Telegram Web Link
Nutu Waliif Diina
~
Ormi maal nu godhee?
Nutu alagoomee
Danqaa qara lamaa
Nutu waliif uumee.
~
Anatu sii dagate
Situu na wallaale
Gaarii keetiif dheesseen
Yaraa keetif gale
~
Wal wallaaluu keenya
Diinni yogguu baru
Qaawwa nuti saaqne
Bal'isaanii uru
~
Kanaaf maaf komannaa
Orma nu haleelu?
Silaa kee na dhibee
Kan kiyyas siin galu
~
Orma maaf komannaa ?
Nutu waliif diina
.
~

@A4mulaa_jireenyaa
Yennaa jimmaan dhuftanu
Laga gibee ceetanii
Osoo Cabbiin jiraatee
Ameerikaa Seetani 😍

#Peace ✌️
Sagantaa calallii dorgommii Qur'aanaafi Azaanaa akkasumas konfiraansii nageenyaa har'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffame suuraadhaan.

Maddi suuraa: Nuur TV

@seyfal_islaam
Miidhamni koo baraan
Sitti hin ta'iin cubbuu
Mannike inni haaraan
Sitti haa tolu lubbuu..!
Jaalala isa kam?

Isa kaleessaatii?
Jaalala halaalaa
Moo isa har'aatii?
Ciigoo haasaa jalaa

Lakkii isa boriitii
Abjuudhaafi shakkii
Tarii isa darbeedhaa?
Jibbiinsaafi waakkii

Hundisaatuu erga
Sitti ta'ee mamii
Kanat na jaallattu
Jaalala isa kamii?

@A4mulaa_jireenyaa
Live in peace Before R_I_P ✌️
"Ati kan koo qofa" jechuun jaalala miti.
Jireenya nama tokkoo to'achuun jaalala MITI.
#CALLISUUN_OGUMMAADHA!

👉Maaliif callisna?
➡️Yoom callisna?
👉Haala akkamii keessatti?

👉Sababootni callisnuuf
👉Isaanisnis

➡️1.Callisi!-Aarii ho'aa keessa yeroo jirtu;
➡️2.Callisi!- yoo ragaa sirrii hin qabaanne;
➡️3.Callisi! - yoo seenaa dhimma sanaa hin beekne;
➡️4.Callisi!- yoo jechi kee kan nama dadhabaa ta'e mufachiisu tahe;
➡️5.Callisi!-yommuu yeroon yeroo dhaggeeffachuu qofa ta'e.
➡️6.Callisi! - yeroo wantoota si dhibee qulqulleeffachuuf jettu.
➡️7.Callisi!- yommuu namni waa'ee kee cubbuu siratti fe'u hanga haqni kee ba'uti;
➡️8.Callisi!- yommuu jechi kee aarii fi walitti bu'insa fiduu kan deemu ta'e;
➡️9.Callisi!-yeroo jechi kee yaada fi ergaa dogoggoraa dabarsu tahe.

➡️10.Callisi!- yeroo soba ifa ta'e akka dubbattuuf qoramtu:
➡️11.Callisi!- yoo jechi kee maqaa nama biraa kan balleessuu tahe.
➡️12.Callisi! -yoo dubbiin kee hiriyoota kee kan miidhu tahe
➡️13.Callisi!- yeroo qeeqni sitti baay'atu;

➡️14.Callisi! - yoo booda jecha keetti kan gaabbitu ta'e;
➡️15.Callisi! - hanga carraa dubbachuu argattutti.

👉Wan hundaafuu callisuun furmaata malee rakkoo hin fidu callisi!


https://www.tg-me.com/Coba_kobbee
https://www.tg-me.com/Coba_kobbee
Allaattii ykn Daakkiyyeen kun afaan Ingiliziitiin Pelican Bird jedhamti. Allaattii kun allaattii yeroo beelofte waan afaanshee seensisuu hin dandeenyellee liqimsuu yaaltudha. Kanaafis allaattii albaadhessa jedhamuun beekamti. Kuni ta'ee garuu bara hamtuufi bara beelaa gaafa ilmaan ofii waan nyaachistu dhabde ilkaan ofiitiin laphee ofii dhiigsitee ilmaan ishee dhiigashee sooratanii akka lubbuun turan gooti. Madaa kanaanis duuti. Allaattiin albaadhettii jedhamtee beekamtu kun dhala ofiif kana mara garaa laafti. Haadhummaafi gara laafummaa gita hin qabne 🥰 Ilmi namaa gaafa gaafa osoo bineensarraa baratee gaarii ture.
-------
@A4mulaa_jireenyaa
Ergaa kana Namaaf Affeeruun Badhaasa Torbee Kanaa Badhaafamaa.
Kun Baankii Oromiyaati

1. Dursa Liinkii armaan Gadii Tuqaa https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=623498942
2. Itti Aansuun Start kan jedhu tuqaa
3. Join Channel Kan jedhu Tuqaa
4. Gara BOT itti dubatti deebi'aa
5. Continue kan jedhu tuquun Liinkii ittiin namoota affeertan argattu
6. Liinkii argattan firaaf aantee keessaniif namoota qooda

Liinkii Kana yoo xiqqaate Namoota 50 f qoodaa
Hanguma Namootaaf qooddanniin hangi badhaafamtanis dabalaa deema.

Badhaasni keenya torbeetti yeroo hunda Badhaafamtoota ni qaqqaba

መልዕክቱን ያጋሩ፣ የዚህ ሳምንት ተሸላሚ ይሁኑ!
ይህ ኦሮሚያ ባንክ ነው!

1. በቅድሚያ ቀጥሎ ያለውን ሊንክ ይጫኑ https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=623498942
2. በመቀጠል Start የሚለውን ይጫኑ
3. Join Channel የሚለውን ይጫኑ
4. ወደ ቦቱ ይመለሱ
5. Continue የሚለውን ተጭነው የመጋበዣ ሊንክዎን ያግኙ
6. መልእክቱን ለወዳጅ ዘመድዎ ያጋሩ

መልዕክቱን ቢያንስ ለ50 እና ከዚያ በላይ ወዳጅ ዘመድዎ ሼር በማድረግ በየሳምንቱ ተሸላሚ ይሁኑ!

ሽልማቱ ሁሌም በየሳምንቱ አርብ ለተሸላሚዎች ይደርሳል፣
2024/10/01 19:24:05
Back to Top
HTML Embed Code: