Telegram Web Link
WABI MILKAA'INAAFI GAACHANA KUFAATII
-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-
Jannata dhaaluuf Ibidda Jalaa hoffoluuf(ooluuf) Wabiin milkaa'ina nama gonfachiisufi Gaachanni Kufaatii of irraa ittiin ittisan LAA ILAAHA ILLALLAAH MUHAMMADAN RASUULULLAAH JECHUUDHA{Haqaan gabbaramaan Allaah malee hin jiru Muhammad Ergamaa Allaahati} Jedhanii Onneen Amananii Arrabaan Ragaa bahuudha. Kun wabii milkaa'inaati, furtuu Jannataati, Gaachana(wantee) Ibidda Ati.
عَنْ عُبَادَةَ بْنِ الصَّامِتِ عَنْ النَّبِيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ "مَنْ قَالَ : لَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ دَخَلَ الْجَنَّةَ"
Ergamaan Rabbii akkana jedhan"Namni Laa ilaaha illallaah Jedhe Jannata seene"
Tirmiizii, 2638
عَنْ عُبَادَةَ بْنِ الصَّامِتِ سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِﷺ يَقُولُ" مَنْ شَهِدَ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ حَرَّمَ اللَّهُ عَلَيْهِ النَّارَ "
Ergamaan Rabbii akkana Jedhan"Namni Haqaan gabbaramaan Allaah malee hin jiru Muhammad Ergamaa Allaahati Jedhee Ragaa bahe Allaahan Ibiddi isa gubuu haraama(Laguu) godhee jira. Muslim,29, Ahmad, 22711
:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Yoom akka duutu hin beektu furtuu Jannataan banatan wantee Jahannamiin of irraa qolatan kana har'uma Harkatti fudhadhu. Kun dhaamsa obbolummaati.
Qindeessaan
JAMAAL KADIIR

@Jemal89
بسم اللهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيْمِ
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata godhaa ta'eetin
السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ
Ashamaa Harka fuune!
🌄🌄🌄🌄🌄
#Kutaa_Tokkoffaa
GARAA_GARUMMAA_WAAQA_TOKKICHAATIFI #YESUUS
🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹
SEENSA
"Yesuus Guutuun guututti nama guutuun guututti waaqa" yoo Kan Jedhamu ta'e; Yaanni Kun Qor-qalbii qofaan Osoo hin taane Baaybilii waliinis wal faallessaa. yaada nama deemsisullee miti.
Waaqni hunda danda'aa, Hunda beekaafi Tasumaa Kan hin duunedha. Namni ammoo Hunda Kan hin dandeenne, hunda Kan hin beekne. Duutis tasuma Kan isa irraa hin hafneedha. Waaqni "Guutumaan guututti nama guutumaan guutuutti waaqa" jechuun Waaqni hunda danda'aafi hunda Kan hin dandeenne, hunda beekaafi hunda Kan hin beekne, tasumaa Kan hin duunefi Kan du'u jechuudha. Kuni waan hiika qabuu?
Guutumaan guututti Jechuufi guutuu guututtii miti jechuun akka waan wanta tokkoon Wanti Kun guutuun guututti Rog-Afree guutuun guututti geengoo jechuuti. Rog-Afree yoo jennu geengoo miti jechuu keenna geengoo Yoo jennu Rog-Afree miti jechuu keenna. Amalli wal faallessan lama bakka tokkotti guutumaan guutuutti argamuu ni danda'anii?? Wantoonni faallaa walii ta'an tokko bakka tokkotti guutumaan guutuutti argamuun waan hin danda'amne fkn Waaqni ni jira yoo jenne hima tokko. Waaqni hin jiru yoo jenne ammoo hima biraa Kan hima duraatiin wal faallessuudha. "Waaqayyo waan hundaa danda'a waan ta'eef Maal rakkoo qaba Jiraachullee jiraachuu dhabullee ni danda'a hin jedhamaa?" himoonni lamaan bakka tokkotti guutumaan guutuutti sirrii ta'uu hin danda'an.
Mee Qabxiilee gara Yaada Xumuraa nu geesaaan armaan gaditti haa ilaalluu
Qabxii Tokkoffaa
#GARAA_GARUMMAA_WAAQA_TOKKICHAATIFI #YESUUS
Waaqni tokkichi ani Waaqayyo malee namaa miti ofiin jedha.
(Hos 11: 9)
"....... ani Waaqayyoo dha malee, nama miti;......... "
Faallaa kanaatin ammoo Yesuus ani nama ofiin jedha Hawaariyoonnis Yesuus nama ta'uu barsiisu
(Yoh 8: 40)
" Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu #ana_nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne. "
(HoE 2: 22)
" "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka #Yesus_nama_Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe."
Yesuus yoo nama ta'e Waaqni tokkichi ani namaa miti Yoo ofiin jedhe Yesuusin nama ta'e waaqa tokkicha nama hin ta'in karaa kamiifi Akkamiin ta'uu danda'a??
Kabajamtoota Hordoftoota keenna barnoonni keenna garaa garummaa waaqa tokkichaatifi Yesuus jedhu Kutaan lammaffaan Fedha Allaahatiin Kan itti fufu ta'a
Hangasitti turtii gaarii
© Qopheessaan
Obboleessa keessan
🍀 Jamaal kadiir
🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅 🌅
Namni barumsa Amantii Islaamaafi kiristaanaa wal bira qabuun baratubarbaaddan link kana tuqaa⤵️
https://www.tg-me.com/joinchat-GR4nyFMWzyDvEFg5HAN2DQ
بسم اللهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيْمِ
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata godhaa ta'eetin
السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ
Ashamaa Harka fuune!
🌄🌄🌄🌄🌄
#Kutaa_Tokkoffaa
#GARAA_GARUMMAA_WAAQA_TOKKICHAATIFI #YESUUS
🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹
SEENSA
"Yesuus Guutuun guututti nama guutuun guututti waaqa" yoo Kan Jedhamu ta'e; Yaanni Kun Qor-qalbii qofaan Osoo hin taane Baaybilii waliinis wal faallessaa. yaada nama deemsisullee miti.
Waaqni hunda danda'aa, Hunda beekaafi Tasumaa Kan hin duunedha. Namni ammoo Hunda Kan hin dandeenne, hunda Kan hin beekne. Duutis tasuma Kan isa irraa hin hafneedha. Waaqni "Guutumaan guututti nama guutumaan guutuutti waaqa" jechuun Waaqni hunda danda'aafi hunda Kan hin dandeenne, hunda beekaafi hunda Kan hin beekne, tasumaa Kan hin duunefi Kan du'u jechuudha. Kuni waan hiika qabuu?
Guutumaan guututti Jechuufi guutuu guututtii miti jechuun akka waan wanta tokkoon Wanti Kun guutuun guututti Rog-Afree guutuun guututti geengoo jechuuti. Rog-Afree yoo jennu geengoo miti jechuu keenna geengoo Yoo jennu Rog-Afree miti jechuu keenna. Amalli wal faallessan lama bakka tokkotti guutumaan guutuutti argamuu ni danda'anii?? Wantoonni faallaa walii ta'an tokko bakka tokkotti guutumaan guutuutti argamuun waan hin danda'amne fkn Waaqni ni jira yoo jenne hima tokko. Waaqni hin jiru yoo jenne ammoo hima biraa Kan hima duraatiin wal faallessuudha. "Waaqayyo waan hundaa danda'a waan ta'eef Maal rakkoo qaba Jiraachullee jiraachuu dhabullee ni danda'a hin jedhamaa?" himoonni lamaan bakka tokkotti guutumaan guutuutti sirrii ta'uu hin danda'an.
Mee Qabxiilee gara Yaada Xumuraa nu geesaaan armaan gaditti haa ilaalluu
Qabxii Tokkoffaa
#GARAA_GARUMMAA_WAAQA_TOKKICHAATIFI #YESUUS
Waaqni tokkichi ani Waaqayyo malee namaa miti ofiin jedha.
(Hos 11: 9)
"....... ani Waaqayyoo dha malee, nama miti;......... "
Faallaa kanaatin ammoo Yesuus ani nama ofiin jedha Hawaariyoonnis Yesuus nama ta'uu barsiisu
(Yoh 8: 40)
" Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu #ana_nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne. "
(HoE 2: 22)
" "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka #Yesus_nama_Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe."
Yesuus yoo nama ta'e Waaqni tokkichi ani namaa miti Yoo ofiin jedhe Yesuusin nama ta'e waaqa tokkicha nama hin ta'in karaa kamiifi Akkamiin ta'uu danda'a??
Kabajamtoota Hordoftoota keenna barnoonni keenna garaa garummaa waaqa tokkichaatifi Yesuus jedhu Kutaan lammaffaan Fedha Allaahatiin Kan itti fufu ta'a
Hangasitti turtii gaarii
© Qopheessaan
Obboleessa keessan
🍀 Jamaal kadiir
🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅 🌅
Namni barumsa Amantii Islaamaafi kiristaanaa wal bira qabuun baratubarbaaddan link kana tuqaa⤵️
https://www.tg-me.com/joinchat-GR4nyFMWzyDvEFg5HAN2DQ
بسم اللهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيْمِ
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata godhaa ta'eetin
السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ
Ashamaa Harka fuune!
🌄🌄🌄🌄🌄
#KUTAA_SADAFFAA
#GARAA_GARUMMAA_WAAQA_TOKKICHAATIFI #YESUUS
{اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ
الْحَيُّ الْقَيُّومُ
ۚ لَا تَأْخُذُهُ سِنَةٌ وَلَا نَوْمٌ
AL- Baqaraa 2 :255
Allaah'n isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru;(inni) jiraataadha. Waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatinis ta'ee hirribni isa hin qabatu.
Kabajamtoota Hordoftoota keenna Kutaa dabre keessatti Yeroo #GARAA_GARUMMAA_WAAQA_TOKKICHAATIFI #YESUUS ilaalle keessatti Waaqayyo tokkichi jiraataa yoomuu hin duune ta'uu Yesuus ammoo Kan du'u ta'uufi Yesuusin du'u waaqa tokkicha hin duune ta'uu akka hin dandeenne ilaallee turre guyyaa har'aa ammoo Waaqayyo tokkichi Kan hin Rafne Kan hin mugne ta'uu Kan waliin ilaallu ta'a nu faana bu'aa
#Waaqayyo_tokkichi_hin_mugu_hi_Rafu
(Far 121: 4)
" Kunoo, inni Israa'elin eegu, matumaa #hin_mugu, #hin_rafus."
መዝ.121:4 እነሆ፥ እስራኤልን የሚጠብቅ #አይተኛም_አያንቀላፋምም
Faallaa kanaatiin ammoo #Yesuus_ni_Rafa
(Mar 4: 38)
" #Yesus_garuu_bidiricha_keessa #gara_duubaatiin_waa_boraafatee_in_rafa_ture. Bartoonni isaa isa dammaqsanii, "Barsiisaa! Dhumuun keenya si hin dhibuu?" jedhan. "
mark 4:38 እርሱም በስተኋላዋ ትራስ ተንተርሶ ተኝቶ ነበር፤ አንቅተውም። መምህር ሆይ፥ ስንጠፋ አይገድህምን? አሉት።
Waaqni tokkichi Kan hin mugneefi Kan hin Rafne yoo ta'e Yesuus ammoo Kan muguufi Kan Rafuu erga ta'e Yesuusin Muguufi Rafu waaqa tokkicha hin Mugneefi hin Rafne karaa kamiifi akkamiin ta'uu danda'a ⁉️
Dhaamsi nuti lammiilee keenna Kirstaanotaatif qabnu Yesuusi Hirribni injifatu dhiisaa waaqa tokkicha Hirribni isa hin qabne San waaqeffadhaa. Yookaan ifaajeen teessan qullaa taati mee ati yoo yesuusin kadhattu Tarii inni Hirriba irra jiraachutu Mala yaa ifaajee teessan Osoo Rafaa hin jiru jettee yaaddeyyuu akkam godhee Uumamni dadhabaan hirribaan moohatamu Kun Si'ii fageenna tilmaamuun nama Rakkisu irra jira si dhagaha Ana Kun Aqlii gatuu natti fakkaata
Keenna Rabbiin isa mugaatiin hin qabne Kan Hirribni hin injifanneedha.
{اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ ۚ لَا تَأْخُذُهُ سِنَةٌ وَلَا نَوْمٌ
AL- Baqaraa 2 :255
Allaah'n isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru;(inni) jiraataadha. Waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatinis ta'ee hirribni isa hin qabatu.
Kutaan 4ffaan Itti Fufa........
QOPHEESSAAN
obboleess Jemal Kedir
Namni barumsa Amantii Islaamaafi kiristaanaa wal bira qabuun baratuu barbaaddan link Armaan Gadii kana Tuqaa⤵️
https://www.tg-me.com/joinchat-GR4nyFMWzyDvEFg5HAN2DQ
ክርስትናና ጦርነት
_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_
ብዙ
ግዜ የክርስትና ሃይማኖት ተከታዮች ክርስትና ከጦርነት ጋር አይተዋወቅም ኢስላምና ግን በጦርነት የተስፋፋ ሃይማኖት ነው። ይሉናል!!!እንደዚህ ብሎ የሚያምን ክርስቲያን ከአለ ወይ ከመጽሐፍ ቅዱስ ጋር አይተዋወቅም፤ወይም ደግሞ አውቆ እየዋሸ ያሆናል እንጂ እንደ መጽሐፍ ቅዱስ ጦርነትን የሰበከ ጭካኔን ያስተማሬ መጽሐፍ የለም። እንደ ክርስትና ሃይማኖት ተከታዮች የሰው ልጆችን የጨፈጨፉ የሃይማኖት ተከታዬችም አሉ ብዬ አላምንም።
በአለማቀፍ ደረጃ ከስድስት ሚሊዮን ሰዎች በላይ ነፍስ ያጠፋ የየትኛውን ሃይማኖት ተከታይ ነው?
መልሱ የክርስቲና ሃይማኖት ተከታይ የነበረው ሂትለር ነው ።
ከሦስት መቶ ግዜ በላይ ሰይፍ(ጉራዴ) የምለውን የጦር መሣሪያ ስም የያዘ መጽሐፍ የየትኛው ሃይማኖት መጽሐፍ ነው?
የክርስትና ሃይማኖት ተከታይ የሆነው "መጽሐፍ ቅዱስ"
በጦርነት ግዜ ህፃናት፤ሴቶችን፤ ሽማግሌዎችን እንስሳትን መግደል የምያዝ የሃይማኖት መፅሐፍ የትኛው መጽሐፍ ነው?
የክርስትና ሃይማኖት ተከታይ የሆነ "መጽሐፍ ቅዱስ"
ሴይፍን እንጂ ሰላምን ለማምጣት የመጣሁ አይምሰላችሁ ብሎ የሚያስተምር የሃይማኖት አስተማሪ ማን ነው?
"ኢየሱስ ክርስቶስ"
ሰይፍን ከደም የሚከለክል እርጉም ይሁን ብሎ የሚያስተምር መጽሐፍ የትኛው ነው?
የክርስትና ሃይማኖት ተከታይ የሆነው"" "መጽሐፍ ቅዱስ "።
ባይብልን(መጽሐፍ ቅዱስን) ያነበበ ሰው፤ አብረሃም፤ ሙሴ፤ ኢያሱ፤ ዳዊት ፤ ሌሎችም ታላላቅ ሰዎችና ነብያት ጦርነት ስያከሀዱ እንደ ነበርና እግዚአብሔርም በጦርነት ስያዝ እንደ ነበር እንድሁም የጦርነት መጽሐፍ የምባል መጽሐፍ እንደ ነበርው በቀላሉ ይረዳል። በተካሄደው ጦርነት ምክንያት ብዙ ነፍስ እንደ ጠፍም ይረዳል። ስለዚህ ክርስትና ሃይማኖት ከጦርነት የፀዳ ነው ማለት ነጭ ውሸት ነው። ክርስትናና ጦርነት የአንድ ሳምንት ሁሉት ገጽታ ነው ።
ጀማል ኸዲር

@Jemal89
ISLAAMUMMAA
_________________
Bu'uuraaleen Amataa Islaamummaa Hundi Qur'aana keessatti Ifaan ifatti dubbatamanii jiru. Adeemsi Raawwii Isaanii Hadiisa Nabiyyiiﷺ keessatti Addeeffamaniiru. Islaamummaa Amantaa Guutuu Hordofamuu malee Falaasama hin Qeeballeedha. muslima ta'uun badhaafadhuudha. Islaamummaa irraa goruun dhamaafamuudha. Rabbiin badhaasa malee dhamaasaa nuuf haa didu.
Islaamummama hin qeeballe Namni kasaaruu hedu.
Osoo Jannannuu Jiraachuu Baatee Islaamummaan Bu'aa malee miidhaa hin qabdu.
Namni Islaamummaa qeequ nama sadi qofa
______________
1)Wallaalaa
2)Wanyoo(hinaaftuu)
3)Abbaa garaati(kan Bu'aa Addunyaatiin sossobame)
Namni Islaamummaa hin qabne waa sadi dhaba:-
__________________
1)Rabbiin dhaba
2)Of dhaba
3)Jannata dhaba
Namni waa sadiin kana dhabe maal qaba!?

Islaamummaan waan Amntaa Biraa irraa Adda taasisu waa sadi qabdi
____________________
1)Haqummaa
2)wal-qixxummaa
3)Giddu galummaa
Islaamummaan waan isii kan miidhaksu waa sadi qabdi
____________
1)Seera
2)Raawwii
3)Bu'a qabeessummaa
Muslima ta'uun of ta'uu; of ga'uu; qarumma;Tokkummaa,, ogummaa, Namummaadha.
_______________
👉Qalbiin Islaamummaa qabdu qaroomtuudha
👉Sammuun Islaamummaan bocamte Ammayyooftuudha.
👉Onneen Islaamummaan dheengi'amte tasgabbooftudha.
👉Funyoon Islaamummaa Laa Ilaaha illallaah ka'uumsi isaa Muslimoota harka gahuumsi isaa Sidratal muntahaa Iddoo qubannaa Jannatul ma'awaa.
👉Furtuun Jannataa Ilaa Ilaah illallaah Ilkeen furtuu tanaa Dirqama Islaamummaati Furtuun ilkaan hin qabne hanguma dhabaati
Waan Islaamummaa Amantaa Hunda irra Caalchisu
🖋️Amantaa uumamaati karaa ganamaati, Kan irratti dhalannee kan Uumaa dhachiif samii qofaan Cuuphame.
🖋️Amataa Rabbiin biratti fudhatama qabu gaaf Amantaan Nam-tolcheen hunduu gatii dhabu
🖋️Amantaa Nabiyyoota hundaati karaa Abbaa keenna Aadam kan Ayyo Hawwati, kan Ibraahiim ittin badhaafame kan Ya'aquub ilmaan Isaatif dhaame, kan Muusaan ittiin ergame, kan Iisaan(Yesuus) ittiin dheengi'ame kan Nabi Muhammadiin seerri isaa guutame.
🖋️Amantaa warra Dachiifi samiiti Fiizaa warra Jannataati, Ifnana har'aa borii Badhaasa guyyaa Aakhiraati. Amantaan heddummaatus, cirracha lafaa fakkaatuus Yoo Islaamummaan wal bira qabne koola bookee hin kaaftu dhugaan jirtu tanaa dhudha'i hadhaanis jabaatu,
Daandiin Haqaa, kan Milkaa'inaa kan Tasgabbi ISLAAMUMMAADH

Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir

@Jemal89
Marii Macaafa Qulqulluu waliin taasifame
__________________
G) Maqaan kee Eennu?
M:Namoonni:Macaafa Qulqulluu jedhanii na waamu garuu Ani Maqaa kana quluma gubbaa irratti namoonni naaf barreessan malee Qalbii koo keessa hin jiru.

G:Namoonni Maqaa Ati hin moggaafatin erga siif moggaasan Ati Yaada Isaanii kanaan maal jetta ree?
M:-Budaan keessa hin beektuu agaree nyaatti jedhan
G:-Boyyoota Addunyaa keessaa Biyyi Ati akkaan itti Amanamtuufi Jaalatamtu Eessa?
M:-Itiyoophiyaa
G:Iddoon Ati itti tuffatamtu hoo?
M:-Biyya dhiyaa
G:Maalifi garuu?
M:Warri dhihaa waa gingilchuu goddata Calaltuu SAAYINSIITIN Gingilchee na hubata Dogoggora waan arguuf kanaaf narraa baqata, warri biyyanaa Ammoo duuba koo qofa laalee Sagalee waaqaa Jedhee of fuudhee na dhungata Osoo hin hubatin bobatti na hammata sagalee Waaqayyooti Jedhee narraa falmata Osoo keessa na beekee silaa narraa baqata.
G: - Namoonni si barreessan Eennu fa'a
M: Osoo na gaafachuu baatte irra siif wayya waan kanaa Yoo yaadadhu hin qabu fayyaa. Akka odeessan yoo taate Lakkoofsi hedduma. Baay'inni isaani gara Afurtamaa, Irra hedduun isaanii Jette jettedhuma Eennummaan isaanii hin beekamu gonkumaa Abbaa ofii wallaaluun garuu salphinaa tuni icciitidha tiyya namatti nan himinaa
G:mee silaa Atuu Macaafa guddaadhaa bakka Meeqatti qoodamta
M:- Qoonni kankoos Raajiidha Bakka gurguddoo lama tokko kakuu moofaadha Kuun Haarawa Jedhama Sababni na qoodaniif Hubachuu baadhus amma Ani moofaa jedhamuu hin Jaalanne gonkumaa
G:Ati Macaafa Heddu jechuu oduu dhageenne akkami mee Dubbiin tun ofii addan baafannee
M:Ee Dubbiin akkasuma kuni maal dhoysaa qaba Lakkoofsi koos Amantaa Amantaadhan wal dhabaa An saddeettamii tokko Ortodoksii biratti
Pheenxeen gad na deebifte Jahaatamii Jahatti, warri kaatolikii moo torbaatamii sadihii
Dubbiin jirtu Akkanaa mee sirritti dhagahi
M:Tole mee Raajii qabdaa Amma si Haa gaafadhuu tanallee Abdii qaba akka Deebii argadhu
Kuun baasee Kuun gad buuse mee inni sirriin kami akka ati yaaddutti dogoggorri hoo Tani adda baasiiti dhugaa jiru mee naaf himi
M:Dubbiin tun icciitidhaa namatti nan himinii jarri sadanuu dachii duwwatti wal dhabanii Ana isa Bu'uura lafarraa balleessanii kana ofuma biraa kijibaan barreessani Eennummaan kankoo sirriin erga lafarraa badee Jaarraa Heddu dabarre erga Dhugaan too dhabdee
G:Hayyee mee Galatoomi galata guddaa qabdaa
Mee waliin mari'anna dhimma Birallee booda
M:atillee Galatoomi deebi'ii na dubbisi Icciitii Heddu bartaa Atummaan dhufnaan dhiisi
G:By Macaafa "Qulqulluu"
By:G

@Jemal89

©Jamaal Kadiir
🔹Hanga Nama ta'e wahii sodaannu Osoo Rabbiin sodaannee silaa badii Heddu irraa fagaanne.
🔹Hanga nama ta'e wahii Abdannu Osoo Rabbiin Abdannee silaa waan barbaanne hedduu arganne
🔹Haga nama ta'e wahii saalfannu Osoo Rabbiin saalfanne akka ibiddaan hin gubanneef silaa wabii arganne

➡️Kan dhugaan sodaatamuu qabu
Kan dhugaan Abdatamuu qabu
➡️Kan dhugaan qaanfatamuu qabu
Kan dhugaan saalfatamuu qabu
Isa sodaatan sodaa nama oolchu, Isa Abdatan nama badhaasu,Isa qaanfatan salphina Jalaa nama baatu, Mootii Waan hundaa, Rabbii Guddaa irkoo waa Hundaa Allaahadha.

@Jemal89
Namoonni boriif yaadan har'a waan hamtuu hojjachuu irraa fagaatu.
Bor fuula guurtee akka isaan eegdu waan hin barbaannef waan kalee karoorsite har'a hojjatta waan har'a hojjatte bor
argatta.

@Jemal89
WAAN ATI HOJJATTE YAA KOOROONAA (1).pdf
90.3 KB
Share 'WAAN ATI HOJJATTE YAA KOOROONAA (1).pdf'
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatu
Nabiyyiin Mararfataa SAW "Guyyaa Jimaataa (jum'aa) Salawaata Narratti heddummeessaa jedhan" Kanaafuu Nabiyyii Mararfannaan ummata Adunyaatif ergaman irratti Salawaata Haa buufnuu
{اللهم صل وسلم على محمد وعلى وآل محمد}
{{Allaahumma salli wasallim Alaa muhammadin wa'alaa Ahli muhamma}}

@Jemal89
Forwarded from Deleted Account
Waan ati hojjatte Yaa kooroonaa!
____________________
Raajii hojiin kankee Yaa koroonaa
Mataa gad cabsite warra boonaa
Xiyyaara bararu samirraa harcaafte
Biyyoota gurguddoo hiddaan isii Raafte
Warri Miisaa'ilaaf Neekureelan dhaadatu
Erga Ati dhuftee homaa hin dubbatu
Hariiroon biyyoota kan Jaarraa tarkaanfate
Sodaa kooroonaatif walirraa ciccite
Warri salaatafuu wuduu'a hifate
Si'a torba Raammoo sodaadhaaf dhiqate
Warri dur niqaaba qeequun daangaa kute
Dhiirafii dubaraan fuula haguuggate
Warri dur buddeena Akkanaan soortu
Akaayyi nyaachudhaaf Yoo harka dhiqatu
Warri akka haadhaaf ilmoo wal reebbatu
Ija kootiin arge fira wal baqatu
Televisionni maal Jedha koroonaa
Reediyoon maal odeessa kooroonaa
Gaazexaan maal barreessa kooroonaa
Ajandaan Addunyaa Raamom Xiqqoo tana
Salaanni masijiidaa Kadhannaan bataskaanaa
Oduun gabayaaf bunaa
Odeeffannoon Alaa manaa
Sagalee takkattiin koroonaa kooroonaa
Homuun beeku loltuu Rabbiin ittiin lolu
Yaa Rabbii Addunyaa Raammoo xiqqoon goolu
Qaroomee Jabaateef Eennuu sirran ooluu
Ijaan hin mul'atu Vayrasiin kooroonaa
Maaykirooskoophiinuu arguudhaf jarana
Si'a kuma hedduu ol guddisuu qabna
Osoo xiinxallinee dadhabina keenna
Akka humnan qabne kooroonaan hubanna!
Maali falli isaa dhukuba kooroonaa
Xiqqoo waan furmaata nuuf ta'u dubbannaa
Badii irraa baqqaanee gara Rabbii deebi'uu
Istigfaara baay'isuu Zikriin galanii ba'uu
Kadhannaa heddummeessuu Qalbiin Rabbitti boo'uu
Cubbuma keennaf malee Rakkoon tokkos hin bu'u
Tawbaa Qulqulluun malee Rakkoon bu'es hin ka'u
Rabbiin wantoota hunda sababatti Rarraase
Argamuuf dhabamullee sababumaan taasise
Forwarded from Deleted Account
Sababa guuttachuudhan Rabbitti haa irkannuu
Toltutti ajajuudhan hamtuu wal haa seerannu
Yoo kana goone qofa kan fitnaa Jalaa baanu
Balaan harree dhaltuudhaa wadala hin hanqatu
Laaltee akkan cal'ifne nama badii hojjatu
Kun waraana Rabbiiti kan badiin namaa fide
Gabbinee haa tawbannu dhiifnee tilmaamaf gidee
Yaa Isa Mararfataa Yaa Gooftaa Araaramaa
Kan mararfannaan kankee caalu wanta hundumaa
Nu sattari; nuuf dhiisi; nuuf araarami maraa
Eessa sirraa baqanna nuti hin qabnu gara
Badima nu hojjanneef dacheen nutti dhiphatte
Osoo duuti hin dhufin lubbuun kokkee nu geette
Rooba dhiifama keetii Nuuf Roobi Yaa gaffaruu
Furmaanni Rakkoo kanaa Abd si maleen jiru.

QOPHEESSAAFI
BARREESSAAN
JAMAAL KADIIR
“Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homaa nu hin mudatu
Inni tiksaa keenya



قُل لَّن يُصِيبَنَآ إِلَّا مَا كَتَبَ ٱللَّهُ لَنَا هُوَ مَوْلَىٰنَاۚ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ ٱلْمُؤْمِنُونَ
At-Tawbaa 9:51
“Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homaa nu hin mudatu
Inni tiksaa keenya” jedhi Mu’uminoonni Rabbuma (qofa) irratti haa hirkatan.
Rabbirratti Irkachuun sababa Raawwachuu waliin wal hin faallessuu. Yoo hubannoon namtichaa wal dhahe malee.
Namni dhibame Qorsa fudhachuu qaba Fayyisaan ammoo akka Rabbiin ta'e Amanuun dirqama.
Yeroo Rafu mana isaa cufachuu qaba balbala cufametu na tiksa jechuu Osoo hin taane Erga balbala isaa tolchee Qaraaqare Yaa Rabbi na tiksi jechuu qaba

Koorona irraa Rabbitu nama tiksa. Abbaan ammoo sababa Tika kooroonaa eeguu qaba.
Galgalaaf ganama Ibaadaa, Zikrii, Qaraatii Qur'aana, sadqaa, Toltutti Ajajuu hamtuu irraa dhoorkutti ..........Jabaadhu
Salaata shanan irratti Wudu'a guutuu godhadhu
Gorsa ogeessa fayyaa dhageeffadhuu waan si ajajan hojjadhu
San booda sodaan mogolee of hin buusin akkana jedhii Rabbii waan hunda toohatutti hirkadhu“Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homaa nu hin mudatu
Inni tiksaa keenya”
Yaa Allaah Dhukkuba Hamaa hunda irraa nu tiksi
Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir


@Jemal89
Du'aa'ii kana heddummeessaa
---------------------------------------------------
اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْبَرَصِ وَالْجُنُونِ وَالْجُذَامِ، وَمِنْ سَيِّئِ الْأَسْقَامِ

~~~Allaahumma innii A'uuzu bika minal barasi wal-Junuuni wal-Juzaami wamin sayi' il asqaami~~~~~
HIIKA DU'AA'II KANAA
▪️▪️▪️▪️▪️▪️▪️▪️▪️
Yaa Allaah Ani barasa(lamxii) irraa maraatuma irraa QomaaXaafi Dhukkuboota babbadaa(hamoo) irraa sitti maganfadha

Yaa Allaah Kooroonaa irraa nu tiksi

@Jemal89
2025/02/24 20:22:21
Back to Top
HTML Embed Code: