Telegram Web Link
Du'aa'ii qur'aana keessaa tartiibaan.
#2ffaa
- ﺭﺑﻨﺎ ﻣﺎ ﺧﻠﻘﺖ ﻫﺬﺍ ﺑﺎﻃﻼ ﺳﺒﺤﺎﻧﻚ ﻓﻘﻨﺎ ﻋﺬﺍﺏ ﺍﻟﻨﺎﺭ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﻣﻦ ﺗﺪﺧﻞ ﺍﻟﻨﺎﺭ ﻓﻘﺪ ﺃﺧﺰﻳﺘﻪ ﻭﻣﺎ ﻟﻠﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻣﻦ ﺃﻧﺼﺎﺭ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻨﺎ ﺳﻤﻌﻨﺎ ﻣﻨﺎﺩﻳﺎ ﻳﻨﺎﺩﻱ ﻟﻺﻳﻤﺎﻥ ﺃﻥ ﺍﻣﻨﻮﺍ ﺑﺮﺑﻜﻢ ﻓﺂﻣﻨﺎ، ﺭﺑﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﺫﻧﻮﺑﻨﺎ ﻭﻛﻔﺮ ﻋﻨﺎ ﺳﻴﺌﺎﺗﻨﺎ ﻭﺗﻮﻓﻨﺎ ﻣﻊ ﺍﻷﺑﺮﺍﺭ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻭﺍﺗﻨﺎ ﻣﺎ ﻭﻋﺪﺗﻨﺎ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻠﻚ ﻭﻻ ﺗﺨﺰﻧﺎ ﻳﻮﻡ ﺍﻟﻘﻴﺎﻣﺔ ﺇﻧﻚ ﻻ ﺗﺨﻠﻒ ﺍﻟﻤﻴﻌﺎﺩ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺃﺧﺮﺟﻨﺎ ﻣﻦ ﻫﺬﻩ ﺍﻟﻘﺮﻳﺔ ﺍﻟﻈﺎﻟﻢ ﺃﻫﻠﻬﺎ ﻭﺍﺟﻌﻞ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﻭﻟﻴﺎ ﻭﺍﺟﻌﻞ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﻧﺼﻴﺮﺍ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻇﻠﻤﻨﺎ ﺃﻧﻔﺴﻨﺎ ﻭﺍﻥ ﻟﻢ ﺗﻐﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺗﺮﺣﻤﻨﺎ ﻟﻨﻜﻮﻧﻦ ﻣﻦ ﺍﻟﺨﺎﺳﺮﻳﻦ

- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻓﺘﺢ ﺑﻴﻨﻨﺎ ﻭﺑﻴﻦ ﻗﻮﻣﻨﺎ ﺑﺎﻟﺤﻖ ﻭﺃﻧﺖ ﺧﻴﺮ ﺍﻟﻔﺎﺗﺤﻴﻦ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻓﺮﻍ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺻﺒﺮﺍ ﻭﺗﻮﻓﻨﺎ ﻣﺴﻠﻤﻴﻦ، ﺃﻧﺖ ﻭﻟﻴﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺍﺭﺣﻤﻨﺎ ﻭﺃﻧﺖ ﺧﻴﺮ ﺍﻟﻐﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻻ ﺗﺠﻌﻠﻨﺎ ﻓﺘﻨﺔ ﻟﻠﻘﻮﻡ ﺍﻟﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻭﻧﺠﻨﺎ ﺑﺮﺣﻤﺘﻚ ﻣﻦ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺏ ﺇﻧﻲ ﺃﻋﻮﺫ ﺑﻚ ﺃﻥ ﺃﺳﺎﻟﻚ ﻣﺎ ﻟﻴﺲ ﻟﻲ ﺑﻪ ﻋﻠﻢ ﻭﺇﻻ ﺗﻐﻔﺮ ﻟﻲ ﻭﺗﺮﺣﻤﻨﻲ ﺃﻛﻦ ﻣﻦ ﺍﻟﺨﺎﺳﺮﻳﻦ.
Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Seequun_sadaqaadha...!

Osoo harka nama fuudhuuf harka kee hin diriirsineen duratti🤝 séequu tantee qopheeffadhu.... 😁
Naga gaafiin séequu uf keessaa hin qabne, ufittis nama hin kaleessu; qalbiin nama hin harkisu; gammachuus namaaf hin kennu...!
👌Tuni nyaata sooqidda/ashaboo hin qabne fakkaatti
..
Join&share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Cuunfaa waa'ee Salaata Taraawihaa fi Tahajjudaa...!

1) Dhaabbanni halkanii hirriba dura ykn hirriba booda salaata salaatamuudha...!,
Tahajjudni immoo salaata halkan hirriba booda salaatamuudha...!
2) Dhaabbanni halkanii/Salaanni leylii Sunnaa jajjabduudha... Ragaan isaa qur'aana fi hadiisaanis kan sabateedha...!
والذين يبيتون لربهم سجدا وقياما...
3) Salaanni halkanii salaata waajibatti aanee, irra caaltuu salaataati jedhama...!
4) Wantoota Jannata nama seensisanii fi sadarkaa ilma namaa Jannata keessatti ol. kaasan keessaa inni tokko dhaabbata halkaniiti...!
5) Dhaabbanni halkanii wantoota adabbii azaabaa jalaa nama baasan keessaa isa tokkoodha...!
6) Salaanni halkanii karaa warroota nu dura dabraniidha..!, mallattoo warra Rabbiin sodaataniidha..!, mana barnootaa warra karaa isaa seeneeti...!
7) Dhaabbanni halkanii... firaasha bareedaa dhiistee halkan dhaabbachuun... mallattoo Rabbiin si jaalatuu fi Rabbiin biratti sadarkaa qabaachuu kee muldhisa....!
8) Dhaabbanni halkanii ulfinna mu'imintooti...guddinna sadarkaa namni suni qabuus muldhisa...!
9) Salaata halkanii keessatti qur'aana qara'uun, boojuu guddaa nama uf dagate malee, namni biraa hin daganneedha...!
10) Qur'aanaan halkan dhaabbachuun, qananii guddaa namoonni hedduun irratti wal dorgumuu qabaniidha...!

#11ffaa👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Guyyaa_kophaa_haftu_san....!
🚶‍♂Hunduu kophaa isaa fuula Rabbii dhaabbata...!😢
﴿وَكُلُّهُمْ آتِيهِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ فَرْدًا﴾
👇
Akkasitti kophaa kee...:
Qabeenyi ati dhakaa mukatti buutee walitti qabaa turtes guyyaa sana hin jiru..
Aangoon Bareedni ati ittiin boonaa turte sunis si faana hin dhufu...!
Maatiin guddaan ati ittiin uf dhaadaa turte ykn warra akkanaa irraa dhaladhe jettee himataa turte sunis si duuka hin dhufu...!
Mootichi Suleiman Alqaanuuni jedhamu tokko guyyaa du'aaf deemu, namoota moggaa isaatiin akkana jedhe:
" Gaafa ani du'e harkaa koo lamaan saaxinii keessaa duubatti baasaa... mootummaan biyyattiituu harka qullaa gubbaa kanarraa godaanee hawaasni hundi haa baruu..."!
Duniyaa dalagachuun rakkoo qabaa osoo hin taane... dubbiin galaa Aakiraa teessaniif taatu hin dagatinaa jechuudha..!
Mana ufii akka barbaadaniitti bareechifachuun rakkoo hin qabu... garuu mana isaanii kan boru keessa galan akka hin daganneedha...!

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Guyyoota hunda keessaa guyyaan Rabbiin jalqaba uume guyyaa kam___?
Anonymous Quiz
66%
A) Wixata
15%
B) Sanbata
20%
D) Dilbata
#Ramadaan__Suutuma...!

