Telegram Web Link
โœ Gantummaa jechuun, namni ati isaaf jecha ija lamaan baaftee gumaachiteef... deebi'ee ballaa jedhee si yaamuudha....!!

Gadaa akkanaa keessa jirra....!
๐ŸŒท Assalamualaikum obboleewwan koo hunduu.... ergaa tana qalbirraa waan barreesseef dubbisaa...!

โœ Dhiifama nama gaafachuun mallattoo qaroominnaa fi guddinnaa hanguma taheen... garuu bakka hunda dhiifamni balleessaa namaaf hin sirreessu...!
๐Ÿ‘‰ Dhiifama kan siif godhu, osoo hin beekin tasa miila koo irra yoo ijjatte malee, gaafa Onnee kootirra miilaan deemtee miti....!
๐Ÿ‘‰ Dhiifamni kan godhamu gaafa ati burcuqqoo bishaanii ykn qalama ani jaaladhu na jalaa cabsite malee....gaafa hamilee kiyya cabsitee miti....!!
๐Ÿ‘‰ Gaafa ati Kitaaba akkaan jaaladhu siif ergise, qola Kitaaba kootii irraa cirtee naaf galchite malee....gaafa ati kabajaa fi ulfinna ani qabu, kan itti si amane sana na jalaa madeessitee miti....!!
Obbolaaa....
โœ Yeroo tokko tokko dogoggoroota "#dhiifama" jechuun namaaf hin sirreeasinetu jira...!
Altokko tokko madaan madoofte suni,dhiifama caalaa gadi fageenya qaba...
waraansi ati waraannamte.... jecha dhiifama jettu sana caala keessi isaa qilata...!,
Cabiinsi ati cabde... qurciinsi/ sukkuummiin addunyaa tanaa guutuun walitti osoo qabamee, siif qurcuu dhabuu danda'a...!

Asumaanuu dogongorri irra hin dabramnes jira....
๐Ÿ‘‰ Bakka madaa kootii akka na dhukkubu osoo beektu miila keetiin narra deemtee, dhiifama jechuun baay'ee ulfaataadha...!,
๐Ÿ‘‰ Iccitii ufiiyyuuu lubbuu tiyya dhokfadhu wahii sitti himadhee, iccitii sana baasuuf jettee na sodaachisaa.... booda dhiifama na gaafachuun baay'ee ulfaataadha...!
๐Ÿ‘‰ Hiriyyummaa ishee daangaa hin qabne takka sitti hiriyyoomee, ati jibbaa fiddee na keessa facaastee.... irra naaf dabri jechuun baay'ee natti ulfaataa beeki....!
#Obboleessa_koo....!,
โœ Iddoo tokko tokko goonkumaa airreessuun baay'ee namatti jabaata...!,
Bishaan yeroo hunda bakka yaa'a isaatti hin deebi'uu beeki..., deebi'us bishaan ciisaa tahee hafa, bishaan gaafa ciise ni ajaawa... bishaan ajaan isaa ufitti sin kaleessine osoo dheebuun si laaffistee jiraattellee, dhuguun sitti jabaataa beeki...
๐Ÿ‘‰ Osoo Albee ati ittiin na waraante irraa dhiigni hin gogin dhuftee dhiifama naan hin jedhin...!, Afaaniin ustee na biraa deemutu naaf bareedaa na amani...!
๐Ÿ‘‰ Qalbii kiyya keessatti qaawwa jechamni addunyaa tanaa guutuun osoo walitti qabamee, guutuu hin dandeenye, na keessatti hanbiftee dhiifama nan gaafatin....
๐Ÿ‘‰ Obboleessa/ttii koo erga harka kee turee... harkaa na baafattee... deebitee harka koo hin qabin...
๐Ÿ–‹ @Ibroo keessan....
Nagaan naaf turi.....!

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Rabbiin haajaa tantee guutuu yoo barbaade, sihii biyya jirtuu, isheen biyya meeqa keessaa imaltee sitti dhufti....!
ูˆุฅุฐุง ุฃุฑุงุฏ ุงู„ู„ู‡ ุฅุชู…ุงู… ุญุงุฌุฉู

           ‏ุฃุชุชูƒ ุนู„ู‰ ุณูุฑู ูˆุฃู†ุช ู…ู‚ูŠู…ู

Rabbiin haajaa teessan hunda haa guutu....!
โœ Yaadni humnaa ol taanaan, gammachuu jireenya keetii booressa... kanaafuu dhimma kankee Rabbumatti kennii dhiisi...!
@tafak_or
โœ Wanti hunduu Bareedinna mataa isaa qaba, garuu namni hundi bareedinna sana arguu hin danda'u malee....!!

@tafak_or
โœ Rabbiin hanguma dadhabbii keetiitiin; hanguma obsaa fi wareegama ati kafalteen galata siif kafala.
๐Ÿ‘‰ Harka hin kennatin, hanga dhumaatti falmadhu....!, Abjuu milkaahuun ishee dirqamaattu jira waan ta'eef never give up....!!

@tafak_or
๐ŸŒบ๐Ÿƒ

Sahaabaan guddaan #Abdallaa_Ibnu_Abbaas (Radiyallaahu anhumaa) akki jedhe:
โ€ขโ€ขู‚ูŽุงู„ูŽ ุงุจู’ู†ู ุนูŽุจู‘ูŽุงุณู - ุฑูŽุถููŠูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุนูŽู†ู’ู‡ูู…ูŽุง :

โ€œ Yeroo hirribaaf deemtan, wuduu'aan malee hin rafinaa, lubbuun ilma namaa waan irratti duute irratti kaafamtii..โ€
ู„ูŽุง ุชูŽู†ูŽู€ู…ู’ ุฅูู„ู‘ูŽุง ุนูŽู„ูŽู‰ ูˆูุถููˆุกูุŒ ููŽุฅูู†ู‘ูŽ ุงู„ู’ุฃูŽุฑู’ูˆูŽุงุญูŽ ุชูุจู’ุนูŽุซู ุนูŽู„ูŽู‰ ู…ูŽุง ู‚ูุจูุถูŽู€ุชู’ ุนูŽู„ูŽู€ูŠู’ู‡ู .
๐Ÿ‘‡
Albidaayaa wan-nihaayaa Jildii 9ffaa/fuula 251 ilaalaa...
๐Ÿ““ุงู„ู’ุจูุฏูŽุงูŠูŽุฉู ูˆูŽุงู„ู†ู‘ูู‡ูŽุงูŠูŽุฉู ( ูขูฅูก/ูฉ)

โ€ขโœฟโโœฟโ€ข
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Jaarsi jaartii isaaatti hin hinaafne... hin jaalatuu beekaa...!!
#Hinaaffaa_fi_islaamummaa...
(Dubbisaa....๐Ÿ‘‡)

๐ŸŒทNamni shariika jiruu isaattii/jaartii isaatti hin hinaafne ishee hin jaalatu jechuudha...!

โœ Namticha Baadiyaa , kan haadha manaa isaa akka malee jaalatu tokkotu, ishee dhiira fooddaa gubbaan laaltu argee jennaan xalaaqe/hiike...

Ergasii xalayaa akkana jedhee barreesse:
Ishee jibbeetii miti kan jaalala ishee dhiiseef, jaalala keessatti maamiltoonni heddummaannaan malee...!
๐Ÿ‘‰ Ilaa mee...., Nyaata akkaan mi'aawu tokko, osoo ati nyaataa jirtu akka tasaa yoo Tiitisni ๐Ÿ irra buute, osoo lubbuun tee sin quufin harka irraa maratta....!!
๐Ÿ‘‰ Leenci bishaan dhuguuf yoo laga bu'e, akka tasaa isa dursee sareen irraa laccisee/dhugee jira taanaan, osoo dheebuunis du'aa jiraatee inuma dhiisa..

โœ #Ibnulnqayyim ( Rahimahullaah...) akkana jedhan:
โ€œ Hinaaffaan qalbii keessaa fe'annaan, jaalaltis faanuma fe'attee baati, inumaa Diinii hundatu wajjiin fe'atee baha... โ€
โœ Ammas akkana jedhama:
Namni hinaaffaa hin qabne diiniiyyuu hin qabu jedhama...!
๐Ÿ‘‰ Maalummaa dhiira takkaa beekuu yoo barbaadde, hinaaffaa inni siif qabu sana laali...!!
โœ Dhiirummaa maal jedhama... dhiira haadha manaa isaa akka barbaadetti gadi dhiisee, bakka barbaadde dhiira barbaadde wajjiin ooltee... dhiira barbaadde ilaalaa; dhiira barbaadde wajjiin haasahaa; dhiira barbaadde wajjiin kophaa bahaa; wajjiin teessee kolfaa taphachaa....๐Ÿ™ˆ

โœ Inumaa gariin bakka dalagaadhaa wajjiin deemanii, inni akka television taa'ee ilaala, isheen immoo isuma fuulduratti abbaa barbaadde wajjiin taphattee seeqatti...
Hayyee... kan bakka inni jirutti hangasii, gaafa isheen kophaa jirtu hoo hangamii....
Garuu hinaaffaan ani baanu tan jaalalati....jirti ta biraalllee, san natti hin kaasinaa...
Ammaaf tunummaan gurra isin haa buutu... dayyuusa hin tahinaa... ๐Ÿ˜

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
Hunduu ija isaatiin si laala...!!

1) Kophee daa'ima tokkootu galaana keessatti bannaan daa'imichi "galaanni kun hattuudha" jedhee cinaa galaanaatti barreesse.
2) Dargaggeessi tokkommoo qurxummii baay'ee adamfatee "galaanni kun arjaadha" jedhee barreesse.
3) Manguddoo tokko jalaa ilma isii ajjeefnaan "galaanni kun ajjeesaadha (lubbu baasaadha)" jettee barreessite.

โœ Dambaliin dhufee barreeffama hundaa haqee balleesse jedhan.
Kanaafuu jecha namaatiif hin yaadda'in; hundinuu ija adda addaatiin addunyaa ilaala waan ta'eef. Hojii kee gaaromsuuf yaadda'i.

Page Gaalii Abbaa boor irraa...
Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/23 16:26:10
Back to Top
HTML Embed Code: