Telegram Web Link
#Halkan_29ffaa...

โœ Rabbiin warra hoongoo keessaa galuu mitii, warra boojuu guddaadhaan galu isin haa taasisu....
Aamiin jedhi ๐Ÿคฒ
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#Zakaa_Fixrii 1) Ibaadaa Rabbitti dhihaataniin keessaa ishee tokkoodha..! 2) Zakaan fixrii sadaqaa sooma furuudhaan namatti wajjabduudha... 3) Zakaan fixrii Sababa lamaaf karaa godhamte/ dhufte. isaanis: 1ffaa: nama soome ibaadaa isaa qulqulleessuuf... 2ffaa:โ€ฆ
#Zakaa_fixrii (#7ffaa.....12ffaa)

7) Soomee, soomuu baatus, xiqqaa tahee nama guddaa taatus; hanga daa'ima araashiin baatutti... osoo dubartii baatii guutuu sooma malee dhiiga dhalaatiin baatellee taatee Zakaan fixrii irratti waajiba.
8) Ulfa garaa jiru irraa Zakaa baasuun dirqamaa miti... garuu yoo baasan homaa rakkoon qabu.
9) Galgala gaafa aduun xumura Ramadaanaa gadi seente sanirraa kaasee namarratti wajjaba.
#Hubachiisa: Namni seensa aduu Ramadaanaa dura fuudhe yookiin Islaamummaa qabate yookiin daa'ima argate... Zakaa kennuu qaba ykn irraa baafama.
Seensa aduu booda taanaan garuu homaa irra hin jiran.
10) Namni osoo yeroon waajibummaa zakaa isa hin dhaqqabin dura du'e Zakaan irra hin jirtu...
Kan erga yeroon seenee du'e immoo qabeenya isaa irraa kafalama...!
11) Zakaan fixrii akka Zakaa kaanii sana hanga hin qabu. kana jechuun:
Waan nyaattu qabaannaan, akkasuma waan oolmaa guyyaa iidaatiif malu kan sii fi maatii keetiif gahu manaa qabaannaan, waan Sanaa olii irraa Zakaa kennuu qabda.
12) Namni muslimaa tokko nama qallabni isaa irra jiru hundarraahuu ni baasa.ufirraa fi haadha manaa isaa irraallee-yoo isiin qabeenya qabaatte-irraa baasa.
Ijoolleen isaas hiyyeeyyii yoo tahanii fi haadhaa fi abbaan isaas hiyyeeyyii taanaan irraa baasuun qaba.
Mucattii isaas tan heerumtee garuu jaarsaan walitti hin dabalamnes irraa baasuun qaba.
13) Ilmi isaa dureessa taanaan irraa baasuun dirqamaa miti.
14) Jaartii isaa tan takka qofa ykn lama qofaan xalaaqes irraa baasuu qaba. yoo tan sadihiin xalaaqamte taate irraa hin baasu.
#15ffaa....itti fufa

Share ๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Zakaa_Fixrii....

15) Ilmi waan uf danda'ee jiraatuun isumatu Zakaa ufirraa baasa.... garuu abbaanis yoo irraa baase homaa rakkoon qabu.
keessattuu abbaan yoo ijoollee isaa irraa waggaa waggaan baasuu aadeffate...hanga fedhan hujii qabaatanis...waan aadeffate sana akkasumatti itti fufuu qaba.
16) Nama fixrii irraa baasuun sirra hin jirre tokko irraa baasuun duratti jalqaba hayyama nama sana gaafachuu qabda.
17) Abbaan qabeenyaa tokko, hojjattoota isaa kan muslimaa irraa baasuu dirqama hin qabu. garuu yoo arjoomuu barbaade ni danda'a...
Garuu dubbiin Niyyaa gaafata waan taheef... akka isaan niyyataniif itti himuu qaba.
18) Namni yatiima qarqaaru tokko Zakaa irraa baasuu hin danda'u.
Zakaan qabeenya yatiimaa keessaa baafama. yoo isaan qabeenya hin qabne imoo aanaa isaattu isarraa baasa.
19) Hangi zakaadhaa nyaatarraa kooboo takka...ykn ganaa/muddii 4 nama harki isaa giddu galeessa taheen....

#20ffaa).... itti fufa๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Hubachiisa : Zakaan waan nyaatamu irraa baafama... mallaqarraa Zakaa fixrii baasuun hin tahu.
@Ramadaan....

๐Ÿ’ซSimannaaa isaas bareechuu baannu... dhaamannaa isaa haa tolfannuu mee.... ๐Ÿ˜ข
#Yaadachiisa.

โœ Yeroo uffata Iidaa ijoollee teetii fi jaartii teetiif bituuf gabaa baatu... ishee/isa yeroo Iidaa hunda uffata siif bitaa turte/ture sanis hin dagatin kaa....!

@tafak_or
๐Ÿคฒ Warra isaan beelesse Rabbiin haa beelessu.... akkanatti Ifxaara eeggatan kunoo warri Gazzaa... ๐Ÿ˜ข
โœ Zakaa fixrii masjidaan ijaaruu fi dhaabbata keeyrii adda addaa keessa oolchuun hin barbaachisu..!
@tafak_or
โœ Nama lama du'aa'ii keessaniin hin dagatinaa. isaanis:
Kan fuudha dhabee fi,
kan fuudhee ilma dhabe.... ๐Ÿคฒ

@tafak_or
โœ Rabbiin ifaajee teenna fuulaan nun dhahin..... ๐Ÿ˜ข
#Ramadaana_30ffaa
(Guyyaa akkanaa ifaan nurraa dhaame....)

โœ Hayyuuun guddaan addunyaa tanaa... #Imaamul_Bukaariin akka guyyaa hardhaa tana Ramadaana 30ffaa, hijraa irraa waggaa 256 addunyaa kanarraa godaanan.
โœ Ifaan addunyaadhaa abbaan Kitaaba Sahiiha Bukaarii, (#Muhammad binu Isma'il binu Ibrahim binu Mugiiraa) kan Imamul_Bukaarii jedhamuun beekkamu guyyaa akkanaa kana keessa du'an.
โœ Bukaariin mataa warra hadiisa odeessuuti... seenaa keessatti namni hanga isaa waa sammutti qabaachuu danda'uu fi Hadiisa Rasuulaa qindeessuu danda'u takkaa hin galmoofne.
โœ Haala mijataa keessa jiraachuu dhabuu isaanii wajjiin... obsaa fi dandeettii bareedaa Rabbiin isaanii kenneen addunyaa kanaaf wantoota gurguddaa gumaachaniiru.
Seenaa Imaamaa guyyaa biraa isiniif hima... Rabbiin Rahmata isaaniif haa godhu.

@Ibro๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Baga geessan....
ุนูŠุฏ ุณุนูŠุฏ
Ayyaana Sooma Hiikaa (Iid-Al-Faxirii) Kan Waggaa 1445ffaa Baga Waliin Nu Gahe!
-----------

Hordoftoota Amantaa Musliimaa biyya keessaafi ala jiraattan hundaan, Jiโ€™a Ramadaanaa. xumuurtanii ayyaana sooma hiikaa Eid Al-Faxirii kan bara 1445ffaan baga isin gahe, warra baranaa, kan bara hegeree nu haa taasisu jechaa, ayyaanni kun kan nagaa, gammachuu, milkii, jaalalaafi Tokkummaa hunda keenyaaf akka ta'u hawwiin qabu ibsa.
Eid Mubarak Baga Ittiin nu gehe
ุชู‚ุจู„ ุงู„ู„ู‡ ู…ู†ุง ูˆู…ู†ูƒู… ุตุงู„ุญ ุงู„ุฃุนู…ุงู„

@Ibro.... Maatii Tafakkur hundaaf
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Warroonni haala gaariidhaan uffattanii, Maatii fi hiriyyoottan keessan wajjiin erga salaattanii booda suuraa post gootan.... warroota uffata hin qabne; yatiimaa haadhaa fi Abbaa ykn hiriyyaa hin qabne akka qalbiin hin cabneef jecha... irraa uf qusadhaa...!
2024/09/27 09:21:26
Back to Top
HTML Embed Code: