Telegram Web Link
Forwarded from Deleted Account
HAADHA MANAA TOKKOO OL FUUDHUU

Gaafii kee gababinumaan Akka armaan gaditti siif deebisa Inshaa Allaah
▫️Gaafii Rabbiin dhiira tokkoof maalif haadha manaa tokkoo ol fuudhuu hayyame?"
Deebii duraa:- Islaamummaa keessatti haadha manaa tokkoo ol fuudhuun dirqamaa miti,dubartiin takkas nama haadha manaa biraa qabutti heerumuuf dirqama hin qabdu
Deebii lammeessoo:- Haadha manaa lama fuudhuuf haal-dureen lama dirqama.Isaanis haqummaafi gahuumsa qabaachudha namni haqummaan dubartoota wal-qixxeessee horachuu hin dandeennefi gahuumsa hin qabne dubartoota heddummeessuun isaaf hin hayyamu
Deebii Sadaffaan: Islaamummaan Ala Amntaan Dabrtoota fuudhuu keessatti daangaa beekamaa godhee daangesse hin jiru. Islaamummaan Yoo haqummaaf wal-qixxummaan hurachuuf gahuumsa qabaate dhiirri tokko dirqamaan osoo hin taane fedha mataa Isaatiin hanga Afurii qofa fuudhuu akka dandahu hayyameefi jira kun ammoo bu'aa mataa isaa kan Rakkina dhala namaati furmaata ta'u qaba

▫️Sababaa Islaamummaan Haadha manaa tokkoo ol fuudhuu hayyameef
📈Sababa Tokkoffaa
Dhiirri tokko akka walii galaatti uumamumaan fedha haadha manaa tokkoo ol horachuu qaba kunis kan ta'uu danda'eef akkuma beekamu dubartoonni Marsaa Xurii laguutifi Dahuumsaan wal qabatee Yeroon Isaan Abbaa manaa waliin hariiroo qabaachuu hin barbaanne ni jira. dhiirri ammoo wantoota kanniin irraa bilisa yeroo hunda hariiroo haadha manaa barbaada kanaaf Rabbiin Dhiira tokkoof yoo inni barbaade haqummaaf wal-qixxummaan horachuuf gahuumsa qabaate haadha manaa tokkoo ol akka fuudhu hayyameef
📈Sababaa lammeessoo
Baay'inni Dubartoota Addunyaa irra jiranii Miiliyoona hedduun baay'inni dhiirotaa irra Caala yoo dhiirri hunduu dubartoota takka takka qofa haa fuudhu jennee murteessine Dubartoonni Abbaa manaa hin argatin hoo Carraan isaanii maal haa ta'u? Seerri tokko seera gaariifi sirrii kan isa jechisiisu keessaa tokko yoo Rakkoo hawaasaatiif furmaata kennuu danda'eedha kanaafuu furmaanni jiru Furmaata Islaamummaan dhiheesse qofa. Addunyaan garuu hanga ammaa Rakkoo kanaaf furmaata kaahuu caalaa inumaa rakkoon kun akka babal'atu gochaa jirti kunis karaalee armaan gadiitin
📌 Fuudhaf heeruma seera qabeessa caalaa maqaa Jaalalaatiin sagaagalummaan akka babal'atuu gochuun
📌Dhiiraafi dhiirri wal-fuudhuu qaban jechuun seera dabaa babal'isuun
📌 Dargaggeeyyiin hedduun filmilee haraamaa garagaraa araada taasifachuun fuudhaf heeruma irraa baqachuun yoo bultii qabaatanis diiguun.....

📌 Bultii ijaaratanii Karaa seera qabeessaan jiraachuun adaa duubatti hafaafi walaallummaa sagaagalummaan Ammoo qaroominaafi Badhaadhina fakkaachuun Carraan dubartootuma takka takka fuudhutuu biyyoota qaroomne jedhan hedduun keessatti qaqal'atee jira.

GOOLABA
Kanaafu Haadha Manaa tokkoo ol fuudhun Rakkina osoo hin taane Furmaata dhibee hawaasummaa kan addunyaan Dawaa ta'uu isaa irraanfatte Dhukkuma keessatti lakkooftedha. ykn furmaata ta'uu isaa osoma beektu dhukkuba irra dandamachuu waan hin barbaadiniif Daawaa kana liqimsuu ceem'itee Qorsa kana fanfansaa jirti.

Obboeessa Keessan
Jamaal Kadiir


@Jemal89
BURHAAN BINUURIL QUR'AANA pinned «HAADHA MANAA TOKKOO OL FUUDHUU Gaafii kee gababinumaan Akka armaan gaditti siif deebisa Inshaa Allaah ▫️Gaafii Rabbiin dhiira tokkoof maalif haadha manaa tokkoo ol fuudhuu hayyame?" Deebii duraa:- Islaamummaa keessatti haadha manaa tokkoo ol fuudhuun dirqamaa…»
QAROOMINA ABUU HANIIFAA
Abuu Haniifaan (Rh) guyyaa tokko osoo karaa imalaa jiran akka malee dheebuun itti hammaatte.
Isaan waliin Ammoo Nama baadiyaa kan Qarbata keessatti bishaan Baatee imalu tokkotu ture
Abuu haniifaan mee bishaan kana irraa na obaasi jedhanii gaafatan.
Namntichi yoo mallaqaan bitatte malee tola siif hin kennu jedhee dhoorkate.
Abuu Haniifaanis tole gatii natti himi jedhaniin
Namtichis dirhama shan(5) jedheen
Abuu Haniifaan Kiisa isaanii keessaa dirhama shan malee hin qaban ture
Waan dheebuun itti hammaatee filannoo biraa dhabaniif dirhama shanan kennaniifi bishaanicha namtichi qarbataan baatee deemu bitatan
Hamma dheebuu isaanii erga irraa dhugan booda namtichaan bachoo ni barbaaddaa jedhaniin
Namtichis eeyyeeen naaf kenni jedheen
Abuu Haniifaanis bachoo goggoyduu kennaniif
Namtichis bachoo nyaatuu eegallan bishaan akkaan isa barbaachise
Abuu Haniifaadhaan bishaan na obaasi jedheen
Abuu haniifaanis bishaan Kubbaayyaan tokkichi dirhama shan jedhaniin
Namtichis dirhama shanan dura bishaan isaanitti gurgurateen deebisee kubbaayya tokkicha bitatee dhuge
Abuu Haniifaan bishaanis argatanii mallaqas oolfatan
.

@Jemal89
Irreechi Shirkiidha
Irree teennaa miti
Shirkiin akkamitti
Irree teenna taati
?
Tokkummaan Tawhiida irratti biqilti
Jajjabeenni Rabbiin qofarraa argamti
// // // //

Siyaasafis Taanaan Bu'aa Diinagdeetiif
Shirkiin shirkiidhuma hin taatu Tawhiida
Walittin naqinaa Amantaafi Aadaa
// // // // //

Sirna waaqeffannaa Aadaan haguugdanii
Dhaloota maaf shirkiin lafaa duguugdanii?
// // // // //

Tawhiida baqattee yoo shirkii filatte
Aadaa Abbaa kootiin hordofa yoo jette
Jechi kankee kuniif jechi Abaa Jahlii
laga tokkoo burqee mee seenarra laali

// // // //

Irreechi shirkiida Anaaf Aadaa miti
Sirna waaqeffannaa warra Awaamaati

// // // // // //

An muslima Dirree irreechaan dhaabbadhu
Kan Oromoos taatu shirkii hin hojjadhu

// // // // // //

Irreechi safartuu oromummaas miti
Sirna waaqeffannaa waaqeffattootati

// // // // //

An waaqeffataami bar ani muslima
Sirna Waaqeffannaa naaf
sirna awaamaa

// // // // // // //

Tokkummaa oromoos shirkiin hin jabeessu
Irreechi Aadadhaan na sobuun dandeessu

// // // // //

Galata galfachuun kadhata kadhachuun
Ibaadaa Jedhama waaqeffannaa jechuu

// // // // //

Akkas taanaan karaan keenna gar gara
Waaqeffataan waaqa gurraacha gabbara
Isa gaara garbaa isa maqaan dhibbaa
Islaamummaan Rabbii Qulqullaa'e qaba
Garaanis garbaami maqaanis dhibbaami
Kan nuti gabbarru biftis gurraachaami

// // // //

Keenna Rabbiin tokko irkoo waa hundaati
Fakkaataa hin qabu tokkicha kophaati
Gurraacha, diimaadha Adis hin jedhamu
Bifa uumamaatin tasan fakkeeffamu


// // // // //

Irreechi shirkiidha Irree teennaa miti
Sirna waaqeffannaa waaqeffattootaati


QOPHEESSAAN
Jamaal Kadiir
@Jemal89
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Ifnana onnee namaa
Barsiisaa daandii dhugaa
Hogganaa Jaalatamaa
Irra Bareedaa namaa
Irra caalaa Aalamaa
Ergamaa Filtamaa
Manguddoo guyyaa Qiyaamaa


Nabiyyii Keenna Nabi Muhammad (SAW) irratti
~~~~~Salawaata Buusaa
...
#QURAANA
---------------------
•Kitaabni Yoo isa dubbisan tokkoo tokkoo Qubee isaatin namaaf kafalamu Qur'aana malee hin jiru.
•Kitaabni Yeroo hunda dubbifamu kan hin hifatamne Qur'aana malee hin jiru.
•Kitaabni Amantaa osoo orjinaalummaa isaa gad hin dhiisin waggoota kamaa oliif turuu danda'e Qur'aana malee hin jiru.
•Kitaabni Dhugaale saaynisiin hammayyaa yeroo dhihoo bira gahe waggoota kumaaf dhibba Afur dura dubbatee dogoggorri saaynsii tokkos keessatti hin argamin Qura'aana malee hin jiru.
•Qur'aanni Haasawa Gooftaa Aalama hunda Kophaa isaa uumeti.
•Qur'aanni Kitaaba Qajeelfama haala jiruuf jireenya dhala namaati.
Qur'aanni Addunyaa Dukkanooftef Aduu ta'e ibse.
•Qur'aanni Cunqurfamtootaaf bilisummaa fidee gabrummaa jalaa baase
•Qur'aanni Dubartoota Awwaalamuu irraa hanbisee Uumama waaqeffatuu jalaa namoota bilisoomsee,Namoonni bifaan wal-qoqqodanii wal tuffachuu hanbise Gurraachafi adii garbaafi bilisa tarree tokkorra hiriirse.
•Qur'aanni Daawwitii(of-laallee) ittiin of laalani
•Qur'aanni Konphaasii Daandii ittiin qajeelfamani
•Qur'aanni madaala dharaafi dhugaa ittiin gar gar baafatani
Qur'aanni madda seenaa qabatamaa , kuusaa Ragaa Amantaa sirrii irraa waraabbatani
•Qur'aanni Keewwata kuma Jahaa(6000) olifi boqonnaa 114 of keessaa qaba

• Ilmi namaa guutuun osoo walitti qabamee,Jinniin cuftis osoo itti dabalamee, hundi isaanituu Waan Qur'aana kana fakkaatu fiduu hidanda'an
#osoo #Fuula #Tokko #Qofas taatee guyyatti osoo #QURAANA hin dubbisin hin oolin
••••••••••••••∆
©https://www.facebook.com/boriif.obsina
https://www.tg-me.com/Jemal89
ODUU GAMMACHIISAA

Dhaabbanni qorannoo seenaa Gaanfa Afrikaa Kitaaba "QABSAAWAA SEENAAN DAGATE (seenaa Haaji Huseen Suraa) tii fi "Barruu Gaanfa Afrikaa" (Horn of Africa magazin) eebbisiisuuf qophii xumuree jira.
Isinis sagantaa kana irratti akka argamtan kabajaan affeeramtanii jirtu.

*Guyyaa*: Dilbata, 19/03/2013
Saa'atii 2 :00 - 7:00

*Bakka*: Galma Bilaal Al-Habashii (Makkanniisaa/Masjida Abaadir bira).
Forwarded from Deleted Account
wolaloo murtaddoota diin islaamaa xiqqeessaniif
deebii taatu woliif dabarsa
yoo isinitti tole
Qur'aanni Madaala haqaati

Wanti tokko sirrii yookaan dogoggora,dhugaa yookaan soba, gaarii yookaan badaa jennee murteessuuf madaala sirrii wantoota ittiin madaallu qabaachuun dirqama.
Kitaabilee Amanti Raabbiin biraa
dhufan jedhaman cufaaf madaalli sirriin Qur'aana qofa.
Dhimma kana ilaalchisee Qur'aanni Kabajamaan Suuraa Maa'idaa keessatti akkana jedha.

Al-Ma'idaa 5:48

وَأَنزَلْنَآ إِلَيْكَ ٱلْكِتَٰبَ بِٱلْحَقِّ مُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيْهِ مِنَ ٱلْكِتَٰبِ وَمُهَيْمِنًا عَلَيْهِۖ

Nuti Kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irrattis tiksaa ta'ee Qur’aana gara keetti buufneerra.

Gaalee isa irrattis tiksaa ta'ee jedhu kana haa ilaalluu

وَمُهَيْمِنًا: أي: شاهدًا ورَقيبًا، وأَمينًا ومؤتمَنًا، وحاكمًا 
Jechi Muheymin jedhu:-Raga bahaa,tohataa,Amanamaa,dhogo'omfamaa,Murteessaa fi kkf jechuudha.
Kanaafuu Qur'aanni kitaabilee isa dura buufamaniif Raga-bahaadha,Toohataa isaanitis,dhimma isaanii yeroo dubbatus Amanamaadha,wanti inni dubbatus dhugaadha,kitaabilee sanniin irrattis Murteessaadha jechuudha.

Kanaafuu Kitaabilee Amantii Rabbiin biraa dhufan jedhaman kamiifuu Madaalli sirriin Qur'aana qofa ta'uun dhugaa dirree jirtu jechuudha.

Kitaabilee Amantaa keessaa Kitaabni Yahudotaafi kiristiyaanonni itti Amanan akka kitaaba uumaa isaanii biraa isaanif kennametti waan ilaalamuuf Mee kitaabilee kanneen Madaala sirrii kana irra keennee haa ilaalluu
•Qabxii tokko

Kitaaba "Qulqulluu" Kiristiyaanotaa

(Seera Ba'uu 31: 17)

" Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa uumee, guyyaa torbaffaatti immoo waanan hojjechaa ture hundumaattii boqodheen aara galfadhe; kun anaa fi saba Israa'el gidduutti bara baraan milikkita in ta'a" jedhe."

(Seera Ba'uu 20: 11)

" "Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa, galaana, wanta isaan keessa jiru hundumaas uumee, guyyaa torbaffaatti nan boqodhe; kanaaf ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa nan eebbise, nan qulqulleesses."

(Seera Uumamaa 2: 3)

" Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses."

Qur'aana Kabajam.

Qaaf 50:38

وَلَقَدْ خَلَقْنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ وَمَا مَسَّنَا مِن لُّغُوبٍ

Dhugumatti, Nuti samiifi dachii, akkasumas wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin tokkoyyuu Nu hin tuqne.

Akkuma Qor-qalbiitittis yoo ilaallu Waaqni guyyoota Jaha hojii hojjatee guyyaa torbaffaa boqate yaadni jedhu fudhatama hin qabu .
Qur'aanni kabjamaan Dogoggoroota guyyaa keessaa harka namaatiin kitaabilee Raabbiin biraa dhufan keessa seenan sirreessuun gahee isaa waan ta'eef bifa kanaan sirreessee jira.
Inshaa Allaah itti FIFA...

Qopheessaan
Obboleessa keessan
Jamaal kadiir

@Jemal89
OSOO BARBADAA IRRA DHAABBATAA JIRAATTELLEE
Jireenya jechuun daandii gufuuf qoreen guutameedha
•Guyyaa tokko yoo kolfan guyyaa kaan ni boohu
•Facaasanii haamuun,dhalanii dhungatuun,Obsa Yeroo dheeraa gaafata
•Jarjaraan Re'een horu,obsatu Aanan goromsaa dhuga jedhama mitii ree? Firee ifaajee teetii argachuuf obsi.
Akka hayyoonni Islaamaa Jedhanitti obsi Qooda sadih qaba.
1)Rakkoo irratti obsuu
2)Cubbuu irraa obsuu
3)Dirgamoota bahuu irratti obsuu
•Barri keessa jirru bara dukkanni hammaate kanaafuu Hanga Gaaddisa Jannataa jala geessee har baafatutti osoo barbadaa irra dhaabbattaa jiraattelle obsi.

@Jemal89
Rabbiin Uumaa waan hundaati.wantota Dachiif samii keessa jiran hunda yeroo murtaa'afi Sababaaf uume.wanti taphaaf uumame hin jiru.Wantoota dachiif samii jiddutti argaman hunda nu ilma namaatif uume. Nu ammoo akka isa qofa gabbarruuf nu uume.
Kanaafuu Dirqama uumamneef beekne Dirqama bahuun Abshaalummaadha.


@Jemal89
قال لُقمانُ: يا بُنيَّ، مَن لا يَملِكْ لسانَه يَندَمْ، ومَن يُكثِرِ المِراءَ يُشتَمْ، ومَن يُصاحِبْ صاحبَ السُّوءِ لا يَسلَمْ، ومَن يُصاحِبِ الصَّالحَ يَغنَمْ

Luqmaan akkana jedhe:-" Yaa ilma koo! Namni arraba isaa hin qabanne ni gaabba, Namni moromee heddummeessu ni arrbsama, Namni hiriyyaa hamatti saahiboome nagaha hin bahu, Namni nama gaaritti waahiloome ni milkaaha.

@Jemal89
سُئل أحد الحكماء : ما أكثر ما يدهشك في الكون ؟
فأجاب : الإنسان !!

إنه يضحي بصحته من أجل المال
ثم يضحي بالمال من أجل استعادة صحته
وهو قلق جداً على مستقبله
لدرجة أنه لا يستمتع بحاضره
فيعيش كأنه لن يموت أبداً
ثم يموت وكأنه لم يعش أبداً !!

Hayyuun Tokko akkana jedhamee gaafatame" Uumama keessaa wanti akkaan si dinqisiisu maali?"
"Ilma namaati" jedhee deebise
Ilmni namaa Qabeenya horachuuf fayyaa isaa wareega
Ergasii ammoo fayyaa deeffachuu Qabeenya isaa wareega.
Jireenya fuulduraa isaatif akka malee dhiphata hanga waan isa bira jirutti fayyadamuu hin daneenne takkatti.
Akka waan gonkumaa hin duunetti jiraata.
Ergasii akka waan takkumaa hin jiraatiniitti du'a.
Fuula Facebook
Dr.Muhammad Ratib An-Nabliisii
irraa Fudhadhe

@Jemal89
2025/02/24 10:56:55
Back to Top
HTML Embed Code: