Telegram Web Link
Innaan Illahi wainna ilayihi raaji'uun 🥹

Mucaan asii gaditti argitan kun galgala har'aa Godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti of ajjee*ftee argamte jedhu!

Baay'ee nama gaddisiisa Rakkoon hedduun jiraachuudha mala garuu rakkoon lubbuu ofii caalu jiraachuun nama gaddisiisa!😭
Namni gaafa uffate deemu, gaafa kokkolfu waanuma gaarii jiru waanuma itti tole nutti fakkaata😭 Garuu rakkoon isa waade jiru hedduun akka jiraachuu malu yaadnee hin beeknu. Nama ofirra darbee waliif gadduu, jiraatti wal iyyaafachuun waan dorgommii hin qabneedha.😢
Jettii laata?😢

Gaafan jiraatti humna dhabee
Gadi dhiisu hunda qabee

Falaaf mala
Tasa deegee ol gad qabee
Natumsuudhaaf
Sittimadhu of dadhabee

Falan falle
Waas naan dhaamne marti biyyuu
Ergan du'ee
Dhiisi boo'uu natti iyyuu

Gaafas atoo
Tasan beektu naaf adooduu
Ergan deemee
Dhiisi iyyuu naaf gadooduu

Gaafan kufu
Kan na kaasun dhabe ano harka qabee
Murteeffadheen sokke anoo akka dhabee

Ofiif boo'i
Ana dhiisii at-yaa michuu
Sokke kunoo
Hin deebi'u an bar sichuu


😢😢😢😢
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Warri miira isaanii callinsa keessatti ibsatan warra baafatee dubbatu irra moohatoodha. Cal ja'i yeroo haalaan aarte, hanga wanti ati usteef bitaa itti galutti👌



:¨·.·¨: ❤️ 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
" Jireenya keessatti wanti hamaan kophaa jiraachuudha jedheen yaada ture. Garuu miti. Jireenya keessatti wanti hamaan namoota kophummaan akka sitti dhaga'amu godhan waliin jiraachuudha."

 -Robin Williams
━━━━━━━━━━━

@A4mulaa_jireenyaa 🌷
Akka nama Maraatee,Daandii walakkaa deemaan jira.Tasa sagalee wayii dhaga'een gara mirgaa ilaale.Gara Mooraa namoonni Maraatan itti yaalamanitti.Mee seeneen daawwadha jedheen ol seene. Mooraa guutuun caq jettee jirti.Haala kanaan,Namni fayyaa qabu,alatti hin hafne jedheen yaade.Maaltu Maraattoota akkanatti nuuf baayyise? Jedheen keessa kootti guungume.

Baayyachuu jaraatti hin gaddine.Nan gammade malee.Warra Mooraa kanaan ala jiran caalaa,jarri kun gammachuu qabu jedheen gammachuu jaraatiif gammade.
Maraataa jechuun jecha 👉" Mara-ta'aa!" Jedhamu irraa akka dhufe nan beeka.Kanaafuu! Wanti akka "Mara-ta'uu" gammachuu waan jiru natti hin fakkaatu.Garuu, baayyinni Maraattoota kanaa gaaffii natti ta'e.Itti siqeen maraataa, maraatuu keessa jiru bira dhaqeen gaafadhe.

"Si waliin Maraataa hagamtu mooraa kana keessa jira?" Innis erga xiqqoo kolfee booda."Mooraa kanaan ala,si waliin Maraatàa hagamtu jira?" Jechuun gaaffii koo,gaaffii isaatiin naaf deebise.
Anis ol ka'een deeme.Gara maraattoota akka koo,mooraa kanaan ala jiraniitti.🏃‍♀️🏃‍♀️


@A4mulaa_jireenyaa 🌷
Gaafa deemuu barbaadde deemi. Garuu yoomiyyuu hin deebi'in, deemuu keef amanamaa ta'i. Tarii nutis si dagachuuf amanamaa ta'uu dandeenya.

#Mahmoud_Darwis

JOIN US: ❯❯ @A4mulaa_jireenyaa 🌷
Namoonni tokko tokko akkamitti dubartiin Jalloodha! Jetta jechuun na komatu. Dhugaa qabu.Mirgaas qabu. Waa'ee jallina jaraa itti deebina. Yoo lubbuun jiraanne nama hubatuuf,Jallinni dubartii ilma dhiiraatif faayidaa guddaa qaba.

Miidhama guddaas qaba.Waan lama qofa.Milkaa'uu yookaan Maraachuu.Garaagarummaa kana kan fidu ciminaa fi dadhabina dhiiraati.Yoo jallina ishee dandamachuu dandeesse dhiira jabaa taatee baata.Garuu Carraa xiqqoo qabda.Waaqni jabina siif haa laatu.😁

Akkasuma yoo jallina ishee dadhabde,Sammuun kee nyaatameeti,maraatuu nuuf taata.Yoo jabaattee jalaa baate,jallinni Dubartii akka aduutti guddisee si muldhisa. Harka yoo kennite immoo kophaa haasawaa of argita.Kanaafuu jabaadhu.Afaan ishees baradhu.Adabas godhadhu.Ishee waliinis morkii hin galin.

Jallina ishees amaniitii waliin jiraadhu.Sossobaa horadhuun. Dubartiin ati jalloo miti jettee quba natti qabdu,kan ishee uumeetu "Lafee jalloo" irraa uumamuu ishee siif hime. Anarraa bu'i.Dhugaa qeebali.Dubartiin akka Lafee jajalloo cinaachaati.Amma yaa'ii dhiisi.Naaf qajeelchi jettees hin kadhatin.Waan hin qajeelle hin gaafatin. Ati qajeeliif.Anas qajeelchiif jedhii kadhadhu.🏃🙆



JOIN US: ❯❯ @A4mulaa_jireenyaa 🌷
Dhala Tap Tap 😜
Dhaloota kanaaf boo'uu barbaadee yeroon isaanif boo'u dhabe. 😒
ኦልማ ኬቱ ኡልፋቴ
ከ አት-አናፍ ኦልቴ
ረክናፍ ገደዶ
ከን ነፋነ አርግቴ...
አኖ ሁምነን ቀቡ...
ዋ'''ቶኮ ሲን-ጎዱ
ዱኤ በዱስሌ
አን ስን-እራንፈዱ🥀❤️‍🩹
እንደ መሪ ሁን
ታሪክ ስለ ወታደር አይናገርምና!


JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam
"Maalan jira
Caccabsee Na nyaatee jira" 😢


"Kan Gar gar nubaasan Jara
"😔

JOIN US: ❯❯ @A4mulaa_jireenyaa 🌷
Eebbifamtoonni ilmaan shanan gibee; bara kana muummee garaagaraatiin Yuunivarsitiilee garaagaraa irraa eebbifamtanu; baga gammaddan, baga firii dadhabbii keessanii argitan.

Alli akka keessaa ta'uu baatus abdii fi furmaanni biyyanaa isinuma eeggata. Kanaafuu qophii keessan kan durirra jabeessaa.

Congratulations!

Kanneen suuraa keessan argachuu dhabee hin maxxansin ammoo na ofkalchaa!

Abdulhaliim A.
2024/09/28 21:29:00
Back to Top
HTML Embed Code: