Telegram Web Link
Forwarded from Walaloon Jaalala
Leenjii Aartii Gannaa

Odeeffannoo dabalataaf Facebook
https://www.facebook.com/kaachuuYW
Karaa qajeelaa deemuuf
Qophee dalgaa kaawwattaa?
Gadda obboleessa keetiin
Gammachuu lakkaawwattaa?
Dhadhaan dhabe jettaaree?
Teessee utuu raaftuu dhama
Gaarii dacheerra guute
Ati maaf yaadde hamaa?
Bifti wal fakkaatuyyuu
Daakuufi daaraan firaaree?
Riqicha bososaarraan
Laga ce'uun jiraaree?
Dhugaan bultee ho'iti
Akka abidda dibaa
Karaan sobaan darbanis
Galatti nama dhiba!

#Share
@Waloo_Leta
“Akkan hin eegiinitti
Duubaan natti dhuftuu?
Yakkaa maaliin qaba
Maaliif na ajjeeftu?
Guddeelcha gabrummaan
Baachuu dide malee
Buddeena gadhummaan
Nyaachuu dide malee
Gowwoomsaafi fakkeessaan
Kulkulfadhe malee
Dhibee Oromoo koofin
Dukkubsadhe malee
Uummataaf - saba koof
Ta'uu malee hiiroo
Maalan yakke dhiiroo?
Egaa erga gootanii
Egaa erga ta’ee
Maaf lafatti bada
Akka burqaa yaa'ee
Dhiiga koo dhugaa kaa
Yoo siniif sifaa'e!
Maaf lafatti bada
Maafan biyyoof laadhaa
Fooniifi lafee koo
Kukutadhaa nyaadhaa!
Akkuma kaleessaati
Ani har'as hin sobu
Dhiiga tolaa miti
Dhiigni koo inni cobu
Bade hafaa silaa?
Gatii dhabaa silaa?
Lafa dhiigni koo cobetti
Seenaatu biqila
Hadhaba kanatti
Hin haftu dhugaan koo
Dhaloonni lakkaa'ee
Naaf baasa gumaa koo!
Biyyoon na leellisa
Awwaalli na jaja
Oromoo lammii koof
Du'uun naaf kabaja
Ani sodaadhee hin beeku
Kallattii hundattuu
Qallayyoo Hundeessaa
Gaanfuree Guddattuu…"

@share
@Waloo_Leta
Bifti wal fakkaatullee
Daakuufi daaraan firaaree?
Kan bakka jedhetti hafu
Waaqa malee jiraaree?
Okkoteen cabe jedhee
Gingilchaan bishaan baataa?
Gidiraan yoo dheerate
Abdii kutuun furmaataa?
Dubbii akkasii na dhiisaa
Fagootti narraa butaa
Namni Oromoo qabu
kan Oromiyaa qabu
Akkamiin abdii kutaa?

#share
@Waloo_Leta
Dhukkuba ilkaaniitiif
Cinaachi wal'aanamaa?
Gingilchaa urataadhaan
Bishaan ni waraabamaa?
Waraqaa bututerraa
Akkamiin warqee uumta?
Gaafan mataa himadhu
Maaf miila koo sukkuumta?
Natti himikaa yoo beekte
Naaf hin galle akkisaa
Vaasiliinii handhuura dibuun
Madaa garaa fayyisaa?

#Share
@Waloo_Leta
Gaafa gaafa jechaa
Kuullee sassararra
Gaafa gaafa gochaa
Fuullee daddabarra…
“Korma abbaa koo” jedha
Hunduu arraba dibee
Akka jennu hin taanu
Kanatu nu dhibe!
Utuu kan jedhu hunduu
Akka jedhu ta’ee
Silaa uummanni keenya
Qaata rakkoo ba’ee
Bakka garaa ga’e!

#share
@Waloo_Leta
Biyyoo natti facaasaniin
Biqiltuu seenaan dhaaba
Funyoo ittiin na hidhuuf yaadan
Qabadheen tulluu yaaba!
Kobota utuu eeganii
Warqeen natti mogga'a
Adurree ta'ee kufeen
Leenca ta'ee ol ka'a…
Dhamaan itittuu hin jedhu
Buquriidhaanis baaduu
Wanti haadhoo koof hin taane
Naaf ta'a jedhee hin yaadu!
Kallattiin deemsa kootii
Haalaan hin madaalamu
Fuulduran tarkaanfadha
Utuman takaalamuu!

Jaalala Oromummaa malee
Hin kudhaammanne jibba
Adda baafadheen beeka
Hiika ciqileefi jilbaa…
Yaadannoo Baroon dubbisa
Huccuu Taaddeen uffadha
Hangan lubbuun jirutti
Dhugaa Oromoon dubbadha!

#share
@waloo_Leta
Forwarded from Walaloon Jaalala
🖐Yooyyaa harka fuune!🤝
🔥Ijoollee Oromoo hundaaf🔥
✍️Jaal Laggaasaa Wagii challenge🏆
Dorgommii walaloo
📝Ulagaa dorgommichaa:-
👉Walaloo gootummaa Jaal Laggaasaa Wagii ibsu
👉Walaloo seera walaloo eege!
👉Sirna qubee fi Qub-guddeessa eeguu qaba.
👉 Baay'ina keeyyata 3-5 kan hin caallee
Turtiin🕜:-torbee tokko qofaaf
📝Ulaagaan badhaasichaa:- nama walaloon isaa jaalatamummaa olaanaa (like baay'ee) kan argate.
Badhaasa:-
1ffaa:- kitaaba "Atis akka Kee"jedhu kan Yeroosan Tulluu Amanteen barreeffame.
2ffaa:- kitaaba "Wal maleen qofaadha" jedhu kan Ibsaa Lammii Galataan barreeffame.
3ffaa:- Kuufama internetii kan ji'aa 1GB.
4ffaa:Kuufama internetii kan ji'a 500MB.
5ffaa:- Yeroo qilleensaa abbaa qarshii 25.
Carraa gaarii!

Walaloowwan keessa @Yerii_urjii irratti nuuf ergaa

#Share
@Walaloon_Jaalala
Rakkina kee lakkooftee
Hin kutiin funyoo abdii
Ciniinnattee obsinaan
Barri waan baay’ee qabdi…
Dukkana hamaa duubaan
Ifa siif ba’u argita
Lafti jiidhaan yoo dhibes
Dhagaarratti margita!

#share
@Waloo_leta
#Leta

Warrumti kaleessa
Wal wajjin meelate
Haqasaa sarbamee
Mar’umaan eelate,
Warrumti kaleessa
Karaa tokkoon fiige
“Adda hin baanu” jedhee
Maqaa tokkoon dhiige,
Warrumti kaleessa
Caba walii hokkolu
Irree tokkummaatiin
Xiyya diinaa qolu,
Warrumti kaleessa
Xiiqiin lafa jiisu
Ofii wal kabajee
Orma of kabachiisu…
.
.
Michuun afaan tokkoo
Firri gaafa golfaa
Har’a mana taa’ee
Du’a walii kolfa!

#share
@Waloo_leta
Amma feete beeki
Waan feetes qabaadhu
Yoo feete akaayii
Feetes cooma nyaadhu
Aangoo feetes yaabii
Akka feete ta’i
Daangaa feete darbi
Bakka feetes ga’i…

Boodawoo dachee seentee
Foon kee rirmi nyaataa
Maaliif akka nama
Du’aa mo’uu taataa?
Boodawoo “abujadii” uffatta
Suufii dhibba meeqa utuu qabduu golaa
Maaliif gaarii jibbitee
Hamaan sitti tolaa?

#share
@Waloo_leta
Kan safaraan qophaa'e
Lakkoofsi kee utuu jiruu
Qophee sitti hin taanetti
Maaf dhaqxe miila diruu?
Humni kee amma taakkuu
Hawwiin keemmoo dhumdhuma
'Kun kan koo miti' hin jettu
Dhuunfachuu feeta hundumaa!
Akkasiin fagoo hin geessu
Rakkattee nus rakkista
Sababnisaa, isa siif ta'u dhiistee
Isa sii hin taane harkista!

#share
@Waloo_leta
Yartuun haafa cortee
Har'a buluu feetu
Gaafa lafti dhihu
Ni bari'a hin seetu!

#share
@Waloo_Leta
Forwarded from Walaloon Jaalala
Badhaasa Og-walaloo

Oduu gammachiisaa waloowwan walaloo barreessitan hundaaf! Wal dorgommii walaloo garee "Walaloon Jaalala"tin siniif qophaa'e irratti hirmaadhaa.

Ulaagaalee
1. Seeran qubeessuu
2. #WalaloonJaalala fayyadamuu
3. Siyaasa, arrabsoo fi Amantiin kan barreeffame
4. Walaloo haaraa kan mataa keessanii ta'uu qaba.
5. Suuraa qulqullina qaban waliin dhoobuu

Badhaasa
1ffaa kan ba'eef paakeejii intarneetaa 4G fi Kitaaba mata durren isaa "Galfata Seenaa" jedhu
2ffaa kan ba'eef kitaaba mata dureen isaa "Atis Akka Kee" jedhu
3ffaa kan ba'eeef ammoo hongansi garee "Walaloon Jaalala" ni kennamaaf

Sagalee
1. Like fi share'n argattan 70% keessaa qabama
2. Yaadni gaggeessitoota garichaa ammoo 30% walitti ida'amuun kan beeksifamu ta'a.

Guyyaan itti jalqabu
Onk, 15, 2015 /Oct, 25, 2022
Galgala Sa'aatii 3:00

Guyyaan itti dhumatu
Onk, 20, 2015 /Oct, 30, 2022
Galgala Sa'aatii 3:00

Join Fb:-
https://facebook.com/groups/walaloonjaalala/
Dhiiga qulqullootaa
Dhiiga uummata nagaa
Dacheerra lolaastan
Akka bishaan lagaa…

Dhalataa ol adeemaa
Kan bor biyya dhaalu
Lafeen faffacaanaan ollaafi firri yaa’ee
Dhabe waan awwaalu!

Harka isin nyaachise
Biyyoo nyaachiftani
Gadameessa isin baate
Gadda baachiftani!

Gatiin dhiiga nagaa
Dirree gubbaa iyyu
Ni hafa hin se’iinaa
Hin hafu yoomiyyuu…

Lubbuu cicciramtee
Dabaan boolla galtu
Lafarrattis, Waaqarrattis
Inuma kaffaltu!

#Stopbombingcivilians
#Cobii
#NuunnuuQumbaa
#Oromoo
#Oromia
Yoo ofii aannan dhugde
Eenyuuf dhama kuusta?
Yoo ofii tabba baate
Eenyuun laga buusta?
Otuu harki ofii
Dhoqqeefi kosii haruu
Bar-meeqa foon nyaachuuf
Taa'anii ilkaan qaruu?
Namni farda yaabe
Maaf abaara lafa?
Yoo fardarraa kufe
Qilleensarratti hafaa!?

#Share
@Waloo_Leta
“Atis dhuftee adeeroo?
Guddaa angafa koo
Qooree jiraa laata
Imimmaan saba koo?
Qeerroofi qarreen biyyaa
Maal sitti dhaamanii?
Gumaa koo baasanii?
Siidaa koo dhaabanii?
Gaaffiin Oromoo koo
Inni waggaa dheeraa
Erga ani deemee
Deebii argateeraa?”


#Share
@Waloo_Leta
Ammuma boossee
Amma kolfita
Amma ho’itee
Amma qorrita
Qoraan xiqqoodhaan
Diimattee gubda
Ammoo deebitee
Awwaara dhugda…
Si waraananii
Onnee si dhiigsu
Qirqidaniimmoo
Si kolfisiisu!

#Share
@Waloo_Leta
2024/06/26 03:52:03
Back to Top
HTML Embed Code: