Telegram Web Link
Bara wanni niyyanne keessatti nuuf guutamu Rabbiin nuuf haa godhu. Hamtuu bara kana keessa dhuftu cufa jalaa najaa nu haa baasu.
Kheeyriirratti Umrii nu haa dheeressu.

Bara 2023 gahuuf sa'aatii 2:30 hafe. Du'aa'iin jalqabuun gaariidha jechumaafi 😚 @Hakaan1
Xiqqoo qabnurratti yoo galateeffanne guddoo Rabbi biraa taateetu nuuf dhufa. Tan qabnurratti yoo alaan'allee if nyaanne, Gammachuun nu jalaa lufa. #Alhamdulillaah haa jennuuπŸ™
@Hakaan1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Fuula da'waa πŸ™‚

Sheikh Amin Ibro

Ustaaz Hakim Hassen
Maa Shaa Allah aleykum πŸ₯°

Photo Credit: Gaaddisa Islaamaa
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Adada bubbultuun waan bubbule argita. Mokkoraa fi hokkora si mudatu hunda wahuma irraa barta.
Nama gaarii malee hamtuu irraa dhabde, waan namni siif himu hin dhaggeeffatin
Waan dubbattee sheenoytuutu jira malee wanni usteef (cal'isteef) sheenoytu hin jirtuu beeki
Ee Miskiina Wallahi πŸ™„πŸ˜„
Guyyaan Jum'aa Keessan Salawaataan bareeffadhaaπŸ₯°

Sallallaahu aleyhi wasallam
Jireenyi kun wama akhii tokko!

Nama garii karaarratti argita, ka namni Qarshii, qarshii itti darbatu. San booda sanuma walitti qabee maatii isaatiin bulfatu.

Nama gariis ni garta waan maatii isaatiin taliguu ol kiishaa fi accountii irraa qaba. Garuu miira gammachuu fi tasgabbii irraa hin gartu.

Yeroo garii bakka nama biraa if kaayanii ilaaluun gaariidha. Kophee nama biraa keessatti if madaaluun dansaadha.

Inni waan ifii fi maatii isaatiin taligu qabu sun osoo bakka warra harka nama jala qabatuu san dhufee hoo? Jedhee if gaafachuu qaba.

Goolabbiin dubbii tiyyaa waanuma harkaa qabanii gammaduutu barbaachisaadha. Rabbiin warra waan harkaa qabuun gammadu nu haa taasisu🀲

@Hakaan1
Gara biyya Kibbaa kanatti waan adda addaatu jira. Namni as jiraatu waan hedduurraa waan hedduu bara.

Biyya tanatti warri biyyaa status gadi bu'aa qaban. Saniif maatiin baay'ee rakkoo jireenyaatiif saaxilamanii argita.

Warri muslima hin taane kan sadaqaa khadhatu yeroo garii masjiida cinaa dhufanii yeroo ሡለ αŠ αˆ‹αˆ…! jedhan argita.

Isaan gaafa bakka biraatti kadhatan ሡለ αˆ›αˆͺα‹¨αˆ, ሡለ αŠ₯αŒα‹α‹«α‰‘αˆ”αˆ­ fi kkf jedhanii waan khadhataniif muslimnis bifa kanaan garaa nuuf laafa ja'anii khadhatan natti fakkaata.

Ergaan kiyya Ummata akkasii kanallee bira kutuurra niyyaa gaariin irra buufachuun gara bal'ina Islaamummaan nu barsiiste isaanitti agarsiisuu qabna.
Dear me: be patient
Yaa Rabbii ...!

Lubbuu tiyya gammachiisuuf jecha, if bohaarsuuf jecha qalbii namaa cabsuun sodaadha.

Isaan gammachiisuullee yoo dadhabe, qalbii isaan cabsuuf sababa ta'uurraa na fageessi, jalaa nabaasi🀲 @Hakaan1
Yaa ilaahii ...!

Irkoon kiyya suma ☝️
حسبي Ψ§Ω„Ω„Ω‡
K9 Wireless microphone (new )(hariya)

Interview video youtube video tiktok... sagalee bareedan kha warabuu

Price kha microphone 1 #qarshii 1800
Kha microphone 2 qabuu #qarshii 2300

Murasaa qoftii waan jiruuf isiin hin dabriin nu qunnamuuf πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@magala31

Or

0931015006


Chanel kenya join godhuuf πŸ‘‡πŸ‘‡
@magalasecondhand
@magalasecondhand
Somewhere in library
Jireenyi hoggu takka gammachuu, hoggu takka imimmaan haqachuu. Hoggu takka siif tola, hoggu takka siin lola.

Tooftaa ejjannoo jabaa qabaachuutiin qajeelfachuu yoo dandeesse dhugumatti ati qaroodha @Hakaan1
Haga miilli kiyya na hollatutti osoon siif jecha carraaqee haqa khee guutuu hin danda'u Maamaa tiyya 🀍

Umrii dheertuu, fayyaa gaarii naaf qabaadhu bakka jirtutti. Ilma ittii mataa ol qabattu Rabbiin akka na taasisu Abdiin qaba @Hakaan1
Namni bilchaataan namarraa haloo bahachuuf yeroo if duraa gubuu caalaa if ijaaruuf yerootti fayyadamuu filata✌️

Ka dhiiga si obaase aannan obaasi
@Hakaan
2024/09/22 20:19:17
Back to Top
HTML Embed Code: