Telegram Web Link
Warri suura keessa akka qilleensa irra isif olu barbada as irra ergu dandessu ⤵️⤵️⤵️⤵️
@ABDETUBOT
@ABDETUBOT
Akka garbaatti dalagi
Akka mootiitti bashannani!
@Jechootahayyoota
Wontoota baayyetuu onnee Koo cabse.
Garuu muldhataa Koo suphe!
@Jechootahayyoota
Gaafa eenyuuyyuu na amanuu dide anatu ofitti amane!
Milkaa'ina kanas kanaafan dhuunfaa kootti fayyadama!

Eeyyeen gaaf hundi namootaa hin dandeettu, maal saa ammanna , siin jechaa turan sana ati ofii keef ofitti amantee yoo hojjatte, milkaa'inni kees sumaaf sumatu itti fayyadama
Kanaaf milkaa'ina keef namarra waa hin eeggatin ofumaa ofitti amanii deemi!

#share👈👆👉join
Gatii kaayyoonkee akka kaffaluuf si gaafatu kaffaltuuf, ati hiyyeessaa miti. Hiyyeessi nama qarshii dhabe osoo hin taane nama sammuu dhabe!



BY @Abdetuor

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
#Share_
Sammuu cimaan yaadaa mari'ata.
Sammuu gidduugaleessi muudata mari'ata.
Sammuu dadhabaan waa'ee namaa mari'ata.

Socrates
@Jechootahayyoota
By @Abdetuor
#Saykolojiiin_akka_jeutti

💁Wantoonni gurguddoon aarii guddaaf nama saaxin hirriiba gahaa argachuu dhiisuu fi Beela qabaachuu dha.

@jechootahayyoota

By @Abdetuor
#saykolojiin_akka_jeutti

💁Miirota namatti dhagaman keessaa fooliin wahii yaadannoo walin sirritti wal qabata.

@jechootahayyoota
By @Abdetuor
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
☞︎︎︎"Hanga lubbuun dachee kana gubbaa jirtutti kabajamuu yoo barbaadde. Wanta hojjatte yookin amala kee nama gammachiisu namatti hin odeessin. Waan hojjattes yaa tahuu waa'ee amala keetii namoonni siif haa himan malee"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Jechootahayyoota
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
WAAN DUBBISNEERRAA

☞︎︎︎"Hiriyoota lamatuu wal faana imalaa ture. Inni tokko garmalee aara inni tokko ammoo qoosaa baay'isa. Guyyaa tokko otuma deemanii inni qoosu hiriyaa isaa arsinaan kaballaadhan rukute. yeroo kana inni rukutame fiigee deemee galaana maddiitti cirracha irratti " hiriyaan koo na kabale " jedhee barreesse. Achi booda galaana maddii otuu taphatuu galaanicha gidduu seena. Daakaa hin beeku waan ta'eef bishaanicha keessaa yeroo watwaatu hiriyaan isaa seenee isa baase. Yeroo kana inni Du'a irraa oole dhagaa guddaa barbaadee "HIRIYAAN KOO DU'A NA OOLCHE" jedhee bocee barreesse. Yeroo kana hiriyaan isaa "maaliif yeroon si kabalu cirracha irratti barreessitee yeroo bishaan keessaa si baasu ammoo dhagaa irratti bocce?" jedhee gaafannaan, innis deebisee akkas jedheen "jibbi kan garaati, jaalalli ammoo kan lapheeti. Yaraa darbe kaasnee wal jibbuu irra gaariin wal jaalachuu wayya. Jibbi nu balleessa, jaalalli garuu nu milkeessaa".
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Jechootahayyoota
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
"Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha."

@Jechootahayyoota
Jalalii kee

Jalalii kee maali?
Mee natii himii?
Dukan moo ifaa?
Dhukkuba moo qoricha?
Ufaata moo dhammocha?
Ijaarsa moo digiicha?
Ani humaa naf hin galle
Bita nati gale

Dafii naf kootu
naf tayi furtuu
Osoon sif maratu
Lubbu kiyaa dhabuu
Maali sif hin galu
Ani akkam ta'uu
Dafte nati kotuu

Halkan barii dide
Guyyanis dhertee
Cisichis na dide
Hundii nati ulfaate
Bifa isaa jijjiree
Maali falii jalaala kee?????.

LUBBUU koof....S' if

💓💓💓💓💓💓💓💓♥️♥️♥️📖
By @ABDETUOR
Ergaa jaalalaa kutaa 2ffaa.

Osoo dhungoon bishaan ta'ee, ani garba paasifikiin siif kenna
Osoo hammachuun baala ta'ee, ani muka odaatin siif kenna
Osoo jireenyi pilaaneetii ta'ee ani gaalaaksiin siif kenna
Osoo jaalalli jireenya ta'ee, ani ofiikoon siif kenna

Maal godhakaa narraa fagoo jirtaa. Hundaafuu sin jaaladha lubbuu koo.
.
.❤️ BY @Abdetuor
~~
@JECHOOTAHAYYOOTA
Dogoggora khee irraa baratta.
Irraa kan barattu taanan dogoggora wanti je'amu hin jiru, barnoota qofa.

Hanga barattee siif galutti, barnoonni ittuma fufa.

An irraa baradhee tee wanti beeytun.. gocha gootu keessatti jijjiirama arguudhaani.

@jechootahayyoota
Milkaa'inaafi kuufaati

Kutaa 1ffaa
Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu. Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i. Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu. Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati. Muziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha. Jireenyi dhala namas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa. Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba.

Join👇
@Oromotoo
#Xiinxala_daandii_gubbaati!😂

Namoonni ani har'a daandii irratti arge gosa lama turani. Muraasa tasgabbaa'anii daandii isaanii eeggatanii of fuuldura ilaallachaa deemaniifi hedduu ofitti odeessaa tarkaanfatanidha. Jarreen kana keessaa xiyyeeffannoonkoo, warreen ofitti odeessaa deeman irra ture. Na ajaa'iburraa kan ka'e, karaarraa xiqqo goreen ilaaluu eegale. Isaanuu gosa sadiidha! Warreen jalqabaa, warra sagalee osoo hin dhageessisiin akkanumaan afaan (hidhii) sosochoosaa keessa isaaniitti guungumaa deemani. Kanneen biroon, warreen sagalee isaanii akka meetira hedduu dhagahamuu danda'utti ofitti haasahanidha. Kan warreen sadaffaa tokkommoo, baay'ee nama sodaachisa. Isaan, sagalee qofaa dhageessisanii hin dhiisani; harka isaanii asiifi achi,...oliifi gadi naannessaa deemu. Warra afaan mallattoon walii galan sana fakkaatu!

Jarreen ofitti odeessaa deeman kana ilaalaman, deemsakoo daandiirraa itti fufe. Gaaffii guddaa natti uume. Sabni gara kamitti akka deemaa jiru na yaachisuun itti fufe. Osooman kanaan jiruu, hiriyaankoo tokko duubaan dhufee na tuqe. "Maali,... maaliif ofitti guungumaa deemta? Fageenya irraa dhagaheen dhufuuf jira. Ni maraattemoo? Harkammoo maaliif faffacaasaa deemta?" yoo naan jedhu, anuu ofitti odeessaa jiraachuukoon bare. Sanuu warreen ofitti odeessaa deeman keessaa, garee warra nama sodaachisaniin jira. Akka nahuu tokko ta'een, aritiin gara manaatti faana naanneffadhe. Xiinxalichi kana ture!

Sin yeroo daandii irra deemtan, jarreen kana keessaa kami? Deebii keessan sunumaaf dhiise. Xiinxalaa!

Xiinxala daandii gubbaati!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021

~~~
@Dedroro
@jechootahayyoota
@Oromotoo
Turtii dhagaa bilbila keenyaa hamma tokko fooyyeessuuf.

🧩 Jalqaba appi chargi keessan hedduminaan fayyadamu adda baaftanii beekuun, kan hin barbaachifne, uninstall gochuu.

🧩 Appiilee akka, Twitter, instagram, fb,messanger,E-mail fa'a banttii dhiisuu dhabuu.

🧩 Bluetooth, WiFi, Gps/location bantanii dhiisuu dhabuu, keessattu gps.

🧩 wallpaper socho'aa fayyadamuu dhabuu.

🧩 Brightness bilbila hir'isuu.

🧩 Turtii bilbila waliin qabdan, keessattuu waan akka dataa, vidiyoo dhedheeroo, game fa'a hir'isaa fayyaadhaafi hir'isuun gaariidha.

🧩Chargera filatamaa fayyadamaa.

🧩 Xumuura irrattii charge yeroo gootani irraa buqqiftan hamma 100 guutuu hin eeginaa, ammas yeroo charge irra keessan hamma 15 gadi dabree 0 ta'uu hin eeginaa.
👉Qormaanni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Onkoloolessa 29 Hanga Sadaasa 2, 2014tti Kennama Jedhame .
Qormaanni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa Onkoloolessa 29 hanga Sadaasa 2, 2014tti kan kennamu ta’uu Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa beeksiise.
Barattoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 18 ol qormaata kana kan fudhatan ta’uu Daayreektarri Olaanaan Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa Dooktar Diilaamoo Ootoree ibsaniiru. Qormaatichi buufataalee qormaataa kuma 2 fi 112 irratti kan laatamu yoo ta’u, barsiisoonni kumni 16 ol qormaata kana ni qoran ta’uu eeraniiru.
👉Qormaatichi naannoo Tigraayiin ala naannolee hundatti kan laatamu ta’uus himaniiru.
Fayyummaa Firii Shunburaa

FAAYDAA SHUNBURAA
1.Dhukkubbii mataaf.
2. Jijiiraamu sagaleetiif,
3. Dhukkuubbii laagaaf.
4. Dabaliinsa qaamaaf, (dabaluu qamatiif.)
5. Daballii sparm (rakkiina walqwalqunnaamtii saala damma waliin makaa nyaadha )
6. Raammo garachatiif.
7. Dhukkuubbii lappee irriisuf.
8. Dhukkuubbii dugdaaf, kessaattu warreen lapii toppi fayyadamaaniif.
9. Dhibee sonbaatiif.
10. Cirraacha kalee basuuf, kessaattu gurrattiin isii yoo dammaan makaani nyataan.
11. Dhìibbaa dhiigaatiif.
12. Gogaa kenyaaf.
13. Ciixxoo (Hoqsiisu qaama) irrisuuf..
14. Fayyaa rifeensaaf.
15. Dhibee ilkaaniif.
16.dhiiguu irgoo keenyaatiif.
17. Fayyaa onneef.
18. Fayyaa sammuu keenyaatiif.
Galatooma lammii koo!
Sanbata Gaarii qabaadhaa!
2024/09/30 07:19:35
Back to Top
HTML Embed Code: