قُلْ يَٰٓأَهْلَ ٱلْكِتَٰبِ تَعَالَوْا۟ إِلَىٰ كَلِمَةٍ سَوَآءٍۭ بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمْ أَلَّا نَعْبُدَ إِلَّا ٱللَّهَ وَلَا نُشْرِكَ بِهِۦ شَيْـًٔا وَلَا يَتَّخِذَ بَعْضُنَا بَعْضًا أَرْبَابًا مِّن دُونِ ٱللَّهِۚ فَإِن تَوَلَّوْا۟ فَقُولُوا۟ ٱشْهَدُوا۟ بِأَنَّا مُسْلِمُونَ
Aali-Imraan 3:64
Jedhi: “yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa taatee kottaa[Isheenis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedha Yoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaa.
@Jemal89

Dhiphina booda bal'inatu jira.
---------------------------------------------------
Ax-xalaaq 65:7
سَيَجْعَلُ ٱللَّهُ بَعْدَ عُسْرٍ يُسْرًا
Rabbiin dhiphina booda bal'ina godhuuf jira
Ash-Sharh 94:5
فَإِنَّ مَعَ ٱلْعُسْرِ يُسْرًا
Rakkinaa wajjin laafinatu jira.
Ash-Sharh 94:6
إِنَّ مَعَ ٱلْعُسْرِ يُسْرًا
Dhugumatti, rakkina wajjin laafinatu jira.
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
Dhibee boda fayyatu jira
Dhaba booda Argachutu jira
Wallaala booda barnootatu jira
Gadda booda gammachutu jira
Sodaa booda tasgabbitu jira
Ilkaanuma har'a bootten bor seeqachuuf deemta
Ijuma har'a Dukkana agarteen bor ifnana arguuf jirta
Kaleessa kooronan Osoo hin dhufin koleeraa sodaanna ture.
IIVOOLAAF Roqomsina ture Hunduu nama guyyaan gahe malee hin ajjeefne. kooronaanis Namuma guyyaan isaa gahe qofa Ajjeesa!
Aali-Imraan 3:145
وَمَا كَانَ لِنَفْسٍ أَن تَمُوتَ إِلَّا بِإِذْنِ ٱللَّهِ كِتَٰبًا مُّؤَجَّلًاۗ
Lubbuu kamiifuu eeyyama Rabbiitiin ala du'uun isheef hin taane Murtee baallamamaa (Rabbiin murteesseedha)
Al-A'araaf 7:34
وَلِكُلِّ أُمَّةٍ أَجَلٌۖ فَإِذَا جَآءَ أَجَلُهُمْ لَا يَسْتَأْخِرُونَ سَاعَةًۖ وَلَا يَسْتَقْدِمُونَ
Ummata hundaafuu yeroo murtaa’etu jira Yeroo beellamni isaanii dhufe sa’aatii tokko booda hin aanfamanu; duras hin dabranu.
#Koroonaan Osoo balbala hunda Seeneeyyuu nama guyyaan isaa hin gahin nama hireen isaa hin dhumin tasuma ajjeesuu hin danda'u.
Ummanni Dhukkuba koroonaa irraa of Eegaa jedhanii lallaban hedduudha. Ani lallaba isaanii hin mormu Ani garuu dhukuba koroonaa Caalaa Sodaa dhukuba kooroonaa irraa of Eegaa isiniin jechuu barbaada
Sodaan mataan isaatuu dhukkuba jiraa ajjeesuu waan ta'eef.
Dhaamsa
Qulqullina kee Eeggadhu Qulqullinni Gosa lama ta'uu hubadhu
1)Qulqullina Qalbii
Qalbii kee xurii shirkii, shakkii, Munaafiqummaa, waanyoo, wal jibbaa boonaa, fkkf irraa qulqulleeffadhu.
Kooroonaa Osoo hin taane Gooftaa kooroonaa uume Sodaadhu. Koroonaa waraana Rabbiiti Yoo Ati Rabbiin Jalatti dheette Rabbiin Si tiksa Yoo Rabbiin dura koronaan duutaa sitti murteesse Yoo Qalbii Qulqulluun Rabbiin wal geesse Sadarkaa warra karaa Rabbii keessatti wareegamee(shahiidee) argatta. Kuni milkii guddaadha!
2)Qulqullina Alaa
Qulqullina Qaama kee miiraa dhukubaaf nama saaxilanii Eeggadhu
Rabbiin warra Qulqulleeffatu Jaalata. Dhukubni hedduun warra Qulqullina hin Eegganne galaafataa.
Gorsa doktora fayyaa dhageeffadhu Namni kan Badu Gaafa gorsa hayyootaa dhagahuu dide waan ta'eef.
Namni koroonaan Qabameefi Koroonaan du'e; hundi Rabbiin biratti ija tokkoon hin laalamu kooroonaan:-
1)warra Badiin dachii balleessaniifi Adabbiidha.
2)Warra odoma Rabbiin sodaatan Badii gara garaa irratti kufaniif Saamunaadha. Sababa isaatiin Rabbiin badii isaanii isaaniif araarama
3)Mu'umintootaaf ammoo badhaasa Sadarkaa isaan Rabbiin biratti qaban isaanif ol kaasa.
Kooroonaan ergaa Rabbiin namoota Cubbuu keessa cuuphaman hirribaa ittiin dammaksuuf ergedha
Namni Tawbatu jiraa ree!

Milkii laalladhu
___________________
-
@Jemal89
___________________
-
Rasuulli SAW milkii laallachuun na gammachiisa jedhan
-Garaa murannaan Amala Mu'umintootaatii miti
-Yoo nuti galateeffanne yoo nuti Amanne Rabbiin Adabbii keennaa irraa maal godha?
-Rabbiin mararfataadha, Araaramaadha, balballi tawbaa banaadha
-Namni dhibameef hin du'u fayyaa qabaateef du'a hin oolu Addunyaa tana Rabbii ogeessaatu hooggana Namni du'u hunduu du'a isaa dura dhaloota isaa dura Osoo Dachiifi samiin hin uumamin Yeroon isaa murtaahee galmee guddicha lawhal mahfuuz keessatti barraahee jira.
-Manni kee sin hanqatin, badii kee irratti boohuu hin dagatin ija tawbaaf bootte Rabbiin Sooftii Araaramaatin Imimmaan irraa haquun hin oolu
-Sooshaal miidihaa irra teettee baay'ina nama du'ee lakkaahaa hin oolin; Rabbiin malaa'ikaa Reeffa galmeessitu sin taasifnee, akka ati Zikrii lakkooftu malee akka ati teettee du'aa lakkooftuuf sin uumnee
-Yoo badii keetiif gaabbite Yoo badii duraatti hin deebi'u jettee muratte; Yoo balbala badii irraa baqatte Rabbiin Waraqaa qulwullummaa siif kennee warra tawbate keessatti akka si galmeessuu quba qabaadhu Osoo carraa qabdu tawbadhu
@Jemal89
Tawakulaaf sababa
-Rabirratti irkachuun dirqama Kun Ajaja Rabbiiti.
-Rabbiin waa'ee Tawakulaa(Rabirratti irkachuu) ilaalchisee akkana jedha:-
Al-Ma'idaa 5:23
وَعَلَى ٱللَّهِ فَتَوَكَّلُوٓا۟ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ
".... Yoo mu’uminoota taataniif Rabbirratti hirkadhaa."
-kan irratti irkatan Rabbi qofa
-irkoon biraa nama jalaa kufti
-Rabbiin irratti irkachuun dirqama mu'uminaati
" Yaa Rasuulullaah SAW gaala koo hidhadheen Rabirratti irkadha moo gadi dhiiseen Rabbi irratti irkadha? jedhe sabaabaan tokko:-
"Gaala kee hidhadhu Rabbirratti irkadhu" Jedhaniin Nabiyyiin filatamaan SAW
-Namoonni tokko tokko sababa eegnee kooronoo jalaa hin baanu waan ta'eef Rabbiin nu haa tiksu Yeroo jedhan dhageenna
-dirqamni sirra jiru sababa eeggachuudha
-akka si eeguuf Rabbiin irratti irkachuudha
-gahee kee hin dagatin sababa irratti hin irkatin
-Sababni Dalagaa qaamaati
-Tawakulli Dalagaa qalbiiti
- Oorruu tee facaafte Rabbiin irratti kadhatta moo teettee akka Rabbiin siif facaasu eeggatta?
-balbala cufatanii Hattuu irraa Rabbitti irkatan malee balbala bananii Rabbittis hin irkatan hattus hin Komatan
-Tawakulaaf Sababa addaan baasuun kaayyoo Amantaa Islaamaati miti.
Seenaa kanaan isiniif Xumura
Nama waggaa dheeraa jiraate tokkotu jira Jedhama guyyaa Tokko Akkamitti waggaa dheeraa kana jiraachuu dandeessan Jedhamanii gaafataman "Rabbillee na Eegee Anis inuma qarqaare" jechuun deebisan. Rabbiin nama eeguun beekamaadhaa isin hoo akkamitti Rabbiin gargaaruu dandeessan Jedhamanii gaafataman "Yoo beelayu ni nyaadha. Yoo daaru ni uffadha. Yoo dhibamu mana yaalaa deeme dawaa fudhadha.
Laga guutetti hin deemu. Yoo natti dhiihe waraabessa jalaa Yeroo mana qubadha” jechuun deebisan
-Sababni Dalagaa qaamaati
- Tawakulli Dalagaa qalbiiti
-Lamaan Addaan baasuun Rakkina hubannooti
Rabbiin Ummata keenna cufa dhibee kooroonaa irraa haa Eegu
Amiin
Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir

AL-QUR'AAN
-Qur'aanni Ergaa Rabbiin dhala naatiif ergeedha
-Fuullee Dhalli namaa keessatti of ilaaludha
-sarara dhala namaatifi Uumaa isaanii wal qunnamsiisudha
-Yaadannoo warra dabree; egeree gara fuulduraa kan namoota eeggatu hammatee jira
-Qabxiilee Icciitii uumamaa seenessan kan Hayyoota Ammayyaa dinqisiisan dhugaan Hayyoota gurguddoo jilbiiffachiisan Qur'aana keessatti kuufamanii jiru
-Qur'aanni ergaa Nabiyyoota duraanii mirkaneessaa Kitaabilee Rabbiin biraa bu'an kan isa dura dabran dhuga'oomsa Qur'aanni ergaa Rabbii kan Xumuraati
-Namoonni isa qabatan hin Jallatan kan isaan falman ni salphatan
-Qur'aanni Qoricha dhukkuba onnee namaa wal'aanu
-Ifnana Addunyaa irraa kaasee Jannata nama Geessu
-Qur'aanni Boqonnaa 114 qaba
-Keewwatoota 6236 qaba
-Ilmi namaatifi jinniinis Osoo waliif tumsanii waan Qur'aana fakkaatu Boqonnaa tokkos fiduu hin dandahan
-Qur' aanni Kun Tasuma kitaaba sammuun namaa Qopheessuu dandahuu miti
-Namoota isa Hordofan ni guddisa
-Namoota isa falman ni salphisa
-Namoota Qur'aana Qara'anii ergaa isaatti hojjataniif guyyaa qiyaamaa Qur'aanni manguddummaa dhaabbataaf
-Warri Qur'aana Haffazan kan Dirqama isaatin dhaabbatan Guyyaa Qiyaamaa Qur'aana Qar'aa Fooqii Jannataa keessaa ol bahuun hanga Qur'aana Qara'anii xumuranitti imalu Qubannaan isaanii iddoo Qur'aana itti Xumuran ta'a
-Warri Qur'aanaa warra Rabbiiti
-Rabbiin Warra Qur'aana nu haa taasisu.

Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatu akkam
Nageenyifi Mararfannaan Rabbii isin irratti haa jiraatu
▪️Istigfaara
▪️Tawbaa
▪️Zikrii Galgalaaf ganamaa
▪️Qaraatii Qur'aana
▪️Sadaqaa
▪️Tola ooltummaa
▪️Qulqullina
▪️Rabbirratti irkachuu hin dagatinaa

▪️Hamtuun nu mudattu hunduu sababa Dogoggora nuti hojjanneefi
▪️ Yoo nuti Dogoggora keenna sirreeffanne
Rabbiin hamtuu nu mudatte nurraa kaasa
Mee Kewwata Qur'aana Kabajamaa kana xiinxalli👇
وَمَآ أَصَٰبَكُم مِّن مُّصِيبَةٍ فَبِمَا كَسَبَتْ أَيْدِيكُمْ وَيَعْفُوا۟ عَن كَثِيرٍ
Ash-shuuraa 42:30
Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ees dhiifama godha.
وَيَعْفُوا۟ عَن كَثِيرٍ
{baay’ees dhiifama godha.}
{وَيَعْفُوا۟ عَن كَثِيرٍ}
“Rabbiin Baay'ee waan irra isiniif darbuuf isaaf isin hin qabu”
[Ibsa Gabaabfamaa]
[QUR'AANA KABAJAMAA]
▪️Eeyyyeen Rabbiin Osoo takka takkaa badii nuti hojjanneetin nu qabee maaltu lafa tana irra socho'a?
🖋️Silaa Addunyaan qaata uumama hunda geegessite
🖋️Namni dhaabatee deemu hedduun silaa duruu konfii Jalatti dhokate
🖋️Rabbiin dhiifama isaatin nu horate
▪️Dhimma kana Rabbiin Qur'aana Kabajamaa keessatti akka jechuun mirkaneesaa
Faaxir 35:45
وَلَوْ يُؤَاخِذُ ٱللَّهُ ٱلنَّاسَ بِمَا كَسَبُوا۟ مَا تَرَكَ عَلَىٰ ظَهْرِهَا مِن دَآبَّةٍ وَلَٰكِن يُؤَخِّرُهُمْ إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّىۖ فَإِذَا جَآءَ أَجَلُهُمْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِعِبَادِهِۦ بَصِيرًۢا
Rabbiin odoo namoota waan isaan hojjataniif qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu ture Garuu hanga yeroo beekamaatti isaan tursiisa Yeroon isaanii hoggaa dhufe (mindeessa)Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera
▪️Tola Rabbii haa yaadannu
▪️Quba namootatti akeekuu dhiifnee ofitti haa qabnu
▪️Rabbii keennatti haa deebinu
▪️Akka Rabbiin nuuf Araaramu haa kadhannu
▪️Rahmanni Rabbii bal'aadha Abadan Qalbii guutuun Rabbitti deebinee hin hoongofnu

At-Tawbaa 9:40
لَا تَحْزَنْ إِنَّ ٱللَّهَ مَعَنَاۖ
“dhugumatti Rabbiin nu waliin jiraa; hin gaddin”
Rabbiin akka ati gadditu Osoo hin taane akka ati gara isaa deebitee Araaramaafi Jannata Isaatin gammaddu barbaada
Hin gaddin gara Gooftaa Deebi'i

-Allaah'n dhukkuba kooroonaa kan fideef akka Addunyaa of yaadattee badiifi miidhaa dhiiftee gara isaa deebituufi
-Irra hedduun ummata Addunyaa garuu gorfamee gara Rabbii deebi'uun haa hafuutii Osoo Rakkoon Kun irraa ka'ee gara badii dur dalaguutitti deebi'ee Jedhee waan hawwiin eeggachaa jirtu fakkaata!
-Meeti Namni tawbatu?
-Meeti Namni Imimmaan dhangalaasee Rabbiin dhiifama gaafatu?
-Addunyaan tun Yoo Rabbiin Rahmata isiif godhee dhibee kooroonaa irraa hafte "Guyyaa Kooroonaa Addunyaa" jettee guyyaa Tokko Ayyaana nu kabachiisuun isii hin oolu! 😏
-hanga beekan mana eegan Namni imaamni isaa harragessa ta'e Raqa harree irra isa fida jedhan
-Yaa Allaah Ati nuuf biramadhu Qaata Jaamaa Hordofaana hogganaa ija qabu nuuf laadhu
@Jemal89.

Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatu
-Ganamni keessan kan milkii haa ta'u
-Rabbiin bakka isin Yaaddaniin isin haa ga'u
-Tasgabbii Qalbii, Ifnana fuulaa, Jaalala Maatiif ollaa, Dheerina umrii Bal'ina Rizqii Rabbiin isiniif haa kennuu👇
-Dirqamoota Rabbii Jabeessaa
-Waan Rabbiin Dhoorke irraa baqadhaa
-Zikrii, Sooma, Sadaqaa, Qaraatii Qur'aana, Rahima sufachuu, ollatti Tola ooluu.... hin irraanfatinaa
-Rabbiin tika isaa keessa isin haa oolchu
-Yaa Allaah Ummata Keenna Tikisi
-Badii Keenna Nuuf dhiisi

This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Wanti Allaah'n Alatti gammaramtu hunduu kasaaraa malee Bu'aa hin qabdu
Namtichi Viididiyoo irratti argitan Kun Lammii Ispeen Jadhama Mana isaa keessatti Xaa'otooya gara garaa walitti qabee Rakkoo irraa na oolchan Jedhee gabbaraa ture. Kooroonaan dhufnaan akka xaa'onni tun homaa Rakkoo isa irraa deebisuu hin dandeenne argee gadi guuree marteelloon bulleessee lafa naqe
Rabbiin Qur'aana isaa Kabajamaa keessatti wanni isaan isaa gaditti gabbaran Tiisisuma irraayyuu akka waa buufachuu hin dandeenne nutti himee jira
Fakkeenya Qur'aanni godhe miidhagaa kana dubbisaa mee
Al-Hajj 22:73
Yaa namootaa! Fakkeenyi taasifamee jiraa isa dhaggeeffadhaa Dhugumatti, isaan isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) odoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uumanu Yoo tiisisni waan tokko isaan harkaa butes, (waan) san isa irraa buusuu hin danda’anu Gabbaraafi gabbaramaan dadhabeera