Telegram Web Link
Forwarded from Waldaya Primary School
Guyyaa 03/09/2015 [11/05/2023]
@Waldayaprimaryschool
Mana Barumsa Sad. 1ffaa Waldayaatti hojiileen adda addaa hojjetamanii jiru.
Hojiilee kana keessaa muraasni kan armaan gadiiti.
Nyaanni barattootaa karaa guutuu taheen kennameera.
Barattoota TOP 20 kutaa 8ffaaf qorumsi shaakalaa kan addaa gosa Barnoota English fi Afaan Oromoo kennameera.
Odeeffannoo dabalataaf
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇🏿
https://m.facebook.com/waldayaprimaryschool hordofaa
https://www.tg-me.com/waldayaprimaryschool itti makamaa!!
#Waajjirri Barnoota Aanaa Shanan Dhuuggoo gamaaggama raawwii hojii duubdeebii bobbaa ,kurmaana 3ffaafi qophii karoora hojii bara 2016 guyyoota sadiif gaggeessu eegale

Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggootti gamaaggamni raawwii hojii kurmaana 3ffaafi qophii karoora hojii bara 2016 akkasumas duubdeebii bobbaa ogeeyyii waajjira barnootaa suparvaayzarootaa dureelee manneen barnootaafi ogeeyyii waajjiraa hirmaachisee guyyoota 3'f gaggeeffamu eegaluun himame.

Gamaaggamichi bakka ittigaafatamaan waajjira barnootaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Obbo Husseen Jamaaliifi Itti Aanaan waajjira barnootaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Obbo Hayiluu Nugusee argamanitti gaggeeffamaa kan jiru yoo tahu, ittigaafatamaan waajjira barnootaa aanichaa Obbo Husseen Jamaal hojiilee hojjataman ilaalaa deemuun ciminoota mul'atan itti fufsiisuufi hanqinoota mul'atan furuuf kallattii fuula duraa kaa'uun hojii baruufi barsiisuu milkeessuuf murteessaadha jedhan .

Ittaanaan Waajjira barnootaa aanichaa Obbo Hayiluu Nugusee rakkoo baruu barsiisuu bu'uurarraa furuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qaamoonni hundi tumsu akka qabanis dhaamaniiru.

Gamaaggama keessatti gabaasni raawwiin hojii duubdeebii bobbaa ogeeyyiin waajjira barnootaa manneen barnootaa aanichaatti gad bu'amee gaggeeffamaa ture wal duraa duubaan dhihaachaa kan ture yoo tahu,Hirmaattoonni qooda fudhattoonni gamaaggamichaa gabaasa manneen barnootaa dhihaaterratti mari'achaa kan turaniidha.

Gamaaggamichi kan ittifufu yoo tahu, gamaaggama keessatti gabaasa dhihaate ilaaluun ciminootafi hanqinoota adda baasuun cimina argame ittifufsiisuun hanqinoota mul'ataniif kallattiin fuulduraa kan kaa'amuudha.
Komunikeeshinii Aanaa Shanan Dhuuggoo
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
FAARUU Barnootaa Education Songs
Forwarded from Oromia Education Bureau
Grade 2 TB.pdf
114.9 MB
Kitaaba Afaana Oromoo kutaa 2ffaa
Forwarded from Oromia Education Bureau
Grade 4 TB.pdf
152.6 MB
Kitaaba Afaan Oromoo Kutaa 4ffaa
Forwarded from Oromia Education Bureau
Grade 6 TB.pdf
8.9 MB
Kitaaba Afaan Oromoo Kutaa 6ffaa
2024/09/27 22:41:31
Back to Top
HTML Embed Code: