Telegram Web Link
Uffata akkaa barbaadduu osoo uffattuu ...
imaani Onneeni hin jedhiin...😏
👉 jechii kee kuni fknf waraqaa qormaata keetii osoo homaa irratti hin hojjaatin yoo kennitee... barsiisaan si qoruu maali yoo sin jedhee "beekkumsi sammuuni " akkaa wan jetteeniti ...
qena jedhi uktii keessii kee yoo sirraa,e shakkii takka malee duubni keetis hin sirraa,a ture...



Galatoomi
✍️ Qoy dhaloonni ammaa kuni hedduun isaa maa waan saalfanne…!? maaltu akkanatti adaba irraa fuudhe…!!

👉🏼 Ila….beekkumsa xiqqoos qabaattu adaba biraa qabaannaan…adaba kee santu beekkumsa kee xiqqoo sana siif dhoksa….garuu hanga feete beekkumsas qabaattu namaaf adaba hin qabdu taanaan..beekkumsi kee amala gadhee kankee sana dhoksuu hin danda’u…
Lamaanuu wal bira qabaannaan dureessi si caale hin jiru…lamaanuu jiga dhabnaan, hiyyummaa hiyyummaa caalte keessa jirtaa beeki…!!

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Dhiisi ha jiraatu ilmii nama guyyaa tokkoo kuftee si kaasu malaa...
👉 Maf wal waanyina Silaa rizqiin keenya rabbii harkaa...🤔
👉 wal hin waanyina wanyoon nyaara ijaati hin guddattuu yomuu Osoo obboleessaa kee kuffiisuuf deemtu ufif kuftaa... si'i isa nama waanyu ...🫵
👉 Guyyaa nama kuffiisuuf yaaltu dhumaa irraati isa osoo hin taane situ kufaa beeki ...yoo guddatuu feete yoo iddoo gaarii gahuu barbaadde nama hin waanyin ...

🌹 guyyaa nama ijaartu, guyyaa nama gargaartu ,guyyaa gaarii obboleessa/ttii keetif yaaddu hamtuun sin muudatu mataa keetif wan gaarii dalagataa jirta beeki gaarii ta,uun ufumaafi.
👇
هَل جَزَآءُٱلإِحسَٰنِ إِ لَّا ٱلإِحسَٰنُ
Sila midaan toltuu toltuu malee ni jiraa?
[Ar-Rahmaan 60]

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
الیوم یوم الجمعة....فأکثرو من صلاة علی النبی......
《☆☆ان الله وملاءكته يصلون على النبي يآيهاالذين آمنو صلو عليه وسلمو تسليما♡♡♡》
Guyyaa boruu sagantaa addaa isiniif qabadhee dhufaa jira Inshallaah….

Wantoota 12 kan ilmi namaa harka caalu ittiin sobamee fi sobamaa jiru…waan jireenyaa keenya hedduu balleesse wahii…waan qabatamaan amma jiru…jiraatus……

Seenaa👇🏻Subscribe

https://youtube.com/@tafakkurmedia2709?si=whamAgiItODfWK03
☆☆﷽☆☆
#اذکار النوم😴
■Zikrii halkanii jechuudhaan hirriba keessan banadhaa... waan irratti raftan ... laalladhaa.. eeggadhaa.... irra hedduun keennaa waan hin taane osoo laalluu rafnee nutti bari'a kuni immoo... mallattoo goggogina qalbiitirraahi...
●kanaaf zikriiwwan hedduutu jira.. haga isaan jettee geessitutti hirribni kee ni dhufa... waan hin taane irratti raftee.. ni kaata moo achiin haftaa kee hin
beeytuu.. of eegi


https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Wantoota kana sadeen akka hin dagannee. Isaanis:

1) Yoo Rabbiin tola sitti oole..yeroo hundaa qananii isaa irratti isa faarfachuu ykn Alhamdulillaah jechuu..
إذا ظهرت عليك نعمة ؟ فأحمد الله..
2) Yoo jireenyi sitti hammaatte ykn rizqiin tantee yeroodhaaf sirraa turte…istigfaara heddummeessuu ykn Astagfirullaah jechuu…
وإذا تأخر عليك رزق ؟ فاستغفر الله..
3) Yeroo rakkattee fi cinqaa keessa jirtu gara isaa deebi’uu ykn Laa howla walaa quwwata illaa billaahi jechuu hin dagatin…
وإذا أصابتك شدة ؟ لا حول ولا قوة إلا
بالله..

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Gorsa bareedduu takka isin gorsuu laata….


Isinitti tolaa….✍️
Gaafa tokko siif gala…..!!

✍️ Wantoonni addunyaa kana gubbaa jiran hunduuu itti gadduu; itti aaruu fi sheenahuudhaaf akka haqa hin godhanne gaafa tokko siif gala…!!
✍️ Osoo jireenya keenya kana xiinxallinee, wantoonni jireenya keenya booressan; wantoonni gammachuu keenya gaddatti geeddaranii fi keessa keenya boqonnaa dhoorgan…Akkasuma irra hedduun wantoota tasgabbii nu dhoorkanii….harki caalu wantoota xixiqqoo gatii hin qabneedha….!!
✍️ Waan xiqqoo takkaaf halkan guutuu hirriba dhabnee bulla. Fkn:

👉🏼 Nama tokko harka hedduu irra deddeebitee bilbilteefii yoo sirraa kaasuu dhabe..boodas yoo siif deebisuu dide…😡
👉🏼 Meeshaa wahii sirraa ergifatee ykn mallaqa sirraa liqeeffatee yoo gidduudhaan dagate…😡
👉🏼 Nyaata sooqiddi irra tareef ykn hanqateef nama aaraa oolu…🤔
👉🏼 Meeshaa bituuf suuqii takka seentee..Meeshaa argattee wayta warri meeshaa irraa bitte sharafa dhabu…rifeensi kee si dhaabatu🤔
👉🏼 Sihii imala deemuuf uffata bareedaa fi qulqulluu tahe wahii uffatee taa’utti jiruu…Yoo daa’imni kee dhufee harka nyaataatiin si lallaaqe…guyyaa guutuu bobahaa ooltu 🤔
👉🏼 Osoo haati waa nyaataa jirtu..daa’imni ishee aanan guutuu wayta afaa irratti garagalchu….🤔
👉🏼 Sihii mana qulqulleessitee sirreessitee wayta ijoolleen tantee daqiiqaa keessatti balleessitee waliin geettu…🤔
Fkn hedduu kaasuu dandeeasa…

Mee amma kunniin nama aarsaa Rabbii jedhaa…😁

✍️ Hardha booda wantoonni xixiqqoon akkanaa tunniin jireenya kee akka hin booressine..ykn humna kee akka hin buusne….!!
Hardha booda wantoota xixiqqoo tanaaf akka bakka hin kennine…wantoonni gurguddoon si eeggatan hedduu waan jiraniif….

Yoo sitti tole👇🏻 share godhaa galatoomaa

https://www.tg-me.com/tafak_or
☆☆﷽☆☆

#HIN #AARIN?! .....😡

#لا تغضب.....😡؟!
Ahbaabii jechi tun jechuma qaldii fakkaatti garuu...
faayidaa guddaa qabdi... nama itti fayyadameef...
miidhaa guddaa nama miiti.. nama itti fayyadama isii wallaalee..
#aaraa ooluuf....
Mee seenaa tana na waliin bohaaraa......
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
■Gaaf tokko Namni akkaan aaru tokko... keessummaa ta'ee mana namaa dhufe. "Marhaban😊"jedhanii qeebalaniinii.. iraanni qophaa'e sana booda .... Abbaa manaa , haadha manaa, fi keessummichi waliin iraata nyaatutti seenan... osomaa nyaatanii haadha manaatiifi abbaan manaa xiqqoo afaan walitti badan( wal arrabsan.. /wal lolan) eegasii abbaan manaa ka'ee haadha mana isaa tumuu eegalee( abbaa irree fakkaata😁) .. sana booda keessummichillee nyaata irraa ka'ee abbaa manaa waliin isii tumuu eegale🤔.
Haaaa..." ani silaa jaartii tiyya tumaa jiraa ... ati addaan nu qabuufuu.. na waliin isii tumtaa????!!!"jedheen abban manaa....
keessummichis deebi'ee akkana jedheen..... "bar obboleessoo... waan kana harka, harkaan fixnee.. nyaata keennaatti
deebi'uufi😄😄!! jedheen....
kanaaaf ati bakka deemtuu fi teettu maratti tasgabbaa'aa namaa ta'i..... ykn kunoo akkanatti jaartii namaa tumta... 😁
Ee miskiina wlh... kanaaf

💎hin aarin .... Aarin bakka hintaane si dhaabdi...
💎
#hin aarin aariin gad aanaa namaa si gooti.
💎
#hin aarin... Aariin nama biratti jibbamaa namaa si gooti...
💎walumaa galatti....
#AARIIN... gocha nabiyyiinﷺ irraa si dhooggee fi waan jiruu teetiitti gufuu ta'u irraa si fageessani....salawaatu rabbii wasalaamuhuu alyhi...
share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Qabeenya ilma namaa keessaa inni mataan ykn guddaan sammuudha….!!
☆☆☆﷽☆☆☆
#کل الناس یغدو......
Namni martuu ni bariisifata....
●gariin lubbuu isaa bita..jahannam jalaa..hojii gaggaarii dalagee...
●gariin lubbuu isaa halaaka..jahannamitti..
eega bariisifatee hojii hamtuu taate dalagee.....
kanaaf lubbuu tee bitaa jirta moo halaakaa jirta..eega bariisifattee...ammuma of laali....

https://www.tg-me.com/tafak_or
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
✍️ Post kankee; suuraadhan kankee; text fi xalayaadhan kankee; haasaa fi barreeffama kankee…akkasuma sagalee yaamicha bilbila kee irra deddeebi’ii toohdhu mee….!?
Wanti hunduu si ilaallata…wanti hunduu jireenya kankee kan boruun wal qabata….!!

Ergasii jecha hayyuu keenyaa Imam Ashaxibii xiinxlli…;
« Nama erga inni du’ee badiin isaa isuma wajjiin duuteef jannatatu jira…Azaabni dheeraan nama erga inni du’ee, badiin isaaa isa booda waggaa 100 ykn 200 turuudha…isimaan qabrii keessattis qixaatama…hanga isiin asirraa baddutti irraa gaafatama….»
"طوبى لمن مات وماتت معه ذنوبه، والويل الطويل لمن يموت وتبقى ذنوبه مائة سنة ومائتي سنة، يعذب بها في قبره ويُسأل عنها إلى انقراضها.

Keessattuu warri Facebook; TikTok fi YouTube qabdan…warroonni Chanala adda addaa qabdan dhaamsi kun keessatti isin ilaallata……galatoomaa

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Qabeenya, haala jiruuf jireenyaaa fi fayyaa keessatti nama sii gadi jiru ilaali…!
Diinii, beekkumsa, haalaa fi amala keessatti nama sii ol jiru ilaali….
✍️ Nama sirraa uf dhiibutti dhihaachuuf hin kajeelin…salphinnaa fi xiqqeenyaan biraa deebita waan taheef…!!
Nama si barbaadurraahis uf hin dhiibin…gosoota dhala namaa miidhan keessa ooltaa…Nama sitti kalaahurraa fagaachuun gaarummaa dhabuu kee muldhisa…!!
✍️ Iccitii silaa sirritti dhoksuun sitti dirqamaa…obboleewwan kankeetis taatu kan biroottis baastee hin facaasin…maaf nama iccitii koo naaf eega jettee yaaddu..nama nama hundaa ol sitti dhihaatus hin tahin….!!
✍️ Seera “dirqama yaanni koo fudhatamuu qaba " jedhuunis nama hin gorsin..!
Seera yaamichi koo awwaatamuu qabaanis manguddummaa hin deemin…Seera galata namarraa argadhaatiinis baastee namaaf hin kennin….

Garuu isa caalu fayyadamuudhaan deemi…hanguma dandeesseen xiyyeeffannoon kee guddaan ergaa dabarsuu, nama walitti araarsuu fi gaarii hawaasa keessa faffacaasuu haa tahuu…
✍️ Yoo nama tokko gorsuuf yaadde, ol baastee osoo hin taane iccitiidhaan gorsi…hawaasa keessatti dirree baaftee osoo hin taane, mana keetitti affeerii gorsi…kallattii kanaan deemtee yoo galuufii dide garuu quba itti qabuunis, badheetti wal baasuunis bareeduma….!!

Galatoomaa….!!
Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Gaazaa keessatti hanga hardhaa…..👇🏻

October7 irraa kaasee hanga hardhaatti…:
Namoonni 40786 shahiidaniiru…kan miidhaan itti qaqqabe immoo 94224….
Kan biyyaa baqatee fi kan bineensaan nyaatame…kan beelaan dhume hoo meeqa laata?!

Allaah….Birmannaa kee🤲🏿
Aljeziraa irraa
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/26 23:17:22
Back to Top
HTML Embed Code: