Telegram Web Link
Koottuu Buufadhu Kitaaba tarree dhiirran Islaamaa si galchuuf humna qabu, Kan rijaalonni gurguddaan baay'een irraa fayyadaman.

Jalqabarratti obboleeyyan kheetiif #Share godhi. Itti aansuun Comentii jala seenii Afaan barbaadduun liinkii isaa buufadhu.

Yoo siif bu'uu dide komentii jalatti na beeysisi. Kitaaba معالم في الطريق jedhu kanin eda baaylama isiniif seene.

Shahiid Sayyidil Quxbiin 1964 kan barreesse. Kitaaba ajaa'ibaati, Afaan Arabiffaa, Afaan Ingiliffaa fi Afaan Amaaraatiin linkii komenti jalan isiniif khaaye.


https://www.facebook.com/100013256774086/posts/pfbid0P634jc3qsNS2K1CZgVCsFnmM3gn6Grc7VqQFi2mccrzCFcgqQpDu8555p7QMvMZRl/?app=fbl
#ShareThisPost
@JemalSheikhBakri1
Hanga danda'ametti Majlisa gargaaruu fi Cinaa dhaabbachuurraa kan ka'e keessattuu dhimma Hajjii baranaa irratti Certificate Galateeffannaa Dhimmi Islaamaa yeroo Isaaniif kannu Sheikh Jamaal Aliyyii Abdullah

Maa Shaa Allah
@JemalSheikhBakri1
Sheikh Mishaarii irra hedduun keessan ni beeytan. Sheekha baay'ee beekkamaati, akkasuma Qaari'eedha, Munshida jabaadhasi.
Abbaa ogummaa hedduuti jechuu dandeenya.

Barnaamiija Ramadaana dabre 'آية وحكاية' jedhu hordofaatin ture. Ulamaa'ota gurguddoo akka Sheikh Khamiisii faa afeeree haasoysiisuu ture. Sagantaa akkaan bareedduuti.

Amma ammoo Kitaabaan dhufee jira.
'آية وحكاية'
Maa Shaa Allah, tabaarakallaah, Namni Rabbiin laaffiseef akka kiyyatti viidiyoolee san hordofuu dandeeysu, warri dandayu kitaabattis barbaaddachuu dandeessu.

Obboleeyyan keetiif #Share godhi
Yoo barbaaddan playlist barnaamija آية وحكاىة commentii jalan isiniif khaaaya
@JemalSheikhBakri1
Jiini Kun ji'a jaalalleen keenya Ergamaan Rabbii, Sallallaahu aleyhi Wasallam gara Addunyaatti dhufeedha.

Jaalalaa fi jala deemisa keenya haarawoomsuudhaan, faana isaanii takka takkatti hordofuudhaan haa jalqabnuu

Nagayaa fi Rahmata irratti haa buufnuu!
Sallallaahu aleyhi Wasallam.
Rabii'ul Awwal 1, 1445

https://www.facebook.com/100013256774086/posts/pfbid0i98me78bZQpo3yP24bzwvKc7C9z1VMpdPCXiGR3G9P7QnoRPPotWdVRLAmfscxpQl/?app=fbl
Ustaazii ❤️

Ustaaz Abubeker and Nouman Ali Khan

@JemalSheikhBakri1
Obbolummaan Islaamaa waa maraa oli 🥰

Ustaaz Abubeker Xoophiyaarraa gurraacha bareedaan Nouman Ali Khan Faranjii diimaa kana kan walitti hidhuu dandaye Funyoo Islaamummaa qofa.

Gosa tokkoo miti, saba tokkoo miti, biyya tokkoo miti, qalama tokkoo miti, haada Islaamummaati.

Funyoon islaamummaa cinnana hin qabdu. Funyoo Islaamummaa jalatti gurraachaa fi Adiin Walitti qabamna.

Jara kana lachuu qajeellottin Isaan beekha, Isaan nan beekhan 😊 Akkasuma wajji Islaamummumaaf jechan kan isaan nan beeyne lubburraa Isaan jaaladha.

Islaamummmaan tanaa bar Adeero

Ustaz Abubeker Ahmed/ ኡስታዝ አቡበከር አህመድ.
Nouman Ali Khan 🥰
@JemalSheikhBakri1
@DrZakirNaikAfaanOromoo

۞إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِي يَاأيُّهَاالَّذِينَ آمَنُواصَلُّواعَلَيْهِ وَسَلِّمُواتَسْليما
۞ﷺمحمدﷺ۞

@JemalSheikhBakri1
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
https://www.facebook.com/100013256774086/posts/pfbid0ri3VSterWsg78KAQmKNFy1g9CpAAXKfGMaWy9DmUUmKHuHKKx4CFnewt2Kw6g7RXl/?app=fbl


Gaafataa: Yoo amma Ergamaa Rabbii (Saw) if duratti agarte, Maal jettaan?

Gaafatamaa: ......! ?
.
.
.
.
.
.
.
.
.
.

"Thank You"

Deebisaan nama boochisti 🙏
@JemalSheikhBakri1
Jaalallee kheenya irratti osoo salawaata hin buufne ni rafnaa?

Lakkii: Allaahumma Salli wasallim wa baarik aleyh

@JemalSheikhBakri1
https://www.facebook.com/100013256774086/posts/pfbid0tKJuoCqVBcnsjhQZd9Hdvbz3uXqchBEJXXrNjMiZvc5LJZ51C7uo8mWcf6SWSRE9l/?app=fbl

Fooqiin armaan gaditti argitan kun naannoo Liibiyaa magaalaa Deernaa keessatti galaana cimaa uumamee kan namoota kuma kudhan ta’an galaafate san irraa hafeedha.

Manneen fuuldura isaa, duuba isaa, bitaa fi mirga isaa jiran hundi galaanaan akkuma doonii Nuuhitti fuudhamanii isa qofaatu hafe.

Mana kana keessatti yatiimotaatu nyaachifamaa ture ja'an. Tanaafi Nabiin keenya (saw)

"Sudaqaan dheekkamsa (dallansuu) Rabbii qabbaneessiti!" Ja'an.
صلى الله عليه وسلم
@JemalSheikhBakri1
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Balbala Namummaa ilma namaa!

Nama namummaa barbaadeetu madaala isaanii malee hin madaalamne. Barakaa diinii fi duniyaatu barsiisa keessaniin malee hin argamne. Iimaana Mu'mintootaatu jaalala keessaniin malee hin guutamne.

Siituu Rabbii kee faarsee Faaruu Rabbii nu barsiise, Karaa keetiin malee Rabbi gabbaruun akka sirrii hin taane dhugaa jirtuutu nu garsiise.

Gaafa Funyoo Ergama Keetii Jalatti walitti qabamnu Humnaa fi Milkaa'inaani guutamne. Gaafa Ergaa tee laaffifnu Walitti garagallee Wal nyaatuu jalqabne.

Osoo nuti waliif jirra jennee Walitti himnuu, Osoo nuti wal qabna jennee dhaadannuu, Osoo Rabbiin «Waliif ni Rahmatan, Diina isaan irratti ammoo ni jabaatan» jedhuu Walirratti duuluun oogummaa fi beekumsa taate.

Yaa Ifaa addunyaa Funyoo Rabbiin biraa gad kaate, Tan ati fiddee walitti nu hiitee, San lakkisuu keenyaatuu nu galaafate.

Jiirkaa jaalalaa Tan qubsumti ishii Mowlaa biraa taate, Tan fedhaa fi ajaja Rahmaaniin haguugamte, Xiiba Warra amanee kan wal jaalatee tan taate, Rahmaanoon arshii gubbaa nuuf haa roobsu.

Namni karaa abbaa Jaalalaa jala deemu Waan dhabe hin qabu, waan obboleessa isaa kan rakkateen gargaaru hin dhabu, kabajaa obboleessa isaa tuquuf onnee fi yeroo itti hin qabu.

Hundi dogongora keenyaa baasee nu saaxila. Guyyaa tokko dirree adiitti nu waxiila. Sodaan Rabbii nu keessaa Dhabamuutu Kana hundaaf Nu cunfa/Xaliila.

Hadaraa Rabbii haa Sodaannuu, Jechaa fi gocha jaalallee Keenyaa, Sayyida aalamaa, Dubbataa Ergaa Rabbii kan Ta'e Nabii keenya( Sallallaahu aleyhi Wasallam) itti haa hojjannuu.

Barakallahu fiikum!
@JemalSheikhBakri1
2024/09/21 21:29:28
Back to Top
HTML Embed Code: