Telegram Web Link
Nama aarsa wallah

Bataskaanaa fi churchii dhiisii mana dhugaatiituu cufuuf warra harki hollatuutu hoggaa masjiida ja'an harka raasee fiiga.

Hojjataan hundi osoo hoogganaan isaa afaanii hin fixanne waa'ee masjiida miidhuurrattu hirmaatuuf oriya.

Hin yaadda'inaa tasgabbaa'aa :: Masjiida cufuun beekumsa, nagaa fi tasgabbii, fi sammuu cufuudha.

Masjiidni kun naannoo Gotera Agonaatti kan argamu yoo ta'u, erga cufamee guyyoota 14 ta'eera.

Majlisni maal hojjataa jira?? Oduu dhimmichi adeemsifamaa jira jedhu dhagahe, garuu majlisni yeroo masjiida dhimmichi adeemsifamaa jiru cufan maal jedhe?? Deebii nu barbaachisa.

#Masjiidota keenya hin tuqinaa
@JemalSheikhBakri1
《Alhamdulillaah ja'anii
Yoo shakkaranii
Damooza Rabbiin dhabanii
Yoo Sabbaranii》

Du'aa afaan Oromoo tan beeytan barreessaa mee

@JemalSheikhBakri1
"Salmaan Rushdii, barreessaa badhaafamaa Noveelii kan ta'e, dhalataa Hindii fi kitaabni isaa, The Satanic Verses [Qur'aana eeruun], bara 1980moota keessa Mootummaan Iiraan akka isa ajjeestu doorsisaa turte, har'a Jimaata ganama waltajjii irratti osoo ayyaana ogbarruu irratti dubbachuuf deemuu osoo hin haasawin dura haleelame." Chautauqua, New York keessatti. "Xiyyaaraan gara hospitaalaatti geeffe"
#Alhamdulillaah

Namni kun nama akkaan Jibba Islaamaa qabuudha. Rabbiin jireenya isaa guutuu sodaan akka jiraatu isa godhe.

Namni kun nama akkaan Jibba Islaamaa qabuudha.

Qur'aana Rabbitti qoosaa ture. Kitaaba isaa kan Novel itti kennaniif 'Satanic Verses' keessatti hedduu qur'aanaan qishnaa godhe.

Rabbiin jireenya isaa guutuu sodaan akka jiraatu isa godhe. Rabbiin Haasida Qur'aanaa fi Hadiisaa tokkolleefuu beellama qaba malee hin dhiisu.
@DrZakirNaikAfaanOromoo
@JemalSheikhBakri1
#Allaahu_Akbar

Qur'aana Rabbiin fowqa sab'a samaawaatii buusee tuuyxee nagaya bahuun eeysa jira?

Rushdiin fakkeenya warra Qur'aana jibbuuti. Waltajjii Ogbarruu kan barreessitootaaf qopheeffame keessatti namni tokko hoggo 10 - 15 mormaa fi garaa waraane.

Rushdiin ija dhabuu fi harka isaa keessaa narviin citee kalee isaa irratti miidhaa geessisuu hin oolu jedhan bakka bu'aan isaa, Rushdiin veentileetara irra akka ture dubbateera.

"Oduun kun gaarii miti. Salmaan ija tokko dhabuun isaa hin oolu; narviin harka isaa keessa jiru citee, kaleen isaas waraanamee miidhameera," jechuun Andireew Waayilii ibsa barreeffamaan kenneen dubbateera.

Akkasitti Rabbiin itti dhiphisaa jira. Barreessitoonni Qur'aanaa arrabsuu, Nabiyyii Muhammad (Saw) tuquu barbaaddan namtichi kun fakkeenya isiniif haa ta'un jedha.

#Share waliif godhaa adawwiin haa fakkeenya walirraa fudhattuu.

@JemalSheikhBakri1
Akkuma bosonni waliif manaa
Ilmi namaas waliif khafanaa...

Kophaa bahuu hin danda'u
Yoo lubbuun jiraatee
Jiraachun ulfaataa
Walirraa fagaatee
Kanaaf walitti siqa
Beeki wal hammatee**

Yeroo qorri hammaate
Waliif hoo'isanii
Yoo hoo'i jabaate
Wal qabbaneeysanii**

Yoo tokko rakkate
Kuuwwantu gargaaraa
Rakkoo mudaturraa
Jaraatu wal furaa**

Namni namaan nama ta'a
Hangana hubadhu
Hanga si harka jiru
Nama jabeeffadhuu**

Anuu waanin argen
Isiniif odeessaa
Khabajaa waliif kannaa
Mee wal jajjabessaa**

Suuraan tan bara dargiiti😅
Amma Molooynee jirra🤣

@JemalSheikhBakri1
Ammaaf Sirni narvii harka isaa miidhame.
Ijji isaa bayxe (akka hin agarre taate).
Bakka 10 - 15 ol waraaname.

Khormichi waraane sanilleen too'annoo jala oole ja'an. Sun milkaawee jira. Osoo du'ees shahiida ta'a. Ammaaf odeeffannoon nama isa waraanee hedduu hin baane.

Salman Rushdie osoo du'ee qalbii tiyya keessa naasuun takkaa hin dhuftu. Dhugatti an du'a namaan hin jaaladhu. Garuu inni namaa miti. Kana budaa 😨

@JemalSheikhBakri1
1988 biyya landonitti kan Kitaabaa Rabbiin samii torbanii Ergamaa addunyaaf rahmataan ergamerratti (saw) buufame xiqqeessuu, arrabsuuf 'The Satanic Verses' jedhee kitaaba jibba Qur'aanaatiif jecha barreesse.

Addunyaan wal harkaa fuutee namticha fadhiidoo haadhaa abbaa hin dhageenye kana akka hayyuu fi barreessaa jabaatti dhaadhessite.

Doorsisaa fi Sodaachisa Muslimoonni addunyaa isa sodaachisaa turaniin jireenya sodaa keessa jiraataa ture.

Kunoo kaleessa waagaa isaa argate. Addunyaa irratti hagana isa qunname aakhiratti Rabbiin adaba addaa isaaf qopheessee jira.

Abaarsi Rabbii, Kan Malaaykaa, kana namaa isarra haa jiraatu.
@JemalSheikhBakri1
Abbaa manaa: Salaata Asrii salaattee?
Haadha manaa: lakki

Abbaa manaa: Salaata Asrii salaattee?
Haadha manaa: lakkii

Abbaa manaa: Maaliif?!
Haadha manaa: hojiirraa yeroon dhufe Baay'ee dadhabee waanin tureefin xiqqoo rafe..

Abbaa manaa: Ok, deemi Asrii fi Maghrib salaati.

Guyyaa lammaffaa.. abbaan manaa imala hojiif deema.. garuu sa'aatii hedduu booda achi gehe. Nagayaan ga'eetin jira jedhee hin bilbille ykn ergaa hin ergine.. akka namni yeroo imalu as gehe achi geheen hin jirtu.
.
.

Haati manaa nagayaan gayuu isaa mirkaneeffachuuf bilbilti.. deebii hin arganne.. deebitee bilbiltee bilbilli ni bilbila! Garuu jalaa hin kaafamu.
Yaaddoon garaa ishee nyaachuu eegale!

Kun amala isaa miti.. takka lama sadii deebitee bilbilti.. jalaa hin kaafamne.

Sa'aatii hedduu booda.. dhumarratti inni ni bilbila! Haati manaa hawwiidhaan jalaa kaaftee Nagayaan geessee? Jettiin

Abbaa manaa: Eeyyeen gahe.. Alhamdulillah..
Haadha manaa: Yoom geesse?!

Abbaa warraa: Gara sa'aatii 4 dura..
Haadha manaa aariidhaan: sa'aatii 4 dura? Duuba maaliif naaf himuu dhabde?

Abbaa warraa: Baay'ee dadhabee waanin tureefin xiqqoo rafe..
Haadha manaa: Daqiiqaa muraasa osoo naaf bilbiltee si dadhabsiisu hin turre.. Sana booda yeroon bilbilaa ture bilbilli bilbilame hin dhageenyee?!

Abbaa warraa: Lakkii.. dhaga'eetin jira.. Haadha manaa: maaliif kaasuu dhabde ree? Maaliif..naaf hin dhimmamtuu?

Abbaa warraa: nin dhimmama..
Garuu atuu kaleessa yeroo yaamicha azaanaa dhageessu dhimmamaafii hin turree bar.. yaamicha Allaahaa..

Haati manaa, dubbiin galteefii boochee, Eeyyee.. sirrii dha.. Dhiifama.. 😢 jetteen.

Abbaa manaa: kan Dhiifama siif godhu anaa miti. Allaaha dhiifama gaafadhu. Waan akkasiitti hin deebi'in.

Wannin an barbaadu masaraa Jannata keessa jiruuf jireenya kabajamaa akka jiraannuuf akka nu tokkoomsu qofa.
.
Ergasii salaata waajibaa takka yeroo irraa hin dabarsine.

Kan dhugaadhaan si jaallatu karaa gara Rabbitti si dhiiba, san booda akka ati duubatti hin deebine si dhowwuuf karaa sitti cufa
@JemalSheikhBakri1
Ijoolleen shamarranii lameen tun duraan Masjiida kheenyatti magaalaa waaccuu masjid Anwaaritti Guutamaa irratti Qur'aana Maghribaa fi Ishaa'ii jidduu barachaa turan.

San booda Wiirtuu Hifzii Ciroo Markaza guddaa Al Furqaan itti Qur'aana Haffazanii har'a Eebbifaman. #Maa_Shaa_Allah_Allaahu_Akbar
@JemalSheikhBakri1
Wanni ati dubbistu hundi dhugaa miti. Kanaafuu, waan dubbistu of eeggannoodhaan filadhu.

Yaadaa fi ilaalcha nama kitaaba isaa dubbistuu beekuu qabda.

Namoonni baay'een yeroo kitaaba dubbisan osoo Seensa, baafata, galataa fi kkf hin dubbisne boqonnaa tokko kan jedhu irraa jalqaban. Kuni gaarii miti.

Kitaaba jalqaba Baafata, Seensa, galata, yaadaa fi kkf irraa jalqabuudhaan dubbisuun ilaalchaa fi yaada barreessaa hubatuuf nu gargaara.

Mee ati yeroo hedduu yeroo dubbistu eessarraa jalqabuu jaalatta?
@JemalSheikhBakri1
😅🤣
Zis is you!
Coz U are ppl😊
Yoo fuuldurri kee si sodaachisee fi seenaan kee darbe ammallee kan si miidhu ta'e, Rabbii yoomiyyuu si hin kuffisne yaadadhu.

Allaaha yoomuu si wajjiin jira.
@JemalSheikhBakri1
😅😅😅😅
Ma dog🤣 wiii😋
Be sincere. Allah knows what in your heart. @Na4Je
"Get the books, and read and study them till you understand them"

"I Will study and prepare myself, and someday my chance will come"

Abraham lincoln
@JemalSheikhBakri1
Change our bad situation into good situation! Yaa Allah💕
@Na4Je
See the difference 😅
They are talented
2024/09/26 21:41:07
Back to Top
HTML Embed Code: