Telegram Web Link
«وأسوأُ الحبِّ حبٌّ ظلَّ منتظرًا
إحدى المُحبينِ يومًا يُظهرُ الشغفَا

لكنَّ كُلاًّ يخافُ الرفضَ فاختبأوا
خلفَ الستارِ فماتَ الحبُّ يا أسفَا!»
Ustaaz Gali Ababor

Ustaazni barreessaa ajaa'ibaati. Rabbiin barreeffama warreen laaffiseef keessaa hangafa. Dhugumatti Kitaabota Amantii kan Afaan Oromootiin barreeffaman baay'ee Gaafa dubbiftu Ustaaz Gaaliin yookaa qopheessaadha yookaa hiikaadha yookaa gulaalaa tahuu ni hubatta.

Ustaazni nama barreeffama Qofa irratti cichuu miti. Roga hawaasummaattis shoora guddaa taphataa jira. Itti aanaa Itti gaafatamaa majlisa oromiyaatisi.

Qur'aana Ni hiikan, Buluugha ni hiikan, Seenaa ni barreessan, Risaalaa ni barreessan. Rabbiin itti haa dabaluuf.

Waan kana Caalaa sitti tolu nama kitaaba hedduu yeroo gabaabdutti barreessuuf yaalu osoo hin taane nama Qulqullina kitaaba barreessuutillee Eegu.

Ammas dhiheenya kana kan namni waa'ee irreechaa afaan qabate inni gad bahee haqa jiru himaa jira. Rabbiin Umrii haa dheeressu

#Share waliif godhaa
@JemalSheikhBakri1
Gaachanoota lameen..!

Suuraan tun gaafa Ahmed Diidat dhukkuba #Stroke -ii hamaan qabamee paralised ta'ee ciisaa turetti Darasticha isaa Dr Zakir Naik wajjiin tan ka'aniidha.

Sheekh Ahmad Diidaat Qabeenya Guddaa Ummata Muslimaatii fi Amantii Islaamaatiif Gaachana ta'ee tajaajilu bakka buufatee gama aakhiraa kute.

Barsiisaa fi Barataa ❤️

Sheekh Ahmad Diidaat Rabbiin rahmata haa godhuuf, jannata qananii isa haa qubsiisu.
Dr Zakir Keydii Zaalimaa jala Rabbi haa baasu, hamtuu irraa haa qabu.

#ShareGodhaa

https://www.facebook.com/100013256774086/posts/pfbid032ruSNACnNUGMhgph2y1vRE4gEeRb1Utg4gi7nDJxpZCk4qnjtTDid4XhyjUS4YP5l/?app=fbl

@JemalSheikhBakri1
Nagayaa fi Rahmanni Rabbii kiyyaa ganamaa fi galgala sirratti haa roobu yaa jaalallee kiyya,
الهم صل وسلم على سيدى، اشرف الخلق❤️
@JemalSheikhBakri1
Yoo si gammachiise #Share godhi, akkasuma keessatti if laali, ani eessan jira ja'ii if gamaaggami.

Haawwan maanguddoonni kun lamaan umriin isaanii 70moota keessa osoo jiranii Qur'aanaa haffazaniiru!

Maanguddoonni lamaan, Faaximaa Ahmad Al-Jarraha (Umm Bilal), waggaa 70, fi Sihaam Ibrahim Al-Sharman (Umm Yaqoub), waggaa 78, Qur'aana gutumatti haffazuuf waggaa 14 itti fudhate!

Isaan keessaa tokko dubbisuu fi barreessuu hin dandeessu (illiterate) yoo taatu ishiin taan immoo hamma tokko dubbisuu irratti dandeettii qabdi.

Ajaa'ibsiifachuu dhabuun ni ulfaata.
Maa Shaa Allah, tabaarakkallaah 👌

Maddi: fb irraa

https://www.facebook.com/100013256774086/posts/pfbid02DynwbqjRM5ErGhUfejVMx6GQs4fz5SCKdQB7TPR92mNFXZG1ha8feD4xRjkEuvUol/?app=fbl

@JemalSheikhBakri1
Channel photo updated
Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhan
"Tokkoon keessan hin amanne, hanga ifirra, ilmaan keessanirra, maatii keessan cufarra na jaaalattanii"

Yoo Ergamaa Rabbii jaalatte Salawaata Isaanirratti buusuu hin hifattu. #SallallaahuAleyhiWasallam

الهم صل وسلم وبارك على سيدى محمد
@JemalSheikhBakri1
صلّوا على خير الخلق حبيب الحق ﷺ❤️
If fooyyessuu ni barbaaddaa ?
Kitaaba kana buufadhuu dubbisi.

Kitaabn "لا تحزن" jedhu kan Afaan Arabaatiin Dr Aa'dal Qarniin barreesse Eegasii ammoo Afaan baay'een hiikame, kan kooppii Miiliyoona 10nii ol gurgurame, Akka lakkoofsa Awrooppaatti 2002 jechuun waggaa digdamii ol dura jechuudha kan maxxanfame

Walumaa galatti kitaabichii gaddarraa gama gammachuu, Yaaddoo fi cinqiirraa gama Seeqaa fi rahaatti si imalchiisa.

Tartiibni mata dureedhaa jalarraa gubbatti, itti hojjatuu fi jireenya kee jijjiruuf haala mijjaaween barreeffame.

Kitaabichi Og-barruu addaati, Walaloo, Seenaa Adda addaa tan Abdii kutachuu irraa Abdii godhachuutti nama geessitu san Caalatti Ammoo Qur'aana fi Hadiisa eeruudhaan Hamilee sitti hora.

Ani kitaaban hedduu jaaladhu keessaa tokko. Kitaaba Irra deddeebiin dubbifanuu qabuudha.
obbolaa keessaniif ammoo #Share godhaa

Buufachuuf liinkiin

https://www.facebook.com/100013256774086/posts/pfbid0kE35vzDcrab4caMHPt6C9xEbsohy6wtuPPNpYkaJ71qg8rJHdTm1GHNJZ3MTkqh1l/?app=fbl
Ergamaan Rabbii (ﷺ) Waan gaarii Rabbitti nu dhiheessaa takkallee tan osoo nuuf hin himin dhiise hin jirtu, Akkasuma hamtuu Rabbii keenyarraa nu fageessitu takkallee tan osoo irraa nu hin dinniinin dhiise gama aakhiraa deeme hin jirtu.

Kanaafuu Qur'aanaa fi hadiisa qarrinfaan haa qabannuu, irratti haa cichinuu, waliif haa dhaamnuu, hamturraa haa wal gorsinuu, wal xiqqeessurraa haa if eeynuu, wal xiqqeessuun iimana nutti fakkaachuu hin qabdu, yoo faallaa iimaanaa taate malee

Guyyaan guyyaa jum'aati, Ergamaa Rabbii, Jaalallee keenyarratti (ﷺ) salawaataa buusuu haa heddummeessinuu
الهم صل وسلم وباك عليه

Dhaamsa kana obboleeyyan keetii #Share godhi hayyakallah!
@JemalSheikhBakri1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Channel photo updated
You can!
Ni dandeessa!
2024/09/21 23:24:29
Back to Top
HTML Embed Code: