Telegram Web Link
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Hanga feete jaalattullee hanga feete amantullèe waa hunda itti himtee hin fixin. Booda gaabbita, irraan siif deebi'a booda gaabbita.

Nuti ilma namaati kan namaa dhiisiii kan keenyaahuu dhooysinee deemuuniin haalaan nutti cima. Hundaahuu hin himin !

@Jaalala_qulqulluu 🌱🌿
Mul'ata


» Read Previous Lessons «« 💌 💌

M‌U‌L‌'A‌T‌A‌ Q‌A‌B‌A‌A‌D‌H‌U‌!
M‌U‌L‌'A‌N‌N‌I‌...


» Aarsaa si gaafata; hin seesiin!
» Obsa gaafata; hin jarjarin!
» Dhugaadha; hin shakkin!
» Daandiidha; irraa hin maqin!
» Galma; of duratti mil'adhu!
» Gonfoodha; mataatti kaa'adhu!
» Badhaasa; kabajaan fudhadhu!
» Eebba; ameen jechuun simadhu!
» Hiriyaadha; wajjin mari'adhu!
» Haadhadha; jaaladhu!
» Handhuura; ofitti aanfadhu!

@A4mulaa_jireenyaa
@

M‌U‌L‌'A‌N‌N‌I‌...
⦿ Adeemsa sammuu ti.
⦿ Ta'uu dha malee taa'uu miti.
⦿ Boba'aa gaggeessaan tokko ittiin imaluu danda'uu dha.
⦿ Humna ittiin waan haaraa uumanii dha.
⦿ Kan namoonni gurguddoon addunyaa kanaa wareegamaniif dha.
⦿ Har'a caalaa fira borii ti.
⦿ Ija foonii caalaa fageessee arga.
⦿ Kutannoo fi ija jabina malee nama keessaa hin ba'u.
⦿ Haala amma keessa jirtu ganuu akka qabdu sitti hima.
⦿ Hojii tokko-shanee (garee) miti.
⦿ Ni tarkaanfata malee hin tiratu.
⦿ Wanta ati of harkaa qabdu irratti hin hundaa'u.
⦿ Biyya ati dhalatte irratti hin hundaa'u.

"M‌u‌l‌'a‌t‌a‌ Q‌a‌b‌a‌a‌d‌h‌u‌!"

@A4mulaa_jireenyaa
Ergaa kana Namaaf Affeeruun Badhaasa Torbee Kanaa Badhaafamaa.
Kun Baankii Oromiyaati

1. Dursa Liinkii armaan Gadii Tuqaa https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=623498942
2. Itti Aansuun Start kan jedhu tuqaa
3. Join Channel Kan jedhu Tuqaa
4. Gara BOT itti dubatti deebi'aa
5. Continue kan jedhu tuquun Liinkii ittiin namoota affeertan argattu
6. Liinkii argattan firaaf aantee keessaniif namoota qooda

Liinkii Kana yoo xiqqaate Namoota 50 f qoodaa
Hanguma Namootaaf qooddanniin hangi badhaafamtanis dabalaa deema.

Badhaasni keenya torbeetti yeroo hunda Badhaafamtoota ni qaqqaba

መልዕክቱን ያጋሩ፣ የዚህ ሳምንት ተሸላሚ ይሁኑ!
ይህ ኦሮሚያ ባንክ ነው!

1. በቅድሚያ ቀጥሎ ያለውን ሊንክ ይጫኑ https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=623498942
2. በመቀጠል Start የሚለውን ይጫኑ
3. Join Channel የሚለውን ይጫኑ
4. ወደ ቦቱ ይመለሱ
5. Continue የሚለውን ተጭነው የመጋበዣ ሊንክዎን ያግኙ
6. መልእክቱን ለወዳጅ ዘመድዎ ያጋሩ

መልዕክቱን ቢያንስ ለ50 እና ከዚያ በላይ ወዳጅ ዘመድዎ ሼር በማድረግ በየሳምንቱ ተሸላሚ ይሁኑ!

ሽልማቱ ሁሌም በየሳምንቱ አርብ ለተሸላሚዎች ይደርሳል፣
Live stream finished (6 minutes)
Live stream finished (31 minutes)
Jaalalli koo si seenuunsa onnee uree
Silumayyuu dantaa keetiif jecha turee!
~
Jaalaladhaam anoo sirraa kanin eeguu
Dhugaa Rabbii bu'aaf ta'uu anin beekuu
~
Naaf kafanta jedhee male wanta badaa
Tasan yaadne na darbatta akka agadaa!
~
Singiggoodha laphee kiyya guba sanuu
Erga keetii anoo eenyuun hin amanuu..!
Sammuun qajeelaan yeroo hundafi bakka hundatti yaada filataamaafi foyya'aa barbaada; kaan garuu yeroofi bakka hundatti rakkoofi qaawwaa funaana.
Gam tokkoon bilchaate, gam tokkoon bukate 🙄 buktaa bilcheesuutti bilchaataan gubate🙄 🙄
Yoom akka deemnu hin beeknu.
Haga lubbuun jirrutti gaarii haa hojjennu!
Waa’een keenya:

Akka hin dubbanne hiibboodha
Wal hoofa - wal harkisa
Akka hin dhiisne cittoodha
Si hooqa - si rakkisa
!

@A4mulaa_jireenyaa
Nama Nama kaaniif gaarii
yaadu hundaaf #Galgala_Gaarii 🌷

@A4mulaa_jireenyaa
Dadhabina keenyaa wajjin
Warri nusimmattan Hundi keessanuu
#Yeroo_Gaarii Qabaadhaa 💚

@A4mulaa_jireenyaa
Booda kana namni qoosaa
wallaalaatuma dhuma jirabboo!!
Tokko kaleessa qoosaadhaaf jedhee
bismaaraan waraannaan natti aare!🤔
Namni waan ofii jaallattan
Obboleessa keessaniifis Jaallattan
😍 #Sabahal_keyr صباح_الخير#
Akkuma qabeenyi dhaalamu
Jibbis ni dhaalama 😳

@A4mulaa_jireenyaa
Waan darbeef yaadaa yeroo kee
hin balleessin Itti deebi'uu waan hin
dandeenyeef #Fuulduratti xiyyeeffadhu

@A4mulaa_jireenyaa
Kolfuuf kaanaan
Lafti dhiphaa
Gadduuf kaanaan
Sababni dhibba!

Gadduuf boo'uuf
Yeroon dhabnu
Gammaduudhaaf
Yeroon qabnu

Bu'aa Gaddaa
Gatii seeqaa
Isa gaddee
Arge beeka!

@A4mulaa_jireenyaa
Walitti himaa-n turree
Wal malee akka-n qabne
Maaltu maal taanan
Amma immoo wal dhabne

Waan akkamtu seene
Jidduu kiyyaf kan kee
Jaalala akkas mi'aa'u
Budaa maaltu argee...?

Daandii addaan bahuu
Eenyuu uume karaa
Icciitin maaltu jira
Natti himi nan baraa

Daandii hammeenya
Eenyutu sororsee....?
Duraan na jaalattaa
Eenyutu si gorse....?

Osoo akka sooraa qalbii
Argaa kee barbaaduu
Maaltu si kakaasee
Hammeenya koo yaaduu

@A4mulaa_jireenyaa
2024/10/01 17:30:57
Back to Top
HTML Embed Code: