Kan Kooroonaan Xiqqaan kun Addunyaa dhimma biraa irraanfachiise guyyaan qiyaamaa hangam nama dhamaasa?!
KOOROONAA
------------------------------------------------
KOOROONAA-:Nama Ji'oota Sadih dura gaggabee hin bayfatin Yoo ta'e malee namni jecha kana hin dhagahin hin jiru.
KOOROONAA-:uumama Rabbiin uume keessaa akkaan xiqqaa Yoo ta'u Yoo maaykiroos kophiin taate malee xiqqeennaa isaa irraa hin mul'atu.
KOOROONAA-:Mummicha ministeera Addunyaa teennaati Balballi inni cufe hin banamtu, Xiyyaarota samii irraa harcaase, konkolaataa lafa dhiphise dhaabsise, wal gahii gurguddaa haqsise, mana barumsaa cufsiise, misirroolee wal fuudhuuf beellamatan Addaan hanbise, mootota gurguddoo Jilbiifachiise, Jaalallee wal baqachiise, Abbaan ilma baqata Ilmi Abbaa baqata, Firri Fira baqata, haati hintala baqatti hintalti haadha baqatti Addunyaan guutuun wal dheessiti Akka waan Wanti mul'atu hundi kooroonaa ta'ee Namni waan hunda bira dadree uffata isaa baqata
KOOROONAA-: Ariitiin isaa Akka Dirsaa bubbeeben duubaan gugsituuti, Mar 29/3/2020 Sa'atii 4:53 Yeroo baay'ina namoota koroonaan qabamanii ilaalu 664,290 ture Turtii daqiqaa torbaa(7)booda namoota 668644 ta'ee jira kana jechuun daqiiqaa torba keessatti namoota kuma Afurii ol dabale jechuudha. Subhaanallaah!
KOOROONAA:erga Addunyaa Rasuu Eegalee Ji'oota Afur hin caalu hanga yeroo Ani Barreeffama kana isiniif barreessutti
Baay'inni Namoota qabamanii 723,869
Baay'inni namoota Du'anii 34,000
Baay'inni namoota Dandamatanii(151,833)
Hanga Ani Barreeffama kana eegale Lakkoofsi Yoo dabale nan komatinaa!
_Addunyaa keenya irratti Yeroo Ji'oota Sadih hin caalle keessatti namoonni kuma dhibba torbaafi kuma diigdamii sadihiifi dhibba saddeetifi Jahaatamii Sagal Kooroonaan Qabamanii jiran
-Namoonni kuma soddomii Afur kooroonaan Du'anii jiru
-kufaatii Diinagdee Addunyaa muudate hangam akka ta’e nan gaafatinaa Wanti biraa hafee galiin buufata Xiyyaara biyya tokkoo irraa argamu qofti Tiriliyoonaan lakkaahama
-Biyyoonni gurguddoon humna qaban Jedhaman vaayrasii kooraanaatiin toohatamanii jiru
Daataa biyyoota kudhanii
1) Ameerikatti kan qabaman 142,735 kan du'an 2,489
2) Xaaliyaanitti kan qabaman 97,689 kan du'an 10,779
3) Chaaynatti kan qabaman 81,470 kan du'an 3,304
4) Ispeenitti kan qabaman 80,110 kan du'an 6,803
5) Jarmanitti kan qabaman 62,435 kan du'an 541
6) faransaayitti kan qabaman 40,174 kan du'an 2,606
7) Iraanitti kan qabaman 38,309 kan du'an 2,640
8) UK kan qabaman 19,522 kan du'an 1,228
9) siwiizarlaanditti kan qabaman 14,829 kan du'an 300
10) Neezarlaanditti kan qabaman 10,866 kan du'an 771
Ani Yeroo ummanni Addunyaa akka Muka bonaa irraa Bubbeen baala harcaaftutti kooroonaan harcaasu kana waa lama yaadadhaa
1ffaa:-Dhiiga ummata Muslimaa biyya hunda keessatti lola'u kan guyyatti namoonni hangi isaanii hin beekamne lubbuun galaafatamu yaadadha
Yeroo boonbiin daa'ima harma haadhaa hodhe Osoo hin liqimsin Afaan isaatii jiksu yaadadhe Ayiiiii😭😭😭
Iraaqiin dhaqi namoota nagayaa Meeqa dhiiqni akka dhangala'e gaafadhu😩
Filsxeemiin dhaqi, nama miiliyoona Meeqatu yakka tokko malee dhume gaafadhu Dhakaa mukatu Ragaa baha😭
Liibiyaa dhaqi nama miiliyoona Meeqatu du'e gaafadhu💔
Sooriyaa deemi Daa'imman kuma Meeqatu du'e mana Meeqatu diigame lubbuu Meeqatu galaaftame, qe'ee Meeqatu bittinnaa'e lammiiileen Sooriyaa har'a waan daabboon bitatan hiyyeessa keenna qophee dhiqee jiraatu kadhatan hedduun warra mataa mataan makiinaa qaban turan Yoom? waggotuma muraasa dura.
Yamanii dhaqi namoota Meeqatu galaafatame😭.....[بِعِزَّتِي لَأَنْصُرَنَّكِ وَلَوْ بَعْدَ حِينٍ ".]
Yeroo dhiigni ummata Muslimaa dhangala'u Addunyaan balbala cufanaan Rabbiin Addunyaa Guutuu manatti Raree balbala itti cufe!
Yeroo dhiigni Hawaasa Muslimaa lola'u Addunyaan kolfinaan Rabbiin Addunyaa Guutuu sagalee takkaan boochise.
Yeroo dhiigni Qulqullootaa dhangala'u Addunyaan Rafnaan Rabbiin Raammoo xiqqoon Addunyaa hirriba dhoorke
Yeroo dhiigni ummata nagayaa dhangala'u Addunyaan birmachuufi dinnaan Rabbiin Yeroo Addunyaan rakkattee ija babaafte birmachuufi dide
Kaleessa isaantu doozariin Reeffa firoota isaanii Awwala har'a carraan Addunyaa Guutuu gahe! Innaa lillaahi wa'innaa ileyhi Raaji'uun!
@Jemal89

2ffaa:- Keewwata Qur'aana kana Yoon Dubbisu Dhaadannaan kana Yaadadha😭 way nurratti Raawwatamaa Jedhee sodaadhaa kunooti👇
Faaxir 35:16
إِن يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَأْتِ بِخَلْقٍ جَدِيدٍ
Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida.
Faaxir 35:17
وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ بِعَزِيزٍ
Sunis Allaah irratti ulfaataa miti.
Yaa Ilmaan Namaa Yoo nuti daangaa Rabbii cabsisee Rabbiin irraanfanne ;Rabbiin libsuu ijaatii gaditti guutuu keenna lafa irraa dhabmsiisee uumama Haarawa fiduu ni danda'a! Kooroonaan kanaaf Ragaadha!
Yaa ummata Addunyaa! Mee Badiin Rabbiin Irraa Dhoorke, tan bara kana hin dalagamin ni jirtii? Mee naaf odeessaa?!
▪️Dhiigni namoota Qulqulluu hin dhangalaanee?!!
▪️Zinaan halaala hin taanee;? Inumaa Gaa'illi saala wal fakkaataa waliin hin Raawwatamnee?
▪️Shirkiin babal'attee dhagaa mukni hin gabbaramnee?! hanga Mana Sheyxaanni itti gabbaramu Zaahira ijaaran hin Geennee?!
▪️Firoomni ciccitee Ilmi haadha hin Ajjeefnee?!!
▪️Waadaan dagatame Amaanaan Namaaf Rabbii hin nyaatamnee?!!
Mee Badiin hin Raawwatamnin tami❓💔
Yaa Rabbi nu sattari Dhiifama keetiin irra nuuf tari
▪️ Abdiin jiru tokko Qofa!
قُلْ يَٰعِبَادِىَ ٱلَّذِينَ أَسْرَفُوا۟ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ لَا تَقْنَطُوا۟ مِن رَّحْمَةِ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَغْفِرُ ٱلذُّنُوبَ جَمِيعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلْغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Az-Zumar 39:53
(Yaa Muhammad!) jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan lubbuu isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa Dhugumatti Rabbiin balleessa hundaa ni araarama Inni araaramaa, rahmata godhaadha.
Balballi Dachii hundi cufatte, markaba Istigfaaraan haa ijaarannuu! Galaanaa imimmaanii irra haa bololiifnuu; balbala samii duratti haa kufnuu! Yoo akkas goone Rabbiin Ummata Yuunus irraa Azaaba Deebise nurrallee Azaaba deebisuun isaa ni kajeelama,Yookaan akka ummata luux Dhakaan samii nutti Roobuun ni sodaatama😭
Yaa Tawwaab gara kee Tawbaa nu Deebisi
........... Xumure......
Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir

Yaaliin waaqa hirribaa Kaasuu Yoo milkaa'uu dhabe hoo?
"Yaa Waaqa keenna hirribaa dammaqi koroonaa irraa Nu baraari" jedhe baabaa faatikaan
Rabbiin Aalamaa hin Rafu hin dagatu hin dadhabu Alhamdulillaah Amantii Sammuun Qulqulluun hubattu Islaamummaa qabna
Alhamdulillaah"
{Abu Jaafar}
Dubbiin Abuu Jaafar tun Waan Macaafa "Qulqulluu! " Keessatti barraahe tokko na Yaadachiifte dhugumatti Kirstaanonnifi Yahuudonni Waaqa isaanii akkuma uumama biraatti waan laalan fakkaata akkamitti Rakkoo itti himatuuf waaqa hirriba keessaa Ka'i jedhanii itti lallabu! Yaaliin waaqa hirribaa Kaasuu Yoo milkaa'uu dhabe hoo? Keessattuu Yeroo #Kooroonaa kana
Mee Kewwata Macaafa “Qulqulluu!” kana ilaalaa
(Far 44 )
------------
21 ati dhoksaa garaa namaa waan beektuuf, kana bira hin geessu turtee ree?
22 Nuyi garuu akka hoolota qalamaniitti lakkaa'amnee, guyyaa hundumaa sababii keetiif in qalamna.
23 Ka'i maaliif rafta? Yaa gooftaa, dammaqi, bara hundumaaf nu hin gatin!
24 Ati maaliif fuula kee dhoksita? Gadadamuu keenyaa fi cunqurfamuu keenyas maaliif irraanfatta?
Ka'i maaliif rafta? Yaa gooftaa, dammaqi, bara hundumaaf nu hin gatin!
Warroonni dhihaa Yeroo Hedduu waaqa kadhatuu caalaa tattaaffii mataa ofiitin Rakkoo isaan muudate Jalaa bahuuf yaalii godhu. Tarii waaqa Rafe Kaasuu mannaa nuhii hin Rafintu Furmaata arguuf irra caala loojikii jedhu qabatanii akkas ta'uu hin oolan(¹) 😊
Keenna Rabbiin
▪️Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru;
▪️Inni) jiraataadha
▪️waan hundaan dhaabbataadha
▪️Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatu
▪️Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati
▪️Hayyama Isaatin ala kana isa biratti manguddoommaa dhaabatu hin jiru....
Al-Baqarah 2:255
ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلْحَىُّ ٱلْقَيُّومُۚ لَا تَأْخُذُهُۥ سِنَةٌ وَلَا نَوْمٌۚ لَّهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِۗ مَن ذَا ٱلَّذِى يَشْفَعُ عِندَهُۥٓ إِلَّا بِإِذْنِهِۦۚ يَعْلَمُ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْۖ وَلَا يُحِيطُونَ بِشَىْءٍ مِّنْ عِلْمِهِۦٓ إِلَّا بِمَا شَآءَۚ وَسِعَ كُرْسِيُّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَۖ وَلَا يَـُٔودُهُۥ حِفْظُهُمَاۚ وَهُوَ ٱلْعَلِىُّ ٱلْعَظِيمُ
Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatu Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati Inni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanu Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu Innis ol ta’aa, guddaadha.
Hanga warri Waaqni isaanii Jalaa Rafe waaqa isaanii hirribaa kaasaniifuu nuti warri Rabbii keenna hin Rafnee kadhaa haa Jabaannuu!
____
(¹)warroonni dhihaa hedduun Hordoftoota Amantaa kirsaanaa fi Yahuudaa waan turaniif keewwanni Macaafa faarfannaa 44:21 - 24 Ilaalcha akkanaa akka isaan qabaatan gochuu danda'a jechuu kooti

SEENAA HAADHA IMAAMU-ASHAAFI'IYYII
---------------------------------------------------
Imaamu Ash-shaafi'iyyiin yatiima. Abbaan isaanii ijoollummaan irraa du'an haati isaanii ammoo hiyyeettiidha. garuu akkaan Jajjaba mul'ata dheeraa qabdi ilma ishee Aalima guddaa akka isiif ta'uu Halkan guyyaa ifaajji. “Ani hiyyeettiidha Abbaa manaa hin qabu” jettee Abdii hin muranne Ilmi isii shaafi'yyiin Akkaan faxina (colleedha) Yeroo madarasaa Deemuu garuu Dabtara irratti barreeffatu hin qabu!
Guyyaa Tokko galee haadha isaatiin Dabtara naaf biti Jedhee itti boohe. haati garuu waan dabtaraan ittiin bittuuf hin arganne ture Ilma isii fuutee iddoo gaalli itti qalamu geessite
Shaafi'yyiin dhaabatee Ilaala haati lafaa lafee gaalaa babal'aa walitti qabuu Eegalte booda irratti lafee hedduu ofiifis baattee ilma isiitittis baachiftee gara manaa galan...
Lafee kana irraa qulqulleessitee Ilmi isii akka dabtaraatti akka ittiin baratuuf kenniteef💔
Yaa haadha mul'ata dheeraa qabdu Rabbiin isiif haa Rahmatu
Yeroo ilmaan Abbootii qabeennaa Dabtara babbareedoo baatanii deeman shaafi'yyiin lafee mataa gubbatti baatee ilmii baratee Imaama Addunyaa ta'ee seenaa isaa qalama hin haaqamneen barreeffate!
Addunyaan shaafi'yyi lafee irratti barate yaadattee ilmaan dureeyyii Dabtara irratti barratte dagatte!
Kanaafuu yoo kaayyoo qabaatte Yoo Rabbiin gargaarsifatte Yoo cimtee hojjatte Fedha Rabbii waliin bakka karoorfatte inuma geetta waan ta'eef Jabaadhu!
🏵️🏵️🏵️Xumure🏵️🏵️🏵️

BURHAAN BINUURIL QUR'AANA
Chaanaaliin Burhaan Binuuril Qur'aan
Jedhu Maalummaa Amantaa Islaamaa Amantaalee Gara garaatiin wal bira qabuun Ragaa Qur'aana, Hadiisa, Hayyoota Islaamaa Lafee Dugdaa Taasifachuun, Dhaloota Isalaamaa Qaruufi Warroota Muslima hin ta'in Islaamumma Beeksisa
https://www.tg-me.com/Jemal89

Telegram

Sagaleen Azaanaa natti jijjiirame😭
Salluu fii Rihaalikum Jechuun lallabamee😩
Balballi masjiidaa kooroonaaf Cufame
====
Hanga yoomi laata akkana tahuunii
Garaa nama Raasa Masjiida cufuuni
Yoo Azaanni bahu masjiida hafuuni
Obboleewwan diinii irraa fagaatuuni
====
Dharraane masjiida Yoom itti deebinaa
Yaa Abbaa Rahmataa nurraa kaasi fitnaa
Du'aa'ii Jabeessaa Obboleewwan keenna
Rabbiin nurraa haa Kaasu Rakkoo kooroonaa
🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️
Obboleessa Keessan
🏵️🏵️Jamaal Kadiir 🏵️🏵️

Namni bara Quufaa akka hantuutatti dhokatee waa Qoroxxomu bara beelaa hantuuta ta'uun Isaa hin oolamu
@Jemal89
@Jemal89
Namoonni Vaayrasii Kooroonaan Qabaman #Miiliyoona_tokkoofi Kuma Afur Caalee Jira Rabbiin Ummata keenna Haa tiksu
Nama gowwaa waliin Yoo ta'an saahiba!
Irrallee fagaachuun
walilleen jiraachuun
Hedduu nama dhiba!
====//======//====
Balaa oytee mukaa
Kan beekutu beeka
====//======//====
Ofilleen hanbiftu
Marqallee hin baaftu
Akkasi gowwaanis
Walumaan gubatu
====//======//====
Ni Barsiisa jechuuf
Waan beeku of se'a
Itti dhiisa jechuuf
Daangaa sitti ce'a
====//======//====
Firattis himachuuf
Hin dhaga'u fira
Firri gowwaa Qaroo godhe Eessa jira?
====//======//====//=====//
Gowwaan hin baratu
Gorsan hin fudhatu
Waan fedhes baratu
Gowwumman fixatu
Bahara Jala Cuuphxus
Gowwumman dhiqatu
====//======//====
Gowwaan hin dhalatin
Dhalatun guddatin
Laaftuttin jedhamee
Dubbii tanan gatin
🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️
@Jemal89
Irrallee fagaachuun
walilleen jiraachuun
Hedduu nama dhiba!
====//======//====
Balaa oytee mukaa
Kan beekutu beeka
====//======//====
Ofilleen hanbiftu
Marqallee hin baaftu
Akkasi gowwaanis
Walumaan gubatu
====//======//====
Ni Barsiisa jechuuf
Waan beeku of se'a
Itti dhiisa jechuuf
Daangaa sitti ce'a
====//======//====
Firattis himachuuf
Hin dhaga'u fira
Firri gowwaa Qaroo godhe Eessa jira?
====//======//====//=====//
Gowwaan hin baratu
Gorsan hin fudhatu
Waan fedhes baratu
Gowwumman fixatu
Bahara Jala Cuuphxus
Gowwumman dhiqatu
====//======//====
Gowwaan hin dhalatin
Dhalatun guddatin
Laaftuttin jedhamee
Dubbii tanan gatin
🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️🏵️
Qopheessaan
Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir
@Jemal89
Waa Afur irraa baqadhu
---------------------------------------------------
Waa Afur jiruu dhiphoo nama dhaalchifti, sammuu booressiti, Qoma dhiphifti:-
▪️Tan duraa:- waan Rabbiin murteesse Jaalachuu dhabduudha, Waan Rabbiin fide irratti dallanuudha.
▪️Tan lammataa: - cubbuu dalaganii irraa tawbatuu dhabduudha {قُلْ هُوَ مِنْ عِندِ أَنفُسِكُمْۗ} {“.. Inni isinuma biraayyi" jedhi} {فَبِمَا كَسَبَتْ أَيْدِيكُمْ}
{.. waanuma harki keessan hojjatteefi;}
▪️Sadeessaan:Nama waanyuudha ;gadoo bahuu Jaalachuudha;waan Rabbiin namaaf kenne irratti nama hinaafuudha
{أَمْ يَحْسُدُونَ ٱلنَّاسَ عَلَىٰ مَآ ءَاتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضْلِهِۦۖ}
{Moo sila waan Rabbiin tola Isaa irraa namootaaf kenne irratti isaan waanyu?} “Waanyoon Boqonnaa hin qabu"
▪️Afreessan:-Zikrii (yaadannoo) Rabbii irraa gara galuu
{وَمَنْ أَعْرَضَ عَن ذِكْرِى فَإِنَّ لَهُۥ مَعِيشَةً ضَنكًا }
{Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira;}
@Jemal89
____________________
Madda:- Kitaaba Dr Aa'idal-Qarnii Laa Tahzan

Yeroo Ammaa Dhukkuba dhala namaa Kooroonaa Caalaa fixaa jiru beektuu?
---------------------------------------------------
عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرٍو ، قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : " الرَّاحِمُونَ يَرْحَمُهُمُ الرَّحْمَنُ، ارْحَمُوا مَنْ فِي الْأَرْضِ يَرْحَمْكُمْ مَنْ فِي السَّمَاءِ. رواه الترمذي برقم ح. ١٩٢٤
Abdallaah ilma Amrii irraa odeeffamee Rasuulli ﷺ Rabbii akkana jedhan Jedhee jira:-" mararfattoota Rahmaan isaaniif mararfata;warri Dachii waliif mararfadhaa inniin samii isiniif Mararfataa"
Tirmiiziitu Gabaase lakk. Hadiisa 1924
Addunyaa Teenna irra Yeroo Ammaa namoota biliyoona 7.7 oltu jiraata namoota kananniin keessaa namoonni Miliyoona 821 Nyaata gahaa akka hin qabne Dhaabbanni Nyaata Addunyaa Kaartaa "Hungery map 2019 " maxxanse irratti beeksisee jira. Kana jechuun ummata Addunyaa namoota 9 keessaa tokko nyaata gahaa hin qabu jechuudha ummata Miliyoona dhibba saddeetifi Miliyoona diigdamii saddeetitu waan nyaatu dhabee beelaan dhumaa jira jechuun waan salphaa miti. Innaanillaahi wa'innaa ileyhi Raaji'uun biyyi keenna biyyoota namoonni beelayoon dhibbeentaa 15-24, 9% keessatti Argaman keessatti Ramadamti.
Amajjii 1 irraa kaase hanga ammaatti namoonni Miliyoona 2.9 ol sababa beelaatiif Du'anii jiru. dhukkubni Koroonaa Amajjii irraa hanga har'aatti Namni inni Ajjeese 70,446 qofa Kun xiqqaa jechuu kiyyaa miti nama beelaan dhumuufi nama koroonaan du'u Yeroo wal bira qabnu garuu dhukkubni Koroonaa nama Ajjeesaa hin jiru jennee Dubbachuu ni dandeenna.
Namoonni dhukkuba kooroonaatiin du'aa jiran Dokotoroota fayyaatiin hanga Xumuraa yaaliin taasifameefi erga ijibbaatan booda du'u Namni beelaan dhumu ammoo Namni isaan yaalu waan dhabameefi
Namoonni kooroonaan du'an dhukkubni Koroonaa hanga Yoonaa Qoricha waan hin argatiniifi namoonni beelaan du'an ammoo Osoo Qorichi nu harka jiruu Garaa itti Jabaannee du'atti waan isaan dhiifneefi
"Namni Osoo beeku ofii Quufee bulee ollaan isaa beela bule nurraayi miti"
{Nabi Muhammad ﷺ}
"Warri Dachii waliif mararfadhaa inniin samii isiniif Mararfataa"
Yoo nuti galateeffanne yoo nuti Amanne Rabbiin Adabbii keenna irraa maal godha?
YAAMICHA KOOROONAAFI RAKKOO HUNDA JALAA NU BARAARU
▪️Yaa ummata biyya keennaa dhukkubni Koroonaa Kun dhukkuba dallansuu Rabbiitin dhufe, nutu Daangaa Rabbii cabse. warri qabu nyaatee kan irraa hafe iddoo balfi gatamutti gate hiyyeessi waan gororaan gadi deebisu dhabee Osoo waan fuunfatu barbaadu lafti dhiifte itti bariite, dhaba qabeennaa Osoo hin taane garaa Jabanne wal haa mararfannuu hiyyeessa ollaa keenna jiru yaadannee beela haa baafnuu Rabbiin Rakkoo manaa bahuu nu dhoorkite tana nurraa kaasaa
{" إِنَّ الصَّدَقَةَ لَتُطْفِئُ غَضَبَ الرَّبِّ،}
(Baraa Sadaqaan(Kennaa) dallansuu Rabbii ni dhaamsiti)
{Rasuula Rabbiitu Jedhan ﷺ}
Yaa Allaah wal Mararfannaa nuuf kenni Atis nuuf mararfadhu

Eeyyyeen Yoo nuti humana Teenna xiqqoon waliif Dirmannee Rakkoo keessaa wal baafne Rabbiin Maalif Rakkoo kana nurraa hin kaafne?
Yoo nuti galateeffanne yoo nuti Amanne Rabbiin Adabbii keenna irraa maal godha?
YAAMICHA KOOROONAAFI RAKKOO HUNDA JALAA NU BARAARU
▪️Yaa ummata biyya keennaa dhukkubni Koroonaa Kun dhukkuba dallansuu Rabbiitin dhufe, nutu Daangaa Rabbii cabse. warri qabu nyaatee kan irraa hafe iddoo balfi gatamutti gate hiyyeessi waan gororaan gadi deebisu dhabee Osoo waan fuunfatu barbaadu lafti dhiifte itti bariite, dhaba qabeennaa Osoo hin taane garaa Jabanne wal haa mararfannuu hiyyeessa ollaa keenna jiru yaadannee beela haa baafnuu Rabbiin Rakkoo manaa bahuu nu dhoorkite tana nurraa kaasaa
{" إِنَّ الصَّدَقَةَ لَتُطْفِئُ غَضَبَ الرَّبِّ،}
(Baraa Sadaqaan(Kennaa) dallansuu Rabbii ni dhaamsiti)
{Rasuula Rabbiitu Jedhan ﷺ}
Yaa Allaah wal Mararfannaa nuuf kenni Atis nuuf mararfadhu
Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir
@Jemal89
Yoo Du'aa'ii (kadhaa) taate malee Wanti Qadara Deebisu hin jiru.
---------------------------------------------------
👈🏽 (( لَا يَرُدُّ الْقَدَرَ إِلَّا الدُّعَاءُ ))
▪️عَنْ ثَوْبَانَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ ، قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ : (( لَا يَزِيدُ فِي الْعُمْرِ إِلَّا الْبِرُّ، وَلَا يَرُدُّ الْقَدَرَ إِلَّا الدُّعَاءُ ))
📚 سنن ابن ماجه - رقم : (4022)
👈🏽 الحديث حسن.
Sawbaan (RA) irraa odeeffamee Rasuulli Rabbii ﷺ Akkana Jedhan Jedhee jira:-“Toltuu malee Wanti Umrii dabalu hin jiru Du'aa'ii malee Wanti Qadara Deebisu hin jiru. "
Sunana Ibnu Maajah lakk. Hadiisaa(4022)
Hadiisichi hasani
▪️عَنْ سَلْمَانَ الْفَارِسِيُّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ ، قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ : (( لَا يَرُدُّ الْقَضَاءَ إِلَّا الدُّعَاءُ، وَلَا يَزِيدُ فِي الْعُمُرِ إِلَّا الْبِرُّ ))
👈🏽 حسنه الألباني في
👈🏽 صحيح الترمذي - رقم : (2139)
Salmaanal-Faarisiin (RA) akkana jechuun Rasuula ﷺ Rabbii irraa odeessee jira:- Du'aa'ii Malee Wanti Qadaa'a(Murtii Rabbii) deebisu hin jiru; Toltuu malee Wanti umrii dheeresssus hin jiru
Albaaniin Sahiiha Tirmiizii lakk (2139) keessatti Sahhahanii jiru
▪️ومعناه : أن الدعاء سبب في حصول الخير ، وأن هناك أشياء مقدرة ومربوطة بأسباب ، فإذا تحقق السبب وقع المقدر ، وإذا لم يتحقق السبب لم يقع ، فإذا دعا المسلم ربه حصل له الخير ، وإذا لم يدعُ وقع به الشر ، كما جعل الله صلة الرحم سببًا لطول العمر وقطيعة الرحم سببًا لضده والله أعلم .
▪️العلامة صالح بن فوزان الفوزان حفظه الله
Hiikkan isaa: Du'aa'iin toltuu argamsiisuuf sababa taati, Asirratti Qadara(Murtii Rabbii) kan sababatti Rarra'ee Dabarfametu jira. Yoo Sababni Guuttame Qadarri ni argama.yoo Sababni hin guuttamin hin argamu. Namni Muslimaa tokko Yoo Rabbii isaa kadhate Toltuu argata Yookaan hamtutu itti Qubata akkuma Rabbiin Firooma sufachuu sababa Dheerina umrii Firooma muru ammoo sababa faallaa sanii taasise jechudha.▪️
▪️
https://www.alfawzan.af.org.sa/ar/node/6065
-----------------------------------
Telegrama:https://www.tg-me.com/Jemal89

Allaamah Saalih Ibnu Fawzaan Al-fawzaan Rabbiin isaan haa tiksu
https://www.alfawzan.af.org.sa/ar/node/6065
-----------------------------------
Telegrama:https://www.tg-me.com/Jemal89
www.alfawzan.af.org.sa
شرح حديث: « لا يرد القدر إلا الدعاء » | موقع معالي الشيخ صالح الفوزان
حديث : « لا يرد القدر إلا الدعاء » أخرجه الحاكم وغيره [رواه الحاكم في مستدركه من حديث ثوبان رضي الله عنه ، ورواه الترمذي في سننه 6/313 من حديث سلمان رضي الله عنه بلفظ: « لا يرد القضاء »] ومعناه أن الدعاء سبب في حصول الخير…