Suutuma deemi yaa Ramadaan... yoom qalbiin teenna jiitee...! yoom Ruuhiin teenna dheebuu si baatee! nurraa fiigaa jirta...
Kaleessa anaa dhufu Ramadaana jechaa turre... hardha immoo suuta Yaa Ramadaan jechaa jirra... 😢
Maaltu akkana si ariifachiise garuu...!... hawwiidhaan si eegaa turre... fiigiichaan nurraa deemaa jirta...!
Rabbiin guyyoota lakkaawamoodha jedhee waa'ee kee nu barsiise qulqullaawee ol tahe...!
أياما معدودات......!

Ramadaanatti tola oolaa....!
Ramadaanni bar keessummaa, gaaddisni isaa namatti hin ulfaanneedh...arjummaa isaa irraa namuun duroomne... keessummaa baay'ee nama wajjiin hin turre...

Yaa Rabbi ka dabre nurraa qeebali, kan hafe irratti nu qarqaari... ibiddarraahis nu baraari yaa Allaah....
👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Salaata_Duhaa_beektuu__?

1) Rasuula keenyatu (Sallallaahu aleyhi wasallam) nuu dhaame..!
2) Salaata warra towbaa guddisuuti....
3) Ajriin isaa Sadaqaa 360tti namaaf qixxoofti...
4) Baay'inni salaataa...
Raka'aa lamarraa eegala... lamaa qofa salaatuus dandeessa... lamaa olis hanga barbaadde salaatuu dandeessa...!
5) Yeroon isaa..Erga aduun baatee booda, yoo xiqqaate daqiiqaa 15 booda eegaltee.. Hanga Salaata zuhrii dura daqiiqaa 10tti, yeroo barbaadde salaatuu dandeessa....!!

Amma dhageessee dhiistaa ree____?
فهل تتركها__؟

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Namtichatu haadha warraa isaa dhaane. Si himadha jettee boohaa biraa baate...
👳‍♂ Abbaa manaa: Yoo karaa mana kanaa ittiin gadi baatu argatte kaa.. kan na himattu..
🧕 Haadha warraa: Waan na dhoorkitee dandeettu sitti fakkaataa...!!
🧕 Abbaa manaa dinqisiifate akkana jedheen: Mee waan feete godhi homa ati fiddu laallaa...!
🧕 Haati manaa booda itti dhiistee gara mana fincaanii deemte.. isheen mana fincaanii seennaan, way fooddaadhaan na jalaa baatii laata jedhee...fiigee duubarraan dhaabbattee eege.
Fooddaanis ka baatu dhabnaan... keessatti ol deebi'ee balbalarra dhaabbattee eege...

Xiqqoo yoo jedhu kan bishaan Wuduu'aa qaama ishee jiise achii gadi baatu arge...
🧕 Haadha manaa:
Isa harka kee keessatti na galchetti si himadha... balballi keetis, fooddaa fi bilbilli ati na weerartes isarraa na dhoorkuu hin danda'u...
Balballi isaa yeroo hundaa banaadha.... jetteen....😢

👇
#itti_fufa.... (Taraawiha booda)
https://www.tg-me.com/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Namtichatu haadha warraa isaa dhaane. Si himadha jettee boohaa biraa baate... 👳‍♂ Abbaa manaa: Yoo karaa mana kanaa ittiin gadi baatu argatte kaa.. kan na himattu.. 🧕 Haadha warraa: Waan na dhoorkitee dandeettu sitti fakkaataa...!! 🧕 Abbaa manaa dinqisiifate…
@Seenaadha...

#2ffaa....
👳 Abbaan manaas ishee dhiisee, gara teessuma isaatti deebi'uun, afaaniin caldhisee, taa'ee yaaduu eegale...
🧕 isheenis salaatatti seente... sujuuda ishee garmalee dheeressite... yoo isiin salaata geessitee.. harka ishee lamaan gara Rabbiitti ol kaastu... 🤲,
👳 Abbaan manaa ishee lafaa utaalee, harka ishee erga qabee booda akkana jedheen:
" Ka sujuuda keessatti natti kadhatte siif xiqqaatee... ammas natti kadhachuuf moo.. mee sanumatti geeffadhu....
Yeroodhaaf aarii tasaati... yaadee osoon taane tasa na mudate.... jedheen.
🧕 Haati manaas akkana jetteen:
" Kanaafii bar anuu hanga ammaa hunda du'aa'ii siif godhaa jiru kan xumuruu dadhabeef.... "
Ani bar kan kadhataa ture sheeyxaana walitti nu buusetti malee...
Ani gowwaadhaa kan Abbaa manaa koo; gammachuu jireenya kootii irratti du'aa'ii kadhadhuuf....!!
👳‍♂ Abbaan manaas imimmaan dhangalaasaa... harka ishee lamaan dhungatee akkana jedheen:
" Hardha booda si dhaanuu mitii, akka sin aarsine waadaa siif gala...! "
Seenaa kanarraa akka barnoota argattan Abdii qaba... obboleetti too, abbaan manaa kankee ati gabrittii taanaaniif innis gabra dhugaa siif taha...!
Dubartiin amaanaadha ...

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Qalbiin keenya wantoonni hunduu harka Rabbii jiraachuu isaa gaafa baru... baay'ee tokko tasgabbaaya...!
✍️ Nabiyyoota armaan gadii keessaa kan haati manaa isaa 👉Waalihaa hedhamtu eennu__?
Anonymous Quiz
33%
A) Nabiyyallaahi Nuuh (Aleyhissalaam)
40%
B) Nabiyyallaahi Luux (Aleyhissalaam)
27%
C) Idriis (Aleyhissalaam)
#Hiriyyootaaf....

Waldhibdeen namoota Wal jaalatan gidduttis yeroma hunda argamti.... garuu hariiroon yeroo kamuu garaagarumma guddaa qaba.
Nama carraa gadda keetiitti fayyadamee si gatuu barbaaduu fi nama yeroo wal dhabdanis, gadda kankee qoodatu gidduu garaagarumma guddatu jira...!
👉 Jaalallee barbadaa wal dhibdee keessatti si gatee halkan hirriba nagahaa rafaa buluu fi Isa guyyaa walitti mufattanii.... halkan dhufee kan guyyaa si dagachiisu gidduu garaagarumma guddatu jira...

Habiibii koo ... wal dhibdeen yeroo hunda hammeenya hin qabu...Inumaa takka takka sadarkaa nuti namoota nu jaalatan biratti qabnu, nutti muldhisuuf argamti.
Kuni irra bareeda waan Wal dhaba keessatti argamuudha..!
Osoo hanga feetes dogongortee, nama sana biratti xiqqachuu dhabuu kee caala wanti namatti tolaa inuma hin jirre....
Osoo ati dogongortee keessa hiriyyaa keetiis cabsitee... nama keessa kee sin cabsine qabaachuun kee si gammachiisuu qaba...!
Habiibii koo... Hiriyyoota hunda gidduu jibrii takkatu jira... jaalalleewwan dhugaa hogguu wal dhaban hundaa, jibriin suni wal keessa seenuun kan duraa caala jajjabaachaa deemti...!
Garuu faallaa kanaa... Hiriyyoota hogguu walitti bu'an hundaa jibrii kana ciraa deemantu jira..., ergasii deebisanii walitti hidhu.. akka Wal dhabbii sana booda wal dhabbiin biraa hin argamneef.... jibrii sana guduunfuun gara haadaatti geeddaru.

Join👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Madaala_siif_kaasti

Rasuulli Rabbii (Sallallaahu aleyhi wasallam) akkana jedhan:
Irra jalaatamaan jechaa Rabbiin biratti waa afur, afran keessaa kan barbaaddeenis yoo eegalte rakkoo hin qabu. isaanis:
Subhaanallaah
🌻 سُبْحَانَ الله
Walhamdulillaah
🌻 والحمد لله
WA laa ilaaha Illallaahu
🌻 ولا إله إلا الله
Wallaahu Akbaru...
🌻 والله أكــبر

Muslimtu gabaase....
📒 رواه مسلم

Join 👇Share
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Badhaasa_guddaadha...!

قال الله تعالى :
‏[إنا أنزلناه قرآنًا عربيًا]
Irra filatamaan Kitaabaa kan Rabbiin biraa buufame:

👉 Afaan keessaa Irra filatamaa afaaniitiin,
👉 Ilma namaa keessaa, ergamtoota filatamtoota Rabbii irratti...
👉 karaa Malaa'ikootaa keessaa Irra ulfaataa fi irra kabajamaa malaa'ikaatiin marfamuudhaan...
👉 Dachee keessaahis irra filatamtuu dachee keessatti kan buufame.....
👉 Yeroo inni buufames... baatiiwwan hunda keessaa mataa baatii kan taate... baatii Ramadaanaa keessa.....
📖 Qur'aanaa bar... kallattii hundaan Rabbiin akkanatti isa faayee nutti geesse....

✍️@Ibnu_kasiir👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Sahaabaan Furtuu ka'abaadhaa🕋 Rasuulli itti kennan/harka isaa galtu eennu____?
Anonymous Quiz
46%
A) Bilaal binu Rabaah
25%
B) Usmaan binu Affaan
30%
C) Usmaan binu Xalhaa
#Ruqayyaa Albakrii jedhamti (hijraa irraa Waggaa 1415 duute).

Ruqayyaan haadha qur'aanaati... torbaan torbaaniin hifziidhaan/qomaan kattamti.
Ollaan ishee tokko akka jedheti:
"Ramadaana keessa nyaata xiqqeessuun; zikrii fi qur'aana heddummeessuudhaan beekkamti..."
Ruqayyaan Ramadaana keessa qur'aana guyyaa lama lamaan kattamti..
Yeroo Umriin ishee gara xumuraa achi kalaahetti akkana jedha:
Gaafa Ramadaanni 29 gahetti, guyyaa tokko mana ishee seenee ture. yeroo sanatti isheen ganna 87 seentee jirti. boohaa akkana naan jette:
“ Rabbiin katmii koo yoo na tolche malee... Ramadaana baranaa yeroo 4 ol kattamuu hin dandeenye.. 😢 Asiin dura guyyaa lama lamaan kattama ture... "

Ammas akkana jette:
" Ani qur'aana qomatti kan haffaze obboleettii too #Mazinaa ishee jedhamtu irratti ture. Mazinaan akkuma heerumteen balbala ishee dubartoota barsiisuudhaaf bantee turte. Akka isheen dubartoota hunda caala lowhii lamaa fi Sanaa ol na haffaziiftuuf jecha Ani meeshaa manaa dhiqaafii; mana ishee sirreessaaf ture.. Rabbiin Rahmata isheef haa godhuu... xumurarratti ishemarratti kattame... "

Share 👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Fe'achutti_jira....☺️

Yaa gabroottan Rabbii... Baatiin Ramadaanaa walakkaa bira dabree amma gara dhumaatti deemaa jira.
👉 Meeqa keenyatu baatii kana keessa uf madaalee jira laata__!?
👉 Meeqa keenyatu osoo balballi Jannataa jalaa hin cufamne achi keessatti mana inaarachuudhaaf muratee jira!?
deebiin numa bira jira...!

👉 Baatiin Ramadaanaa galuuf deemaa jira waan ta'eef... ibaadaa irratti haa jajjabaannuu...
Baatii hundaa osoo itti hin fayyadamin yoo si jala dabre, baatii biraatiin bakka buufachuu ni dandeessa... garuu baatii Ramadaana bakka siif bu'u yoomillee argachuu hin dandeessu...!

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Nabiyyoota armaan gadii keessaa Nabiyyiin yeroo jalqabaatiif sooma soome nabiyyii kam___?
Anonymous Poll
26%
A) Nabiyyallaahi Muusaa (Aleyhissalaam)
39%
B) Nabiyyallaahi Nuuh (Aleyhissalaam)
49%
C) Nabiyyallaahi Ibraahim (Aleyhissalaam)
2024/09/27 15:32:29
Back to Top
HTML Embed Code: