Telegram Web Link
Dargaggoota Onnee isaanii Qur'aana Rabbiitiin akka guutaniif Sababa tahuu Caalaa kheeyriin Maali?

Qur'aana Rabbii Ol tehee barsiisuu Caalaa kheeyriin Maali?

Qur'aana Rabbii Qomatti akka qabataniif nama kakaasuu Caalaa kheeyriin maali?

Ustaz Kadiir Hamzaa yeroo dhaloonni Qu'aanaan Oode kanatta dargaaggootaa fi qur'aana Walitti hiriyoomsaa jira. Oomisha Guddaa yeroo tanaa kan tokkichi itti hin qixxoyne oomishaa jira.

Nama ammayyaawaadha Style Eebbaa amatuu ni fooyyessa. Ani guyyaa tokko Markazni isaa akka Kaampaasaa akka tahu natti mul'ata.

Ustaz Kadiir Rabbiin sirraa haa jaalatu.
@JemalSheikhBakri1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Reality 🥰
Reciting 📖
Thats enough
In Shaa Allah!
#Gaa'elli gaariin fayyaa qaamaa fi sammuu keetiif barbaachisaa dha. Akkasumas fedha Rabbiitiin akka Umrii dheeraa jiraattu si taasisa.

Qorannoon namoota 3,000 ol irratti gaggeeffame akka agarsiisutti namoonni gaa'ela qaban yeroo qorannichaa keessatti carraan du'uu isaanii warra hin fuudhin caalaa %33 gadi aanaadha. Akkasumas fuudhaa fi heerumni #Sunnaa qofa osoo hin taane fayyaa qabaachuuf karaa gaarii dha — akkasumas #gammachuu qabaachuuf karaa gaarii dha!

Nama sirrii ta’e waliin gaa’ela godhachuun, meeshaalee qormaata isa waliin dhufu qajeelchuuf gargaaran waliin walqabatee fayyaa qaamaa fi sammuu irratti dhiibbaa gaarii qabaachuu danda’a. Yoo hin fuudhin immoo abdii hin kutin #du'aa'iitti jabaadhu. Jiddumaanuu karaaleen osoo bultii hin jaarre of gammachiisuuf gargaaranis baay'eedha.
Dargaggoota keenya haa fuunuuwoo Rabbii Jiraa. Dubartoonni keenyas Heerumaawoo Rabbii jiraa 😅


@JemalSheikhBakri1
An akkan kiyyatti addunyaa irra jiraannu tanarratti nama dhiibbaa gaarii yeroo gabaabaa keessatti uume tahuuf Wama lama qabaachuutu na barbaachisa jedheen amana.

Waa lama hoggaan jedhu nama lama jechuu kiyya. Nama lama qofa... san booda dhiibaa gaarii uumuu dandeessa.

Namoota lameen kana yeroo biraan isiniif hima😊
Haati Manaa gaariin mandara Iimaanaati. Qe'ee jaarmaya islaamaati, Utubaa diiniiti, Oomisha dhaloota hegereeti.

Haati manaa gaarii qananii jiruu duniyaati, Dasii ijaati, Satrii fi gaachaana Abbaa manaati.

Haati manaa gaariin qoricha dhibeeti. Wal'aantui qaamaa qalbii Abbaa manaati. Walakkaa iimaanaa Abbaa manaati.

Haadha manaa (Jaartii) gaarii jechuun ta kitaaba sunana qaraate jechuu miti, Tan halqaa ilmii hunda hordofte jechuu qofaa miti, tan Yeroo ilaalan islaama if fakkeessite jechuu qofaa miti.

Haadha manaa gaarii Abbaa manaatu beeka. Tan Abbaan manaa ishiin gaariidha jedhee itti amaneedha.

Isa duraa fi boodaan Namusa ishii tikfachudhaan gahumsa ishii abbaa manaa ishiitti agarsiisuudhaan.

Jaalalaa fi Kunuunsa gaarii Abbaa manaa ishiitiif kennuudhaan, Haala fi amala gaarii qabaachuudhaani.

Abbaan manaatis akkuma olitti kaasne kana. Dubbiin aalimaa fi Huffaaza ta'uu bira hin jirtu.

Dubbiin madawwaraa fi imaamaa akkasuma kalooytaa itti tuqanii deemuu keessa qofa hin jirtu.

Dubbiin areeda dheeressanii kofoo gabaabsanii deemuu qofa keessa hin jirtu. Haalaa fi Amala bareedaa haati manaa irraa jaalattu yoo hin qabaanne wantoonni gaggaariin olitti eerre kun Abbaa manaa gaarii isa hin godhu.

Yaa Allah Abbaa manaa gaarii nu godhi. Haadha manaa gaarii nuuf kanni 🤲

@JemalSheikhBakri1
تزوجوا الأبكار فإنهن اعذب افواها وانتق ارحاما وارضى باليسير
صل الله عليه وسلم ❣️
@JemalSheikhBakri1
Guyyaa akkaan ife qabaadhaa❣️
Yoo xiqqaate Guyyaa kee kana keessatti fuula tokko osoo te'ellee Qur'aana Rabbii qara'i baarakallaahu fiik

@JemalSheikhBakri1
Galgala Gaarii qabaadhaa ahbaab ❣️
Fuula tokkollee osoo te'ee Qur'aana Rabbiirraa halkan keessan keessatti qara'uuf yaalaa baarakallaahu fiikum
@JemalSheikhBakri1
Ganda Kheenya ❣️
Haramaayaa biyya aayyoo aabboo😅
Rabbiin kheenya beekhaadha. Beekhaa waan gubbaa fi keessaati. Dhoysaa oolus isa jalaa hin dhokattu. Waan onnee teenya keessatti dhoyfannellee beeka.

Hamaa fi hamtuu nuti yaannu cufa quba qaba. Shiraa fi heelaa nuti namatti baafnu hunda beekee yeroo itti qaba. Dilii fi Badii nuti dhoysinee hojjannu cufa osoo arguu satrii nurra qaba.

Waan Rabbii jedhe takka amananii taan dhiisuun ammoo aakhiratti nama adaba. Adaba jalaa bahuuf seera hunda fudhatanii itti hojjachuutu nu qaba.

Rabbi waan balleessine nuuf haa araaramu. Tan dhoysinee fi tan dirree baafne irra nuuf haa dabru🤲
@JemalSheikhBakri1
Rabbiin warra jidduu namaa tolchu jaalata. Isaan sani jannata isaa bareedduu galfata.

Jiruu fi jireenya keessatti waan hedduutu si mudata. Saahibaa fi saahiba walittu bu'u agarta. Obboleessaa fi obboleessa wa xireeffatufaatu mul'ata.

Jaarsaa fi jaartii jibba walirratti lallaban, kan wal balaaleffatan, Hamtuu walirratti raawwachuu jaalatan hedduu arguu dandeessa.

Ati jidduu isaanii tolchuuf carraaquutu sirraa eegama. Walitti araarsuutu sirraa barbaadama. Ibidda jidduu isaanitti qabate dhaamsuutu sirraa eeggama.

Namoota jidduu namaa tolchan ammoo Rabbiin ni jaalata. Isaan sani jannata isaa galfata.

Saahibaa fi saahiba walitti aare ibidda jiddutti hin bukkisin. Obboleessaa fi obboleessa wal lole Jiddutti diinummaa hin oowwisin.

Jaarsaa fi Jaartii jaalallee waliif turan jidduu seentee gar tokko gortee jibba isaan jiddutti facaastee hin raabsin.

Isaan waliif kafana. Gariin isaanii garii isaaniif uffata. Wal lolchiistee, walitti diinomsite, jiruu isaanii daadarkeeysitee qixaaxa Rabbii jalaa bahuun hedduu ulfaata.

Ilmi namaa si beekuu baatu moowlaa jalaa eenyuutu dhokhata? Hadaraa dhimmi kun jiddu deemtuu hunda ilaallata.

Yoo dagamtanii waan akkasii hojjattan dafaa harka keessan irraa fudhaa. Yoo beekaa kan hojjattan te'e adaba Rabbii ifirratti eeggadhaa.

Jaarsaa fi Jaartii walitti deebi'uu malu. Hammeenya kee waliif odeessuutu mala. Duniyaa fi aakhiratti kan xiqqaattu sihi.

Jireenya namaa jidduu bahi. Jireenya kee jiraadhu. Mana namaa dhiisi, deeraa tee oowwifadhu
@JemalSheikhBakri1
2024/09/25 21:24:41
Back to Top
HTML Embed Code: