Telegram Web Link
✍️ Ilmi namaa erga salaata eegalee /salaata keessatti bakka 5tti qoodama. Isaanis:

1) Nama salaataan adabamu ykn Rabbiin salaata inni salaate saniif isa adabu jira…!
2) Nama salaata salaateef qormaatamu jira…
3) Nama Rabbiin salaata isaa sana mindeessuu baatus garuu irra darbuuftu jira…!
4) Nama salaata saniin Rabbiin isa mindeessu ykn galateeffamu jira…
5) Nama salaata saniin Rabbitti kalaahutu jira….
#1ffaan: Nama wuduu’a keessatti, shuruuxa, waajibaataa fi sunana salaataa keessatti akkuma fedhe godhu…nama seerota salaataatiif bakka hin kennine.. Kun salaata kanaan Rabbiin isa adaba…
#2ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee garuu erga salaatatti seenee booda…seensa salaataa irraa hanga xumura salaataa maal akka jedhee fi akkamitti akka salaate kan hin beekne…hanga salaama baafatuuf kan onnee fi sammuun isaa Ethiophiaa kaatee hanga Amerikaa naannawaa turteedha…
Salaata kanarratti Rabbiin isa qormaata jedhan…
#3ffaa: Nama salaata keessatti arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee garuu seensarraa hanga xumura salaataa lubbuu isaatii fi sheeyxaanaan wajjiin taaggalaa/ waldhaansoo bahaa ture…nama salaata isaa tolchuuf hanga dhumaatti falmachaa ture….nama akkanaa Rabbiin irra dabraaf….
#4ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee…dabalataan salaata kushuu’a qabdu…salaata rogaa…salaata tashwiisha hin qabne salaate…kun Rabbiin biratti ni mindeeffama…!
#5ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee…ammas salaata kushuu’a qabdu salaatee…dabalataan akka Rabbiin wajjiin qofa jiru uf beeke…
Niyyaa isaa keessa namni ani maqoo itti bahe kuni Rabbiin tahuu kan hubateedha…Rabbiin laalee na argaa jiraa kan beeke…
Garaagarummaan 4ffaa fi 5ffaadhaa…4ffaan, maqoo Rabbiin jiraachuu isaa dagate…
Namoota wayta salaata seenan…osoo isaan biratti sagalee kee baastee waan feete haasoftee ykn dalagdee quba kee hin qabnetu jira….
Anaaf ati lakkoofsa meeqaffaa keessa Jirra laata….🥲

Ibnul-Qayyim Rahimahullaah kitaaba الوابل الصيب jedhamu keessatti akkana nuun jedhan.
Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Hiriyyaan kankee gaariin hanqinna kee siif muldhisa, dadhabinna ati qabdu sitti akeeka….
Hasan Albasriin (Rahimahullaah) akka jedhanitti:
« Mu’uminni daaw’itii/mastaawatii waliiti…waan isa hin gammachiisne yoo irraa arge ni sirreessa…ni qajeelchaan..marsee irraa dhoorgaan..keessaa fi duubaan wardiyyaa siif taha…»
✍️ Hiriyyaan jaalala kee barbaadaaf jecha hanqinna kee siif hin himne hiriyyaa dhugaa miti…sababa inni dogongora kee irratti hamilee sitti horeef jecha qilee keessaan baane seenuu dandeessa….!!

Hiriyyaa gaarii Rabbiin isiniif haa kennu…👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/25 18:21:42
Back to Top
HTML Embed Code: