"Itiyoophiyaan caasaa taarifa haaraa Ameerikaan dhiheessite ni fudhatti" Ministeera maallaqaa
Mootummaan Itoophiyaa murtee Pirezidaantiin Ameerikaa caasaa taarifaa haaraa irratti baasan akka fudhattu ministeerri maallaqaa ibseera.
Caasaan Taarifaa haaraa kun hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii cimsuu fi al-ergii Ityoophiyaa guddisuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibseera.
Itiyoophiyaan wiirtuuwwan omishaa gurguddoo kanneen akka Veetnaam fi Baanglaadeesh waliin akka dorgomtuuf carraa gaarii kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaa irratti qaraxa %10'n irraa kaa'ameera. Kunis al-ergitootaaf kaka'umsa guddaa ta'a" jechuun ministirri kun beeksisaniiru.
"Kun ammoo oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa Ameerikaa keessatti gatii dorgomaa taasisuudhaan fedhii fi invastimantii ni dabala jedhamee eegama," jedha barruun Kaappitaal.
@tikvahethafaanoromoo

Saffisni baabura Itiyoo-Jibuutii sa'aatii tokkotti gara 60km ol guddate
Tajaajilli Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii saffisi baaburaa sa’aatii tokkotti kiiloo meetira 37 ture irraa gara kiiloo meetira 60tti ol guddisuu isaa ibseera.
Tajaajilli geejjibaa baaburaa Itiyoo-Jibuutii tibbana lakkoofsi imala guyyaatti taasisu lama irraa gara saddeetitti ol guddisuu isaa fi saffisni baabura kanaa sa'aatii tokkotti kiiloo meetira 37 irraa gara kiiloo meetira 60tti ol guddachuu Waldaan Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii ibsaniiru.
Saffisni baabura kanaa dabaluu isaatiin hawaasni daballii saffisaa taasifame hubachuu dhabuun balaadhaaf saaxilamaa akka jiru eerameera.
Kanaaf, jiraattonni naannawa sarara baaburaa Itiyoo-Jibuutii jiran saffisi baabura kanaa kan duraan ture irraa dabaluu hubachuun of eeggannoo akka taasisan waldichi hubachiiseera.
Waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo-Jibuutii kaffaltii beenyaa kanaan dura yeroo balaan qaqqabu kennamaa ture dhaabuu isaas beeksiseera.

Xannachi Kiiloogiraamni 26 tajaajila baqaqsanii yaaluun haadha tokko keessaa bahe
Hoospitaala Riiferaalaa Yuunivarsiitii Ambootti xannachi kiiloogiraama 26 ulfaatu tajaajila baqaqsanii yaaluun haadha tokko keessaa bahuu danda'eera.
Xannachi “ovarian tumor” jedhamuun beekamu kun haadha umurii waggaa 60 keessaa tajaajila baqaqsanii yaaluu guyyaa kaleessaa gaggeeffameen bahuu ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.
Haati kun waggaa 15'f dhukkuba kanaan rakkachaa turuufi yeroo ammaa fayyaa gaariirratti kan argaman ta’uun ibsameera.

#Exit_Exam
Ministeerri Barnootaa qormaata bahumsaa ykn "Exit Exam" barattoota hin darbineef guca waraqaa ragaa qopheessee dhaabbilee barnoota olaanoo hundaaf ergeera.
Dhaabbileen barnoota olaanoo qormaata bahumsaa Waxabajjii bara 2015 irraa kaasee barattoota isaanii Digirii jalqabaatiin eebbifamuuf kaadhimamaniif kennaa akka jiran ni yaadatama.
Bu'uura qajeelfama qormaata bahumsaatiin bu'aan qormaata bahumsaa Sartafikeetti barattootaa(Temporary Degree) irratti ykn Tiraaniskiriiptii irratti darbeera (Pass) ykn kufeera (Fail) jedhamuun akka ka'amu Ministeerichi ajajeera.
Kanaanis barattoonni qormaata bahumsaa hin darbine koorsiiwwan kennaman xumuruu isaanii kan mirkaneessu Sartafikeettiin kan isaaniif kennamu yoo ta'u, 'Temporary degree' ammoo kan kennamuuf barataan ykn barattuun sun qormaata bahumsaa sana irra deebiin fudhatee/ttee qabxii darbiinsaa yeroo fidaniidha.

Lammiileen 3,400 Saa'ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi'an
Lammiileen Itiyoophiyaa Saa'ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 3 fi 400 gara biyyaa deebi'aniiru.
Bitootessa 3, 2017 eegalee hojii marsaa 4ffaan lammiilee kuma 50 gara biyyaa deebisuuf eegalameen hanga ammaatti lammiileen kumni 12 fi 317 gara biyyaa deebi'uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul'isa.

#Update
Obbo Geetaachoo Raddaa galateeffannaan dhiyaateefi aangoo irraa kaafaman.
Waggoota lamaan darban hogganaa bulchiinsa yeroo Tigraay ta'uun kan tajaajila turan Obbo Geetaachoo Raddaa sirni galateeffannaa dhiyaateefi aangoo irraa kaafamuun ibsameera.
Muummichi ministeera Abiy Ahimad(Dr.) obbo Geetachoo Raddaa waggoota lamaaf bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'uun gumaacha godhaniif galateeffannaa dhiyeessaniifi jiru.
Muummichi ministeera, akkaataa waliigaltee nagaa Piritooriyaatiin waggaa lamaaf bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'uun gumaachaa taasisaniif galateeffatanii jiru.
Keessattu obbo Geetaachoon nageenyi dhufe akka itti fufuuf of eeggannoo guddaa fi hoggansa taasisaniif mootummaan Federaalaa beekkamtii akka kennu hubachiisaniiru.

Jeneraal Taddasaa Warradaan Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’uun muudamanii jiru.
Jeneraal Taddasaa Warradaan waggoota lamaan darban itti aanaa bulchiinsa yeroo fi hogganaa sekeetara kaabinee nageenyaa fi Tasgabbii ta'uun tajaajilanii jiru.
@tikvahethafaanoromoo
Jeneraal Taddasaa Warradaan waggoota lamaan darban itti aanaa bulchiinsa yeroo fi hogganaa sekeetara kaabinee nageenyaa fi Tasgabbii ta'uun tajaajilanii jiru.
@tikvahethafaanoromoo
Somaaliyaan lammiilee ishee waraqaa eenyummaa biyyaalessaa hin qabne tajaajila mootummaa akka hin arganne beeksiftee jirti
Muummichi ministeera Somaaliyaa Hamzaa Abdii lammiileen waraqaa biyyaalessaa akka baafatan jajjabeessuuf yeroo tajaajila mootummaa fayyadaman waraqaa eenyummaa biyyaalessaa agarsiisuun dirqama akka ta'e ibsaniiru.
Muummichis, waraqaan eenyummaa biyyaalessaa kun eenyummaa nama dhuunfaa adda baasuufi gocha burjaajessu akka hir'isu ibsaniiru.
Source: The Eastleigh voice
@Tikvahethafaanoromoo