Telegram Web Link
Harka rabbii gaditti
Sit -bareechee jiruu koo
Obsituu warqeen olii
Naaf jiraadhu tiruu koo


@Coba_Qalamaa1
Ati jiraachuu qofa
Jiraachiisuun abbaa qaba
"Qarshiin Saree gaarii sii bituu danda'a, Garuu eegee akka siif raasu kan godhu JAALALA qofa."
#ooshoo

@A4mulaa_jireenyaa
Abjuu kee galmaan ga'uuf qophoofteettaa?

➊Kophaa ta'uuf qophaa'i
➋Hiriyyoota kee dhabuudhaaf qophaaʼi
➌Akka sitti kolfan beekuuf qophaaʼi
➍Qeeqaaf qophaa'i
➎Kuftee ka'uuf qophaa'i

#OSHOO
@A4mulaa_jireenyaa
''Bilisummaa jechuun,yeroo eeyyeen barbaachisetti,eeyyee jechuu, yeroo lakki jechuun barbaachisettii lakki jechuu fi yeroo tokko tokko yeroo callisuun barbaachisetti, wanta tokko jechuu dhiisuu! Yeroo wantoonni kun hundi jiran kanatti haalli kun ''bilisummaa'' jedhama!''

#OSHOO

@A4mulaa_jireenyaa
"Namoonni haasa'uutti waan amananiif yeroo calliftu hin beektu jedhanii kan yaadan baay'eedha.
Garuu, immoo waan dubbatan hin qaban. Ati garuu haasa'uutti hin amantu,waan haasa'uu barbaaddeef jiraadhu.Sana booda jireenyi ati callisa kee keessa jiraatte cabee ba'ee namoonni yeroo ati callistu siif haasa'u."

@A4mulaa_jireenyaa
Dargaggeessa ta'uun gaariidha. Yoo yoo qarshii dhabde fayyaa qabda. Bifa yoo dhabde sammuu qabda. Beekumsa dhabdus of tuuluu ni qabaatta. Jaalala yoo qabaachuu baatte abdii ni qabaatta. Gammachuu yoo dhabde aarii qabda. Yoo dhiphinni sitti baay'ate warraaqsa jalqabda. Namni si beeku yoo jiraatellee dargaggeessa waan taateef seenaa salphaa ni qabaatta.

@Coba_Qalamaa1
@A4mulaa_jireenyaa
Jiini Barakaa Mullateera
#Alhamdulillah
RAMADAANA 1

Abdulqaadir Jeylaaniin akka lakkoofsa Hijraatti bara 470 guyyaa jalqabaa baatii ramadaanaa biyyoota bittaa Iraan jala turan keessaa magaalaa dursituu ykan hangafa kan taate tokko keessatti dhalatani. Ijoollummaa isaanii ganda itti dabarsan keessatti afaan Pershiyaa fi afaan Arabaa barataanii dubbisuufi barreessuu dandahaniiru. Dargaggeessa ganna 18 gaafa tahan gara magaalaa guddoo imaluuf ka’an. Ta’us baruma sana barsiisaa biyya Baagidaad kan tahe Piroofeesar Abu Hamiid Al-Ghazaaliin turtii qorannoo dabalataaf magaalittii sana gad-dhiisanii bahuun isaanii Jeeyilaaniif mudannoo gadhee tahe. Kan tahe tahee; Jeeylaaniin gaafa Imalaaf qophaa’utti haadhi isaa gorsa laatteefii geggeessite. Eenyummaa Imaama guddaa kanaa keessatti oolmaan haadha kanaa hin irraanfatamu.”mucaakoo! namoota karaakee irratti si mudatanitti dhugaa isaa himi, hi sobin.”jechuudhaan gorsa ajaa’ibaa gorsiteen. Jeeylaaniin uummata dura ba’anii da’awaa gochuudhaa fi waa’ee Islaamummaa barsiisuuf waggootii dheeraa itti fudhateera. Ifaan ifatti uummata dura bahanii barsiisuu kan jalqaban erga waggaa 50 guutanii booda ture. Jeeyilaaniin utuu lubbuun jiranii Islaamummaa irraa barnoota bahe ykn karaa kooti jedhanii seera adda tahe hin qabani. Guyyaa harraa kutaalee addunyaa garaa-garaatti kan argannu sochiileen Qaadiriyyaa sheekichi utuu lubbuun jiranii kan barsiisan miti. Erga isaan darbanii booda turee sochii kahedha. Bara sana finciltootni Saljuuqii, Turkmaanotaa,Maamlukootaafi gandoottan biro keessatti aragaman dubbiif qophaa’aa turani. Dhaaltonni ykn bakka buutonni dursitoota mootummaa walirratti ka’uu jalqabaa jiru. Aadaan Nabiyyummaa masaraa mootummaa keessa ture coolligeera. Khaliifonni dheebuu duniyaa guddaa keessa jiru. Babbareedduu filatanii fuudhuu,abbootii amantii kabajuu dhiisuu, aangoo irra yeroo dheeraa turuu barbaaduu fi kkf yeroo ballinaaan itti mullate ture. Khaliifonni bakka itti argaman hundumaatti qaadii fi garboottan rabbii caalaa kabaja kan itti barbaadan, quraana irra fedhii mataa isaaniitiin murtee hanga kennuutti yeroo itti gahan turani. Bara kana keessa kan kan kaasnu beektota kan biro lamatu jiru. Imaam Al-Ghazaalii fi Ibnu Jawzii. Seenaa jireenya isaanii gaafa dubbifnu barri isaan jiraatan bara Jeeylaaniis waan taheef haaloti isaan qooddatan jiru. Sheyk Jeeylaanii,Imaam Al-Ghazaaliin ykn Ibnu Jawziin dirree falmii isaan irra darban gaafa ilaallu kan nuti hubannu bara afuurummaan(amantiin) itti ol kahe tahuu isaati. Lubbuu ofii qulqulleessuu, walitti hidhannoo isheen rabbii wajjin qabdu falmii afuurummaa”tasawwuf” Sheek Jeeylaaniin jijjiirama ajaa’ibsiisaa uumaniiru. Hojii Imaam Al-Ghazaalii kan tahe Ihyaaa’u Uluumuddiin kan jedhuu fi kan Sheek Jeeylaanii Al-guniyaa kan tahan hojii ajaa’ibsiisoo dhalootaa dhalootatti darbanii ifa Islaamaa itti fufsiisaniiru. Waa’ee Tasawwufaa ykn qalbii qulqulleessuu fi bu’uura imaanaa cimaa haala ittiin ijaaramu barsiisuun , barnoota Aqiidaa irraa dubbii ijoo Towhiidaa fudhannu qoma keenya keessa akka itti galchannu karaa nutti agarsiisaniiru.

@seyfal_islaam
Ustaaz Raayyaa Abbaamacca fi Jawar Mohammed Ramadan Mubarak baga Rabbiin ittiin isin ga'e, baga woliin geenye jaallatamtoota koo.❤️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
ربنا تقبل منا إنك أنت السميع العليم🤲🌼
RAMADAANA 2

Baatii ramadaanaa akka lakkofsa Hijraatti bara 732 Ibnu Khalduun tuuniiziyaatti dhalate.
Afaan Arabiffaa irratti barnoota hedduu erga fudhatee booda qur’aana sammuu isaatti haffazuu(qabachuu) akka danda’ee ture seenaan nu beeksisa. Dabalataanis barnoota Fiqhii, Loojikii fi Qorannoo Hawaasaa (sociology) qo’achuu danda’eera.
Yeroo dheeraa Afriikaa keessati erga dabarseen booda Ibnu Khalduun imala isaa gara Andaluus gochuun teessoo isaa magaalaa Glenada jedhamtu godhatee ture.

Sababii shira magaaalaa kanaaa keesssa jiruuf jecha irra deebiin Afriikaatti deebi’ee Tuuniiziyaa keessatti Qaliit Ibnu Saliimaa magaalaa jedhamtu keessa turtii isaa godhateera. Itti aansuunis kitaaba beekamaa waa’ee barnoota sociology theory haaraa of keessatti qabate barrreessuu danda’ee ture.

Ibnu-Khalduun akka lakkoofsa Hijraa bara 808 biyya Misrii keessatti wagga 78faa isaatti gara aakhiraatti darbe. Bakki awwaalchi isaa Kaaba magaalaa Kaayirootti kan argamu BaB Al-Nas lafa jedhamutti ta’uu isaa seenaan ni agarsiisa.

Qorataaa seenaa kan tahe Wasiim Afiifiin akka jedhutti yoo tahe barri hijraa wagga 50ffaan seenaa Afriikaaa keessatti bara cululuqaa fi ol’aanaa tahe ture. Kunis Afriikaan deemsa olaantummaaa ishee yeroo itti jalqabde turte.

Magaalaan Kaayiroowaan bara 50 akka lakkoofsa Hijraatti ture kan isheen ijaaramte. Uqbaan Afriikaa to’achuufi Islaamummaa babal’isuuf Muslimoonni dhaabbataa haala taheen magaalaa keessa qubatan hundeessuu ture. Sababii kanaafidha Kaayiroowaan hundeessuudhaan Masgiida ijaarsisuun kan jalqabe.

Dabalataanis ji’uma kana baatii Ramadaanaa guyyaa 2ffaa keessa duulli Tuur adeemsifamee ture. Duulli kun kufaatii sulxaaneetii Andaluus tahee seenaa iraatti galmaa’ee jira. Lubbuu baayyee yeroo itti darbeefi kufaatiin siyaasaa yeroo itti qaqqabe ture.

Dursaan isaanii Abdurrahmaan ghaafiqiin duula kana irratti ture shahiida kan tahe.
Duulli kun lolaa Faransaayi kan tahe A Charles Marteliin kan durfamuufi Abdurrahmaan Ghaafiqiin kan durfamu waraana khaliifaa Umayyaa gidduutti ture kan adeemsifame.

Duulli kun kan godhameefi bakki inni itti adeemsifame Faransaay keessatti kan argaman Pooyitersii fi Tuur magaalota jedhaman gidduutti ture.
Afiifiin akka jedhutti baatii ramadaanaa guyyaa 2ffaa bara Hijraa 65ffaatti Abdulmalik Marwaan Khaliifaa Umayyaa tahuun muudameera.

Kana booda ture jeequmsaa fi shororkeessummaan mootummoota biyyoota Muslimaa mudachaa ture xumura isaa kan argate.
Abdulmalik Ibnu Marwaan kan dhalate akka lakkoofsa Hijraatti bara 26 yemmuu tahu; kan guddateefi barumsa isaa kan hordofe Madiinaatti ture.

Itti aansuunis gara Shaam deemuun barnoota amantii wajjin wal qabatan hordofeera.
Qarshii muslimoonni bittaafi gurgurtaa ittiin adeemsifatan isa jalqabaa hojii irra oolchuunis nama dursa karaa bane ture. Kunis; sochii diinagdee uummata Muslimaa keessatti gahee guddaa kan qabu yeroo tahu dinagdee isaanii sadarkaa olaanaa irras geesiseera.
Hirkattummaa dinagdee biyyoota alaa irra ture (dependence on foreign carrencies) jalaas baasuu dandahee ture.

@seyfal_islaam
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
2024/10/01 13:24:19
Back to Top
HTML Embed Code: