Telegram Web Link
Nagaan Bulaa 🌷
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Hunduu si tuffatee
Jechaan si yaabuyyuu
Abjuun kee gufatee
Mataan si dhaabuyyuu

Qalbiin kee harca'ee
Wanta eegde dhabdus
Yaanni kee faca'ee
Haamileen si cabdus

Abdii hin kutin tiru
Jabaadhu maleessaa
Bor utuu siif jiruu
Hin yaadin kaleessa

Godhadhu si'aayina
Hin ta'ini dadhabaa
Iccitiin milkaa'inaa
Kufaatiirraa jalqabaa

@A4mulaa_jireenyaa
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Waan gaarii gaafa dalagdu "Kaayyoo icciitii wayii qaba" siin jedhu namooti. Maaliifuu ati waan gaarii dalagi."

@A4mulaa_jireenyaa
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Ani kanan tuffadhu dhaloota ammaati,
dhaloota 'baradhe' ofiin jedhu. Tole!
erga barattee gaaffii 'maaliif?' jedhu
kaasuu maaf sodaatta? Waanuma siif kennan maaf liqimsita? Kan baratteef
akka gaafattuufiim. miimoorii sammuu
keetii keessaa daataa ormaa haqxee
kee akka fe'attuufiim. Orma jala yaa'uu
dhiistee of jala akka yaatufiim.
Waanuma siif kenname hin liqimsin.
Kan liqqimsaa jirtu daawaa osoo hin
taane summii ta'uu yoon sitti hime ni
mormitaa? Mirga keeti.

Lakkii dhaloota nana! Warra darbe
maaf ilaalta.Isaan hin baranneefuu
maal gaafatu. Ana situ na raaje kan
bakkuma ka'aan taa'ee nama eegu.
Lakkii dammaqi dhalootaa.

@seyfal_islaam
@Coba_Qalamaa1
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
🌹Yemmuu jaalalaan qabamtee miira kee sana dhandhamuu barbaadde walaloo dubbisi.
✬✬✬
❤️Walitti dhufeenya jaalala keetii hiriyaa kee waliin yoo hir'ate,kitaaba xiinsammuu dubbisi.
✬✬✬
😔 Hiriyaa jaalattu dhabdee of onnachiisu fi nama sana malee jiraachuun akka danda'amu beekuu yoo feete  𝕗𝕒𝕝𝕒𝕒𝕤𝕒𝕞𝕒 dubbisi!

✬✬✬

@A4mulaa_jireenyaa
#Warri Tokkoof #Gooliin tokko hin Amanamtu 😁
Namni channel miseensa 3k qabu bitachuu barbaaddan keessaan naqunnamaa 👉 @seyfal_islam
Sirna Umraa Jawaar Muhammad!

Baatii Ramadaanaa keessaa Umraa gochuun ibaadaa haalaan bakki guddaa kennamuufi dha!

Rabbi Umraa kee sirraa haa qeebalu!!
😘😘

@seyfal_islaam
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
DAAWWITII jechuun meeshaadha
kan namni ilaallatu
Bocaa fi halluu ofii
ilaalee ittiin hubatu
Himamsa namaa malee
kan ofiin of daawwatu

Seenaan ammoo DAAWWITIIdha
agarsiiftuu kaleessaa
Kan adda baaftee keessu
eenyummaa badaaf dansaa

Dhaloonni of ilaalee
akka irraa baratu
Cubbuu, dabaa fi dabeessa;
baree akka of qusatu
Goota, gaariif garraamii;
argee akka hubatu

Dhalootaaf DAAWWITIIdha
seenaan jara dheengaddaa
Agarsiiftuu boriiti
fuullee karoora guddaa
Kanaafuu seenaa beekuun
dirqama yeroo hundaa

#Engr_Abdulhalim_Arabu


#DAAWWITII-2
#ComingSoon #InshaAllah
Seera Jireenyaa (Rule of Life)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
#1
𝆺𝅥
» Akka danda’amu amani!
» Karoora qabaadhu!
» Jireenya kee akka ta'utti jiraadhu!
» Abdii hin kutatin, qophaa’ii eegi!
» Ofitti amani!
» Namoota gargaari!

#2
𝆺𝅥
» Rakkoo mudatu dursii tilmaamii mo’adhu!
» Ofitti amani!
» Abjuu fi kaayyoo kee duukaa bu’i!
» Hin gaabbin!
» Hin sodaatin!
» Waadaa seente hin irraanfatin!

@A4mulaa_jireenyaa
Giimii jaalalaan tufaa
Utuu gadheen harqituu
Kamiseettan siif dhufaa
Walloo biyya Warqituu..



@A4mulaa_jireenyaa
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
2024/09/30 21:35:49
Back to Top
HTML Embed Code: