Telegram Web Link
"Rabbiin kiyya anaa wajjiin jira!" Jettee hin yaadduu, maaliif gaddita, maaliif cinqamta. Rabbiin khee siif gayaadha
Ramadaanaaf ji'a tokkootu nuuf hafa.

Rabbiin achiin nu haa eegu
Zabana namni hundi sheekhaa, zabana namni hundi beekhaatti if beekhu kana ati nama haalaa gaarii qabaachuuf tattaaffatu yoo taate Abshaalli akka kheetii hin jiru

#Abshaaloch🙏
Rabbiin khee warra akkaan salaatu, akkaan soomanuu qofaan "Yaa gabroottan khiyya" hin jenne.

Nuti warra bahara dilii keessa jiru cufaanuu "Yaa Gabroottan Khiyya" nuun jedhe.

Wlh Rabbiin kheenya nu cufa jaalata.
#Allah☝️
"Ibaadaan dhoysaan hojjatan sababaa Sabaataa namaaf taati, diliin ykn badiin dhoysaan hojjatan ammoo sababaa sabaata dhabiinsaa namatti taati"

Ibnul Qayyim al jawzii
Dhiirri tokko dhugaan yoo si jaalate gara maatii kheetii fiiga, yoo yeroo sitti dabarsuu barbaade gara kheetii fiiga.

Hangana hin wallaalin Obbolii
#Ukhtaa
Kitaaba 《Jireenya Keetitti Gammadi》 jedhu kana akka hundi keessan dubbiftaniif Kutaa tokkoffaa Isaa Soft kooppiin ol baasuun yaadaa jira isin yoo akkam jettan silaa?

Suuraan: tan Ustaaza Kheenya faxina Hakim Hassen Umrii Rabbiin nuuf haa dheereysuu
ባረከላሁ ለኩማ ወባሪክ ዓለይኩማ ወጀመዓ በይነኩማ ፊ ኸይር ያማረ ትዳር አላህ ያድርግልህ ወንድሜ
Mujib Amino
Yeroon dargaggummaa tun bilchinaan dabarsuu barbaaddi, Qabeenya godhatuun, Hiriyoota gaarii uummachuun, qe'ee gaarii filachuun, waa'ila jireenyaa gaarii qabaachuuf barbaaduun yeroo itti jaatanooynuudha.

Yeroo tana jaatanaawaa #Busytahaa
#Jaatanaawaa
Ilmi seenaa abbaa dhooysu ilma sadeen keeysaa ilma abbaa dhaanu. Ilmi abbaa dhaanu ifiifiis numa dhaanama.

Dubbiin Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa irraa hin hafne. “Yoo abbaan haqaa callise diinni ni qooqa, ni faranjala, wasanaa baha" je'e.

Seenaa Sooreysaa awwaaluun hin dandahamne, hin dandahamu.

By
Adem Dhalate
Gurraandhala 21,2024.
Finfinnee
Amma Ramadaanni dhufaa jiraa mitii. Kheeyrii guddoo tanaaf sammuu teenya qopheessuu qabna moo hin qabnu?

Ramadaanni ni dhufa ni dabra, garuu Ramadaanaatu dhufa ka gaafa tokko nuti biraa duunuu kan anbiti numa soomantu.

Ramadaanni kun akka kan nuuf xumuratti haa qophooynuu, Rabbiin nuun haa gayu, irraa nu haa fayyadamsiisu
"Kophummaarraa kan bahuu dandeessu, waahila argachuunii miti. Namni akka sin barbaachisne, dhugaa jirtu hubachuuni malee"

Anthony de mello
In Shaa Allah, yoo Rabbiin fedhe Kitaaba "Jireenya keetitti Gammadi" jedhu Shaعbaana 25 nii bilisaan Pdf isaa akka dubbiftaniif olin isinii baasa.

Hadaraa isin ammoo gaafan ol isinii baase akka namni hedduun dubbisutti #Share waliif godhuu narraa hin dagatinaa.

Hayyaakumullah🙏
Yaadonni khee, eenyummaa khee ka fuulduraa siif uuman. Atii waanuma deddeebistee yaaddu taata hayyama Rabbiitiin
Karoora kee gurguddaa san namoota sammuun isaanii xixiqqoo sanitti hin himin adeeroo akka gufuu sitti tahan yoo barbaadde malee.
Kunooti Beellamni! Kutaa 1ffaa

Kitaaba "J I R E E N Y A K E E T I T T I G A M M A D I" ja'u bifa salphaadhaan bilisaan liinkii armaan gadii qofa tuquun akka buufattaniif ol isiniif baaseen jira.

Isin hoo?

1) #ShareWaliifGodhaa
Oromoon marti akka dubbiftu hedduu waliif raabsaa.

2) Namoota akka dubbisan barbaaddan maqaa isaanii #Comment jalatti mention godhaa

3) Chaanelota telegram fi group addaa addaatti linkii kana #Share godhaa.

4) Anis Du'aa'ii naaf godhaa, hojii Rabbiin narraa jaalatu, eegasii ammoo ilma namaallee hojii fayyaddu akka Rabbiin naaf godhu. Hayyakumullah🙏

Liinkiin kunooti

https://drive.google.com/file/d/1-qDFb0IAp_bZG0TIYavG_qyDrRkln_Qk/view?usp=drivesdk
2024/09/22 19:21:33
Back to Top
HTML Embed Code: