Telegram Web Link
Ooddii Salphinaa keessaa
quuftee nyaachuu irra
Dirree Ulfinaa irratti
Beela'uu siif wayya!

@A4mulaa_jireenyaa
Obsi dhandhama hadhaa'aa qaba...
garuu bu'aan isaa damma
caalaa mi'aawaadha.


    
Qoradhu

Nama namni hin jaallanne!!
Dhaqiitii isaan wal bari gaafa
itti dhiyaattu akka inni
hunda isaanii caalu bartaa..


        
@Ofiif_Ta'i

Akka waan dandeetti hin gabneetti
namatti hin hirkatin, akka waan dallaa
taateetti namnis sitti hin hirkatin.

        
Bakka gatii kee gadi
buusu kamirraayyuu
fagaadhu!🤗
Kan Nama Jijjiiru,
Sammuu fi Ilalcha malee,
Wayyaa (Uffata) bareedaa miti.

@A4mulaa_jireenyaa
Baga na jibbite

Naaf carraadhaa
Naaf gammachuu
An dhabuyyuu
Si Argachuu

Na beekteetuu
Na jibbuun kee
Naan dubbattee
Natti himuun kee

Si jallaadhee
Na jibbuun kee
Naaf carraadha
An Ammayyuu
Sin jibbine
Sin jaalladha

#Halkan_Gaarii


@A4mulaa_jireenyaa
Maaltu na Galche?
~
"Maaltu na gaalchee"dha
Kan biyya balleesse
Jedhee katabuudhaf
Waraqaa qopheessee
Nas maaltu na galche?
Jedheen itti dhiise....
~

@A4mulaa_jireenyaa
Ammattis ta'u Turus.
Hadhas ta'u borus
Gaariis ta'u hamaa.
Namni gatii hojii isaa
Argachuu Hin oolu.

@A4mulaa_jireenyaa
Maqaa caala hujiitu abbaa ibsa.
Nama hundaafuu bu’aan
wal-qixaa du’a qofaadha.
#MASHA_ALLAH
Obboleessikoo Qur'aana Guutuu
Qomatti Qabatee (Haffazee) Naaf Eebbifameera #Alhamdulillaah
#Akeekkachiisa

Namooti hedduun torbee kana keessa, addumatti erga kaleessa Facebook sa'a muraasaaf akka addunyaatti addaan citee as Facebook namoota hedduu hacked ta'ee hatamee jira. Warri hatan/cabsan kun wantoota safuu cabsan, maxxansa 666 waliin wal qabatu, pornography fi wantoota hedduu irratti maxxansuun hiriyyootaa fi namoota abbaa account'icha maqaa balleessaa jiru

Facebook keessan setting jala seenuun
Log out gochuun
Password dheeraa galchuun
Email fi two step verification dhaan... Cufaa

Log out all sessions godhaa

Account keessan oolchadhaa

#share
Waan takkaa argattee hin beyne argachuu yoo barbaadde,
Waan takkaa gootee hin beyne godhuu qabda.

@A4mulaa_jireenyaa
Jireenya dhufee darbuuf
Wanta meeqan hiddamaa
Akka qaroon koo arguuf
Jajjabaachuun dirqamaa
~
Har'a dhabus gaaddisa
Utuun rakkoo lakkaa'uu
Nan fiiga na daaddisaa
Harka maradheen taa'uu!
‘Nan didinii dubbii tiyyaa...!’
2024/09/30 11:32:38
Back to Top
HTML Embed Code: