Telegram Web Link
🔹Zaid bin Khalid Al-Juhani narrated that:

The Messenger of Allah said: "Whoever provides the food for a fasting person to break his fast with, then for him is the same reward as his (the fasting person's), without anything being diminished from the reward of the fasting person."

مَنْ فَطَّرَ صَائِمًا كَانَ لَهُ مِثْلُ أَجْرِهِ غَيْرَ أَنَّهُ لاَ يَنْقُصُ مِنْ أَجْرِ الصَّائِمِ شَيْئًا ‏"‏ ‏

Grade: Sahih
Jami` at-Tirmidhi 807
Jiini Ramadaan eegaa seenee bubbulus kunoo amma kara galaa fuula achi deeffate.

Qormaata tokko ka ati if qormaatuu qabdun siif dhiheessa. Ji'a guddaa kana keessa akka ati waan hedduu hojjachaa turte hin shakku.

Xiqqaattee xiqqaattu nyaataa fi dhugaatirraa if qabdee Soomanuun kee ifa gala.

Guyyaa hundallee ta'uu baattu taraawihaa fi tahajjuda salaatuun kee hin oolamu.

Yoo xiqqaatte marraa takkaa ol Qur'aana buusuun kee hin mamamu.

Yoo xiqqaatte nama tokko fursiisuun kee hin oolamu, Soomana kee tiyfatuuf dubartii ajnabiyyaa irraa fagaachuun keetis hin oolamu.

Akkasuma Wallee, Muuziqaa, filmii musalsala hedduu dhiisuun kee ni yaadatama.

Amma wannin jechuu barbaade...!
Duuba Soomanni kee sirraa qeebalamee...?

Mallattoon soomanni kee sirraa qeebalamuu isaa ittiin beeytu.

1ffaa: Sodaa Rabbii argatta.
Muuziqaa fi khuraafaata soomanaaf dhiifte san itti hin deebitu, Salaataa fi Qaraatii itti baate san lafan keeysu taanaan soomanni kee sirraa qeebalame.

2ffaa: Galata galchita.

Waan Rabbiin siif kanne amanfattee, xiqqoo qabdu jaalattee, galata galchitee, guddoo Rabbii keetirra hawwita taanaan Soomanni kee sirraa qeebalame.

3ffaa: Qajeelloo duraanirraa addaa.

Hanga namoonni naannawa kee jiran baay'ee "Allah gurbaan/Intalti tun numa qajeelte siin ja'an takka yoo geeyse dhugumatti Soomanni kee sirraa qeebalame.

If madaaluudhaaf qabxiiwwan sadeen tun gesssuudha. Rabbiin Soomana keenya nurraa haa qeebalu, Kurnan maayyii kana keessas barakaa nuuf haa kaayu 🤲
@Hakaan1
الهم إنك عفو تحب العفو فاعف عنى
Eid mubarak ahbaab🥰
Yaa gabricha Rabbii....!

Rabbii keetirraa qaanfadhu, Ramadaana haala gaariin Rabbi gabbaraa turtee amma yeroo daangaa Rabbii cabsitu Rabbii keetirraa hin qaanfattuu?

Rabbiin waan nuti mul'isnee fi Waan nuti dhoysine hunda ni beeka. Rabbii keenyarraa haa qaanfannuu
Obboleeyyan kiyya dhiheenya kana waan biraatiinin shaaghalame, warri bilbiltanii na iyyaafattan naaf galatoomaa! Kheeyriin isin haa yaadattu.

Akka du'aa'iin na yaadattan abdiin isin irraa qaba. Jazaakumullaah kheeyr
Ani laafaadha, garuu siinin jabeenya barbaada. Ani wallaalaadha, garuu siinin beekumsa barbaada. Ani dilaawaadha, garuu sirran araarama barbaada.

Yaa Mowlaa...!
Lubbuu tiyyaaf nan dhiisin 🤲
#Dua #Weapon
@Hakaan1
Akka galaanaa ta'i

Yoo yaadatta ta'e galaanni takka deemsa jalqabnaan if dura malee, if booda hin deebi'u. Kanaafin siin jedha if dura malee if duuba hin deemin 👊
Ani jireenya keessatti waan qabdee jiru kan si harkaa baahee fi waan barbaadaa jirtu kan si harka hin seenin jidduu garaagarummaa jiru hubaachuun ni ulfaattin isin jedha.

Wanni harkaa qabdu osoo si harkaa hin baane, ta hin qabne barbaadaa jirta taanaan ati abshaala.

Waan harkaa qabdu lakkisaa, ta harkaa hin qabne barbaadda taanaan ati gadheedha (Afwan🙊)
" Amantummaa " qabaachuun qabeenya guddaa qabaachuurra caalti. Ati Amantummaa dhugaa qabaatte yoo namni biraa si ganellee Rabbiin lafa sin khaayu!

#Amanami #hadaraa
Naman ganin mataa keetiif jecha
Galgalarraa gama walakkaatti wanni adda baatu adda baati 🤔
Nuti wanni isinii wajjiin wal baranneef akka isinii wajjii wal morkinuufi miti Akka isin Kabajnuufi malee. Yoo khabajaa haqa godhachuu diddan Isin wallaaluuf yeroo nutti hin fudhatu jettaan namoota kabajaa hin beeyneen
رَبَّنَا وَلَا تُحَمِّلْنَا مَا لَا طَاقَةَ لَنَا بِهِۦۖ وَٱعْفُ عَنَّا

Yaa Gooytaa keenya! Waan isatti dandeettiin nuuf hin jirre nu hin ba'achisin, Irras nuuf dabri;
Allah'a şükür

Waan dansaa dhagayaa jirra
Shahiidummaa na hawwisiise😭
ሸሂድነት ነዉ የናፈቀኝ !
#Masjidachin
Masjiida kheenya #Imimmaaniin osoo hin taane #Lubbuu teenyaan tiksina eega Rabbiitii ✊️

መስጅዳችን በ #እንባ ሳይሆን #በሩሃችን ነዉ የምንጠቡቀዉ
#masjidachin
Yeroo garii ni yaaddoyta, yeroo garii ni dallanta, yeroo garii ni sodaatta, yeroo garii Abdii dhabda.

Eeyyen bar kanumaatu jireenya ilma namaatii. Kee qofa sitti hin fakkaatin. Aannan dhagala'eef teessee booyaa oolurra kaatee aannan biraa barbaaddachuu irra hin wayyuu?

Ka'i #StandUp
Aqiidaa...!

Bu'urri amna nama muslimaa, bobboo galli nama mu'uminaa, jiruu fi jireenya nama Rabbitti amanee aqiidaarratti hundaawa.

Aqiidaarraa ammoo qoonni guddaan Iimaana nama tokkoo sabachiisu Qooda Toowhiidaati.

Zabana keenya kana Aqiidaan waan laaftuu taatee jirti. Namni Aqiidaaf xiyyeeffannoo kennaa hin jiru.

Firqaan Naajiyaa malee hundi warra ibiddaa akka tahan Nabiin (saw) nuuf himanii jiran.

Aqiidaa teenya haa qorannuu, Eenyu jala deemaa akka jirru haa if sakattaanuu. Aqiidaan keenya karaa jannata keenyaati.

#Aqiidaa! #Toowhiida
Addunyaan tun namoota gariif akka lafa magariisaati. Kani yoo achii ilaaltu hunda Abdii irraa waraabbattu.

Namoota gariif ammoo akka bifa (colour) gurraachaati. Kani yoo achi ilaaltu mara gaddaa fi heewasama, rakkoo fi abdii dhaba qofti sitti mul'atu
Namoota hedduu irraa gorsa "Nama jabaateetu injifata, Jabbaattu ni moota, Facaafattu ni muratta fkkf" jedhu dhagayuu malta.

Garuu namoonni "Kuftu malee, hin kaatu, laalattu malee hin fayyitu, Abdii fixachuu bira geessu malee hin onnattu, Sodaachutti dhihaattu malee hin jeynoomtu, Miidhamtu malee hin mootu, Walumaa galattuu Rakkoo fi tattaaffii jabduu boodaan malee hin milkooytu" jedhanii namoonni si gorsan muraasa.

#Strive #Success
2024/09/22 04:31:20
Back to Top
HTML Embed Code: