Kanaafuu Gooftaan cuphamuudhaaf lageewwan jiran keessaa yoordaanoosiin kan itti filateeru sababiin isaa inni tokko kanadha.

๐Ÿ‘‰3ffaa= Tokko nu gochuu dhaafi.

Yoordaanoos maddi isaa tokkicha dha.

Gadi siiqee garuu Yooriifi Daanoos jedhamee gargar qoodamee gadi siiqee ammoo inni gargar qoodamee ture sun walitti deebi'ee tokko ta'a.

Bakki Gooftaan itti cuuphame kunis bakka deebi'ee tokko itti ta'e sanatti dha.

Maddi ilmoo namaas tokkicha Addaami dha.

Booda garuu warreen saba Waaqayyoof warreen halagaa jedhamanii gargar qoodamanii turan.

Kanaafuu Gooftaan uummata akkaataa kanaan gargar walqoidee jiru kana cuuphaa isaatiin tokko gochuudhaaf galaanni yoordaanoos bakka walitti dabalamee tokko ta'ee yaa'u sanatti cuuphame.

Qulqullichi Phaawulooss icitii tokkummaa keenyaa isa karaa Kiristoos tokko itti taanee jirru kana gaafa nuuf ibsu;
โ€œKaraa Kristos Iyyesuus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Giriikii, garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaa garummaan hin jiru.โ€ jedhee nu barsiise.
Gal.3แฅ28

6๏ธโƒฃโžžMaaliif bishaaniin cuuphame?

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos cuuphaa isaa otoo bishaaniin gochuu dhiisee dammaaf aannaniin godheera ta'ee dammaaf aannan akka garaatti kan argatan soiressoota dha waan ta'aniif icitiin cuuphaa kan raawwatamuufiis sooressoota qabeenya qaban qofaaf ta'uu isaati ture.

Kanaafuu Gooftaan duuressis hiyyeessis wal qixxummaadhaan kan argachuu danda'an bishaanidha waan ta'eef namni hundumtuu icitii cuuphaa wal qixxummaadhaan akka argachuu danda'utti cuuphaa isaa bishaaniin Raawwate.

Gara biraatiin dammaaf aannaniin otoo uffata keenya miiccannee hinumaayyuu nu jalaa xureessa yoo ta'e malee xurii uffata keenyaa qulqulleessuudhaaf hin danda'u.

Gaafa bishaaniin miiccatan garuu ni qulqulleessa waan ta'eef nuti cubbuu keenya irraa akka ittiin qulqulloofnuudhaaf Gooftaan icitii cuuphaa kana bishaaniin nuuf raawwate.

Gara biraatiin dammiif aannan biqiltuu gogsee quucarsa yoo ta'e malee lalisee, dagaagsee, guddisuudhaaf hin danda'u.

Bishaan garuu jireenyaafi guddina biqiltuu keessatti iddoo guddaa qaba.

Nutis Afuuraan lalisnee guddannee dagaagnee firiidhaaf akka geenyuuf Gooftaan icitii cuuphaa kana bishaaniin nuuf raawwate.

7๏ธโƒฃโžžMaaliif halkan cuuphame?

Goiftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos kan innii cuuphameeru halkan sa'aa 10แก00 irratti dha.

Sababiin isaas otoo guyyaadha ta'ee gugee wa'iitu dhufee irra qubate malee Afuura qulqulluu miti jedhama ture silaa.

Garuu gugeen halkan sanaan sochootu hin jirtu waan ta'eef dhugumatti Gugeen mataa isaarra qubate sun Afuura qulqulluu ta'uu isaa ibsuudhaaf halkaniin cuuphame.

Walumaa galatti ayyaana cuuphamuu Gooftaa keenyaa Iyyesuus kiristoos kana irratti icitiiwwan kanaaf kana fakkaatan baldhinaan ni barsiifamu ni baratamu.

Baga kabaja ayyaana cuuphaa Gooftaa keenyaa Iyyesuus kiristoos kan bara 2016n nagaan isin ga'e nu ga'e!

Waaqayyo ayyaanicha ayyaana nagaa ayyaana eebbaa nuuf haa godhu!

Ameen!

Ayyaana gaarii!

www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
"Samiiwwan ni banaman" Maat. 3:16

Gooftaan keenya, akka seera Yihuudotaatti umrii Inni waltajjii irratti barsiisuufi tajaajilasaa itti jalqabu gaafa ga'u(waggaa 30 Isaatti) Galiilaarraa gara Yoordaanositti cuuphamuuf dhufe.  Aduun dhugaa Kiristoos, yeroo muraasaaf ifuufi boba'uun saba gammachiisaa kan ture, gara bakkalcha barii Yohaannis cuuphamuuf kasoominaan dhufe. (Yoh. 5:35) Qulqulluun Yohaannis garuu ani Harka Keetti cuuphamuutu na barbaachisa malee Ati gara koo dhuftee cuuphamuudhaaf hin ta'u; Kennaawwan gaarii hundumtuu eebbi guutuunis Abbaa ifootaa kan taate Sirraa gara keenyatti gadi bu'u malee akkamitti lafarraa gara Samiitti olba'u? kun hin ta'u jedhee isa dhorkaa ture. Gooftaanis Yohaannisiin "na cuuphin siin jedhaam?!" jedhee isatti hin dheekkamne. Inumaayyuu qajeelummaa hunda raawwachuutu nuuf ta'atii "amma naaf eyyami" jechuun kasoomina dubbatamuu hin dandeenyeen isa kadhate. Kadhaa kana dhaga'ee akkamitti lapheen Yohaannisii jabaachuu danda'a?! Yeroo sanatti garbichisaa Yohaannis eyyamee Gooftaasaa cuuphe. (Maat. 3:15)

Gooftaan keenyas cuuphamee yeroo bishaan keessa ba'u Samiiwwan ni banaman . Abbaan Wangeelichaa "Samiiwwan ni banaman" jedhe malee "Samiiwwan Isaaf banaman" jedhee hin barreessine. Sababni isaas Inni nu Fayyisuuf yoo nama ta'eefi galaana walakkaa dhaabbatee yoo mul'atellee, teessoosaa Samii irraa waan hin hir'anneef Samiirras kan jiraatu Isaaf "Samiiwwan Isaaf banaman" hin jedhamu.  Caalaatti "Samiiwwan ni banaman" jechi jedhu nuuf eebbawwan Samii nuti cuuphamuu Gooftaadhaan arganne kan agarsiisuudha.

Gooftaan keenya cuuphamee battaluma bishaan keessaa ba'etti Samiiwwan ni banaman jechuun isaa Fayyisaan keenya gara mootummaasaa Samiirra jirtuutti akka nuti galluuf balbala cufamee ture akka cuupphaasaatiin nuuf bane hubachiisuudhaafidha. Hojii Fayyisuu Isaatii yeroo jalqabu cuuphamee akkuma balbala Samii nuuf bane, Fayyisuusaa gaafa raawwatu immoo fannifamee du'uudhaan balbaloota Si'ooliin nuuf caccabseera.

Kan biraan cuuphamuusaa booda Samiiwwan banamuun isaanii, manni cufamee ture yeroo balballisaa banamu wantoonni keessoo isaa jiran akkuma mul'atan, Kakuu Duraa keessa dhokatee kan ture Iccitiin Sadummaa Waaqayyoo Samiirra jiraatuu amma ifa ta'ee mul'achuusaa kan agarsiisuudha. Kunis Ilmi Waaqayyoo galaana Yordaanos keessa dhaabbatee mul'achuusaatiin; Abbaan duumessaan "Ilmikoo innan jaalladhu isa kanadha" jedhee dubbachuusaaniifi Afuurri Qulqulluun immoo fakkeenya Guugeetiin bu'uusaatinidha. 

Akkuma hundi keenya beeknu Samiin nama amanuufis ta'e nama shakku hundatti waan mul'atuudha. Haata'u malee, Samiin hundumtuu argu garuu, "yeroo inni banamu" arguudhaaf cuuphamuutu barbaachisa. Akkuma kana Samiin, harka nama amaneefi hin amannee keessatti kan argamufi namni hundumtuu kan dubbisu Kitaaba "Kitaaba Qulqulluu" tidha. Ta'us Kitaaba Qulqulluu hundumtuu haa dubbisu malee balballi Iccitiisaatii akka banamuufi ergaa keessoosaatii hubachuudhaaf garuu, cuuphamuutu barbaachisa.


Baga Ayyaana Cuupphaa nagaatiin nu ga'e!!!

Miseensaa Chaanalotaa keenyaa ta'aa

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
https://www.tg-me.com/+RwSC3Qqvx3xjMzU0
https://www.tg-me.com/+2_5kSngqsIphM2Y0
โ€‹โ€‹

Amajjii 15

Guyyaa Wareegamummaa Qulqulluu Qiirqosii fi Haadha Isaa Qulqulleettii Iyyeluuxaa


Bara wareegamtootaa mootonni hin amaniinifi hojjettonni isaanii kiristaanota irratti gidiraa guddaa geessisaa turan. Sababa kanaan baayโ€™oliin wareegamummaa fudhatanii, baayโ€™oliin immoo biyya isaanii dhiisanii godaananiiru. 

Bara mooticha Ileksenderiyoos  kanneen biyyaa fi qeโ€™ee isaanii dhiisanii baqatan keessa tokko ijoollummaasheerra kaastee gaarii kan turte Qulqulleettii Iyyeluuxaa dha.

Qulqulleettiin Iyyeluuxaa magaalaa Roomaa keessa sababa kiristaanaa taateef mucaa waggaa sadii qabattee  gara biyya Kilqiyaatti baqachuun naannoo Xerses jiraachuu eegalte.

Mootichi Ileksenderiyoos kiristaanonni bakka biraatti baqachuu isaaniitin isaan barbaadanii akka fidaniif loltootasaa gara Kilqiyaattii erge. 

Loltoonni isaa kiristaanota osoo barbaadanii Qulqulleettii Iyyeluuxaa arganii qabanii gara mootichaatti dhiyeessanii  kiristaana akka taate itti himan.

Innis yeroo dheeraaf gidiraawwaan adda addaa isaan irra gessise. Waaqayyos gidiraawwan kana hunda keessatti isaan gargaaraa ture. bishaan bulluqsee qulqulloota kanas itti darbatee ture. Waaqayyos Qulqulluu Gebriโ€™elii isaaniif ergee bishaan kana keessa isaan fayyiseera.

Qulqulloonni kun yeroo dheeraaf gidirfamaa turanii qabsuura isaanii xumuranii Amajjii bultii 15 Qirqos umriisaa waggaa 3, jiโ€™a 1 fi guyyaa 3tti haadhasaa Qulqulleettii Iyyeluuxaa waliin mormisaanii billaan kutamee wareegamummaa fudhatan.

Gooftaan keenya Lubbuuwwaan isaanii kabajaan ol fudhate. Wareegamummaasaa kanaan gonfoo sadii kan argate yemmu taโ€™u,  yeroo wareegamu mormasaa keessa dhiigni bishaanii fi aannan dhangalaโ€™eera. 
Foon wareegamaa kana lafarratti kan awwalame osoo hin taane Gooftaan keenya akkuma dubbate konkolaataa Eeliyaasiin gara olitti fudhate. 

Waldaa Qulqulluu Qiirqos kan turanis namoonni kuma kudha tokkoo fi afur haaluma walfakkaatuun wareegamummaan darbanii lubbuunsaanii kabajaaf geessitti.

Eebbi Qulqulluu Qiirqosii fi Qulqulleettii Iyyeluuxaa hunda keenya waliin haa ta'u.

www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
#Yaa Obboleessaa koo! Iyyesuus Kiristoos akkas siin jedha!

๐Ÿ‘‰Ati garuu hiyyeessotaaf kennaa kennita; anis harka koo diriirseen sirraa fudhadha.

๐Ÿ‘‰Warreen daaran yammuu uffistu anaan na uffista

๐Ÿ‘‰kan hidhaman yammuu tasgabbeessitu,gidduu isaanitti ana argita.

๐Ÿ‘‰Isa dhukkubsataas yammuu gaafattutti anaanis isa wajjin sirreerratti na argita.

๐Ÿ‘‰Mana kee keessa yemmuu keessummaa bulchite,anaanis keessummicha waliin ol na galchite.

๐Ÿ‘‰Akkas kan godhe dheekkamsi koo isa irraa fagaata.Gara jireenyaattis nan isa geessa.Hamaa hunda irraa nan isa eega.Nan isa eebbisa.Sanyii isaas nan baay'isa.Gatii isaas Abbaa koo isa samiirra jiru biratti nan guddisaaf.Jireenya bara baraas nan kennaaf.

โœ๏ธQ.Yohaannis Afaan Warqee


Eebbi qulqulluu kanaa nurra haa bulu!
Ameen!


๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
www.tg-me.com/Utubaa_Amantaa
www.tg-me.com/jhWa2eaKyCwxMjg0
www.tg-me.com/Galateeffamaadha
Aftoosoofiyaa (Aftosophia)
(Giriikidha)

Ogummaa kanjedhamee fi Burqaan Ogummaadhaa Kiristoosidha jechuudha (Af(akkasidha)-too(Kiristoos)-sophia(Ogummaa)

Kana akkamittan hubadha?
Kitaaba Qiddaaseerratti akkas jedha :-Galaana ce'ee eenyutu warqee diimaadhaan ishee bite? ... Ogummaa Kan jedhame illee qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha" (Qiddaasee Diyoosqooroos) jedha.

Ogummaa tahuun Kiristoos namaa qofaa utuu hintahin Abbaa isaaf illee ogummaadha jedhama. Abbaa isaaf ogummaadha gaafa jedhamu ogummaa inni ittiin uumama uume , sooruu fi jiraachisudha. Iyyesuus Kiristoos namaaf ogummaadha jechuun immoo Ogummaa ittiin sodaa fi jaalala Waaqayyoof qabnuun akka jiraannu fooniin biyya lafaa kanarra deddeebi'ee jechaaf gochaadhaan nutti agarsiiseera jechuudha ; namni isanni agarsiise burqaa ogummichaa kantahe karaa Kiristoosirra jiraate ogummaa kanaan jiraataa jira jechuudha.

Hayyotiin Qulqulloonni 318 bara 325 A.D.tti Haariyoosiin sirreessuuf , Kitaaba Qulqulluu walitti qabuuf , Ayyaanni Faasikaa Kiristaanotaa akka Torbee Faasikaa Yihuudotaatti ... akka tahuuf murteessuuf Galmi isaan keessatti walitti qabamanii fi hundee jecha Philosophy kan tahe - Galma Haagiyaa Soofiyaadha. Kunis , Ogummaa Jaal'achuu jechuudha. (Bakki seena qabeessi kun amma Istaanbul , Tarkii keessatti kan argamudha) Ogummaan jaal'atamu sun garuu Tiyooriiwwan Saayinsii biyya lafaa utuu hintahin Kiristoosidha.
Yaadi ijoo ogummaa kanaas , akkuma Waaqni Ilmaa Waaqa abbaaf eeyyamasaa guutuun amma du'a fannootti ajajame ; nuunis amma dhumaatti yoo eeyyama Waaqayyoo guunne ogummaa sanaan jiraataa jirra jechuudha.

www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
โ€œWaaqayyo Gooftichi,
inni jiru,
inni ture,
inni dhufuuf jiru,
inni hundumaa danda'u,
"Ani Alfaa dha, Omeegaadhas" jedha.


Kana jechuun,
"Ani isa duraa ti, isa booddee tis" jechuu dha.โ€
Mul.1แฅ8

Inni Qoricha hunduma keenyaati.
Yoh.4 แฅ42
1Yoh.4แฅ14

Warra dhukkubsataniif inni qoricha dha,
Qoricha nama fayyisu.

Warra du'aniifis inni qoricha dha,
Qoricha jireenya namaaf laatu.

Warra dhiphataniif inni qoricha dha,
Qoricha dhiphina keessaa nama furu.

Warra gaddaaniif inni qoricha dha,
Qoricha gadda irraa nama jjajjabeessu. 

Warra abdii kutataniif inni qoricha dha,
Qoricha abdii namatti horu.

Warra dadhabaniif inni qoricha dha,
Qoricha humna namaaf laatu.

Warra beela'aniif inni qoricha dha,
Qoricha beela nama baasu.

Warra dheebotaniif inni qoricha dha,
Qoricha dheebuu nama baasu.

Warra jeeqamanii nagaa dhabanii jiraniif inni qoricha dha,
Qoricha tasgabbeessee nagaa namaaf laatu.

Qorichi tokkichi kun
Qoricha nama hundumaa,
Qoricha dhibee hundumaa ti.

Madaa isaatiin kan madaa keenya fayyise isa dha.

Qacceen inni ittiin reebame sun akka nu hin arganneef qoma jalatti nu baatee dugda isaa kan nuuf reebame isa dha.

Eeboon inni ittiin waraaname sun akka nu hin arganneef dugdatti nu baatee laphee isaa kan nuuf waraaname isa dha.

Ufii hidhamee hidhaa cubbuu irraa kan nu hiike isa dha.

Ufii du'ee du'a keenya kan nuuf ajjeese isa dha.

Du'a injifatee ka'ee du'aa ka'umsa keenya kan nuufii mirkaneesse ajjeesaa du'a keenyaa,
Furmaata dhibee keenyaa kan ta'e
MADIHAANEE'ALEM IYYESUUS KIRISTOOS dha.

Galatniif ulfinni hin dabarre hardhas, boris, barabaraan teessoo isaatti haanaana'u!


#Channel_kenyaati_Makamaa.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Namoota Nanawee fi Nuyi

โœNamoota Nanawee caalaa eenyutu hamaa turee? Isaanirra wallaalaanis eenyu turee? ("Bitaa fi Mirga isaanii kan adda hin baafanne" jedhamaniiru waan ta'eef). Garuu warri ormoonni kun, warri homaa hin beekne, warri namni tokko illee dubbii ogummaa isaan barsiisee hin beekne, warri eenyuma irraa illee yoo ta'e ajaja akkasii hin fudhanne kun, Raajichi, "Guyyaa sadi keessatti Nanaween ni baddi!" yammuu jedhu dhagahanii guyyaa sadi keessatti amala isaanii isa hamaa hunda irraa deebi'aniiru. (Yon 3:4)

โœInni ejjituun qulqulluu; inni nama salphisu gad of qabaa; inni doqni kan of bituu fi garraammii; inni dadhabaan jabaa ta'e. Namoonni kun kan fooyyessan hammeenya isaanii hundadha malee tokkoo isaa ykn lamaan isaa ykn sadan isaa ykn arfan isaa qofa miti. "Kan akkas jedhu eessa jira?" jedhee kan gaafatu jiraachuu danda'a. Anis akkas jedheen isaaf deebisa; raajiin isaan ceepha'aa turee fi "Iyyi hammeenya isaanii hamma Aariyaamitti gaheera" jedhee dubbate deeebisee immoo dubbii gonka faallaa kanaa kan ta'e, "Waaqayyos daandii hammeenya isaanii irraa deebi'uu isaanii arge!" jechuun dhugaa bahe. Ilaali! Ejja irraa ykn soba irraa fagaatan hin jenne; "Daandii hammeenya isaanii irraa" jedhe malee! Akkamitti immoo sana irraa fagaachuu danda'an? Kana Waaqayyotu beeka malee namni sakatta'uu hin danda'u!

โœEgaa ormoonni hin amanne guyyaa sadi keessatti hammeenya isaanii hunda kan dhiisan yoo ta'e, guyyoota baay'eedhaaf kan gorfamne nuyi garuu bartee hamaa tokko illee dhiisuu yammuu dadhabnu qaana'uu hin qabnuu? Kanaa olittis namoonni kun dura hammeenyi isaanii baay'atee ture. "Iyyi hammeenya isaanii hamma Aariyaamitti ol baheera" kan jedhu yammuu dhageessu, baay'ina hammeenya isaanii malee homaa wanti hubattu hin jiru. Garuu guyyaa sadi keessatti gara hojii gaariitti deebi'uu danda'aniiru. Sodaan Waaqayyoo bakka jirutti dheerinni guyyaawwanii hin barbaachisu. Faallaa kanaa immoo, bakka sodaan kun hin jirretti immoo baay'inni yeroo bu'aa hin qabu!

โœNamni sibiilawwan daanda'an (แ‹จแ‹›แŒ‰) hamma fe'e illee bishaan qofaan yoo miice daanda'inni isaanii gadhiisuu hin danda'u! Namni ibidda keessa buusee baasu garuu akka daanda'ina isaanii irraa qulqullaa'an isaan taasisa. Lapheen cubbuutiin daanda'es akkasuma xiqqoo xiqqoon fi maal na dhibdeen guyyaa guyyaan gaabbii galus faayidaa hin qabu. Garuu ofii isaa gara ibidda Ittoon, kunis gara
#sodaa #Waaqayyootti kan of gatu yoo ta'e yeroo gabaabaa keessatti hammeenya hundumaa ofirraa fageessuu danda'a!

Madda: Q.Yohaannis Afaan Warqee, "แ‰ แŠฅแŠ•แ‰ฐ แˆแŠญแŠ•แ‹ซแ‰ฐ แˆแ‹แˆแ‰ณแ‰ต แณ:แณแฉ"

๐Ÿ’—Waaqayyo Laphee namoota Nanawee nuufis haa kennu!๐Ÿ’“


https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Luboonni maaliif yemmuu sirna qulqulleessa xumura irratti harka isaanii ummata dhungachiisuu?

Foonif dhigni goofta yeroo gara uumatati gadi baโ€™u โ€œdirgetโ€ jedhama. Hikkan isaas "tokko taasise" jechu dha. Fooni fi dhiiga goofta yoo nyaanne dhugne kiristoos nura bula, nu walin tokko ni taโ€™a(yoohanis 6:56). Yeroo dirgaatin taโ€™uus kiristaanoni ni jilgeenfatu.

Kun immo fakkeenyumman isaa qulqullotni dubartootni yeroo gooftan du'a ka'e arganiti kufani sagaadani jiruf (maateyoos 28:9). Nutis dhugumati foon goofta fi dhugauumata dhiiga goofta kan ta'e lubooni mana qulqulluma keesa gara uumataatti yeroo fidaan kufne jilgeenfannaf.

Lubooni fi daaqunooni erga namootaf foonif dhiiga goofta kennani booda taaten jiru immo โ€œ irgeet) ykn oromifan ol baโ€™u jedhama. Akka lubooni mana qulqulluma ol galaniin golgi mana qulqulluma ni cuufama. Golgi kunis fakkenya duumesati (hoji ergam 1:9).

Innis Yeroo gooftan keenya iyeesus kiristoos olbaโ€™e duuka buโ€™ootni isaa, osoo sami ilaala jirani sutuma suuta ija isaani jala dhokateera. Golgi kunis icciti kana ibsuuf olba'u fi duumeessa keessa dhokachu isa ibsuuf kan fakkeffame dha.

Yeroo muraasa booda luboonni mana qulqulluma keessa gadi baโ€™un uummata ni eebbisu. Kun immo ergamootni ergaa gooftan keeny iyeeus kiristoos ol baโ€™e booda duuka buโ€™ootni akka mana isaaniti deebi'aan iiti himaaniru. โ€œ

isaanis osoo sami ilaala jiranni, ergaamootni uffata adii uffatan lama gara isaani dhufani โ€˜ isin yaa namoota galiila gara sami ilaaltani maalif dhaabattu?

Inni isin ilaala turtan, akkuma olba'e, akkasumas deebiโ€™e nu dhufaโ€ jedhen (hoji ergamoota 1:10). Luboonis fakkenya ergamoota taโ€™uun harka isaani uumata dhungachisun. Akkasuumas gooftan keenya yeroo olba'utti isaan deebisa olbae jedha(luqaas 24:50).

Abbotni luboonis kana fakkeenya godhachuun kadhanna hikumsaa erga kennani booda, ebisuun akka isaan gara mana isaaniti galan ni ajaaju. Dhuma irratis harka isaani dhungachisuu.

Waaqayyoof Gallatin haa ta'u
Deessu waaqayyo qululletti maariyamif Galani haa ta'u
Qulqullu fanno isaaf galanni haa ta'u.

www.tg-me.com/Kadhannaa_Qulqullootaa
www.tg-me.com/Kadhannaa_Qulqullootaa
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Guraandhala 8

Guyyaa kanatti abbaan kabajaa Gooftaan keenyaa fi fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhalatee guyyaa 40ffaa isaatti gara mana qulqullummaatti kan itti geeffamedha. Dursee seera Muusee irratti akkuma barreffame kennaas fuudhanii deeman.

Yeroo sana waggoota baay'eef sireetti galee jiraachaa kan ture jaarsichi Simi'oon Hafuura Qulqulluun jajjabatee ka'uun gara mana kiristaanaatti dhufe. Simi'oon dhalata Israa'el ture. Kitaabilee kakuu moofaa gara afaan tsiritti akka hiikaniif gara Iskindiriyaatti kanneen geeffaman keessa tokko ture. Kitaaba raajii Isaayyaas osoo hiikuu Dubroon ni ulfoofti ... kan jedhu (Isa 7:14) dubartiin ni ulfoofti jedhee hiikee waan tureef ergamaan Waaqayyo dhufee waan kun hanga raawwatutti ni jiraatta jedhe. Kanumaan waggoota 284 kan ta'aniif dulloomee erga jiraate booda Kiristoos Dubroo irraa dhalate.

Guyyaa kanatti yeroo haati isaa gara mana qulqullummaatti isa geessitu, Si'imon dhufuun mucicha haadha isaarraa fuudhee Waaqayyoon galateffate. Mucaa dhalate Gooftaa keenyaa fi haadha isaa Dubroofis raajii dubbate.

Akkasumas manguddoo waggaa 84 kan turte Haannaa kan jedhamtu mana qulqullummaa keessa kan turte isheenis Waaqayyoon galateffatte.

Nuuf jecha seera raajota hunda keessa kan darbe Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosif galatni haa ta'u.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
ICCIITII GAABBII

โœ๏ธIcciittiin gaabbii icciitoota torban manni amantaa ortoodooksii Tawaahidoo raawwattu keessaa isa tokko dha.Icciitummaa isaas:- Wanti lama kan ijaan argamanii fi lama immoo kan ijaan hin argamne waan raawwatamaniifidha.
#Kan_ijaan_argaman
๐Ÿ‘‰nama cubbuu gaabbii isaa himaatu.
๐Ÿ‘‰Luban jecha gaabbii sana dhageeffatu.
#kan_ijaan_hin_argamne
๐Ÿ‘‰Dhiifama cubbuu sanaa
๐Ÿ‘‰Waaqayyoo faana walitti araaramuu

โœ๏ธGaabbii jechuun hojii yaraa hojjetanitti gaabbuu,gadduu,deebi'uu fi cubbuu hojjetan sana akka lamuu deebi'anii hin hojjenne murteessuu jechuudha.Kitaaba Fkn.28:13 Cubbuu isaa kan dhoksu.fayyina hin qabu,kan himatu garuu fayyina argata Gaabbii galuun du'a irraa gara jireenyaatti jijjiiramuu jechuu dha.Cubbuun du'a lubbuu,gaabbiin immoo jireenyaa dha.Yaa'ii 5:20.

โœ๏ธGaabbiin yoom akka jalqabame kan ibsameen dabalata bu'uurri mana Amantaa bara abbootii jalqabamee Akkasumas kutaalee kitaaba qulqulluu garaa garaa keessatti jechi barreeffame kun akka raawwatuuf yeroo beellamaa Waaqayyoo irraa Addaamiif kennameef.Addaam guyyaa beellama kennameef kanas eeggaachaa turuun isaa ni beekama.Far.143:7,42:3,Rom.5:6,Gal.4:4,Beellamni abdii jireenyaa kun gaabbiin Addaamiin jalqabamuu isaa agarsiisa.

GAABBII BARA KAKUU DUURAA

โœ๏ธSeenaa bara jireenyaa dhala namaa keessatti kakuun duraa isaa 2ffaati.Bara abbootii hordofee kan dhufeefi Waaqayyoo dhala namaatiif ifatti kan itti mul'ate akkasumas amantaa isaa kan hordofaniif yeroo kitaaba kenneefiidha.Bara sana namoonni seera waaqayyoo eeganii jiraatan qulqulloota yemmuu jedhaman kan diiguu garuu cubbamtoota jedhamu.Fkn namoonni Neenewwee keessa jiraatan gaabbii dhaan fayyuu akka danda'amu nu barsiisanii darbaniiru.Yoonas.3:1-10.kan isaan raawwatan kunis gaabbii gamtaati.

โœ๏ธIjoolleen Israa'eloonni seera Waaqayyoo yeroo diigan luboonnii aarsaa cubbuu irraa isaan qulqulleessu dhiyeessaa turaniiru.seera Lew.4:20 Qulqullichi Daawwit cubbuu hojjetee waan kufeef Waaqayyoo itti mufatee ture.kunis ittisa raayyaa waraanaa (milishaa) kan ta'e,Ooriyoon nama jedhamu ajjeesisee niitii isaa Bersaabee irraa fudhatee ture.

โœ๏ธ"Ooriyooniin ajjeeftettaa haadha manaa isaas fudhatteetta.jedhamee cubbuu isaa yeroo itti himamu Qulqullichi Daawwitti booyyicha hanga bakki ciisaa isaa jiidhuttii gaddaa fi gaabbiidhaan Waaqayyoon dhiifama gaafateera.Waaqayyoos gaabbii isaa fudhateef jira.2ffaa Sam.12:9-12,Far.6:6. Fayyinaa malee badinsa dhala namaa kan hin jaalanee Waaqayyoo gara laafessi "Namni hundi gaabbiidhaan isaa faana akka araaramuu fi du'aa gara jireenyaattii jijjiiramu akka danda'u nu barsiiseera".His.18:21-23

GAABBII BARA KAKUU HAARAA

โœ๏ธRaawwiin gaabbii kakuu moofaa keessa ture kakuu haaraa keessattis raawwatamaa jira.Cubbamtoota fayyinaaf waamuuf kan dhufe Iyyeesuus Kiristoos qaamaan argamuudhaan fakkeenya garagaraa fudhatee namoota barsiiseera.Luq.15:11-24 Waaqni keenya Iyyeesuus Kiristoos dhalli namaa yoo kufe akka ka'u.yoo bade akka argamu,yoo du'e jireenya argachuu akka danda'u mirkaneesseera.

โœ๏ธDadhabbina fooniitiin Waaqayyoo irraa fagaannee kennaan isaa yoo nutti hir'ate gaabbiidhaan gara isaatti deebinee waan dhabne sana argachuu dandeenya."Cubbuu keenyaa yoo himanee kan dhiifama nuu gudhuufi badii irraa kan nu qulqulleessu inni amanamaadha".1ffaa Yoh.1:9.Duuka bu'oota isaa keessaas qulqullichi pheexiroos fakkeenya ta'eera.Mat.26:69-75.Cubbuu ganuutiin kufee gaabbiidhaan ka'eera.Waaqayyoo gara addunyaa kanaa dhufee cubbamtoota Gaabbiidhaan waamuuf,kan bade barbaadee fayyisuuf sagalee isaa kan hin dabarreen nu barsiiseera.Maat.24:35,Luq.19:10



๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Shareโ—ˆShareโ—ˆShareโ—ˆShare
www.tg-me.com/kadhannaa_Qulqullootaa
www.tg-me.com/kadhannaa_Qulqullootaa
๐Ÿ’’JOIN๐Ÿ’’
KADHANNAA QULQULLOOTAA pinned ยซNamoota Nanawee fi Nuyi โœNamoota Nanawee caalaa eenyutu hamaa turee? Isaanirra wallaalaanis eenyu turee? ("Bitaa fi Mirga isaanii kan adda hin baafanne" jedhamaniiru waan ta'eef). Garuu warri ormoonni kun, warri homaa hin beekne, warri namni tokko illee dubbiiโ€ฆยป
Forwarded from KADHANNAA QULQULLOOTAA (Tekle Diriba)
Waa'ee Soogiddaa Beektuu laataa?


๐Ÿ‘‰"Gooftaan keenya Iyyessuus Kiristoos isin Soogidda biyya lafaati" Jedhe duuka bu'oota isaatiin Maat.5:13


โžพEgaa Soogidda kan jedhaman Kiristiyaanota,Luq.14:34_35

โžพWaa'een soogiddaa kitaaba qulqulluu keessatti iddoo baayyeetti barreeffamee jira.


โžŠ.Soogiddi nyaata midheessaa.Iyya.6:6
โžพKiristaanoonis Adduunyaa kana hojii gaarii godhanii mi'eessuu

โž‹.Soogiddi Aarsaa dhiyaatutti ni dabalama.
โžพKiristaanoonis Amanti isaaniif jecha aarsaa ni ta'u waan ta'eef

โžŒ.Soogiddi Qoricha Hizq.16:4
โžพKiristaanoonis kan cubbuudhaan dhukubsataniif qoricha tolummaati.

โž.Soogiddi walii galte (Waada) kan dhugomsudha.Lakk.19:1_13

โžŽ.Sogiddi raayyaan loltuu waraanaa magaalaa diinootaa isaanii yemmuu barbadeessan kan ittiin bittinesaniidha.Fakk.9:49
โžพKiristaanoonis Gooftaan keenya Iyyesuus raayyaa sexanaa barbaadeessuun mo'atee adduunyaa kanaa erga qulqulleesse booda sanyii garii adduunya irrattii faca'aniidha

โž.Soogiddi qarshiidha.Izr.4:14
โžพKiristaanoonis Waaqayyoo harka isaatiin kan Uumaate,Gooftaan Keenya Iyyessus Kiristoos Qulqulluu dhiigaa isaatiin kan bite,qaarshii isaati.

โž.Soogiddi gaariidha.Garuu mi'aayyinaa yoo of keessa a dhabe bakkeetti gatamee dhagaa jedhamee Waamama.Maat.5:13,19:40.
โžพKiristaanonis gaaridha.Garuu waan gaarii ta'ee kan macaafni qulqulluun nama ajaju hin hojjetan taanaan Si'oolitti gatamuu waan hinaafneedha.Qol.4:6


ยซKiristoos jechuun kiristaanootaa jechuudhaยป


Channel keenya join taasifaadha


๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
www.tg-me.com/Kadhannaa_Qulqullootaa
www.tg-me.com/Kadhannaa_Qulqullootaa
Gaabbii haa gallu
F/taa Dn Buzaayyoo Abbabaaw
Gaabbii haa gallu
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
Gaabbii haa galluu(3)
Du'a irraa haa oollu

Yakkii nuti hojjenne badiini balleessineร—2
Nurraa nii haqama yoo Gaabbii itti seene
Cubbuu keenya amanne lubaatti yoo himannuร—2
Har'a boruu dhiisne amma gababii haa gallu

Gooftaan kan nutti hime wangeela isaatiini*2
Kan darbes si dhiise amma achi hin yakkiini
Jecha inni dubbate amnane fudhanne*2
Nuuf kenna Gooftaani Gonfoo hin darbine

Du'u keenya hin hafu yoomiyyuu taanini*2
Dhufnaani imaaluudha humnan qabamani
Xurii keenya haa dhiqannu bishaan gaabbitiini*2
Qulqulloofne haa jiraannu akka fayyinuutti*2
===||====

F/taa Buzaayyoo Abbebaaw!

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
www.tg-me.com/Galateeffamaadha
Forwarded from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa!

โ›ช Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo
โ›ช Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo
โ›ช Barnoota Amantaa

โ›ช Walaloowwan Afuurawaa
โ›ช Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu.

Join
Join
Join
Forwarded from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa!

โ›ช Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo
โ›ช Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo
โ›ช Barnoota Amantaa

โ›ช Walaloowwan Afuurawaa
โ›ช Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu.

Join
Join
Join
Forwarded from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa!

โ›ช Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo
โ›ช Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo
โ›ช Barnoota Amantaa
โ›ช Walaloowwan Afuurawaa

โ›ช Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu.

Join
Join
Join
Forwarded from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa!

โ›ช Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo
โ›ช Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo
โ›ช Barnoota Amantaa
โ›ช Walaloowwan Afuurawaa

โ›ช Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu.

Join
Join
Join
2024/06/29 03:28:19
Back to Top
HTML Embed Code: