Telegram Web Link
#SHARE #SHARE #SHARE #SHARE

BU'URA BORUU: Walaloo

Yaa Mana barumsaa
Yaa bu'ura boruu
Malkaa daa'immanii
Abdii iitti soorruu
Ijaarsi yoom galmaa
Galmaa'uun haa barruu
Misooma barnootaan
Biyya haa ijaarruu (×2)

Bu'ura boruutiif
Man-barumsaa hundeessaa
Egeree biyyaatiif
Daa'imman hiriirsaa
Hiree biyyoolessaa
Isaantu murteessa
Daawwitii hegeree
Barnootaan gahoomsaa (×2)

Daa'imman guddattuu
Warra rakkoo furuu
Ogeeyyii diinagdee
Ogeessa boruu
Imaanaa hegeree
Beekumsaan haa qarruu
Biyya of dandeessee
Tumsaan haa ijaarru (×2)

Bu'ura hegeree
Wabii biyyoolessaa
Ol-adeemoo gorsaa
Barnootaaf miiressaa
Boru biyya dhaaluu
Beekumsaan gahoomsaa
Icciitii guddinaa
Barnoota misoomsaa (×2)

Bu'ura boruutiif
Tajaajila Lammummaan tumsaa
Dirree ifaa jiruu
Ijaarsa diriirsaa
Mirgaa fi dirqamallee
Eegaa madaallisaa
Daa'imman baradhaa
Maatiiniis barsiisaa (×2)

Imalli qaroomaa
Barnoota daandiinsaa
Lammiin hin barannee
Yoom biyyasaaf tumsaa
Ba'aa biyyaa ta'ee
Guddina qancarsaa
Wallaalli dukkanaa
Baraa wal-barsiisaa (×2)

Xombora doofummaa
Barnoota leellisaa
Humna abdii borii
Daa'imman barnootaaf qopheessaa
Barnootni qabeenyaa
Bu'ee hin badu tasaa
Bara humna dhaban
Hirkoo fi gaaddisaa (×2)

Beekumsa goonfachuuf
Ka'i wal-kakaasii
Labata hegeree
Barnootaaf hiriirsii
Bu'ura Boruutiin
Dhalootaa daa'immanii
Barnootaaf qopheessii
Galma badhaadhinaa
Barnootaan dhugoomsii (×2)
Aanaa shanan dhuuggoo mana barumsa xaaxeetiitti.
Guyyaa 02/10/2014tti Duula Ashaaraa magariisaa milkeessuuf mana barumsa xaaxeetitti barattootaa fii barsiisoota m/b tiin boolli biqiltuu 1000 ol qotameera
Forwarded from Hussien Jemal
Supp. fi Duree keenya hundaaf:-Ijaarsa Bu'uura Boruu dizaa'ina kanaan ala Kan ijaaran fudhatama hin qabu.dizaa'ina kanaan ijaaraa.
Forwarded from Hussien Jemal
Ijaarsi bu'uura Boruu dizaa'inii fi halluun Isaa kana.
Forwarded from Hussien Jemal
2024/09/28 04:21:57
Back to Top
HTML Embed Code: