Telegram Web Link
✍️ Yoo ati guddisa ilmaan keetii irraa busy uf goote/ jaatanoofte nama isaan balleessuuf qofa taa’ee carraa eeggataarutu jiraa beeki…..!!
اللہم صل وسلم وبارك علی نبینا محمد وعلی آله وصحبه وسلم....♡♡♡♡
#SALAWAATA HEDDUMMEESSAA HALKAN JUM"AA... 🌹🌹
Barressan Jafar Beyan Ahemed
Heddumina followers jechuun haqarra jiraachuu hin agarsiisu. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e guyyaa qiyaamaa Nabiyyii namni tokko qofti itti amanee fii Nabiyyii namni hundi isa didee kophaa dhufuutu jira.

Channal ronaldo guyyaa takkatti nama miliyoona hedduu subscriber godheef. Nama miliyoona 10 oli. Kana hunda gabaasa jaallan facebook godhanirraa agarre.

Nabiyyii kophaa dhufu sanii fii ronaldoo walitti laali. Chaanaala barsiisaa tahan kan amantii fii ka wallisaa walitti laali. Chaanaala qur'aanaa fii ka muzziqaa walitti laali.

Followers isaa miliyoona 20 miti biliyoona osoo tahe ronaldoon, qabeenya isaatii wajjiin yoo osoo hin amanin du'e warra ibiddatti. Nama muslimaa ka tohwiidatti nama yaamu ka followers 10 hin qabneetu Rabbi biratti nama hin amanne hundarra caala.

Kana hunda booda aayaata tana yaadadhu

﴿لا خَيرَ في كَثيرٍ مِن نَجواهُم إِلّا مَن أَمَرَ بِصَدَقَةٍ أَو مَعروفٍ أَو إِصلاحٍ بَينَ النّاسِ وَمَن يَفعَل ذلِكَ ابتِغاءَ مَرضاتِ اللَّهِ فَسَوفَ نُؤتيهِ أَجرًا عَظيمًا﴾ [An-Nisā’: 114]

﴿وَما أَكثَرُ النّاسِ وَلَو حَرَصتَ بِمُؤمِنينَ﴾ [Yūsuf: 103]
﴿المر تِلكَ آياتُ الكِتابِ وَالَّذي أُنزِلَ إِلَيكَ مِن رَبِّكَ الحَقُّ وَلكِنَّ أَكثَرَ النّاسِ لا يُؤمِنونَ﴾ [Ar-Ra‘d: 1]

﴿فَأَقِم وَجهَكَ لِلدّينِ حَنيفًا فِطرَتَ اللَّهِ الَّتي فَطَرَ النّاسَ عَلَيها لا تَبديلَ لِخَلقِ اللَّهِ ذلِكَ الدّينُ القَيِّمُ وَلكِنَّ أَكثَرَ النّاسِ لا يَعلَمونَ﴾ [Ar-Rūm: 30]

﴿وَما أَرسَلناكَ إِلّا كافَّةً لِلنّاسِ بَشيرًا وَنَذيرًا وَلكِنَّ أَكثَرَ النّاسِ لا يَعلَمونَ﴾ [Saba’: 28]

Aayaatoonni hedduun tana malee jirtu ilmi namaa irra hedduun wallaalaa, haqa didaa, baaxilaaf tumsaa akka tahe akeekti.

Heddumina osoo hin taane iimaana ka nagaya nama baasu

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
‏﴿ إن الله وملائكته يصلون على النَّبِيِّ ياأيهاالذين آَمَنُواصَلُّواعليه وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا ﴾


اللَّهُــمَّ صَلِّ وَسَـــلِّمْ وَبَارِكْ على نَبِيِّنَـــا مُحمَّدﷺ🌸
#Isin_kabajamtoota

✍️ Namni kabajaa fi ulfinna qabu yeroo kamuu keessa kee si buta…!!
Kabajaan nama boojiti…namni kabaja siif qabu waa hedduu keessatti sakaalee si booji’a…
Yeroo kamuu namni kabajamaan nama hunda caala onnee tantee si harkisa…
👉🏼 Nama arrabaa fi sammuun isaas kabajaa irratti guddattetu kabajamaa namaati…!!

✍️ Kabajamaa namaa jechuun :

Isa wayta dogoggore dhiifama nama gaafatu…
Kan osoo waan sirraa barbaadu sin gaafatin dura dursee hayyama si gaafatu…!
Nama yoo ati deeggarsa isaaf goote…deddeebi’ee si galateeffatu…!
Nama harkaa fi kennaa dura seequudhaan dursee si simatu…
Nama gatii ati qabdu beekee..gatii siin madaalu siif kennu….!
Nama lubbuu tantee waa hundaa ol kabaju….!!

Namni nama kabaju Yeroo hundaa kabajamaadha….!!

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Tajwiida kitaaba
السلسبيل الشافي
Jedhu eegallee jirra….
Seera Tajwiidaa sirritti barachuu warroonni barbaaddan
Seenaa kitaaba kana hordofaa


Subscribe 👇🏻

https://youtube.com/@tafakkurmedia2709?si=alwpCLP_z6XJmDQ1
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Itti isiniif dabaluu laata…..🤔



Hin dabalu ni nuffitu/hifattuu😁
‏﴿ وَالصُّبْحِ إِذَا تَنَفَّسَ ﴾

✍️ Rabbiin barii guyyaa hardhaa tana keessa…
Balbala Rahmataa isiniif haa banu…Rizqii bareeda bakka isin hin yaannee isiniif haa kennu…..🤲🏿
Namoonni umrii 20 gadi jirtan hunduu na dhageeffadhaa…:

✍️ Yeroo keessan harka caalu social media gubbatti gubaa hin oolinaa…Umrii keessanitti hin taphatinaa…!
👉🏼 Ee beekkamaadha account kankee kan ati banattee irratti waa post gootu, ilmii adda addaatiin hawaasa fayyaduus dandeessa…garuu waan san caala nama yaachisutu jiraa na dhageeffadhu:👇🏻

Qur’aanaan busy tahuu, Sunnaa Rasuulaa (SAW) fi ilmii barachutu social media gubbaatti waa barreessuu dursa…!
Kanaafuu umriin kankee umrii waa keessa sammutti waa kuufattu; umrii keessa waa dubbistu; umrii keessa barnoota adda addaa hordofuun sammuu kee gabbifattu…
Miidiyaa yeroo kamuu ni dhaqqabda…garuu sammuun tantee tan waraqaa caala qulqulluu tuni…waan hin taaneen gaafa guutamte…gaafa guddatte sirreessuun gatii si gaafata….!!
Kanaafuu barnoota kankee gosa hundaa duuka buutee hordofutu…namoota hin beekne jala osoo follow gootu umrii kankee gubuu caala si fayyada..!
Ammarraa barnootatti jilbiifadhu…waa dubbisii sammutti waa kuufadhu…umrii kankee keessaa stage ati amma irra jirtu kun waa hundaa ol qaaliidha…warqee qabdu kanaan hin qoosin…!
Waa hundaa ol irratti xiyyeeffadhu…gaafa wahii osoo hin gaabbine ammuma dhaqqabadhu….!!

Galatoomaa…waliif raabsaa…!!

https://www.tg-me.com/tafak_or
☆☆﷽☆☆

اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎♡♡♡
#MAALTAATE IMMOO.. ?! 🤔
#MAALIIF AARTE..... ?!😡
🪵haga rabbiin jiru homaa hin taatu... hin
#aarin...
🪵 rabbiin immoo yeroo maraa jiraataadha... 🥰
🪵Kanaafuu haga jiruu teetii homaa hin taatu jechuudha..... 😊
#ALHAMDULILLAH🌹jedhi mee na duuka.... #ALHAMDULILLAAH🌹
#Mee... mee... seeqadhu.... 😄😊..................️
abshir rahmata rabbii irraa garaa hin muratin..... garuu badii daleydee isarraa of hin fageessin.... tolee... 🤝
share.... 👇

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Ati ufii keetii uf dhaamsite taanaan…osoo ifaa addunyaa guutuullee ibsanii si ibsuu hin danda’u….!!

Ufumaa keetii ifaa ufiif tahuu qabda….okay 👌
✍️ Yeroo cinqamte ykn rakkatte nama yaamattu sirritti addaan baastee beekuu qabda…sababnisaas namni hundi yaamicha kee sijalaa hin awwaatu waan taheef….!!

﴿وَلَقَد نادانا نوحٌ فَلَنِعمَ المُجيبونَ﴾


Allaah hoy…🤲🏿

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
#Jireenyi_tun…….🤔

✍️ Jireenyi yeroo hunda salphaa miti…garuu yoo hanguma Rabbiin siif kenne sana jaalatte siif salphachuu dandeessi…!
✍️ Namni Rabbitti hin amanne ba’aa jireenyaa tana akkamitti akka ufitti salphisuu danda’u hin beekne garuu….!, maaliin ufirraa salphisaanis gaafii natti taha…!
👉🏼 Nuti garuu…jireenyi hammaattus, salphattus hunduu keeyriif akka tahe hubanna…kanatu keessa keenyaaf boqonnaa kenna….!
Yoo hammaatte ni obsina…yoo nuuf laafte ykn gammachuu taate…galata Rabbiin galfanna…hunduu nuuf keeyriidha. Hunduu nuuf mindaadha.
Namni akkuma isheen jirtutti jaalate jaalaluma argata…namni jibbes jibbama argata….Rabbiin keenya gara laafessa, Rahmata qabeessas….!!

Rabbiin nuuf haa laaffisu….!!
Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Hogganaan Telegiraam Faransaayitti to’atame

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC)-Hogganaan miidiyaa hawaasummaa Telegiraam Paaveel Duuroov Faransaayitti to’annoo jala oolfamuun gabaafame.

Miidiyaalee Fayansaay wabeeffachuun BBC’n akka gabaasetti, Paaveel Poolisii Faransaayiin kan to’atame, xiyyaara dhuunfaa isaan buufata xiyyaaraa Lee Burgee jedhamu wayita qubatutti ta’uun eerameera.

Sababni to’atamuu isaas telegiraamiidhaan yakki raawwatameera jedhamuun ajaja akka to’annoo jala oolfamu irratti ba’een akka ta’e Poolisiin ibseera.

Raashiyaatti kan dhalate, abbaan qabeenyaa kun lammummaa Faransaayii fi Emereetota Arabaa kan qabu ta’uun ibsameera.

Paaveel Duroov, ragaalee fayyadamtootaa dabarsee hinkennuu jechuun bara 2018 telegiraamiin Raashiyaa keessatti ugguramee turuun ni yaadatama.

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/27 15:31:14
Back to Top
HTML Embed Code: