Telegram Web Link
Wanti hin danda'amne
Waan ati hin yaalle Qofa!


@Coba_Qalamaa1
Hiriyoonni dhugaa akka urjiiti,
isaan arguu fi baruu kan dandeeysu
yeroo naannoon kee dukkanaa'e qofa.


@seyfal_islaam 🌴
Oduu Sinbirtuu....
♧♧
Ayyaanni Ramadaana Booda
ta'uun Ifoomeera 😁


Baga gammaddan baga gammanne🌷
Wow Maasha Allah!! Du'aahiifi umraa keessan Rabbiin isinirraa haa qeebalu. Jawar Mohammed fi Ilili Jemal Umraa Maqbuul!🥰❤️

@seyfal_islaam 🌴
♡ Sin Jaalladhaan Dhugaadha.
Si malee jiraachuu hin danda'uun
Garuu Soba
.
♧♧

@A4mulaa_jireenyaa
Ooluuf buluu taanan
Kan jiruu hiikkansaa
Maaltuu adda baase
Namaa fi bineensaa?
" ولا يَسْتَخِفَّنَّكَ الذين لا يوقنون "
"Jarri Hin Mirkaneeffatin sunneen akka si hin tuffanne"

Rabbiin yeroo keyyata kana keessatti "jarri Rabbiin Rabbummaa isaa, du'uu fi du'aa ka'uu,... hin mirkaneeffatin ykn ammoo jaraaf hin galin hafee mormitoota ta'an sunneen beekumsa kee; humna kee; dadeettii kee akka jarri hin tuffanne. Akka jarri salphisanii si hin ilaalle. " gaafa jedhee ajaju ergaa mataasaa qaba.

Kana malees FIR'AWUN ummata isaa irratti labsii Rabbummaa isaa dabarsuusaatiin duratti sadarkaalee beekumsaa fi humna ummatichaa qoru dabarsee bakka sana qaqqabe. Xumura irrattis sadarkaa beekumsaa fi humna hawaasichaa hubatee tuffates. Kanaafuu sodaa fi yaaddoo tokkoon maletti ifatti ba'ee "ANI RABBII KEESSAN OL AANAA DHA." Jedhee labse.

Mee as haa deebinu. Taatee har'aatiif sababaa fi bu'uurri maal sinitti fakkaata?
#Innaa_lillaahi_wa'innaa_ileyhi_Raaji'uun.

Utubaan jimmaa tokko kufeera 😢
Fakkeenya tokkummaa fi jaalala
Hayyuun beekamaan Abbaan Nagaa
Haaji shaafii Yaasiin Gara Ganda Aakhiraa Imalaniiru.
Rabbi Rahmata isaatiin isaan Haa simatu.

ኢና ሊላሂ ወኢና ኢለይሂ ራጂዑን !!!

ጅማ አላህ ይድረስልሽ የጅማ አባት የአንድነት ምሰሶ አባታችን ሀጅ ሻፊ ያሲን ወደ አኺራ ሄደዋል አላህ በጀነቱ ይቀበላቸው ። አላህ ሰብሩን ይስጠን
Akkami naan jettee
maalsaa na gaafattaa
Haala koo ilaaltee
hundaa ni hubattaa
~
Nama amansiisuuf
hunda'n dubbatanii
Yeroo tokko tokko
argaadhan baranii
~
Inni argitu kun
waa hedduudha baataa
Callisii dhaga'i
suuraan ni dubbataa
~
Baga ayyaana iida alfixrii bara 1445n isin gahe !
Rabbiin dalagaalee gaariiwwan keenya nurraa haa qeebalu

እንኳን ለ1445ኛዉ ዓመት የዒደል ፊጥር በዓል በሰላም አደረሳችሁ !
አላህ መልካም ስራዎቻችንን ይቀበል !!!

@seyfal_islaam 🌴
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
An sin jibbu sin jaalladha
Du'a kan keen iyyaafadha
Dhukkuba keen gaggaafadha
Caba keefan tarkaanfadha
Milkaa'uu kee nan qaanfadha
Maafan si jibba sin jaalladha

Dhufa kan keen gad ilaala
Gufaata keef nan utaala
Naasuu kan kee nan sufaala
Nagaa ta'uun kee na faala

Sin jaalladhaa na amani
Jarri si gorsan si sobani

Boqonnaa na dhowwa milkiin kee
Rakkataa na godha dilbiin kee

Rakkachuun kee naaf sooruma
Burjaajuun kee naaf tooruma
Sin jaalladha sittan himaa
Hin dhagahin haasaa namaa

Dhiphachuun kee naaf bal'isa
Rakkachuun kee naaf salphisa

Gubaan kan kee naaf qabbana
Boqonnaa kee nan hargana
Sin jaalladhaa beek namana

Dirqamuun kee anaaf fedha
Boo'ichi kee anaaf cidha
An sin jibbu sin jaaladha!

© Engr Abdulhalim Arabu



@tulu_dawo
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Gaafii heddummaachuu isii irraa kan ka'e

Naaf bilbilteeti........
Nyaachu jirtaa naan jatte, eehiin ja'een, maal nyaachu jirta naan jatte, paastaan ja'een, suugoo ni qabamoo ka wal keessaatii naan jatte ni qabaan ja'een, soogiddi irra kutemoo akkami naan jatte, lakkii akka bareedatti itti godhameehiin ja'een. Taate yeroo nyaataa gaarii qabaadhu hbby naan jatte, hayyee galatoomi hbbtyn ja'een, duboo Odeessi maali jirta naan jatte ammaas😢😢😢😢

Ammaas irra deebi'eetiin dubbii paastaa dheertuu tana itti himamoo, baqqaa wal janajjanuun akkanumaa😅

@Jaalala_Qulqulluu
MARAATUU TA'UU WAYYAA!

Ofiisaa of sossobee
Ofiisaa of dheekkama...!
Ofiisaatti dubbatee
Ofiisaattiis guunguma...!

Dhiphina namaa hin qabu
Ofii of ta'ee jiraata............!
Yaadaaf yaaddoo dagachuuf
Ka'ee MARAADHUU laata?

Keessaan summii hin qabu
Irraan fakkaatee fayyaa
Isa keessi isaa nagaa
MARAATU ta'uu wayyaa!

Eenyu mirgasaa hin xuqu!
MARAATUMMAAn walaba
Kolfa gaararraa kolfuuf
MARAATU ta'uun qaba!


@Coba_Qalamaa1
@Coba_Qalamaa1
Namni maqaa kee kan balleessu waan sadii sirraa barbaadee yeroo dhabuudha."

❶Faayidaa ofiitiif waa barbaadee yoo dhabe

❷Yoo sitti hinaafe

❸Yoo akka kee ta'uu dadhabe


@A4mulaa_jireenyaa
"Du'aan jira" jedhee
Kan nama amansiisu
Inni haayyuu cimaadha
Jechumtillee'n ibsu

Sababiin isaammoo
Namni biyya kanaa
Ijasaa caalchisee
Gurrasaa amana


@A4mulaa_jireenyaa
Hin danda'amu yoo jedhan
siif osoo hin taane isaaniif
akka ta'e yaadadhu.


@A4mulaa_jireenyaa
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Du'a malee wanti gargar nu baasu hin jiru jannee waadaa waliif galle, duutiniis dhufuu didde nutiis waliif galuu dadhabne dhiiroo akkami mee malli maali?
@Jaalala_Qulqulluu
2024/09/30 23:46:20
Back to Top
HTML Embed Code: