Telegram Web Link
โœ Sha'abaanni kunoo tokko jedhee jira..... mee waa'ee baatii kanaa maal beektu laata____!!



#nu_eegaa...
#Baatii_heexoo/Sha'abaana...

1) Akka lakkoofsa hijraatti baatii 8ffaadha ...
jidduu baatii Rajabaa fi Ramadaanaatti argama...
โœ Moggaasa kanaan wanti beekkameef....
Ummata Arabaattu baatii kana keessa bishaan barbaadaaf olii gadi faffaca'a ture.
Yookiin wanti sha'abaana jedhameef.... waan inni Rajabaa fi baatii Ramadaanaa giddutti muldhateef....!
2) Baatiin Kuni baatii baatii barakaati, garuu baatii namoonni hedduun keessatti uf dagataniidha .. baatii isa keessa sooma heddummeessuu qabnuudha...!
Usaamaan guyyaa tokko Rasuula Rabbii akkana jedhee gaafate....:
Hanga baatii Sha'abaanaa keessa sooma heddummeessitu, baatiiwwan hafan keessa hin heddummeessituu... maaliif yaa Ergamaa Rabbii ?
Ergamaanis (SAW) akkana jedhaniin:

"Baatiin Suni baatii Rajabaa fi Ramadaana gidduutti namoonni hedduun irraa dagamaniidha... baatii isa keessa dalagaan ilma namaa gara Rabbii Aalamaa ol fuudhantuudha. Osoo Ani soomaan jiru akka dalagaan too ol fuudhamtu barbaada... " Sallallaahu aleyhi wasallam....
3) Ergamaan Aalamaa sooma sunnaa hanga baatiiwwan biroo keessa hin heddummeessine, baatii tana keessa heddummeessa. harka caalu baatii kana soomaan dabarsa.
4).... @ittu fufa....

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#Baatii_heexoo/Sha'abaana... 1) Akka lakkoofsa hijraatti baatii 8ffaadha ... jidduu baatii Rajabaa fi Ramadaanaatti argama... โœ Moggaasa kanaan wanti beekkameef.... Ummata Arabaattu baatii kana keessa bishaan barbaadaaf olii gadi faffaca'a ture. Yookiinโ€ฆ
#Heexoo/sha'abaanaa...

4) Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wasallam) baatii lama walitti aansanii soomanii hin beekan... yoo sha'abaanaa fi Ramadaana taate malee...Hadiisa Aa'ishaan (Radiyallaahu anhaa) gabaaste keessa jira.
Irra hedduu goyyoota sha'abaanaa ni sooma... Ramadaanas achumaan itti sufa.
5) Namni hedduun baatii kana ni dagata.... maaf yoo jettan___?
Baatiin isa dursua baatii kabajaa, kan ulfinnaa; kan keeyrii hedduun keessa dalagamuun beekkamu... baatii afran kabajaa keessaa isa #Rajab jedhamutu afoo jira...baatii Rajabaa qofa addatti baasuun osoo hin taane... baatiiwwan Ashhural-hurum jedhamuun beekkamtu keessa soomuun sunnaadha...
Irra as kutee ammas baatii ulfaataa baatii kana Ramadaanatu jira....Ilmi namaa baatiiwwan tana lamaaniin busy tahee... sha'abaanaa keessa keeyrii dalagatuu baay'ee dagata.
6) Rasuulli keenya (SAW) :
ยซ Jiini suni ji'a. namni hedduun keessa dagamu/Gaffalu... " jechuun ergaa dhokattuu wahii uf keessaa qaba. innis:
๐Ÿ‘‡
Yeroo ilmi namaa uf dagate keessatti ati ibaadaadhaan dabarsuu qabda; yeroo akkasii ibaadaa irratti jabaachuun wantoota jaalala Rabbitti nama geessaa irraahi.
Maaliif salaanni halkan walakkaadhaa salaata biroo Irra caalte....!? waan yeroo sana namni hedduun dagamuuf....
7)... #itti_fufa....

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Are_you_ready ?

โœ Akkuma argaa.. dhagahaa oollu... namni kaayyoo isaa keessatti irratti qophaahe hundi.. qophii isaa keessatti hin milkaahu... qophooftee milkaahuu dhabuus ni dandeessa...!
Namni uf qopheessee, qophii isaatti abdii horate hundis... bakka yaadee sana hin gahu..!
๐Ÿƒ Kaayyoo keetiif qophiin ati uf qopheessitu kunuu namaaf namaan Wal dhaba... namni hundi qixa hin qophaahu...!Namni hunduu hanguma dadhabee fi aarsaa kafaleen gatii aarsaa isaa argata...!

โœ Kan namni uf qopheessee sadarkaa hanganaa keessa dabru.. kan hin qophoofne; kan inumaa yaada qophii jedhu sammuu keessaa hin qabne eessa gaha jettee yaadda....!!

Hangam qophooftan Ramadaanaaf......!!?
Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Fedhii qabaannaan ykn keessi kee hayyamamaa taanaan..... yeroo kamuu karaan banaadha....!
ุทุงู„ู…ุง ุชูˆุฌุฏ ุฅุฑุงุฏุฉ ูŠูˆุฌุฏ ู‡ูู†ุงูƒ ุณูุจู„๐ŸคŽ

๐“๐’” ๐’๐’๐’๐’ˆ ๐’‚๐’” ๐’•๐’‰๐’†๐’“๐’† ๐’Š๐’” ๐’‚ ๐’˜๐’Š๐’๐’, ๐’•๐’‰๐’†๐’“๐’† ๐’‚๐’“๐’† ๐’˜๐’‚๐’š๐’”
แˆแ‰ƒแ‹ต แŠฅแˆตแŠซแˆˆ แ‹ตแˆจแˆต แˆ˜แŠ•แŒˆแ‹ถแ‰ฝ แŠ แˆ‰แข
โœ๏ธ Qur'aana keessatti Suuraan maqaa Nabiyyootaatiin moggaafamte suuraa meeqa___? isaanis____?
Anonymous Quiz
45%
Suuraa 5
33%
Suuraa 6
22%
Suuraa 7
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#Heexoo/sha'abaanaa... 4) Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wasallam) baatii lama walitti aansanii soomanii hin beekan... yoo sha'abaanaa fi Ramadaana taate malee...Hadiisa Aa'ishaan (Radiyallaahu anhaa) gabaaste keessa jira. Irra hedduu goyyoota sha'abaanaaโ€ฆ
#7ffaaa: Yeroo namni keessa rafutti fayyadamuu...!!

โœ Namni muslimaa tokko yeroo ilmi namaa keeyrii dagate keessatti uf yaadachuun... qulqullinna dalagaa isaatiif baay'ee isa qarqaara.
๐Ÿ‘‰ Dalagaalee sunnaadhaa dhoksanii dalagachuun Ikhlaasa horachuu irratti nama qajeelcha.
๐Ÿ‘‰ Namni muslimaa tokko dalagaa gaggaarii yeroo dalagatu...Carraan lubbuu isaatiin na argaa jalaa bahuudhaa baay'ee xiqqaadha... Kanaafuu sha'abaanni yeroo Irra hedduun keenya itti uf dagannuudha...!!
#8ffaa: Baatii sha'abaanaa soomuun baatii Ashhural-hurum keessa soomuus ni caala...!
Baatiin sha'abaanaa baatii Ramadaanaa wajjiin akka fakkenya sunnaawwan waajiba wajjiiniiti.... Sadarkaan isaa waajibatti qixxaata....!
Akkuma sunnaawwan waajiba jala deemtu sun sunnaawwan biroo irra gatii qaban, Soomni Ramadaana duraa fi Ramadaana boodaas sooma sunnaa biroo irra gatii qaba...!!
#9ffaa..:

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Psychologically....
(The greatest evidence of love...)๐Ÿ‘‡

โœ Hariiroo namoota wajjiin qabdu keessatti... namni tokko si jaalatuu isaa ragaan guddaan ati mirkaneeffatuu dandeessu... yeroo wal dhabbii qabdanitti kabaja inni siif muldhisuudha....!
Wal dhaba keessan keessattis hanga hayyamameef bira kutuu dhabuudha ...!
โœ Yeroon Wal dhabbiidhaa.... jaalala keessatti, yeroo qormaata dhugaa ati hiriyyaa kankee/tee ittiin qormaatuu dandeessuudha....!
โœ Namni hunduu yeroo nagaa fi tasgabbiin jiru... haasawa jaalalaa kana ni mimmi'eessa... garuu yeroo wal dhibdeen gidduu isaaniitti argame.. dhibee keessa isaa jiru hargufata.
โœ Jaalala keessaa inni guddaan....(The greatest degree of love is...)
nama jaalattuun hanga feetes walitti buutu.... garuu nageenyii fi tasgabbiin keessa keetitti dhagahamuudha...!

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Yaadachiisa
๐Ÿ‘‡
Ramadaana dura qadaa sirra jiru ufirraa kafaluu akka hin daganne.
@tafak_or
โœ Baatiin sha'abaanaa baatii galmeen waggaadhaa gara Rabbii keessa ol baatu...
#Garaagarummaa....
(Isaan_amaanaadha)

โœ Eeyyan dubartiin cinaacha jallataa irraa uumamte... garuu dubartiin gaariin faaya jiruu duniyaati...
โ˜˜Dubartiinis bakkuma dhiirri bahe, dhiiruma dhiirri irraa bahe sanirraa baate...!!
โ˜˜ Dubartiin.. haadha; obboleettidha; adaadaadha; haadha ijoollee teetiiti; Mucattii tabteeti....!!
โ˜˜ Dubartiin gaariin qubsuma ykn iddoo jireenyaa abbaa warraati ..!
โ˜˜ Iddoon inni laalee itti gammadu; bakki gammachuu isaa haadha manaa isaati....!
โ˜˜Itti gaafatamummmaa manaa kan baatu; guddisa ijoollee irratti kan bobbaatu isheedha..!
โ˜˜ Dubartiidhaa bar bakka inni hin jirretti lubbuu ofiitii fi qabeenya isaatis kan eegdu...!
๐Ÿซต Akkuma jallinna isheetti itti gammadaa... yaada dhiphaa kana sammuu keessan keessaa baasaa....!
๐Ÿคฒ Haadha mu'imintootiif Rabbiin Rahmata haa godhu... hunda keenyaa Rabbiin haa qajeelchu..!

Share๐Ÿซต
https://www.tg-me.com/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#7ffaaa: Yeroo namni keessa rafutti fayyadamuu...!! โœ Namni muslimaa tokko yeroo ilmi namaa keeyrii dagate keessatti uf yaadachuun... qulqullinna dalagaa isaatiif baay'ee isa qarqaara. ๐Ÿ‘‰ Dalagaalee sunnaadhaa dhoksanii dalagachuun Ikhlaasa horachuu irrattiโ€ฆ
#9ffaan
(Waa'ee baatii sha'abaanaa irraa)๐Ÿ‘‡

โœ Galmeen ilma namaa tuni kallattii #sadihiin (3) gara Rabbii ol fuudhamti....:

@1ffaa:
โœ๏ธ#Guyyaa_guyyaadhaan...
Dalagaan ati dalagattu kamuu guyyatti yeroo lama ol baati. yeroo tokko halkan, yeroo tokko ammoo guyyaadha...
Akkuma Hadiisa keessatti dubbatametti dalagaan guyyaas xumura guyyaa irratti; dalagaan halkaniis xumura halkanii osoo bariin hin seenne gara Rabbii ol baati.
ยซ ูŠุฑูุน ุฅู„ูŠู‡ ุนู…ู„ ุงู„ู„ูŠู„ ู‚ุจู„ ุนู…ู„ ุงู„ู†ู‘ู‡ุงุฑุŒ ูˆูŠุฑูุน ุฅู„ูŠู‡ ุนู…ู„ ุงู„ู†ู‡ุงุฑ ู‚ุจู„ ุนู…ู„ ุงู„ู‘ู„ูŠู„....ยป
๐Ÿซต Hadiisa biraa keessattis Malaa'ikoonni halkanii fi kan giyyaa...isin irratti wal tarreeffatu... Salaata Fajrii fi Salaata Asrii irratti wal gahan...
Namni yeroo sana akka tasaa ibaadaa irra jiraate Rabbiin Rizqii isaatii fi dalagaa isaa keessas barakaa kaahaaf jedhan.
@2ffaa:
โœ #Galmee_Torbaanii
Galmeen ilma namaa torbaan keessatti yeroo lama ol baati. isaanis: Guyyaa Kamisaa fi guyyaa Jimaataa ture.
๐Ÿซต Guyyoota kana keessa nama gidduu isaanii Wal dhabbiin jiru malee hundaafuu araaramatu isaaniif godhama.
ยซุชุนุฑุถ ุฃุนู…ุงู„ ุงู„ู†ุงุณ ููŠ ูƒู„ ุฌู…ุนุฉ ู…ุฑุชูŠู†: ูŠูˆู… ุงู„ุงุซู†ูŠู† ูˆูŠูˆู… ุงู„ุฎู…ูŠุณ......ยป
@3ffaa:
โœ#Galmee_waggaadhaa..
Dalagaan waggaa guutuun bakka tokko baatii sha'abaanaa keessa ol baati..
Akkuma Rasuulli (SAW) jedhan :
ยซูˆู‡ูˆ ุดู‡ุฑ ุชุฑูุน ููŠู‡ ุงู„ุฃุนู…ุงู„ ุฅู„ู‰ ุฑุจ ุงู„ุนุงู„ู…ูŠู†.....ยป
Ergasii dalagaan Umrii keetii guutuun erga ati duutee ol baafama..... dalagaan tantee Rabbiin bira geessi... xumurarratti galmeen dalagaa cufamee... galmeen qormaataa eegalama....
Dalagaan teenya bifa kamiin ol bahaa jirti laata.... ๐Ÿ˜ข
@Ibro

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Nafsee_too

๐ŸซตTelephonni ๐Ÿ“ฑ kee islaamummaa tajaajilaa jira moo ..!? islaamummaa diigaa jira....!?

๏ดฟ ูˆู„ูŠุญู…ู„ู† ุฃุซู‚ุงู„ู‡ู… ูˆุฃุซู‚ุงู„ุง ู…ุน ุฃุซู‚ุงู„ู‡ู… ูˆู„ูŠุณุฃู„ู† ูŠูˆู… ุงู„ู‚ูŠุงู…ุฉ ุนู…ุง ูƒุงู†ูˆุง ูŠูุชุฑูˆู† ๏ดพ

โš ๏ธUf_eeggadhu....

โœ Osoo hin qoramin dura lubbuu keessan qorraa.... guyyaa galmeen kee cufamee asirraa godaattu waan hin beekneef...!

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
๐Ÿ“ž Azaaba warra qabrii keessaa beeyladoonni ni dhagahu....!!
Anonymous Quiz
92%
A) Dhugaa
8%
B) Soba
2024/09/27 09:35:07
Back to Top
HTML Embed Code: