroo wal fakkaataatti rakkoo wal fakkaataa keessa jiraannullee, kan keetu rakkoo kootii oli. Dabalataan an dhiiradha. Dubbadhee hubachiisuu, ija jabina si caalan qaba. ati garuu rakkookee ibsachuufuu sitti ulfaatee imimmaaniin if tasgabbeessita. Jajjabaadhu haadhooko. Dhufeellee si gaafachuu baadhu hanguman danda'e yaadaanis si waliinan jira. Rakkoo Keessa ni dabarra. Harmee keenyas gargaarsa Rabbii fi Obboleeyyan keetiin ni fayyifanna! Yeroo ati itti gammaddee kolfitu dhiyoodha jabduukoo abshir!

Lakk Akkaawuntii - 1000025480337 Baankii hojii gamtaa

Via Alex Taye
Galatoomaa!🙏🏻


@Orobook
Yeroo baay'ee miidiyaa hawaasaa kanarratti, dhibee sammuu addatti namni tokko qabu akka amala addaatti ol kaafnee yeroo irratti haasofnu, qoofnuufi maqaa itti baafnutu argama. Dhugaasaa yoo ilaalle garuu, namni tokko jaallatee namarraa adda of hin godhu. Waatu duuba jira!

Waa malee hin kaafne! Namni suura olii irratti argamu kun, umuriin waggaa 71 jedhu.  Hanga yoonaa, saala faallaa irraa kan of lageefi dhalaa akka hin beeknetti gabaafamaa jira. Ta'uu danda'a! Namni kun garuu, jaallatee miti. Sababa mataasaa danda'e qaba. Sana keessaa kan hangafaa, rakkoo sodaa saala faallaa yookaan sodaa saal-quunnamtii saalaati. Dhibeen kun, 'gynophobia' jedhamee beekama. Gynophobia! Gynophobia is defined as an intense and irrational fear of women. It may be characterized as a form of specific phobia. Sodaa jabaafi sababaan ol ta'edha. Kanaafuu, irraa fagaatee yookaan dhokatee jiraachuu filata.
Dhibeen kun, sababoota garagaraan dhufuu kan danda'u yoo ta'u, yaala ogeessa saal-quunnamtii saalaafi ogeessa yaala sammuu kan barbaadudha. Kanaafuu, waan ittiin qoofamu yookaan ajandaa ta'u osoo hin taane, waan yaalchifamuufi yaalamuu qabudha!

    Galatoomaa!🙏🏻

Abdiisaa Ejjetaa (Barataa Doktareetii fayyaa)

@Orobook
Forwarded from Gola Oromootaa Official Channel (Olbana Chala+)
Ilaalcha gaarii.....

Eenyummaan kee uumaa keen gaditti harka kee jira. Eenyu illee si irraa fudhachuu yookiin jijjiiruu hin danda'u. Kan ati nama biraaf gochuu hin dandeenyes eenyummaa isaa jijjiiruudha. Kanaaf inni dursu waa'ee mataa keenyaati. Kan nuyi namoota dhuunfaa bira darbinee biyya keenya jijjiiruu dandeenyu yoo dursa ofii keenya jijjiiruu dandeenyedha. Kunis hojii gaarii yoo dalagneefi ilaalchaa gaarii qabaachuudhaani. Ilaalchi gaariin kan nuyi ofiif qabnu, kan nuyi namoota biraaf qabnuun garaagarummaa hin qabaatu. Kunis kan mataa isaaf waan gaarii yaadu nama biraafis gaarii yaaduun itti waan hin ulfaanneefi. Garuu hanga ilaalcha gaarii ofiif hin qabaannetti milkaa'insi hin jiru. Namoota biraafis gaarummaa hin qabaannu. Kanaaf ilaalcha gaarii ofiif qabaadhu!

Imalli keenya ittuma fufa!

Olbaanaa Caalaa Hirphasaati.

@share 🙏

@golaorobook
"Kitaaba 7ffaa koo kan ta’e Durammaan, Kitaaba Qorannoofi Qo’annoo irratti hundaa’ee qophaa’edha. Kitaaba safuuti. Rakkoolee gama safuutiin mul’atuuf, fala kan akeeku kitaaba guddaadha!
Dhiyootti uummataaf nidhiyaata."

Via Falamataa Taarraqany Cimdii
  

     Anaa dhufu jennaan!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
#Hinaariin, asoosama seenaa dhugaa irratti hundaa'e kan ta'e, kitaaba dhaamsa bal'aa of keessatti qabatedha. Yeroon gulaale haalaan argeera. Addumaan, obboloota keenya sababa garagaraaf gara biyyoota hambaa jiraniifi deemuuf yaadaa qabaniif ergaa addaa qabatee jira. Muuxannoofi mudannoo argaafi dhageettiin kan faayamedha. Dhugaatti, bu'aa ba'ii jiruu biyya ormaa danda'anii gumaacha akkanaa qabatanii dhufuun waan salphaa miti. Zamzam Huseen Dammuu, gumaachakeef galatoomi osoo hin jedhiin hin darbu. Dubbiftoonni immoo, simannaa addaan irraa haa qeeballu!
Anaa dhufu jennaan!
Galatoomaa!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
"Kabajamoof jaallatamoo jaallattoota walaloo kooti hundi keessan akkam jirtu ?

Ani ilmi keessan nagaadha, ta'us guutuu guutuutti gammachuu hin qabu. Sababni isaas waanumti qe'ee keenya mudatee jiru kunuu walqixa nu dhukkuba waan ta'eef isiniif gala.

Ammaan Album CD walaloo tokkoof kitaaba tokko uummata biraan ga'een ture. Isinuu quba qabdu. Walaloowwan hedduu suur-sagaleetiinis isin biraan ga'aa tureera.

Tibba darbe immoo walaloo gabaabaa SOOLANEE jedhuun foddaa Mo'aa Tv fi OBN Tv irratti na argitanii Soolaneen eenyu, eessa jirtiidhaan na gaafachaa turtan.

Egaa, animmoo gaaffii keessan deebisuudhaaf galgala walaloo SOOLANEE ( SOOLANEE POEM NIGHT ) jedhu qabadhee isiniif dhufeera.

Guyyaan qophii kootiis, Onkoloolessa 18, 2016 ( torbee dilbata dhufuutti).

Bakki sagantaan kootiis, Magaalaa Naqamtee Galma Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Naqamteetti. Naannoo Jiituu jechuudha. "

Wal agarra!
Badhaasaa Darajjee ti. NAQAMTEE

~~~
Hundinuu affeeramneerra!
Milkiin gali jennaanis!

@Orobook
Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaa, badhaasa olaanaa saayintistootaaf US keessatti kennamu -  Medaaliyaa Biyyaalessaa Saayinsii [National Medal of Science] badhaafaman.

Jabaa keenyaan baga gammaddani jennaan! CONGRATULATIONS!😍

@Orobook
"#Qajeelfamootaa_fi_Humna_Mul'ataa
Maxxanfamee gabaatti deebi'eera. Warri rabsitan nu qunnamaa.
#deemsiittifufa!" Barreessaa Eebbisaa Baayisaa


@Orobook
#Sirna_Eebba_Kitaabaa
(#Dhaamsa_Xiiqii)

"Gaafa guyyaa 24/02/2016 sa'aa 4:00 irraa eegalee Magaalaa Gudar, Galma Gidduu Gala Dargaggoofi  Ispoortii/Dirree Ammas-Qalaa Gudaritti haala ho'aan eebbifama. Waliif
qoodaa - irraa hin hafnu naan jedhaa!" Fayyisaa Taayyee Hirphasaa, barreessicha.

Hundinuu affeeramneerra. Haa eebbifannu!

@Orobook
#Affeerraa_Eebba_Kitaabaa
(#Gadadoo_Mana_Hidhaa)

"Sabni Oromoo fagoo dhiyoo, firaafi aantii Aartii Oromoo taatan, guyyaan eebba kitaaba kanaa, Sadaasa gaafa 16/03/2016'aati. Kitaabni kun tumsaafi deeggarsa Oromoota Oromummaa isaanii beekaniin fiixaan waan ba'eef, warri hirmaattuu dhangaa Aartii eebba kitaaba kanaa ta'uuf, fedhaafi jaalala qabdan, gamanumaan sagantaa keessan akka qindeeffattaniifi hirmaattuu sagantichaa akka taatan, jaalala, kabajaafi dhiyaana maaddii dhangaa Aartiitiin qabnee, waamicha isiniif dhiyeessina.

Kan eebbifamu Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee, Galma Hoteela Faarmilaandittidha. Sagantichi waaree booda sa'aa 7:00tti kan eegalu ta'a." Gammadaa Darajjee Dheeressaa, barreessicha

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Yennaa yaadikoo fagaate
Utuman si bira jiruu
Maal natti aare maal mufate
Lakki naan hin jedhin tiruu
Homaa si ooduu koo miti
Akka carraa yoon callise
Utumati natti haasoftuu
Deebii siif kennuu yoon dhiise

Yeroo sana iddoo meeqaa
Gosti yaadaa yaa'ee dhufee
Gurran alaa ittiin dhaga'u
Bitaaf mirgaa natti cufee
Achi utaalee as utaalee
Waliin mormee mormii jabaa
Sammuu koo keessa naanna'ee
Waliin falma waliin qaba

Inni tokko, wanta sana akkas yoo goone
Waan sunimmoo kana ta'e
Inni suni gadi bu'ee
Inni kuni yoo olba'ee
Jireenyi kee kun mijatee
Har'uma walqixxee ta'ee
Tasa hin shakkin na amani
Jedhee falma lafaa ka'ee

Kan biraammoo fiigaa dhufee
lafa dhiitaa
Utuun jiruu maal dubbatta
maal haasofta
Jedhee falma isa sanaan
kokkee qabee
Karoorasaa tokko lamaan gadtarreessuu
dur jalqabe

Malee wanta biraa miti
Na dhageessaa yaa namana
Hamaa garaa keessa kaa'ee
Lakki hin qabu jibba namaa
Jiruu koofan bu'ee ba'a
Sagal kufeen sagal ka'a
Hamman galma koo ga'utti
Maalan rafa maalan taa'a!

Fiixuma Kennasaa

@Orobook
#Ofirraa_haa_eegallu
Rabbi dhala namaa kana tokkumatti beeka. Tokkumas! Israa'el ofitti aanfatee palastaayiin ofirraa hin dhiibu, akkanuma palastaayin ofitti dhiyeessee Israa'el ofirraa hin fageessine. Nuti dhalli namaa garuu, maaliif lubbuu rabbi wal qixxeessee uumeefi wal qixa jaallatu adda akka hirree ilaallu, akkanuma maaliif waan nu ilaallaturra waan nu hin ilaallanne borcuu akka filannu naaf hin galu. Osoo isa gola keenya keessaa babbadaa jiruutti xiyyeeffannee nurraa tola ture. Nama baay'ee waanan argeefan jedhe! Nama osoo asii qomoonsaa dhumaa jiru, abbaafi haatisaa ijasaa duratti irbaata rasaasaa ta'uu arguu, manniifi qabeenyi maatiisaa diinaan jalaa barbadaa'uu kan hin dubbannetu dhimma Israa'eliifi Palastaayiin ajandaa dhuunfaasaa godhatee olii gad fiiga. Safuudha!

Amantaan nama addaan hirii jaalladhu, addaan qoodiis boo'iif siin jedhu sun maaluma garuu! Amantaan namummaa awwaalee ofittummaafi qooddee hin dagaagsu. Dhugaadha, nama rabbi wal qixxeessee uume dabaan hin hiriin. Adda qooddee hin boo'iin, adda qooddee hin jibbiin! Waan hundumaarra immoo waan si ilaallatu irratti xiyyeeffadhu,..
yoo dhageesseef!

Mee ofirraa haa eegallu!

Yoon irraa gore na ofkolchaa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️ (Dr.Bulti👨‍⚕️)
Doktara koo show !
Kanaan dura Dr. Nafyad Getu Dugasa gama miidiyaa hawaasummaan odeeffannoo fayyaa isiniif Kennaa turuun isaa ni beekama!
Amma immoo Odeeffannoofi barnoota fayyaa karaa Etv Afaan Oromoo isin biraan gahuuf qophii hunda xumureera!

Yeroo dhiyootti nu eegaa!

@Fayyaa_egeree
QAR-LAMEE SAMMUU KEESSAA
Qar-lameen qarri isaa lama. Duubaafi fuulduraan yookan cina lamaan bitaafi mirgaan qara qaba. Gar-lamaanittuu ni mura. Garuu gara tokkoon muree yoo wal qixxeesse, gara biraan immoo kutee balleessa. Akkuma qarrisaa lamaan bakkaan garagaraa, dalagaan isaaniis akkanuma. Kan karaa tokkoo sararee yoo bareeche,  kan karaa biraa immoo kukkutee balleessa. Eeyyeen, namaa tolu nama tolcha, namaa badu nama balleessa. Akkana qar-lameen! Itti fayyadamnan nama fayyada, fayyadama wallaallaan nama miidha.
Kanaaf fakkeenya biraa barbaaduu hin dhaqnu. Wanuma faayidaa qabu tokko, itti fayyadama isaa wallaaluun yeroo nama miidhu yaadaan qabachuu qofaan gahaadha. Waanuma dura hawwatutu namatti diina lubbuu ta'a.  Isuma dura gara ofii goree gaara nama baasutu ba'aa namatti ta'a. Akkataa itti fayyadamaa irratti hundaa'uun, akka lamaan namaaf dhaabata. Qar- lamee!

Waa malee hinkaafne. Humna sammuun yaadadhe. Ittiin ijaarraan of ijaaruu irra darbee biyya ijaara. Faallaa kanaammoo, itti fayyadamuu dhiifnaan yookaan akkan taane fayyadamnaan namaafi mana diiga.
Wanti fedheyyuu akka fedhetti haadubbatamuu, akka abbaan hiikkatutti hiikama.  Karaa yaraafi nama sana miidhuun hiikamuu ni danda'a. Akkanuma, karaa ijaarsaa nama fayyaduufi irraa barachuun danda'amuunis sammuun hiikkachuu ni danda'a. Kana hundaaf bu'uurri ilaalcha sirreeffachuudha. Ilaalchi immoo bu'aa shaakala sammuuti malee, kan dhalootaan namaaf kennamu miti. Namni tokko lolaaf manaa bahee waan lama yaaduu danda'a. Mo'uufi mo'atamuu! Bakka kanatti akka mo'amu yaada keessaa qabachuun, mo'amuu nama kanaa keessatti gahee leencaa qaba. "Nan mo'a....hin mo'u!" Jedhee mana bahuun, mo'uufi mo'amuu nama kanaaf hangana gahee qaba edda ta'ee, nan mo'aa jechuu maaltu jalaa dhokse? Isa kana dubbichi, 'nan mo'aa’ fi ‘hin mo'uun' filannoo lama keessaa tokkoo isaa filatamudha. Tokkoo isaa ofitti aanfachuun filannoo abbaati. Mo'uufi mo'amuun garuu bu'aa filannooti. Filannoo gaariitti ifaajni dabalamnaan, waanti hin taaneefi hin jiru. Filannoon immoo kan abbaati!

QAR-LAMEE SAMMUU KEESSAA
     Galatoomaa!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
     Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️ (Dr.Bulti👨‍⚕️)
Har’a waa’ee qoricha VIAGRA (SILDENAFIL) jedhamuu sinii barreessa.
Maaliif oola?
Miidhaa akkamii qaba?
Eenyufaatu fudhachuu hin qabu?
******
Qorichi kun dhibeewwan biroo yaaluufis haa oolu malee biyya keenya keessatti baay’inaan dhiirota DHIBEE KA'UU DADHABUU QAAMA SAALAA QABAN yaaluuf kan oolu dha.

Qoricha kana karaa ajaja hakiimaa (prescription) fi kallattiin faarmaasii irraa namootni gaafatanii bitachuun (as over the counter medication) namoonni ni argatu.
********
MIIDHAA CINAA (SIDE EFFECTS)
Qorichi kun akkuma faayidaa qabu miidhaa cinaa (side effect) ni qaba.
Side effectiin Viagra bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya. Inni jalqabaa side effectoota yeroo hedduu mul’atan garuu lubbuu dabarsuuf sodaachisoo hin taane (common side effects) dha. Inni lammaffaa dide effectoota darbee darbee qofa mul’atan garuu baay’ee serious ta’an dha.

Mallattoo side effect yeroo hedduu mul’atan:
• Qaama ho’isuu (flushing (warmth, redness, or tingly feeling);
• Mataa dhukkubbii
• Iji ofii sirriitti laaluu dadhabuu
• Funyaaniin dhangala’aan ba’uu
• Hirriba dhabuu
• Dhukkubbii maashaaf dugdaa
• Dhukkubbii garaachaa

Mallattoolee side effect baay’ee serious ta’an: (namoonni qoricha kana fudhatanii mallattoo kana ofirratti argan hatattamaan mana yaalaa deemuu qabu)
• Dhukkubbii laphee gama bitaa kan gara mangaagaa gama sanii fi irreetti achi ce’u, keessumaa miira oldeebisaa fi dafqa cimaa waliin yoo ta’e (mallattoowwan kun mallattoo tasa dadhabuu onnee (heart attack) dha.)
• Tasa iji arguu dhaabuu (sudden loss of vision)
• Qaamni saalaa ka’e sun yoo dhukkube akkasumas yoo baay’ee ka’ee ture (sa'aa 4 ol) (prolonged erection can damage the penis).
• Gurra keessa namatti iyyuu, gurri dhaga’uu dhaabuu
• Dha’annaan onnee toora eeguu dhiisee wal walirratti dha’achuu (irregular heartbeat)
• Afuurri cituu
• Gaggabdoo
• Lafaan martoo
*******
NAMOOTA QORICHA KANA FUDHACHUU HIN QABNE (CONTRAINDICATIONS):
Namootni qoricha kana akka fudhachuu hin qabne:
• Qoricha kanaaf alarjii qaban
• Sababa biroof qoricha gosaan ‘nitrates’ jedhaman fudhatan
• Dhibee onnee cimaa kanneen qaban
• Kanneen dhiibbaa dhiigaa gad bu’aa (90/60 mmHg gadi) qaban.
• Namoota dhibee dhiigaa akka sickle cell anaemia fi kaanserii dhiigaa qaban.
• Madaa garaachaa kan qaban
• Dhibee garmalee dhiiguu (haemophilia) kan qaban.
,• Namoota dhibee kalee baay’ee cimaa qaban.
• Namoota dhibee stroke qaban.
*******
Walumaa galatti qoricha kana yoo fudhatan of eeggannoo ga'aa taasisuu fi hakiima mariisisuun gaarii dha.
Fayyaan Faaya
Via: Dr. Gurmeessaa

@Fayyaa_egeree
Namoota mallattoolee dhukkuba sammuu agarsiisan gara biraatti jajjabeessuu yookan immoo qeequu osoo hin taane, akka ilaalaman akkanuma yaalamaaniif haala mijeessuufiitu irra dansaadha. Kanaafuu, callistanii "Baga itti cabsite gootakoo,....maaliif akkana goote gantuu nanaa,....gosh....muu!" hin jedhiinaanii.

Waa argu malee waa hin jenne!

Galatoomaa!🙏🏻
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Baramoo_namaa?
Har'a kanadha! Namoota walitti tutanii waan ta'e dubbisaa jiran wayii argeen waansaa baruuf itti gore. Yeroon dhiibbadhee ilaalu, beeksisa dhoobamee jiru tokkodha. Waan nama ajaa'ibu, beeksisa sanatu nama sana hunda barbaachiseetu osoo hin taane, mata duree beeksisaa sanatu nama hammanaa ofitti harkise. "NAMNI TOKKO AKKA HIN DUBBIFNE" jedha, mata dureen beeksisichaa. Garuu nama baay'eetu itti kobbee dubbisaa jira. Fuggisoo!🤔 😂

Gochaan kun, raajii mata duree kitaaba tokkoon wal qabatee ta'e wayii na yaadachiise. Akkana ture! Kitaaba mata dureen isaa "HOW TO CHANGE YOUR WIFE WITH IN 30 DAYS" jedhu tokkotu maxxanee gabaarra oolee ture. Kitaabni kun, maxxanee torban tokko qofaa keessatti copy miliyoona tokkotu gurgurame. Kan addatti nama ajaa'ibu, saffisaan gurguramuusaa qofa osoo hin taane, mata dureen kitaaba kanaa dogoggoraan kan maxxanee jirudha. Akka dogoggora ta'es, boodarra edda baay'inni hammanaa gurguramee booda kan barame. Mata dureen kitaabichaa inni sirriin "HOW TO CHANGE YOUR LIFE WITH IN 30 DAYS" kan jedhudha. Mata dureen sirratee edda bahee ji'a tokko keessatti, copy 3 qofaatu gurgurame. Kan duraa garuu, torbee tokko qofaa keessatti copy miliyoona tokkotu dhumate. Jireenya jijjiirruurra haadha manaa jijjiiruu...😂

Amma egaa, "Namamoo barichumatu fuggisoo filatee?" jedhanii ofis namas gaafachuun. Mee waan ta'e 'godhi' jedhamanii gochuumoo, 'hin godhiin' jedhamanii dalaguutu irra nama kakaasa? Akkanuma haadha manaa jijjiiruumoo jireenya jijjiiruutu irra jijjiirama hawwataadha? Moo ofii fuudhee waan hin jijjiirreef bitaa natti gale ta'aa!😂 ....Faallaa!

Namamoo barichimatu fuggisoo filatee? Naan galle!🤔

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Amaloota ONNEE keenya miidhan!!
*********
1. Yeroo dheeraaf taa'uu ( fknf. TV ilaaluudhaan, fiilmiiwwan adda addaa irraa taa'aa oolu).
2. Ilkaan keenyaa sirriitti qulqulleeffachuu dhiisuu.
3. Yeroo halkan rafan kurruufuu cimaa (qoquu) (snoring) osoo qabanii yaalamuu ykn ilaalamuu dhiisuu.
4. Sababoota adda addaan hirriba ga'aa raguu dhabuu.
5. Sammuun baay'ee dhiphachuu (Stress)
6. Araada akka tamboo fi alkoolii fayyadamuu.
7. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu.
8. Nyaata ashaaboo itti guddisanii nyaachuu.
9. Dhiibbaa dhiigaa osoo qabanii (osoo akka qaban hin beekiinis ta'uu mala) yaalamuu dhiisuu.
*********
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa H.

@Orobook
2024/09/24 19:19:50
Back to Top
HTML Embed Code: