Telegram Web Link
Samii Fi Durbee Maaramii

Samii yemmuu jennu isa achi ol ilaallu xiyyaarrii fi Saatilaaatiyonni keessa marsan kana miti.  Inni ol ilaallu kun <Bantii Waaqaa> (ጠፈር) jedhama jedha Kitaabni  seera uumamaa.
Samii kan jedhamu isa , <<Samiirra jiraattuu>> iddoo jedhame dha. <Samiidhaanis hin kakatin innoo teessoo Waaqayyo dhaa> iddoo jedhame dha samiin.

Samii fi Durbee Maaramii maaltu wal isaan fakkeesseree? jechuun keenya hin oolu.

Samiin teessoo Waaqayyo dha. Kunis goolii fi jal'ina biyya lafaa keessaa akka inni hinqabne agarsiisuufi dha malee fageenya bakkaa agarsiisuu miti. Gama biraan samiirra akka juraatutti qulqulloota baay'eetti mul'ateera. Waaqni samiirra jiraatu kun Ilma isaa tokkicha gaafa fayyinaaf gara biyya  lafaa tti ergu bakka inni itti ergame  sun samii ta'eera. Innis gadameessa Giiftii keenyaa dha. Kanaaf Qulqulluun Yaa'iqoob inni Siruug <Second heaven> <Samii Lammaffaa> isheen jedhe.

Aduun samii irratti argama. Qaroominni addunyaa , ba'aanii galuun , bisheessanii nyaachuun , maatii dhaabanii horuun , baratanii waa irra gahuun , lafeen jabaachuuf , oomishanii gurguruuf , miiccatanii uffachuun hundumtuu aduu malee homaa dha. Isheenis , Giiftiin keenya aduu jireenyaa isa , "Hundinuu si barbaadaa jiru" Mar. 1:37 jedhame waan deessee nuuf argamsiisteef isheen dhugumatti samii lammataa keenya dha. Aduun keenya kun aduu dhi'uu dha , aduu isheen nuuf deesse garuu aduu lixa hinqabneef yeroo hundaa hojii qulqulluutoon aduu ifu  dha. Jarri Emaahos lamaan <aduun dhiyuu geessee nu wajjiniin buli> jedhanii turani ; aduun hin dhiine Kiristoos garuu aduu dhiyeen lappphee isaanii ibsinaaniif akkas jedhani raajeffstani : - “Isaan immoo, "Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuuf ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?" waliin jedhan.” Luq. 24:32
Aduun kun baay'annaan dhukkuba dha laabbessee nama quphansiisa. Aduun Giiftii keenyarraa argame garuu aduu jireenyaa cubbamoota  dukkana keessa jiraniif dura deemee ifa ifu dha.

Samii fi Giiftii keenya birqabaan

"Samiin teessoo isaa ti garuu isa baatee hin naannofne
Samiin teessoo isaati Giiftiin keenya garuu haadha isaa ti.

Samiin Waaqa baate , Giiftiin keenya garuu harma durbummaa ishee  afaan ilmashee keessatti dhangalaaste

Samiin ofirratti baate. Giiftiin keenya garuu: Gadameessa ishee tti , Kaasuu ishee tti , Dugda ishee tti , Qoma ishee tti baattee joortee tti"
#Qulqulluu Yaa'iqoob Isa Siruug

Gaafa oljennu samii ilaalla ; ittiinis Waaqayyoon yaadanna.
Gaafa Giiftii keenya yaadannus jireenya samiirraa isa ergamootaaf <Hin fuudhan ; hin eerumanis> jedhamanii fi isa isheen , <Anoo dhiira hinbeeku> jetteen jireenya akka < samii olka'aa > yaadanna. Kanaaf immoo Qulqulluun Daawwit dura buutummaa isheef akkas jedheera , <<Duuba isheetiin durboota gara mootii tti geessiti>> Far. 45 : 14.

Sagaleen Kitaaba Qulqulluu kun immoo Misbaakota tsoomii Giiftii keenyaa keessa yeedaleeffaman keessaa tokko dha , <<Duuba isheetiin durboota gara mootii tti geessiti>> Far. 45 : 14.

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
INNI DHALATEE IYYESUUS KIRISTOOS WAAQAYYOO DHA !

🔹 Yeroo inni dhalatee ifni akkaataa argame hin beeknee argamu isaa. Luq.2:8-24.
🔹 Yeroo inni dhalatee ergamoonni gammachuun faarsaa galataa dhiyeessuufi isaanii. Luq.2:9-13.
🔹 Ogeessoonni baha biiftuu harka fuudhii adda ta'ee kennuufi sagadan mucichaafi haadha isaaf dhiyeessu isaanii. Mat.2:1-12.
🔹 Yeroo inni dhalatee tiksoonni qorichii addunyaa dhalateera jechuu isaanii. Luq. 2:14.
🔹 Hundumtu waan isaan ta'eef inni waaqayyoo dha. Yoh.1:3.
🔹 Waaqaa jiraattoota waan taheef inni waaqayyoo dha. Mat.22:21.
🔹 Kiristoos fooniin inni dhufe dhalate waaqaa bara baraan eebbifamee dha. Rom. 9:5.
🔹 Toomaas waaqaa koo, Gooftaa koo jedhe dhugaa baheera. Yoh.20:28.
🔹 Dhugumaan isinin jedha Ani Abrahaamiin fuulduraa tureera jechuu isaatiin. Yoh.8:56.
🔹 Inni waaqaa dhugaa fi waaqa jireenya bara baraa ti. 1Yoh.5:20.
🔹 Ani jiraataa dha du’een ture du'a fi si'ool irratti aboo qaba. M.Yoh.1:18
🔹 Kunoo, inni duumessaa wajjin dhufuuf jira; iji hundinuu isa ilaaluuf jiru, warri isa waraananis immoo isa arguuf jiru; gosi nama lafa irraa hundinuu isaaf in wawwaatu; eyyee akkasuma in ta'a.Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, "Ani Alfaa dha, Omeegaadhas" jedha; kana jechuun, "Ani isa duraa ti, isa booddee tis" jechuu dha. M.Yoh.1:7-8.


AYYAANAA GAARII ISINIIF HAA TA'UU. AMEEN!

Chaanalotaa keenyaa Miseensaa ta'aa


👇👇👇👇👇👇👇
https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
https://www.tg-me.com/+RwSC3Qqvx3xjMzU0
https://www.tg-me.com/+2_5kSngqsIphM2Y0
Dhufaatii Namootii Ogummaa Bahaa Biiftuu

" Inni Mootii Yihuudota Tahe Essa jira ? Nu'I Urjii isaa bahaa biiftuutii arginee, isaaf Sagaduu Dhufneerra'oo " Mat 2:2
Namootii Ogummaa ykn Sabaa Sagalii Kan jedhaman Bahaa Biiftuu irraa Egalanii deemsa Afuuraa Deemuudhaan Gara Beetaliheem kan dhufaniidha. " Sabaa Sagalii " Jechuunsaa Namootii Ogummaa biyyaa Sagalii jechuudha.
Namootni ogummaa kun waaqa isaaniif harka fuudhii galataa dhiyeessuuf waggaa lama (2) barbaaduun Urjii lakka'aa kan dhufaniidha.
Waaqayyo akka qaama Mootummaa mucaa Foonii irraa dhalatu raajotni Barsiisaa waan turaniif bu'uurama kanan dubbicha Dhagahanii Sagaleen dubbatame waan raawwatameef imala isaanii gara Beetaliheemitti taasisan. W/mat 2:1-2

GALATA SABAA SAGALIIN MUCICHAAF DHIYEESSAN

W/mat 2:10-12 Urjichi Isaan dura Deemee Mana mucichi kessa jiru bira gahee Dhaabbate." Manatti ol liixanii mucicha haadhasaa Maariyaamii wajjiin argatanii lafaatti gad gombifamanii isaaf sagadan" qorxii ykn saanduqa isaanii bahanii harka fuudhii galataa #Warqee ,#Ixaana,#Qumbii( lubaanjaa) isaf kennan.isay 60:6 Raajjiin dubbatames ni Raawwatame.
Harka fuudhii galataa Isaaf Dhiyaate iccitii qaba.
👉 #Urjii Ba'aa Jechuun Urjii Iyyesuus Kiristoos isa ifiisaa bara baraan jiraatu ,deddeebi'a ifoota dura kan ture ,Ammas itti fufee Kan jiraatudha.
👉 #Baha Kan jedhamtte immoo Qulqulleettii Haadha keenya Maariyamiidha. Lakk 24,:17 Yaai'qoob irraa Urjii baha Jedhameera. Mul 22:16 Ani hidda Daawiit ,sanyii isaatis ,ani Bakkalcha barii isa calaqqisadha. Ofiin jedheera
👉 #Warqee- Ati waaqayyoo tokkicha qulqulluudha ,hojii keen ,amalummaa kee qulqulluudha jedhanii Galata dhiyeessaniif .Warreen wareegamttoota Amantaa isaaniif jecha fiddaan qaramanii jireenya biyya lafaa jibbanittis ni fakkeeffama .Aangoo Moootummaa isaaf Dhiyeessan.
👉#Ixaana: Ixaana due waaqa tolfamatti aarsaa turree ,ati garuu duranis kan turte Ammas bara baraan kan Jiraattu,amalumma Keetiin urgahaa kan taate ixaanni urgahan siif kan dhiyaatudha jedhanii gala dhiyeessaniif,Aangoo lubummaa isaaf dhiyeessaniif.
👉#Qumbii ykn Lubaanjaa :- Qumbiin kan cabe Fayyisa ykn Haaromsa kan adda bahe Tokko taasisa.Atis tokkuma Ergamoota irraa kan adda bahe Addaamiin deebistee tokko Taasistaa. Cimina lubbuu Addaamiin Ni Fayyista jechuudha. Lubaanjaan kun Amala Tokkummaa Waan qabuuf Fakkeenya amantootati.Amantoonni Jaalalaan,tokkummaan Mana Qulqullummaa kessa kan jiraatan waan taheef ,
👉 Warqee ,Ixaana,Fi qumbiin (Karbeen) essaa dhufe yoo jenne Duraan dursa Ergamoonii waaqayyo Addaamiif kan kennaniidha.Addaam dabarsee Hewwaaniif kenneera.Ogummaa waaqayyon daddarbaa hanga Dhaloota kiristoositti kan gaheedha.

Ayyaana gaarii hundaa keenyaf haa ta'uu.

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Muka Jireenyaa

Mukeen Jannata keessa turan sadii dha.
“Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, .  .  .  iddoo dhaabaa sana walakkaa (Jannata) keessa kaa'e.” Uma. 2:9 (garaagaraa!)

1. Nyaataaf
"Iji isaanii nyaataaf ba'eessa kan ta'an lafa keessaa in biqilche" uma. 2:9

2.Muka Jireenyaa (Tree of Life)
"mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu" uma. 2:9

3.Seeraaf
"Mukti hamaa fi gaarii ittiin beekanis iddoo dhaabaa sana walakkaa ture."  Uma. 2:9

Addaam gaafa Jannata keessaa bahu mukeetiin kun sadan seenaa  ta'aanii hafani.

<Nyaataaf> kan jedhame <Dafqii dafqakeen nyaadhu> jedhame.
<Seeraaf> kan jedhame seera lapphee fi seera barreeffamaa abboommii kurnaniin bakka bu'e.
<Jireenyaaf> kan jedhame Gooftaa keenyaan bakka bu'e. Dhugaa kana Qulqulluun Yohaannis seensa Wangeela isaa irratti barreessee ra. “Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.” Yoh. 1:4
Dabalataan waa'ee muka jireenyaa kanaa Gooftaa keenya ta'uusaa Barreessaan dubbii Waaqummaa kun akkas jedheera :-
“Jireenyichi mul'ifameera; nuyi isa argineerra, isaafis dhugaa in baana; jireenya bara baraa isa abbaa bira ture, nuttis mul'ifame kana isinitti in himna.” 1Yoh. 1:2
Firiin tokko muka tokko irraa akkuma argamu , jireenyi sunis muka jireenyaa tokko irraa argame ; Isheenis jireenyicha kan nuuf deesse Giiftii keenya durbee Maaramii dha. Kanaaf , isheen muka jireenyichaa yemmuu taatu ; Ilmi ishee immoo Jireenya ta'eera. Kanaaf , mukti jireenyaa Jannata keessatti seenaa tahee hafe naanna'ee dacheerratti Giiftiin keenya muka jireenyaa ta'uun , Jaal'atamaan Ilma isheetii immoo Jireenya tahuun arganneerra jechuu dha. Kanaaf , isheen muka jireenyaa dha.

Giiftiin keenya , <Muka Jireenyaa> tahuu ishee Qulqulluun Yaareed Itiyoophichi Jaarraa 6ffaa keessa Galata isheef barreesse <Bahaa Ifaa> jedhu irratti akkasitti miidhegsee ibseera : -
"አንቲ ውእቱ ዕፀ ብሩክ ዕፀ ሕይወት ወዕፀ መድኀኒት ህየንተ ዕፀ ሕይወት ዘውስተ ገነት ዘኮንኪ ዕፀ ሕይወት በዲበ ምድር ፍሬኪኒ ፍሬ ሕይወት ውእቱ ወዘበልዐ እምኔሁ ሕይወተ ዘለዓለም የሐዩ"
"Ati biqiltuu eebbifamtuu dha ; biqiltuu jireenyaa fi fayyinaa dha ; Bakka biqiltuu jireenyaa Jannata keessa turee , biyya lafaa kana irratti biqiltuu jireenyaa taate ; firiin kees firii jireenyaa dha ; warra isa irraa nyaataniif jireenya barabaraa kan hiru"

Waa'ee muka jireenyaa sanaa garuu waan gaaffii nama tti uumu tokkotu jira. Innis , erga muka akaakuu sadiitu jira ta'eetii ,  mukeen sana keessaas erga muki jireenyaa jiraateetii maaliif Addaam mukicharraa hin nyaanne!?
Sababiin isaas , Waaqayyo waan du'a itti fidu hin nyaatin jedhe malee isa jireenyatti geessu nyaadhu hinjenne. akka inni obbosoxxoomaan argatuufis miti. Sababni isaas , <Addaam nama waan gaariin itti himamu hinturre> Waan gaariin namatti hin himamu. Warra kan Waaqayyoo mitiitii warri kan Waaqayyoo hinta'inuu sammuu isaaanii irraan kan ka'e waan gaarii beeku jedha Rom.1:19

Mukti Jireenyaa Addaam irraa hin nyaannee fi Jannata keessa dhokatee ture sun garuu kan inni mul'ate karaa Giiftii keenyaa dha. Kanaaf ishee jaal'anna. Abbaa Hiriyaaqoosis Qiddaasee Giiftii keenyaa irratti akkas jedheera , "Yaa Maariyaam kanaaf , sijaal'anna , kanaaf ol ol sitaasifna , waan nyaata jireenyaa fi dhugaatii jireenyaa nuuf deesseef"

Waaqayyo muka jireenyaa sana Kiruubeeliin eegsisee ture. Giiftii keenya muka jireenyaa jedhamte kan inni eegsise immoo Maanguddicha Qulqulluu Yooseefii ni dha.

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Guyyaa Facaasaa Fi Giiftii Keenya

Uma. 1¹¹ "Amma immoo Waaqayyo, "Lafti biqila haa baasu! Dhaabaan akka qomoo isaatti sanyii godhatu mukkeetiin ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban adduma addaan akka qomoo isaaniitti lafa irratti haa argaman!" jedhe; innis akkasuma in ta'e. ¹² Lafti biqila, dhaabaa sanyii godhatu akka qomoo qomoo isaatti, mukkeetii ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban, adduma addaan akka qomoo qomoo isaaniitti in baaste; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge."

Guyyaan biqiloonni kun itti biqilfaman guyyaa sadaffaadha yookiin facaasaa.
Lafti kun kan isheen biqiloota kana argamsiiste sanyii malee dha.
Kunis fakkeenya Giiftiin keenya sanyii malee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin da'uu ishee dha.
Kunis ergamaa waa'ee da'uushee isheetti himuuf olgaletti akka gaaffi isheetti ta'e isaaf kaastee turte.
Ergamichi Waaqa isa uumama guyyaa facaasaa sanyii malee akka dacheen biqiloota argamsiistu godhe biraa ergames akkas isheen jedhe , <<Waaqayyoof wanti hindanda'aamne hinjiru>> kana irratti akka dachee guyyaa facaasaa sanyii malee amantiimaan Ilma Waaqayyoo kan ta'e Waaqayyoon da'uuf kan geessee taatee tti.

Dacheen kun Giiftii keenyaaf fakkeenyummaa ishee dabalataan , kan ittiin dhiifama gaafatani dha. Mootichi Daawwit yemmuu yakketti lafarra taa'ee gaabbii galuun dhiifatama argateera. Isayyu lafa inni ittiin dhiifama gaafatu kun kan abaaramte dha. Erga lafa abaaramte kanarra ta'aanii dhiifama argachuuf akka meeshaatti fayyadamaniitii , Giiftiin keenya lafa utuu hin abaaramin guyyaa facaasaatti uumama argamsiistetti fakkeeffamte qabannee yoo , <<Ba'inte Maariyaam Mehaarinne Kiristoos / Maariyaamiif jedhi nu oolchi Kiristoos>> yoo , "Be andi lijish begetachin zend lemilinyin" "Ilmakee tokkicha Gooftaa keenya biraa nuuf kadhadhu" jenne hoo ammamiif ammam dhiifama nuuf haa godhuree?

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Guyyaa Roobii fi Giiftii keenya

Guyyaan Roobiin guyyaa ifaa dha. Guyyaa itti ifoonni uumaman. Biiftuun , Ji'i , Uurjileen guyyaa isaan itti uumamani dha. Afaan herrega Bataskaanaa tiin immoo <Xinte Yoon> jedhama , kunis waggoota lakkaa'uf guyyichi ka'umsa ta'uusaaf oola.

Uma. 1¹⁶ Waaqayyo ibsoota gurguddoota lama tolche; inni caalu guyyaa, inni isa irra xinnaatu immoo halkan aboo akka argatan godhe; urjootas in tolche.
¹⁷ Waaqayyo akka isaan lafa irratti ibsaniif bantii waaqaatti isaan in kaa'e;
¹⁸ guyyaa fi halkan aboo akka isaan qabaataniif, ifaa fi dukkanas akka isaan gargar baasaniif inni achi isaan in kaa'e; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge.

Ifoonni guyyaa kana argaman kunniin: isa diilallaa'e ho'isu , isa dhokate mul'isu , isa dheerate qoodu yoo jedhaman kan isaaniin ibsu ta'a.

Barumsa Gooftaan barsiise keessa tti uumamtoonni guyyaa Roobii kun caqasamuurra darbanii guyyaa gaafa inni fannifamees ifa isaanii dhowwachuun tajaajila isaanii dhaabanii turani.
Isaan kan isaan tajaajila isaanii dhaaban kan namoonni hirmaattuu gochaa badii isaanii gochuuf turaniif jedhaniiti. Namoonni isa fannisan inni sirrii miti jedhanii addabaabayitti baasanii ifaan akka kara deemtonni isa ilaalaniif turani. Ifoonni sun garuu jara duukaa qooda akka hinqabne agarsiisuuf dukkana'aani.
Erga uumamni guyyaa roobii ifoonni kun kabaja isaaf jecha , waan uumaa isaanii ta'eef jecha guyyaa inni fannifame gaddaniitii ; Biiftuu qajeelinaa kan deesse maarrummaan haadha isaatii  ilmashee tokkicha gaafa fannisan ammamiif ammam gaddeera laata? Akkuma Maanguddichi Simi'oon jedhe gaddi ishee gaafasii jabina isaa irraan kan ka'e bil'aa mormarra darbetti fakkeeffameera , “Si immoo gaddi akka billaa qaramaa onnee kee si waraana" Luq. 2:35

Iyyaasuun akka inni "Biiftuu guyyaa roobii uumamte" kana deemsa isheerraa dhaabe dhageenyee amannee turre ; Giiftiin keenya immoo Biiftuu isheerraa dhalate garaa haadhummaa isheef harka guddisaa isheen warra ishee duukaa jiraniif dhayicha isaarraa dhaabsistee akka isheen araara isaa nuuf laachisiistu in amanna! Kanaaf akkas jennee ishee waamna , <<Aquraariite Me'aat>>

Tajaajilli ifoota sanaa waggootaaf guyyoota akka addaan qoodaniif ture ; tajaajilli Ifa Giiftii kenyarraa dhalate Gooftaan keenya garuu warra isatti ofkennaniif Biiftuu bara cubbuun dabarsinee fi bara isaa wajjin jiraannu addaan qoodu ta'e.

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
🌷💒 ክርስቲያናዊ አለባበስ 🙏🌿
ሁላችሁም አዳምጡ ተመልከቱ እንደምንም ብላችሁ ኔትወርክ ባይከፍትላችሁ ከሚከፍትላችሁ ቦታ ሂዳችሁ አዳምጡ ይጠቅማችኃል ችላ ብላችሁ ከተዋችሁት ግን ይጎዳችኃል ሴቶች 🙏👉👂❤️
Gargaartuu Addaam

“Ergasii Waaqayyo gooftaan, "Namichi kophaa isaa ta'uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, haa uumnuuf" jedhe.” Uma. 2:18

Gargaartuun uumamte kun <Hewaani dha>. Maaliif? Akkuma Waaqayyo jedhe Addaam uumama gargaarsi barbaachisuuf waan tureef. Hewaan garuu kaayyoo uumamteef gargaartuu ta'uun ishee hafee , dharraa isheetiin waan seexana gargaarteef Addaamiin hingargaarre.

Kanarra iyyuu kufaatii isaaf sababa taateetu akka inni dafqee dafqasaan jiraatee ofgargaaru goote.

Kan Addaamiin gargaarte eenyudharee yoo jenne deebii isaaf gara Giiftii keenyaa ilaaluun keenya hafa hinqabu.
Kan isheen gargaartes Addaamiin qofaa utuu hinta'in uumama aadaa ture hundumaaf furaa kan ta'e Kiristoosiin da'uuni dha. Qulqulluun Phaawuloos akkas jedha: “Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna.” Rom. 8:22

Gargaartummaan ishees , Kiristoosiif haadha ta'uuf eeyyamamtuu ta'uun , Addaamiin kanfayyisu baattee jooruun Addaamiin gubii si'ool keessaa kan fayyisu baattee godaanuu isheen , baattee guddisuun , lafa itti deessu illee dhabdee dallaatti da'uun , Raajonni kan isaaf raajan , barsiisonni kan isaaf barsiisan , wareegamtoonni kan wareegamaniif , monoksoonni kan gadaamii galaniif , phaaphaasonni kan kooluu galaniif isheen garuu haadha taatee Addaamiif laachuun dhugumatti gargaartuu Addaamiin taatee tti.


Hewaan <gargaartuu Addaam> jedhamte ;
Durbeen garuu <gargaartuu Waaqayyoo> jedhamte. Kanas jecha gargaarsa jedhuu gadi kan ta'e <an garbittii isaa dha> jechuun guyyaa gaafa Waaqayyo addunyaa fayyisuuf gara ishee dhufe oflaattee gargaartummaa ishee dhugoomsitee tti.


Hewaan gargaarsummaan ishee Addaam jalqabaa isa seera Waaqayyoo caalaa jecha haadha manaa isaa dhagahee kufeefi dha. Gargaarsummaan Giiftii keenyaa garu Ilma ishee isa jecha abbaa isaa dhagahee amma du'a fannootti ajajamee ol nu kaaseefi dha.
Gooftaan , Qulqulluu Phaawuloosiin <meeshaa filatamaa> na gargaaru jedhee erga tajaajila wangeelaa biyya lafaatiif filateetii , Foon isheerraa foon , Lubbuu isheerraa lubbuu fudhatee  dhalachuun warra biyya lafaas warra si'ool keessaafis Wangeela kan lallabe Gooftaan keenya Durbee Maaramiinoo maal jedhee waame laata? <Haadhako> isheen jechuu caalaa garuu maqaan gargaarsaa maaltu jira?

Muka jireenyaa irraa akka nyaannuuf <nu gargaartee kan Kiruubeel bira nu dabarsite> yoo isheen jennes inta'a ,

Kiristoosiin da'uu isheetiin akka nuun <ergamoota duukaa Beeteliheemiitti faarfannuuf nu gargaarte> yoo isheen jennes sirrii dha ,

Waaqayyo gara biyya lafaa kanaa dhufuuf keessummaa ture ; keessummaa kana bakka keenya buutee simachuun <isheen dhala namaa hunda gargaarte> yoo jennes dhugaa dha.

Waaqayyo addunyaa kana fayyisuu isaa iccitiin qabatee ture ; iccitiin kun karaa ishee kan raawwate Giiftiin keenya immoo iccitichi bahee akka karaatti hin hafneef akkuma <Kana hundumaa laphee isheetti qabatti turte> jedhame icciticha eeguun nuunis Waaqayyoonis gargaarteetti yoo jenne dhugumatti kanas eebbifamaan Luqaas barreesseera. Luq.2:42
Kanaaf , isheen gargaartuu Addaamidha ; gargaartuu Hewaanidhas , Gargaartuu Waaqayyodhas ; gargaartuu keenyadhas.

Araarsumaaf gargaarsummaa ishee Waaqayyo hunda keenyaaf biyya keenyaaf nuuf haa godhu!

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Jaalataamitootaa fi Kabajaamitootaa Maatii Waaqayyoo Kanii Tataani Hundii kessaanuu Kanii Biyyaa Alaa fi Biyyaa kessaa Jirataan Hundii kessaanuu Nageenyi Koo bakkaa jirtaaniti Isiin haa qaqabuu.

Akumaa Armaan Olittii Footo Argitaan kana. Goodinaa Arsii Bahaa Aannaa Lemmuu fi bilbiloo Maagalaa Ginbiteetii Kan Argamuu Mana Amantaa Qulqulluu Dabraa Amiin Abunaa Taklahaaymaanoot Mana haaraa/hintsaa Ijarsiisee Sadarkaa kanaa Gahee jiraa.Hanqiina Malaaqatii Mani Amantaa Kun Akkaam Addaa Hin cineef Deggarsaa Isiin Gafaana.nuu Gargaraa.namoon nuu gargaruu fetaan.

👇👇👇
Baankii Awaashi Irraa nuu Eerga.

Lakk.01322206792700.
Mana Amantaa Dabraa Amiin Abuuna Taklahaaymaanoot Ginbitee.

Hubachisaa Namoon Dabtaara banki Awaashi Hin qabee kessaan naa dubiisaa.

Maqaa Qulqulluu Abbaa keenyaa Taklahaaymaanootiin Deggaarasaa isiin Gafaanaa.Araarsuumaan Isaas Bakka jirtaaniti Isiin fanaa yaa ta.uu Ameen.

👇👇👇👇👇
www.tg-me.com/Teklemaariyaam
Dabtaraa kana nuu Deggaraaa.

Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaa
1000068553408

Bankii Daldaalaa Ethiopia
1000304717258

Maqaa Taklee Dirribaa kanaan nuu gargaraa Aniis immoo malaqaa kessaan mana Amantaa biraan isiin gaha

www.tg-me.com/Teklemaariyaam
Giiftii Keenyaa fi Cinaacha Addaam Maxxanfame

“Waaqayyo gooftaan , cinaacha isaa keessaa lafee tokko fuudhee iddoo isaatti foon in guute.” Uma. 2:21

Waaqayyo waaqni waan xiqqoo baayisuu danda'u lafee tokkittii irraa Hewaan ishee , <Dubartii barsiisuun , maatii barsiisuudha> jedhamtu uumeera.

Uumamuu ishee irraas , akkuma Kitaabni Qulqulluu jedhu waan haaraa sadan tokko agarra.

1ffaa. Nama taatee sanyii fi walquunnamtii malee uumamuu Hewaan.

2ffaa. Bakki isheen keessaa fuudhamtee uumamte hirrachuu dhiisuu.

3ffaa. Lafeen sun yemmuu Addaam keessaa fuudhame Addaamiin dhukkubuu dhiisuu.

Kunis kakuu haaraatti fakkeenya Durbee Maaramii akka ta'aan haayyotiin qulqulloonni mirkaneessaniiru.

Akkuma sanyii malee Addaam irraa Hewaan Hirrib-dammaqiin argamte , Durbee Maaramii irraas Addaam lammataa kan jedhame Kiristoos isa foonsaa du'ee Waaqummaa isaan jiraataa ta'e irraas guyyaa gaafa Jimaataa cinaacha isaa keessaa hundi keenya kan isheerraa dhalannee cuupphaan nuuf argamtee tti.

Akkuma bakki Hewaan lafeetiin keessaa fuudhamtee uumamte hin hir'anne ; Giiftiin keenyas akkuma gaafa Kiristoos garaa ishee keessa bule Chaapphaan durbummaa isheetii hin jijjiiramne , gaafa Kiristoos ishee irraa dhalates chaapphaan durbummaa isheetii jijjiiramuu fi hanqachuu dhiisuu isaaf fakkeenya akka ta'e Qulqulluun Qeerloos Qiddaasee isaa irratti galmeesseera. (Qid. Qer. 96)

Sadaffaa irratti akkuma jenne gaafa cinaacha isaa keessaa Hewaan uumamte Addaamiin hindhukkubne. Utuu dhukkubeera ta'eetii gaafa isheen uumamtee xumuramtee gara isaa dhuftu gammadee maqaa hin moggaasuuf ture. Kunis fakkeenya ittiin Giiftiin keenya Kiristoosiin deesse dha. Isheenis gaafa Gooftaa deesse ciniinsuu fi dhukkubbii daa'umsaa malee dha.
Ciniinsuu fi dhipphinaan da'uun abaarsaan kan dhufe dha. Giiftiin keenya garuu kana irraa bilisa ta'uu ishee ergamaan Gabri'eeliin gaafa misiraachoof gara isheetti olgale akkas jedhee adda ta’uu ishee ibseera:
"Ati dubartoota keessaa (abaaraman keessaa) adda baatee kan eebbifamte dha" Luq.1 

Akkuma cinaachi Addaam utuu hin hir'atinii fi hin jijjiiramin amma barabaraatti guutuu ta'ee jiraatu ; Giiftiin keenyas Gooftaan kan isheerraa argame amma barabaraatti: Utuu hinda'in , yeroo deesse , erga deessee boodas amma barabaraatti ; utuu hin ulfaa'in , yemmuu ulfoofte , erga ulfooftee boodas  qulqullummaa durbummaatiin barabaraan jiraatti.


https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Guyyaa Kamisaa Fi Giiftii keenya


Uma. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁰ Waaqayyo, "Bishaanonni tuuta lubbuu qabaatanii munyuuqaniin haa guutan! Simbirri, allaattiinis bantii waaqaa jala lafa irra haa balali'an!" jedhe.
²¹ Waaqayyo yommus bineensota gurguddaa warra akka jawwee galaanaa, uumama lubbuu qaban bishaan keessa munyuuqan hundumaa akka qomoo qomoo isaaniitti, warra baalee qabanis akka qomoo qomoo isaaniitti in uume; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge.
²² Waaqayyo, "Horaa, baay'adhaa, bishaanota galaanaas guutaa, simbirroonni, allaattonnis¹ lafa irratti haa baay'atan!" jedhee isaan in eebbise.

Guyyaa kanatti uumama uume kana eebbiseera.
Guyyaama kamisaa kanattis jimaata fannifamuuf jiru  Giiftii keenya irraa foon isheerraa foon lubbuu isheerraa lubbuu fudhatee kandhalate guyyaa gaafa kamisaa foonsaa fi dhiiga isaa eebbisee nuuf kenneera. Akkuma altakkaa uumee ka'ee baay'adhaa jedhe , kabajamaan foonsaa fi ulfaataan dhiigni isaa guyyaa kamisaa kennames altakkaa haa kennamu iyyuu malee , isumatu baay'atee guyyaa guyyaan kennama. Foonii fi dhiigni inni nuuf kennes <Foon Waaqummaa lubbumaleessa> dha. Kunis dhugumatti kan inni Giiftii keenya irraatii ittiin nama ta'ee nu fayyisedha (hubachiisa: Gaafa nama ta'uu Gooftaa dubbannu kan inni isheerraa fudhate fooniif lubbuudha jenna ; Gaafa waa'ee Foonsaaf dhiigasaa akka nyaannuuf dhugnu nuuf kennuu isaa dubbannu foon waaqummaa lubbu maleessa jenna)
  
Guyyaa kamisaa kanatti uumamni bishaan keessaa fi qilleensa keessa jiraatan jireenya argataniiru ; <<Karaanis Jireenyis Ana>> kan jedhe Gooftaan keenya Kamisa kan jedhamte Giiftii keenyarraa kan dhalates , Bishaanii fi Hafuura Qulqulluu qilleensatti fakkeeffameen mucummaa isaa akka argannuuf bishaan cuuphaa fi Hafuura Qulqulluutiin jireenya nuuf argamsiiseera.

Guyyaa kamisaatti uumamni bishaaniif qilleensa keessa jiraatan jireenya argataniiru ; Guyyaa kamisaatti kan fakkeeffamtu Giiftii keenya irraa kan dhalate Gooftaan keenyas lafaa olfuudhamee qilleensarratti fannifamuunii fi gaafa cinaacha isaa waraanan cinaacha isaa keessaa bishaanni dhangala'uun akkuma uumama guyyaa kamisaaf jireenya kenne ; nuufis jireenya ittiin mootummaa isaa keessatti isaa wajjin ittii jiraannu Giiftii keenya irraa dhalachuun nuuf kenneera.

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Haadha  Hingaafatamne

Waaqayyo Jannata keessatti yommuu Addaam bal'eessee dhokate Waaqni , ‛garam jirta?’ jedhee gaafate , yommuu du'aa kaanu ammoo , ‛maal hojjettee dhufte?’ jedhee akka nu gaafatu dursee nutti himameera. Mat. 25:31-46

Gamuma wal-fakkaatuun Addaamiif Hewaan walii yakkanis , kan eessa jirta jedhame garuu Addaami dha. Akkuma kana , yommuu lammaffaa deebi'ee dhufus , hundumtuu maal hojjetanii akka dhufan yommuu gaafatamanitti , Giiftiin keenya garuu hin gaafatamtu!

Kan isheen hin gaafatamneefis , waan haadha qofaa taateef utuu hin ta'in , ‛Eebbifamtuu amantes’ waan taate qofaaf utuu hin ta'in , gaaffiilee ja'aan guyyaa murtiitti hundumtuu gaafatamu dursitee waan hojjettee raawwatteefi dha.

Gaaffiin jalqabaa , ‛Beela'ee na nyaachiftaniittuu?’ fi ‛Dheebodhee na obaaftaniittuu?’ kan jedhu dha. Eeyyeen! Gooftaan keenya akka nyaataaf dhugaa dhufe Kitaabni Qulqulluun akkas jedha , "Dhalli namaa nyaataa fi dhugaa dhufe" Maat. 11:19 Kanaafuu , kan isa nyaachisaa fi isa obaasaa isa guddifte eenyu dha? Yoo jennu , Durbee Maaramii arganna.

Kan itti aanu , ‛Keessummaa ta'ee na simattaniittuu?’ kan jedhu dha. Jalqaba , keessummaa gara biyya lafaatti dhufe kana kan bakka keenya buutee simatte Durbee Maaramii ti. Keessummaan isheen simattes , keessummaa warri kaan hin fudhanne dha. "Gara warra kan isaa ta'aanii dhufe. Aantewwanumti isaa garuu isa hin simanne" akkuma jedhame. Yoh. 1:11 Isheen garuu qofaa ishee simatte.  Keessummaa ta'ee kan dhufe kana erga isheen simatteetii nuti simanne. Jechi Qulqulluu Phaawuloos , "Keessummaa simachuu hin dagatinaa! Warri kaan utuu hin beekin Ergamoota iyyuu  simataniiru"  jedhu , Durbee hin ilaallatu. Isheen , ‛kana yaadadhu hin dagatin’ kan jedhamtu utuu hin ta'in , kan uumaa Ergamootaa simatte dhaatii. Ibr.13:1

Kan itti fufe ‛Daaree daara na baaftaniittuu , natti hiwwuftaniittuu’ kan jedhu dha. Maarree! Samii irratti qaaxiin mana isaatii bishaan kan ta'e , kan Dallaatti dhalatee, uffata ishee isatti martee ofitti qabde Durbee malee maaltu jira?

Gaaffiin itti fufu dhukkubasadhee na gaafattaniittuu?’ kan jedhu dha. Eeyyee! Gaaffiin kun ammas Durbee hin ilaallatu. Sababnisaa , gidiraa Ilmi ishee Liitosxiraatii amma Qaraaniyootti , Mooraa Qayyaafaatii amma Fuullee Philaaxoositti isarra ga'e kanaan , "Dhukkubbiiwwan" isaa jedhee ibsuu  argina. HoE. 1:3 Kanaaf , dhukkubbiiwwan namootaan isarra ga'e kanaaf amma xumuraatti kan isa biraa hin dhibamne ishee qofaa turte. Kanaaf , dhukkubasadhee na gaafatteettaa? Kan jedhu akkamitti Durbee ilaallata? Isheen kan dhukkubsannaan isa gaafattu utuu hin ta'in , yommuu inni dhalatee jalqabee akkuma , ''Lubbuu keerra albeetu darba'' jedhamte , dhukkubbii Ilma isheetii bara jireenya ishee kan laphee isheetti eegdee jiraatte dha.

Kan itti aanuu fi kan xumuraa , ‛Hidhamee na gaafattaniittuu?’ kan jedhu dha. Eeyyee! Gooftaan keenya halkan Jimaatatti bari'u iddoo diilalla'aatti hidhamee buleera. Hidhaan hidhaa caalu garuu , hidhaa mana hidhaa caalaa , hidhaa inni akka gogaa Hoolaa fannoo irratti dhifamee hidhame ture. Yommuu hidhamee jiru kanatti kan isa bira turte deessuu haadha isaatii dha mitii ree? Kanaafuu , ‛Hidhamee na gaafattaniittuu?’ kan jedhu akkamitti Durbee ilaallata?

Kuni egaa dirqama haadhummaa isheen ba'aatte qofaa kan agarsiisu utuu hin ta'in , amaneera, haadha ta'eera , ayyaana argadheera naga'a jettee akka isheen hin teenye dha.

Yaa Durbe! Ani barataan dhiba'aan hojii gaarii kun gaaffii guyyasii kanan hin deebifne  akkamin ta'a laata?

Yaa Durbe! Qulqulluun Pheexiroos ergan lubbuun deemee booda hojii gaariin isin yaadachiisa jedheera, “Erga ani godaanee(du'aan) booddee ammoo, wanta kana yeroo hundumaa akka isin yaadachuu dandeessan gochuudhaaf nan dhama'a.” Erga jedheetii, Yaa Durbe ati ammoo haadha Waaqa Pheexiroosidhaatii utuun hojii gaarii hin hojjetin deebii malee murtiif fuula Ilmakee dura akkan hin dhaabanneef hojii gaarii na yaadachiisi. Hoj-dhabaa hojii gaariidha jedheetiis maasii hojii gaarii Ilmakeetii tti na miindessi. 2Phe. 1:15

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
+   Dhagna-qabaa   Gooftaa   +

“Guyyaan saddeettaffaan erga darbee mucicha dhagna qabuun in ga'e; akkuma ergamaan Waaqayyoo utuu isheen hin ulfaa'in dura, haadha isaatti himee turetti maqaa isaa "Iyyasuus" jedhan.  Luq. 2:21

Amajji 6 (ja'a) waggaa waggaan bakka Taabonni Iyyasuus jirutti kan kabajamu guyyaa dhaqna qabaa isaa ta'eeti dha. /Sinkisaara Ji'a Amajjii/

Guyyaan dhaqna qabaan kun itti raawwatus , daa'imni tokko dhalatee guyyaa saddeettaffaatti dha. Seera kanas kan kenne Waaqayyo dha. (SeU. 17:10-14) kanaaf , Guyyaa dhalachuu Gooftaa kan ta'e gaafa ji'a afuraaffaa 28titti 8 gaafa idaanu , ji'a shanaffaa bor 6 arganna. (28+8=36) deebinee 36 irraa 30 kan ji'a tokkoo hir'ifnee ja'a shanaffaa keessaa guyyaa ja'a arganna. (36-30=6) Kanaaf , guyyaan kun amajji 6 ayyaana dhaqna qabaa  isaa ta'ee ayyaanota kudha saddeettan Gooftaa keessaa akka isa tokkootti kabajama.

Dhaqna qabaan maaliif kenname? Akkamitti Gooftaa keenyas ilaallata?

Dhagnaqabaan bu'aa lamaaf kenname.
1.Fayyummaa fooniif
Keessumattuu Abbaa Isiraa'elotaa kan ta'e dursee Abrihaamiif kennamuunsaa , ijoolleen ijoollee isaatii gara fuulduraatti waggaa afurtamaaf naannoo ho'a Siinaa , Qaadees , Barnee keessa waan deemaniif , hafaan foon nafsaala isaanii ho'arraan kan ka'e akka lallaafee raamma'ee fayyummaa isaa hindhabneef dursee Waaqayyo Abrihaamiif laatee akka dhagna-qabaan jalqabamu taasise. (Dhagnaqabaan dubartoota hin ilaallatu jedha Kitaabni Qulqulluun)

2.Mallattoo miseensummaa ijoollee Waaqayyoo ta'uuf.

Namni dhaqna qabame dhaloota Kiristoosiin duratti ijoollee Waaqayyo aangoo jedhamuu argata. Dhaloota Kiristoosiin booda garuu dhaqna qabaan cuuph'aan bakka bu'uusaa kakuumti haaraan nutti hima. Kakuu Haaraatti dhaqna qabaan gama fayyaa fooniif malee hafuuraaf bu'aa hinqabu.

Maaf guyyaa saddeettaffaatti ta'e?

Abboonni Ortodooksii ibsa hiikkaa yaada kitaabaa irratti , "Yoo saddeetii gad-ta'e dhiigi burqee miidhama ; yoo isaa ol-tahe ammoo gaafa dhaqna qabamu jabaatee dhukkuba" jedhu.

Gama Saayinsiin ammoo amma iyyuu daa'imni guyyaa 8ffaatti dhaqna qabama! kunis , Yoo guyyaa saddeetii gad ta'e
Hanqinni Vaayitaaminiin K jiraannaan Pirootiroobiinii mudateetu dhangalaatii dhiigaa fida. Kun immoo amma sammuu barbadeessuuf du’aatti gahuu danda'a.  Viitaaminiin K immoo guyyaa saddeettaffaatti guutaa guutaa dhufee kan inni  100%  fi isaa ol ta'u dhalatee guyyaa saddeettaffaatti dha. Kanaaf, daa'imni sun guyyaa saddeettaffaatti dhiiga ga'aaf isaa ol waan qabaatuuf , yoo guyyaa 8ffaatti dhaqna qabame miidhamni isarra gahu hinjiru. Kana gama Saayinsiin kan qoratan Es Ayii Maakmiilanii fi Piro. Hech Him dha. /Dr. Roodaas Taaddasaa መጽሐፍ ቅዱስና የሕክምና ሳይንስ , F.77/

Gooftaa keenya akkamitti ilaallata?

Gooftaa keenya gama seera raawwachuuf seeratti raawwii kennuun ilaallata. Seera raawwachuu jechuun seera eeguu yoo ta'u , seeratti raawwi kennuun immoo seera isaan xumura argatu dha. Kan inni dhaqnaqabaaf guyyaa saddeettaffaatti dhiyaateefis seera kana lamaan eeguufi dha. Seera dhaqnaqabaa sana hin eegu taanaan warri seeraa (Yihuudonni) isatti amanuu dhiisuuf sababa argatu turani. Sababa kana fakkaatuun yihuudonni  barumsa Qulqulluu Phaawuloosiin fudhachuurraa booddeetti akka hinjenneef amma jedhee amma Ximootewoosiin dhaqna qabeera.

Akka seera raawwachuutti (eeguutti) dhaqna qabaaf dhiyaate , akka seeratti raawwii kennuutti ammoo cuuph'aadhaan bu'aa hafuuraa dhaqnaqabaa dhaabsiseera.

Waan ajaa'ibsiisaa dhaqna qabaa isaarratti ta'e!

1ffaa. Maqaa sana kan moggaafte Giiftii keenya dha. Akka seeraatti maqaa moggaasuun ga'ee abbaa dha. Yooseef misiraachoo isheen dhageesse waan hindhageenyeef , kan Ergamaan isheetti hime sanaan , 'Iyyasuus' jettee moggaafte. Iyyasuus jechuun qoricha jechuu dha ; qorichi ammoo summiidhaaf barbaachisa ; summii seexanni gorsaan nusummeessee tureef ; innis cubbuu dha.

www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
2ffaa. Ogeessi dhaqna qabu waamamee Gooftaa dhaqna qabuuf ka'e. Akkas taanaan immoo dhiiga hoolichaa altokko qofaa cobuu qabutu cobuuf jedha. Kanaaf , utuu dhaqnaqabaan sun hin akeekin dhaqna qabamee argame!. Gooftaan yeroo dhaqna qabaa kana qofaa miti kan inni akka dhiigni isaa hincobne gochaa ture. Yeroo garaagaraatti yeroo Gooftaa qabuuf , dhagaadhaan dhahuuf , waggaa lammaffaa isaattis yeroo Heeroods dhiiga isaa dhangalaasuuf malettis amma guyyaa gaafa Jimaataatti baqachaa ture. Guyyaa yerichi gahe garuu yeroo bartoota isaarraa adda baasuu dadhabanitti <<eenyuun barbaaddu? anadha , isaan kanatti hinbu'inaa isaan haa deemanii>> jedhee ofkenne. Kan inni <<lubbuukoo fedhakoonan jiraachisa >> jedheefis kanumaafi dha.

3ffaa. Utuu itti hinbu'amiin dhaqna qabamee argamuusaa!

Fakkeenya kana fakkaatu baay'ee tajaajila isaa keessatti arganna. Yeruma gara keenya dhufe  kan bakka keenya buutee simatte Giiftii keenya Durbee Maaramii turte. Ergamaanis , <<Gara durba tokkoo dhaqe> jedha. Kanaaf , isheen ituma durba taatee jirtuu Gooftaan gadameessa ishee keessa buufate. Gaafa dhalates utuu chaaph'aa durbummaa isheetiin jirtuu irraa dhalate.

Gaafa du'aa ka'es , Gooftaan kafana naa hiikaa , awwaalcha naaf banaa utuu hinjedhin du'a keessaa ka'e  yoo dhaqna qabamee argame ogummaa isaaf jajachuurraan kan hafe maaljenna ree?. Gooftaan yeroo bartoonni isaa sodaatanii mana cufaa keessa turan utuu balbala naa banaa hinjedhin mana keessatti argame yoo dhaqna qabamee argame inni waan kana taasiseef nu caalaa isatu beeka jennee galataaf itti-gargaaramna.

Gooftaan akkuma dhaqna qabaa isaatti nuunis dhaqna nuqabeera jedha Qulqulluun Phaawuloos , “Isinis ammoo isumaan dhagna qabamtaniittu; dhagna qabaan keessan garuu isa harkaan hojjetame utuu hin ta'in, isa Kiristos dhagna qabuu isaatiin namummaa foonii guutummaa isaa balleessee dha.” Qol. 2:11

Egaan namummaa foonii kan jedhame namummaa hafuuraa agarsiisuuf jedhee ti. Kanaaf , har'ayyuu nuun jireenya namummaa foonii: jibba , jireenya galata hinqabne , jireenya fooniif dhiph'achuu , ofilummaa , jireenya gad-dhiisii , sanyiin walqooduu , seerattan isaatti dugdagatuu  Waaqayyoof dursa dhabuu , sagalee Waaqayyoo caalaa yaada ofiitti hirkachuu . . . kana hundumaa keessa jirra taanaan nuun Gooftaa keenyaan dhaqna hinqabin jirra jechuu dha ; namni dhaqna hinqabamne immoo akka hafuuraatti mitiitii akka aadaattu saalfii dha. Akka ogeessi dhaqna nu qabetti utuu hinta'in akka inni dhaqnanuqabeetti yoo jiraanne nuun kan isaati.
https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
Dhaamsa Eebbifamoo Qulqulluu Abune Shinoodaa

An barsiisaa fi abbaa keessanidha , ijoolleeko hundi keessan abboommiikoo dhaggeeffadhaa ; akka isin Qulqulleettii Sillaaseetti amantaniif isa duukaa buutan isattis akka isin jabaattanan isinitti hima.

jaal'atamoo Ijoolleeko , akka isin jaalala dhugaan waljaal'attaniifan isin kadhadha!

jaal'atamoo Ijoolleeko , isinan kadhadha ; namummaa guutuutiin gaarii godhaa jedheen isinkadhadha.

jaal'atamoo Ijoolleeko , isinan kadhadha ; akka addunyaan isin goyomsituuf tole hinjedhinaafii jedheen isinkadhadha

jaal'atamoo Ijoolleeko , isinan kadhadha ; tajaajila Waaqayyoo irratti dhimma hinqabnee fi dhibaa'oo hinta'inaa jedheen isin kadhadha.

jaal'atamoo Ijoolleeko , utuu addaan hinkutinii fi nan nuffee malee akka isin kadhattaniifan isin kadhadha!

jaal'atamoo Ijoolleeko , haasaa adda addummaa fidurraa afaan keessan akka eeggattanii fi akka of eeggattaniifan isinkadhadha!

jaal'atamoo Ijoolleeko , cuupphaa qulqulleettii ittiin cuuphamtan akka eeggattaniifan isinkadhadha!

jaal'atamoo Ijoolleeko , namummaa keessan Gooftadhaaf taliila gootanii akka eegdaniifan isinkadhadha!

jaal'atamoo Ijoolleeko , akka ibsaan keessan dhaamuuf tasumaa hin eeyyaminaa ; kanarrayyuu akka isin ibsaa gootaniifan isinkadhadha!

jaal'atamoo Ijoolleeko , abboommii Waaqayyo isiniif kenne akka eegdaniifan isinkadhadha!

jaal'atamo Ijoolleeko , Waaqayyoon sodaachuun isinii wajjin akka ta'uufan isinkadhadha.

jaal'atamoo Ijoolleeko , an yoomiyyuu hinrafu ... isinkeessaa namatokko irraayyuu nattibadeera kanan ittiin jedhu hinqabu. Abboommiiwwan Waaqayyo keessaa tokkittiillee isinitti akkan hindubbanneef waanan dhokse akka hinjirre Waaqayyo naafragaadha. Waanan isinitti hime hunda eegnaan mataa bofichaa fi jawwichaa inbubburiqsitu. Kanaaf , waanan isinitti hime goonaan eebba lafarraa in nyaattu. Waanan isinitti hime goonaan Ergamoota ifootu isin eega. Waanan isinitti hime goonaan kennaan ayyaana samiirraa isinitti hin hir'atu.

jaal'atamoo Ijoolleeko , Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos duratti waa'ee lubbuukoof kadhadhaa ; utuun isiniif hin heyyaminiinis ta'e wal'aalummaatiin irradaddarban hojjedhe mara akkanni natti hinlakkoofnee fi fuulasaa duratti boqonnaa akka naaf kennuuf naakadhadhaa.

https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
https://www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
BAGA KABAJA AYYAANA CUUPHAA GOOFTAA KEENYA IYYESUUS KIRISTOOS KAN BARA 2016N NAGAAN ISIN GA'E, NU GA'E!

Ayyaannii cuuphaa kun ayyaanoota gurguddoo kan Gooftaa keenyaa Iyyesuus kiristoos sagal keessaa isa tokko dha.

Ayyaana kana yeroo kabajnu gaaffiiwwan garaa garaa kaasuu ni dandeenya.

Gaaffiiwwan hundumtuu garuu deebii mataa isaanii danda'e ni qabu.

Fakkeenyaaf;

1️⃣➞Maaliif cuphamuun isa barbaachise?

Gooftaan na muudaa kan hin jenne Mootii,

Na kabajaa kan hin jenne kabajamaa ta'uun isaa beekamaa dha.

Egaa maaliif cuuphamuun isa barbaachiseree yoo jennu;

👉1ffaa= Icitii sadummaa isaa ibsuu dhaafi.

Kakuu moofaa keessatti tokkummaan isaa sadummaa isaa ottoo hin marmariin,

Sadummaan isaas tokkummaa isaa otoo hin diigiin wal eeguu dhaan jiraachaa turuun isaa beekamaa dha.

Haata'u malee icitiin Sillaasee sirritti ifa ba'ee waan hin muldhanneef icitii tokkummaaf sadummaa isaa ifatti muldhisuu dhaaf jecha cuuphamuun isa barbaachise.

Kunis yeroo Gooftaan galaana yoordaanoos keessatti cuuphamu Abbaan duumessa keessaan, Ilmi galaana keessa dhaabatee, Afuurri qulqulluunis bifa gugeedhaan mataa Gooftaa irra qubatee muldhachuudhaan mirkanaa'eera.

👉2ffaa= Raajii dubbatamee jiru dhugoomsuu dhaafi.

“Yaa Waaqayyo, bishaanonni si argan,
si arganiis ni hunkuraman;
tuujjubni galaanaa immoo ni raafame.”
Far.77፥16

👉3ffaa= Fakkeenya nuuf ta'uu dhaafi.

Gooftaan dursee ufii cuuphamee nutis bishaaniif Afuura irraa akka lammaffaa dhalachuun nurra jiraatutti fakkeenya nuuf ta'e.

2️⃣➞Gooftaan maaliif waggaa 30tti cuuphame?

Maaliif gadi bu'ee 29tti ol ba'ee 31tti hin cuuphamne?

Akka tasaa 30 irra bu'eetudhas akka hin jedhamne Waaqayyo biratti hojiin akka tasaa hojjetamu hin jiru.

Yoosoo wagga 30tti cuuphamuun isaa icitii mataa isaa danda'e ni qabaa jechuu dha.

Addaam yeroo uumame akka dargaggeessa waggaa soddomaattidha ture.
Guyyaa 40tti mucummaa Sillaasee argatee ture sana seexanaan waan uf harkaa fudhachiiseef Addaam inni lammaffaa Gooftaan keenyi Iyyesuus kiristoos mucummaa Addaam sadarkaa kanaan dhabee ture sana isaafii deebisuu dhaaf jecha waggaa 30tti cuuphamuun isa barbaachise.

3️⃣➞Yohaannisiin garasaatti waamuu otoo danda'uu maaliif
Gooftaan gara Yohaannisitti dhufuun isa barbaachise?

As irratti Gooftaan seera tumee nuu kaa'uudhaafi.

Mootiin moototaa Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos akkuma gara Yohaannisitti deemee cuuphame kana mootootni garaagaraafi warreen taayitaa kam irrayyuu jiranis bifa tuffiidhaan koottaatii manatti nu cuuphaa otoo hin jedhiin mucummaa Sillaasee argachuudhaaf gara mana qulqullummaa Waaqayyootti dhufuun fakkeenya Yohaannis cuuphaa kan ta'an gara Lubootaatti dhiyaatanii akka cuuphamaniidhaaf kallattii kanaan Gooftaan seera nuuf tume.

4️⃣➞Maaliif harka Yohaannisitti cuuphame?

Gooftaan keenyi iyyesuus Kiristoos inni dhugumatti Waaqa dha.
Rom.9፥5

Yoohaannis ammoo uumamaa dha.

Egaa Gooftaan otoo Waaqa ta'ee jiruu uumamaa isaa harkatti gadi bu'ee cuuphamuun isaa kasoomina nu barsiisuudhaafi.

Inni mataan isaa
Mat.11፥29 irratti anarraa baradhaa nuun jedheera.

Barnootni nuti boqonnaa lubbuu keenyaa argachuudhaaf isa irraa barannu kunis kasoomina ta'uu isaa qixa kanaan nu barsiise.

5️⃣➞Maaliif Yoordaanoositti cuuphame?

👉1ffaa= Raajii dubbatamee jiru dhugoomsuu dhaafi.

Kan akkas jedhu;
“Galaanni argitee ni baqatte, lagni Yordaanosis gara duubaatti ni deebi'e.”
Far.114:3

👉2ffaa= Xalayaa du'aa nurratti barreessamee ture sana nuuf barbadeessuu dhaafi.

Xalayaa du'aa nurratti barreessamee ture sana diyaabiloos isa tokko si'ool keessatti, isa tokko ammoo galaana yoordaanoos keessatti gadi dhidhimsee ture.

Yoo xalayaan du'aa kun barbadeessame maleemmoo ilmoon namaa garbummaa keessaa ba'uu hin danda'anu.

Kanaafuu Gooftaan isa si'ool keessaa yeroo fannisamee lubbuu isaa dabarsee laatee ture sanatti qaama lubbuudhaan gara si'oolitti dhaqee yeroo barbadeessu isa galaana yoordaanoos keessatti gadi dhidhimsamee ture kana ammoo yeruu cuuphamu namummaa isaatiin irra dhaabatee waaqummaa isaatiin nuuf barbadeesseera.
Qol.2፥14

www.tg-me.com/+jhWa2eaKyCwxMjg0
2024/07/01 09:47:35
Back to Top
HTML Embed Code: