Telegram Web Link
✍️ Bilchinni ati hardha itti geette kun….firii guyyoota jajjaboo, waan hin dabarre sitti fakkaataa turan, ati keessa dabartee sanii bar……!!

Jireenyi barnoota…!!
Ergamaan Rabbii (Sallallaahu aleyhi wasallam ) akkana jedhan:
قال رسول الله ﷺ:

” Wayta baldhinna qabdu Rabbiin wal bari…wayta rakkatte Rabbiin si beekaa…."
تعرَّف إلى الله في الرخاء يعرفك في الشدَّةِ
‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‌‏ ‏


https://www.tg-me.com/tafak_or
Jireenya gaarii jiraachuu namni hin barbaanne ni jiraa…!!?

Gaddaa fi gadadoo keessaa bahee, gammachuu fi tasgabbii keessa juraachuun hamilee hunda keenyaati…!
Keessi kee boqonnaa qabaannaan :
1 Jireenya keettu bareeda,
2 Gammachuu fi tasgabbii onnee argatta..!
Garuu keessi kee boqonnaa argachuudhaaf sababoota gurguddoo adda addaattu jira…:
A) Sababoota Diinii…B) Sababoota dhalootaa…C) Sababoota beekkumsaa fi barnootaatu jira…
Sababoota gammachuu hunda kan walitti qabachuu danda’u mu’umuntoota qofa. Namoonni biroo gammachuu kallattii tokkoon argatanis, kallattii biraatiin gammachuu gammachuu caalutu isaan dabra.
✍️ Wantoonni kaayyoo guddaa kanatti nama geessan maali beektuu laata?
Namoonni hedduun gammachuu jiraachuu ni barbaadan garuu:
1 Namoonni gariin Rabbiin laaffiseefii jireenya gaarii kan jiraatanii dabranii fi kan jiraataa jiranis jiru.
2 Namoonni gariin kan daangaa itti dabartee jireenya isaa gaddaan dabarsutu jira..akkasuma kan osoo gammachuu waan jedhamuu hin argin as gubbaa godaanes ni jira…
3 Kan lamaanuu keessa hin jirre..giddugaleessa keessa kan jiraatutu jira…
Sababoota jireenya gaariitti nama geessan keessa….:
#Itti_fufa

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Eessa jirra…..🥲

✍️ Ati masjidaa mitii mana keetittuu salaata subhii salaatuu dadhabiif raftaa…guyyaa dheengaddaa namoonni 100 kan shahiidan hunduu salaata Subhii osoo salaataa jiraniidha…kan du'an caalaa warra madaahetu caala….!!

Nuti eessa jirra…..!!?
#Gaazaa
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
https://youtube.com/watch?v=-jIJViLsgc0&feature=shared
Namoonni waa barataa jirtan hunduu dursa video kana dhageeffadhaa…share waliifis godhaa
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
https://youtube.com/watch?v=-jIJViLsgc0&feature=shared
Kitaabota hedduu karaa tora YouTube keenyaatiin yeroo muraasa booda seentanii barachuu dandeessu…

Qophii hunda xumurree jirra…#Subscribe godhaa irraa fayyadamaa maatiin Tafakkur
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Lubbuun teetis haqa sirraa qabdii bar….!!

✍️ Lubbuu tanteetis akkuma hiriyyaa kankee gaarii wajjiin jiraattutti wajjiin jiraadhuun…:

👉🏼 Yoo dogongorte irra dabriif…’
Yoo isheen gara fuulduraatti tarkaanfatte hamilee kenniif..,
Yoo isheen mucucaatte moggaa dhaabadhuu qarqaariin,
Yoo isheen milkaahinna gonfatte kennaa addaa kenniif…!!

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
#Rahmatummaan_kee….!!

✍️ Dhibee guddaa mitii…akka tasaa dhakaan karaa gubbatti osoo si gufachiisee ykn qoreen miila si waraantee, Rabbiin sababa saniif dilii tantee sirraa harcaasa….!!…Rasuula Rabbiittu jedhan (Sallallaahu aleyhi wasallama).
Wallaahi Rabbii akkanaa qabaachuu caala wanti nama gammachiisu hin jiru Alhamdulillaah….!!

ما أرحمك يا الله….!!

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Kitaaba isin fayyadu tokko isiniif erguu barbaada…irraa fayyadamaa barnoota isaa YouTube eegallee jirra inshallaah…

Kitaaba jecha takka qofaan hukmii 50 ykn 100 kennuuf si qarqaaru…:

Eegallee jirra kutaa 2ffaa
القواعد الفقهية للشيخ ناصر السعدي

Asiin hordofaa ykn Ibro Media yoo jettan ni argattu YouTube isaa…

Subscribe godhaa👇🏻
https://youtube.com/@tafakkurmedia2709?si=nl4iWwoiAVe4sRJF
Kitaabni kun hangam akka ijoo tahe seensa isaattu ragaadha…
Kitaaba Qawaa’ida fiqhiyyaa…kutaa 2ffaa gadi dhiifameera….seenaa baradhaa…yeroo keessanitti fayyadamaa…

Yoo isinitti tole Subscribe’like’ share godhaa
👇🏻
https://youtu.be/8m-F4cf1KlY?si=D9PHQu_SOB6Dtqvw
☆☆☆﷽☆☆☆

#KARAALEE BEEKUMSA ITTIIN HORATAN.......!
Jalqabni beekumsaa.... Cal'iinsa.

Lammaffaan beekumsaa ..... dhagahuudha.
sadaffaan beekumsaa..... Qalbii keessatti galmeessuudha.
4ffaan xiyyeeffannoon qoratuudha.
5ffaan gochaan agarsiisuudha.
6ffaan kanneen hin beekne beeksisuudha.
Sadarkaa kaneen hordofi beekumsa horattaa!!

https://www.tg-me.com/tafak_or

#AHBAABII.....!!
HADHA GUYYAAN GUYYAA INNI CAALAA GIYYOOTAA TA'E....ISA KEESSA SALAWAATA HEDDUMMEESSAA.....

🍃 اللهم صل وسلم وبارك علی نبینا,وحبیبنا ,وخلیلنا,وقدوتنا محمد وعلی آله وصحبه وسلم تسلیما کثيرا
https://www.tg-me.com/tafak_or
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
2024/09/25 03:21:07
Back to Top
HTML Embed Code: