Telegram Web Link
Yaanni ilmi namaa qabu dangaa hin qabu, garuu yaanni namni harmee isaarraa fagaate harmmee isaa Ummii isaa yaadu qalbii nama madeessa!

ان بشتاق لك كل يوم مامي ❤️
Bishaan qulqulluudha. Garuu yoo wanni gurrattiin itti naqamte ni gurraachoma, yoo wanni adiin itti naqamte ni addaata. Na amani atis akkasuma, Waanuma sitti naqameetu si jijjiire malee Atuu Qulqulluu akka bishaaniiti 😇

#YouAreSoPure
Rakkattu kan si bira jiru, waywaattu kan siif dirmatu, hiraar khee kan isa hin hifachiifne, Himata keetirraa kan gara hin galle, darbee kan sin dhiisne
Mootii Moototaa qabdaatii Abshiir 💪

#StrengthIsFromAbove
Rakkoo, cinqii, du'a, deega, hidhaa, roorroo fkkf mara Rabbiin khee waan quba hin qabne seetaa?

Lakkii Maqaa Rabbii lubbuun tiyya harka jirtuunin siif kakadha Rabbiin khee waan hunda quba qaba, yeroo gabaabduutti si dhaqqaba.

#Obsi #Cichi
"Ati nama collee kan ifitti fakkaatteef, waanin an siif gawwoomeefi beeki"

#Gawwaa #Collee 🤣
Nama gammachuu sii Wajji qooddate dagachuu dandeessa haa tahuu malee nama gadda sii wajji qooddate yoomiyyuu dagachuu hin dandeessu.
#LaaTansaa
#Abadan
لا تنس ابدا
Kaleessaan yoo si madaalan dogongoranii jiran. Ati har'a jirta waan teheef jecha. Atis kaleessa keetiifi har'i kee yoo wal fakkaate dogongortee jirta ofitti himi.
#Circular @Hakaan1
Addunyaan tun rarraatuudha.
Yeroo ati gammaddu hundi si jala yaa'u. Maaliifi ni beeytaa gammachuu teetti rarra'uifi 🤣
#NoMore #Rarra'uu
Namoonni gariin yeroo 'Suuraan bareeddee baateef' waanuma jireenya bareedaa jiraachutti jiran isaanitti fakkaata. Adeeroo 'Suuraa bareedaa fi Jireenyi bareedaan' wal dhaba.

#Suuraa #Photo 😂
Ani 'Ni milkooyta' jedhee wakabaa sitti hin godhu, "Rabbiin si haa milkeessu" jedheetin du'aa'ii siif godha malee🙏
Rabbii guddaatu Samii torban Arshii gubbaa Salawaata Isin irratti buusaa bar yoo Isin Nabii Keessan irratti (Saw) salawaata buustan 😇

الهم الصل وسلم وبارك على نبينا وحبيبنا محمد
I missed a day when a life is so simple i.e my childhood
Jaalalli harkaa fi miila kee sihidhee, gurra si duuchee, ija si jaamsee, waan qabattuu fi dhiistu si wallaalchisee beektaa?

#MiskiinaWlh😆
Kufaatii jechuun wanta hojjachuu qabdu hojjachuu dhabuudha. Waan hojjachuu hin qabne ammoo hojjachuu dha. #Kufaatii 😏
Waan hin taanee fi hin danda'amne gochuu fi taasisuun waan hin danda'amneef "Dhiisuu" jechi jedhu akka uumamee jiru hin irraanfatin.

#Dhiisuu
"Onneen ilmaan namaa takkittiin dollaara $442000 tti gurguramti, ani garuu tiyya bilaashin (maallaqa tokko maleen) siif kanne "

Hin ja'uun seetanii 😃
ሰክስ በለዉ #ሳክሳም
Jumعaan keessan kan akkaan bareede akka isiniif ta'un isiniif hawwa. Nabiyyii jaalalaa fi kabajaarratti nagayaa fi rahmanni hangana hin jedhamne irratti haa roobu

#Jumعakum_Saعiid
Wanni ati qabde nagaya yoo siif kannuu baate gad dhiisi adeeroo 😉
Tasgabbiin barbaadatti if hin shoorarkeessinii 🫠 #Khalaas
Jechoonni Abbaa isa dubbatuun yaaboo nan dubbatin jechuu osoo danda'anii maal qaban ture.🫠
2024/09/22 02:35:29
Back to Top
HTML Embed Code: