Telegram Web Link
Baga Gammadan Baga Gammanee.

Jaalatoota Channel hundaaf Channel keessaan Misseensa Bayyifachuu barbaaduu?

Maree Beeysiisa duraan Adda Kunee Amma waan Eegaleef Channel keessaa Channeloota Miseensa Kuma 31 Oli waliin waan beeysiifnuuf Dafa galmaa'a jenne.

Akkasuma Channel addatis yeroo dhihooti miseensaa baayyisuu waan Dandeenuuf Isaas addaati galmee Eegalee jira.

Channalotni Nuti beeysifnu

Miseensii isaa 500-Oli Kan ta'e qofaaf.

Galmeen Kara @ABDETUOR Kan keessuumesinu ta'a.

Galatoomaa

Share Share Share Share Share
Sammuun dhiphachuu (Stress) ofirraa ittisuuf...
1. NAMA WALIIN WALITTI DHUFEENYA QABAADHU. Namni qofaa
jiraatuu fi yeroo gammaduuf gaddu nama waliin haasa'u hin qabne
carraan rakkoo sammuu qabaachuu isaa olka'aadha.
2. WAANTOTA SI DHIPHISAN ADDA BAASII BEEKI. Wantootni nu
dhiphisan tokko tokko kan dhabamsiisuu (avoid) dandeenyudha.
Kanneen qaama jireenyaa taa'aniifi dhabamsiisuun hin dandahamne
immoo dursinee itti qophaa'uufi of to'achuun furmaata.
3. HAWAASA KEESSA JIRAATTUUF BU'AA BUUSI. Namoota
naannookeetti argaman gargaaruu fi jireenya isaanii jijjiiruun gahee
GARAAN HAADHA SADI😑

1. Basaasaa
2. Dhamaasaa
3. Haqa-baasaa
BASAASAAN:hasaasaan
Afaan mi'eeffatee
Alagaaf nagadata.

DHAMAASAN;dhadhaan alafate laagatti naqata.

HAQA_BAASAN:hawaasaaf
Dallanee mufateeti
Hidda dhugaa baasa.
•••••••》《°°°°°°°°°
※Dhamaasan;har'a
Qoonqootti gadi guuraa
Abjuudhan misooma
~~~ ~~~~ ~~~~~
※Basaasaan;garaasaaf
Haadhoo isaa gurgura
Haadha dhalte looga.
•••••••••••//••••••••••
※Haqa_baasan: sabasaaf
Eenyummaasaa fi lammi isan boona.
Jaalalan hogganama.
※Haqa_baasan: michuu dhuggaatti hidhata👭.
Gadaantummaa didata.
Gadi taa'ee mari'ata.
Rakkoof furmaata fidata.

"Garaan haadha burreedha kan oromoon" jedhu isuma kana mitii ree.

♡AKKAS JEDHII JABEEFFADHU KOODEE KEE. MALEE JIBBAAF HIN HIRIN GARAA KEE.

Amma humna kee yaaltee
Yoo dhabde karaa darbaa
Barii lafaa gaaf-tokko
Lafti onaan kee ni margaa.
Namni karoora cimaa karoorsee karoora isaa san hojii irra hin oolchineefii namni karoora hin qabne tokkuma.
♡Karoorsuun qofti bu'aa hin qabu. Karoora karoorsiteef waan sirra eeggamu cufa yeroo isaarratti aarsaa sirraa eegamu bahiitii hojiirra oolchi.

💔Kana godhuu baannaan umrii harka namaa mudachuu hin qabnetti harka namaa mudatta, yeroo ergachuu qabdutti ergamta, yeroo hogganuu qabdutti hogganamta, iddoo kabajamuu qabdutti xiqqeeyfamta. Odoo akka gandaa gaarii uffattee, nyaattee, dhuuydee gammaduu feetuuti hamilee qofaan odoo humaa hin dhugoomsin, oduma ka gandaa ilaalaa dharraatuu jireenya kee raawwattee addunyaa irraa deemta beeki.

❤️Karoorsi karoora kees hojiin miidheeysi. Nama tahuu barbaannaan karoora keef amanamaa tahi !


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Addunyaa Kana Irraa Rakkoo Inni Guddaan Ija Dhabuu Miti, Osoo Ija Qabanii Mul'ata Dhabuudha.
💨 HELEN KELER

📩 @Jechootahayyoota
Qormaata kutaa 8ffaa (Ministirii)...!

Biiroon Barnoota Oromiyaa qormaata kutaa 8ffaa bara 2013 barattoota kuma dhibba 5 fi kuma 46 ol qoruuf qophii xumuruusaa beeksise.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa akka himanitti, biirichi barattoota kuma dhibba 5fi kuma 46fi 102f (546,102) qormaata kutaa 8ffaa qoruuf qophii xumureera.

Qormaanni kuniis manneen barnoota kuma 9 fi 206 keessatti kan kennamu tahuullee himan.

Qormaanni kutaa 8ffaa kun manneen barnoota Oromiyaa hunda keessatti Waxabajjii 8 hanga 10, bara 2013tti kan kennamu tahu Obbo Efreem dubbataniiru.
maaltu dhukkubbii dugdaa nutti fida??
👉taatewwan nuyi guyyaa gyyyaatti goonu kanneen akka;
-yeroo dheeraaf taa'aa turuu ykn dhaabachaa turuu
-meeshaa ulfaata tahe baachuun, Akkasumas yeroo baayyee kallattii tokko qofaan meeshaa garaagaraa baachuu.
-morma keenya gara fuulduraatti dheeressuun kompiyutera fayyadamuu, dubbisuu ykn konkolaataa oofuun.
-firaashii ciisichaa dugda keenyaaf hin mallerra rafuun.
👉micciiramuu ykn dhifamuu maashawwan dugda keenyaan nutti dhufa.
👉 miidhamuu diskiiwwan Lafee dugugguruu dugdaan.
👉caba Lafee dugugguruu dugdaan ykn sigigaachuu diskiiwwan dugugguruu dugdaa Irraa kan kahe.
👉miidhaa buusaawan Lafee dugugguruu dugdaa irraan kan kahe.
👉dhukkubbii kalee kanneen akka Cirracha kalee ykn infeekshinii kalee.
👉 kaanserii Lafee dugugguruu dugdaa
👉 Yeroo ulfaas dhukkubbii dugdaa dubartoota hedduu mudata.
👉furdina garmalee fa'a.
Dhukkubbii dugdaa dabalatee mallattoowwan kanaa gadii yoo nurratti muldhate hatattamaan mana yaalaa deemuu qabna.
1,ulfaatinni qaamaa hir'achuu
2,ho'a qaamaa olaanaa
3,naannoon dugdaa diimachuu ykn dhiita'uu.
4,gubuu qaama saalaa yeroo fincaaniiti.
5,fincaan ykn boolii qabachuu dadhabu
6,hadooduu naannoo qaama saalaa, hudduu fi Naanno isaa.
7,dhukkubbii dugdaa addaan hin citne kan yeroo teenyu ykn rafne nu hin dhiisne.

fayyaa hindhabinaa
Dr Nafyad Getu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
☞︎︎︎"Kufuu kee caalaa shakkuu keetu Abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhu ka'i karaa kee itti fufi!"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
☞︎︎︎"Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kun Waaqayyo wajjin ni darbama jabaadhu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
#UPDATE

Barattoonni haaraan (fresh) hundi filannoo booda Waxabajjii 21/2013 irraa eegalee gara yunivarsiitii itti ramadamaniitti akka galan Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo #MoSHE beeksiseera.
Forwarded from 🔊HARARGEE MEDIA
Watch "NEW QAMAR YUSUF 2021" on YouTube
https://youtu.be/Lbn8Yg1dBeY
#BoongaaYuuniversitii

Filannoo biyyoolessaatiin walqabatee Waxabajjii 10-17 yeroo boqannaa ta'a.
Qormaata Miidii booda hojiin baruufi barsiisuu idilee kalendarii bu'uura godhachuun kan itti fufuufi filannoodhaaf yeroo torban tokko hafe qofa barataan fedhii qabu deemee filannoo irratti hirmaachuu danda'a.
Barattoonni haaraan(fresh) Waxabajjii 28-30tti Mooraa ni seenu jedhameera!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡CHAANALII📡
@OROMOTOO
#Saykolojiiin_akka_jeutti

💁Dhiirri rifeensi mataa isaa keessa seenu ykn rifeensi irraa moolaaye ykn umriin isaa xiqqoo adeeme carraan jalqaba irratti dhiira argachuu isaa guddaa dha.
#Saykolojiiin_akka_jeutti

💁Nama haarawa yeroo jalqabaatiif wal argitee yeroo itti dubbattu, ilaalcha isaa jalqabaa fudhachuuf(hawwachuuf)👌 naannoo sekondii torba(7) qofa qabda.
#saykolojiin_akka_jeutti

💁Dadhabbiin Dhala Namaa Inni Guddaan 83%
Dadhabina Isaa Bekuu Dhabuu Isaati.
Maaliin beekkamuu barbaaddaa?
Biyya Giriik keessa namicha tokkotu ture. Namichi kun ijoollummaa isaa irraa kaasee hawwiin isaa beekkamaa ta’uu ture. Akkuma guddachaa adeemuun fedhiin keessoo isaa, inni beekkamuuf qabu dabalaa deeme. Kana irraan kan ka’e gaaf tokko maaliin beekkamuu akka qabu murteesse. Innis mana amantaa guddicha kan Arxeems (artems) gubuun beekkamaa ta’uuf murteesse. Manni amantaa kun ijaarsawwaan ajaa’ibsiisoo torban addunyaa durii (seven wonders of ancient world) warra jedhaman keessaa tokko ture. Maarree akkuma karoora isaa guyyaa eeggatee mana amantaa kana gubuun barbadeesse. Kana booda mootummaafi uummanni biyya sanaa maqaan nama kanaa akka hogbarruuwwaan, afoolaafi iddoo hunda biyya sana keessatti hin waamamne dhorkame. Guyyaa mana amantaa sana gube irraa eegalee maqaan namicha kanaa guyya tokko illee biyya sana keessatti osoo hin waamamin hafe. Maqaan nama sanaa Herostiraates jedhama.

Dhalli namaa beekkamtii dheebochuun isaa ifadha. Waan ittiin hojjetee beekkamu barbaaduuf, hedduun dhama’aa oola. Kun waan wal nama gaafachiisu miti. Garuu gaaffii dhaloota bara keenyaa ta’uu kan qabu, maaliin beekkamuu akka qabnuufi maaliif beekkamuu akka qabnudha. Beekkamtiin nuti goonfannu kan ittiin dhaloota egeree faalluufi hambaa seenaa warra keenya kaleessaa barbadeessuu hin qabu. Beekkamtiin keenya waan kaleessa qabnu balleessuun, qaroofi qarooma biyyaa balleessuun ta’uu hin qabu. Beekkamuun dura beekuun barbaachisaadha. Beekkamaa ta’uun dursa beekaa yoo taane, waan ittiin beekamnuufi beekkamtii keenyaan maal akka hojjennu karaa nutti agarsiisa.

Oolmaa gaarii!

Madda:- Haasaa Prof. PLO Lumumba fi Wikipedia

© Galataa Tsaggaa Naggasaa



@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Maal akka taane of beekna garuu maal Akka taanu hin beeku.:- William Shakespeare

_______________________
🔧@Jechootahayyoota🔧
2024/09/30 15:31:50
Back to Top
HTML Embed Code: