Telegram Web Link
Friendship @Hakaan1
"ከመረቅ አርጉልኝ ከስጋዉ ፆመኛ ነኝ" ኣለ ሰውዬዉ
Qaama ilma namaa keessa foon xiqqashoo takkaatu jira. Foon xiqqashoon sun yoo tolte qaamni ilma namaa guutuun ni tola.

Foon xiqqashoon sun yoo badde qaamni ilma namaa guutuun ni bada. Foon xiqqashoon sun Onneedha.

Rabbiin qalbii teenya nuuf haa qulqulleessu 🤲☝️ @Hakaan1
Rakkoon si jabaattee yeroo ardiin sitti dhiphattu, Yaaddoodhaan godaantee Sammuun yeroo siin martu, Fiixee gaaraa gubbaa yeroo lafa dhooytu, Obboleessa gaarii, dahoo hamtuu fi sharrii, kan si bira dhaabbatee si gorsu, si cimsu, si tirsu qabaachuu dhabuurra wanti nama laalessu hin jiru

#Akhii #Obbleessoo #Brother @Hakaan1
Dr Zakir Naik fi الشيخ محمود الحسنات
Suuraalee babbareedduu tana laalaa Maa Shaa Allah!

Dhiira jajjabduu roga adda addaatiin aalama islaamaa fayyadaa jiran lameen bakka takkatti Rabbiin Umrii dheertuu fayyaa gaarii haa kannuuf 🤲

@Hakaan1
Halaala teenyee si dheebonna. Gaafa yaada khee wayyeessuuf si bira dhufne if duratti si argaa si dheebonna.

Bosona wallaalummaa nama hedduurraa mancaastee, Khoota ilmii fi beekumsaa nama meeqaaf uwwistee, Onnee nuti ilmaan kheetii dhiisii namoota halaalaatuu boojite.

Rabbiin kiyya beekumsa kee bahara san qaceellotti akkan isinirraa qooddadhu carraa naaf kennuudhan kadhadha.

Sheekh Ahmad Habroo!
@Hakaan1
Daaga jireenyaa sadarkaa sadarkaadhaan irraan tarkaafachaa, Gufuu fi gufaata mara if duraa khombolchaa, bakka dadhabdetti hafuura baafachaa Deemsa kee itti fufi hin dhaabin jecha namaaf jechaa ✌️

@Hakaan1
Darasaa Sheekha keenya sheekh Zabuuri. Akka gama biyya irraa hafiinsi hin jirre aakhiratti godaane yeroon dhagayu nin gadde.

Anilleen naman beeku natti fakkaata. Darasaan sheekha keenyaa obboleeyyanuma keenya. Garuu nama beeytuun duuti hin toltu ja'an sanumaafin je'e.

Innaa Lillaah wa innaa ileyhi raaji'uun.

@Hakaan1
Abbaa fi duree Og-barruu, Aartii Islaamaa, Goota fi wareegamaa Shahiida Keenya Sayyid Quxb, Rabbiin Rahmata haa godhuuf.

Ifni fuula isaa laffaatii fi ta'aba inni Islaamummaaf ta'abe, yaalii inni Islaamummaa addunyaaf ibsuuf yaale natti agarsiisa.

Qubsuma Kee Rabbiin Jannata haa godhu. Kana caalaa dubbachuun barbaadu. @Hakaan1
Qur'aana Qara'uu fi Salaata Shanan Jam'aan Salaatuu Rabbiin nuuf haa laaffisu 🤲 @Hakaan1
Hard times will always
reveal true friends!
Kan sii wajjiin deemu hundi saahiba keetii miti. Kan sirraa fagaate hundi xilaata keetii miti. Yeroo garii ነገሮች ይገለባበጣሉ @Hakaan1
የሞላ ባይኖረንም
የጎደለን የለንም
Rabbiin keenya baatii Ramadaanaa ngyaa fi fayyaan nuun haa gayu. Warra kheeyrii ishii keessatti hojjatatu nu haa godhu. Mijjaa gaarii nuuf haa mijjeessu #Ramadan @Hakaan1
Mowlaan keenya nama haasawa qofa odeessaa oolu osoo hin taane nama hojiin nama agarsiisuu beeku nu haa taasisu!

Jabinni dhugaa oduun nama amansiisuu osoo hin taane hojiin nama amansiisuudha. @Hakaan1
ثق في اختيار الله لك...!
2024/09/22 22:21:38
Back to Top
HTML Embed Code: