Telegram Web Link
Waan darbeef yaadaa yeroo kee
hin balleessin Itti deebi'uu waan hin
dandeenyeef #Fuulduratti xiyyeeffadhu

@A4mulaa_jireenyaa
Kolfuuf kaanaan
Lafti dhiphaa
Gadduuf kaanaan
Sababni dhibba!

Gadduuf boo'uuf
Yeroon dhabnu
Gammaduudhaaf
Yeroon qabnu

Bu'aa Gaddaa
Gatii seeqaa
Isa gaddee
Arge beeka!

@A4mulaa_jireenyaa
Walitti himaa-n turree
Wal malee akka-n qabne
Maaltu maal taanan
Amma immoo wal dhabne

Waan akkamtu seene
Jidduu kiyyaf kan kee
Jaalala akkas mi'aa'u
Budaa maaltu argee...?

Daandii addaan bahuu
Eenyuu uume karaa
Icciitin maaltu jira
Natti himi nan baraa

Daandii hammeenya
Eenyutu sororsee....?
Duraan na jaalattaa
Eenyutu si gorse....?

Osoo akka sooraa qalbii
Argaa kee barbaaduu
Maaltu si kakaasee
Hammeenya koo yaaduu

@A4mulaa_jireenyaa
Ijaareen diiga seeteeree?
Nan cimsa malee dagalee;
Silaaleen dhiisa seeteeree?
Sittan ciradhaam sagalee;

Halagaa garaa gubuuf,
Dafqa waliif lolaafnaa;
Haamilee walii utubuuf,
Hundee jibbaa kolaafnaa;

Ati kennaa kooti
Kennaa koo ganamaa
Balballi onnee kootii
Jecha keen banamaa!
Dameen kee damee kootii
Kan latu kan mirgisuu
Rakkoon kee rakkoo kootii
Nan ciibsu nan raffisuu
~
Wanta haaraa funaanee
Siif guutuu dhabus har'aa
Haalaaf yeroo ilaaltee
Abdii hin kutatiin narraa
~
Warqii mormaa sii bituuf
Harka na qabus dhabnii
Rakkoo koo akka argituuf
Caba keeti anaaf cabnii
~
Sin jaalladha qaroo koo
Obsee dheebuuf agabuu
Kan biraa hanqadhullee
Siif du'uu hin dadhabuu!
Kumaatamni kufaa
Kumaatamni dhufaa
Jireenyi itti fufa
Qallayyoo koo yaa waan ofii
Hunda caaltuu
Qaroon kanko si'iin dhiiftee
Orman 'laaltuu
~
Kiyyoo diinaa mara cabsee
Keessa lufaa
Abshir eeyyee karra shaniin
Siifan dhufaa
~
Hin dhippatiin na dhiisinnaa
Jettee gaafii
Yoon jiraadhes wareegamus
An sumaafii...!
Kabajamtoota Hordoftoota Telegram
Yeroo dhiyootti beeksisa Channel waan eegalluuf Namoonni Channel fi Group Beeksifachuu barbaaddan gara keessaatiin na qunnamaa
👇👇
@seyfal_islam
@seyfal_islam
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
🎋Warra qalbiin nu jaalatte oduma du'aan nu biraa boqotanillee keessa keenya jiru, warri ijji keenya jaalatte odoo lubbuun jiraniituu yoo ija duraa nu miliqan ni dagatamu.

Nama qalbiin kee jaalatteef dursa kanni🌹

❤️Jaalalti qalbii mootuudha👌
:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
Jiruun tole harma jige kaasa 😎
Kurrifadheen lallabe
Dhageessee hin birrattu,
Sigorfadheen dadhabe
Qajeeltee hin sirrattu,

Gara garaan
Na dhaga'uu diddee
Kara karaan
Gargar ba'uu fidde,

🥸
Ergaa kana Namaaf Affeeruun Badhaasa Torbee Kanaa Badhaafamaa.
Kun Baankii Oromiyaati

1. Dursa Liinkii armaan Gadii Tuqaa https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=623498942
2. Itti Aansuun Start kan jedhu tuqaa
3. Join Channel Kan jedhu Tuqaa
4. Gara BOT itti dubatti deebi'aa
5. Continue kan jedhu tuquun Liinkii ittiin namoota affeertan argattu
6. Liinkii argattan firaaf aantee keessaniif namoota qooda

Liinkii Kana yoo xiqqaate Namoota 50 f qoodaa
Hanguma Namootaaf qooddanniin hangi badhaafamtanis dabalaa deema.

Badhaasni keenya torbeetti yeroo hunda Badhaafamtoota ni qaqqaba

መልዕክቱን ያጋሩ፣ የዚህ ሳምንት ተሸላሚ ይሁኑ!
ይህ ኦሮሚያ ባንክ ነው!

1. በቅድሚያ ቀጥሎ ያለውን ሊንክ ይጫኑ https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=623498942
2. በመቀጠል Start የሚለውን ይጫኑ
3. Join Channel የሚለውን ይጫኑ
4. ወደ ቦቱ ይመለሱ
5. Continue የሚለውን ተጭነው የመጋበዣ ሊንክዎን ያግኙ
6. መልእክቱን ለወዳጅ ዘመድዎ ያጋሩ

መልዕክቱን ቢያንስ ለ50 እና ከዚያ በላይ ወዳጅ ዘመድዎ ሼር በማድረግ በየሳምንቱ ተሸላሚ ይሁኑ!
ሽልማቱ ሁሌም በየሳምንቱ አርብ ለተሸላሚዎች ይደርሳል፣
“Akka namaaf rafaa taanee
Akka Rabbiif lafaa kaanee!”

@A4mulaa_jireenyaa
Nama si jaallaatu caalaa, nama haqa jaallatu jaalladhu.!
~
Namni haqa jaallaatu haqaan si jaallata waan ta'eef👌

@A4mulaa_jireenyaa
Eeyyee kanin jaalladhee
Abdiin onneeko sumaa
Imaanaa kee dagadhee
Hin seenu mana gumaa
~
Anoo sirran fagaadhuu
Yeroo kamuu yoo ta'ee
Si faana kanin kaadhuu
Iddoo ati geessu ga'ee..!
~
Jaalalan gitne dhibbuu
Haa lalisuuf qonneerraa
Eegduu imaanaaf irbuu
Sin jaalladha onneerraa
~
Hundumtuu nu fakkaatee
Utuu uumuu gungummii
Baguma kan koo taatee
Sin jaalladha qurxummii..!

@A4mulaa_jireenyaa
Harmee koo

Si haa barbaadan dhufanii
Gaafan dubbiif shakkame
Gartokkee keeti ani
Dhiiga keerraan argame!

Hiika onnee namummaa
Harmee kiyya yaa deessee
Maqaa koo dha'iin namni
Maqaa kee achi fageessee!

Safara lapheefi ribuu
Gaarummaa kee sanaafi
Si cinaatti waamamuun
Ulfinadha anaafi!
- -
Otuu dafqi kee cobuu
Jirbii rakkinaa footee
Ana bixxillee xiqqoo
Guddistee nama goote

Dhala koo - cuucee koo jettee
Afaan nadhii dubbatta
Furrii fi xurii koo wajjin
Arraabdee na dhungatta!

Sin jaalladha yoon jedhe
Kan kee hin baasu gatii
Naaf jiraadhu harmee koo
Eenyummaa koodha ati!

@A4mulaa_jireenyaa
Karaa fagoo imalee
Obsee kanin labuu
Sin jaalladhe malee
Dantaa biraan qabuu
~
Garaa kiyya raasee
Maaltu na naasisaa
Gatii kamuu baasee
Kan koon si taasisaa

#S
Walitti himaa-n turree
Wal malee akka-n qabne
Maaltu maal taanan
Amma immoo wal dhabne

Waan akkamtu seene
Jidduu kiyyaf kan kee
Jaalala akkas mi'aa'u
Budaa maaltu argee...?

Daandii addaan bahuu
Eenyuu uume karaa
Icciitin maaltu jira
Natti himi nan baraa

Daandii hammeenya
Eenyutu sororsee....?
Duraan na jaalattaa
Eenyutu si gorse....?

Osoo akka sooraa qalbii
Argaa kee barbaaduu
Maaltu si kakaasee
Hammeenya koo yaaduu

@A4mulaa_jireenyaa
2024/09/30 15:28:55
Back to Top
HTML Embed Code: