Telegram Web Link
Keessummaa Guddoo tana Waan faayidaa siif qabu kitaaba Kana dubbisaa eegi.

Kitaaba afaan Oromootiin barraawe, kan warri dubbise hundi baay'ee irraa fayyadame kana buufadhaa dubbisaa.

2.0MB qofaan
284 page
Telegram

Link comment jalatti

https://www.tg-me.com/JemalSheikhBakri1/5941
Ji'a leenjii qalbii, Ruuhii fi Sammuu teenya keessa leenjisnuutu ramadaana. Agabuu ooluu keessa iccitiin guddoo jiru, maal akka ta'e yeroo itti leenjinuudha.

Warra Ramadaan Keessa agabuu qofa oolu tahuu osoo hin taanee warra maعsiyaa (dilii) hojjachuurraahuu agabuu oolee tahuu qabna.

Ji'a Kheeyrii
#Ramadaan
BREAKING NEWS: The Crescent of Ramadan 1445/2024 has been sighted in Saudi Arabia!

Subsequently, Ramadan 1445/2024 begins tomorrow, 11 March 2024

Taraweeh Prayers will begin in the Two Holy Mosques after Isha Prayers

Ramadaanni boru tahuun ifa ta'ee jira
Jiini Ramadaanaa Mul'achuun Suudii keessatti labsameera. Kanaafuu guyyaan Wixataa borii Ramadaana ta'eera.
Ramadaan Mubaarak!
Way Ramadaana wallaahi hedduu bareedda, wallaahi hedduu na jalaa ariifatta. #Subhaanallah
Awoo Rabbiin niyyaa teessan isiniif haa guutu.
Jiini Ramadaanaa ji'a badii dabarsineef gaabbinu, yaadannoo moofaa cufnee, yaadannoo haarawa tan Rabbiin jaalatu bannuudha

Ey #Bismillah
Jiini Ramadaanaa dhufe jechaa turree mitii? Amma jiinii Ramadaanaa gala kha'e jechuu jalqabne.

#Subhaanallah Rabbiin Warra irraa milkaawe nu haa godhu🙏
Ergamaan Rabbii (saw) namoota akkaan isa gargaaran lama qaba ture. Isaanis Adeera isaa Abii Xaalibii fi Haadha manaa Isaanii Khadiijaa turan.

Waggaa tokko keessatti jarri lamaanuu du'aan addunyarraa godaanan. Waggaan sun عام الحزن ja'amuun beekkama.

Rabbiin maaliif isaan lameenuu irraa fudhate beeytuu? Osoo namni isa gargaaru dhabamelleedhaa Rabbii isa gargaaruu akka hin dhiifne.

Akka irkoon isaa jabaan Rabbi ta'e isa garsiisjufi ture.

Ati kha nama si gargaaru dhabdee ba'aan sitti ulfaatte "Rabbiin khee si gargaara, Abdii irraa hin kutin"
Don't let the pain, get in the way!
Sheekh Abdurahmaan!

Sheekhan itti dhiheenyaan isaan beekuudha. Nama ilmii tana joollummaan jalqabee itti as gahe. Ilmii barachuu bira kuti nama ilmii tana hubate.

Haasawni isaa Qur'aanaa fi hadiisa. Namni tokko isa biratti hadiisa dabsuu fi cabsuu sitti hin dhiisu.

Sanada hadiisaa, isxilaahaa hadiisaa, akkaa hukmii fi waanuma shari'aa cufa nama qomatti qabatee deemu.

Wallaahi yoo isa bira teessee dhaggeeffatte "Yaa Rabbi ilmii akka sheekhaa naaf kanni" jettu malee biraan deemtu.

Sheekha kheenya ilmii nahwii, lughaa arabaa taatuu nama dhugee deemu. Dhugaa Rabbii sheeka keenya Rabbummaan umrii nuuf haa dheeressu. Nama irraa fayyadamu nu haa godhu.
"Waan agarre hunda hin dubbanuu." 🤔
jette Boolli Qayyaa

Waan beekhanuu hunda hin dubbatan. Tan beekhan ta dubbatan sanuu bitaa mirga of laalanii dubbatan.

“Erga dubbatanii itti yaaduurra osoo hin dubbatin dura itti yaaduutu feesisa.”

Amma namni waan beekhu hunda dubbatee fixee tan hin beeyne yeroo itti dubbachaa jiru kheeysa jirra.

"Hayyuun waan dubbatu beekha. Gowwaan waan beekhu dubbata."

"Dubbachuun yoo Akka meetaa taate, callisuun Akka warqii Akka taate hin dagatin."

“Awoo Ramadaanaa callisuun isinirratti haa jiraattu.”

Abdurezaqtu barreesse
Hiriyaan gaafa rakkoo si bira hin jiraanne, yoo madaallee diina kheetitti dhiyoodha.
Dhabaa fi dhibdee Rabbiin nurraa haa qabu
Ramadaanatti dhaammachaa jirra, hadaraa leenjii leenji'aa baane tana leenjii Adurree akka nu duraa hin taane, akka Rabbiin Sabaata nuuf kannu Rabbii keessan kadhadhaa.

Yaa Rabbi ibaadaarratti sabaata nuuf kenni 🤲
Guyyaa Juma'aa kalaandariin cufaa ta'uu qaba > Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል
~~~
Waamicha Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል!!
Itoophiyaatti guyyaan juma'aa guyyaa boqonnaa akka ta'u; akkasuma salaanni juma'aa bu'uuraa fi qaama amantichaa keessaa tokko waan ta'eef, guyyaa kanatti dhaabbileen mootummaa fi manneen barnootaa akka cufamuu fi lakkoofsi Hijraa sirna kalaandarii biyyattii keessatti akka hammatamuuf Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል waamicha dhiheessaniiru!!❤️🥰🙏
Yaa Rabbi fayyaa gaarii nuuf khanni
Diinirratti umrii nu dheeressi
Yaa Rabbi hanga narraa barbaaddu si gabbaruu baadhullee, hagan si gabbare narrattin deebisin🤲

Jennee Rabbi khadhachuu qabna
2024/09/22 17:32:09
Back to Top
HTML Embed Code: