Telegram Web Link
Barressan Jafar Beyan Ahemed
Heddumina followers jechuun haqarra jiraachuu hin agarsiisu. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e guyyaa qiyaamaa Nabiyyii namni tokko qofti itti amanee fii Nabiyyii namni hundi isa didee kophaa dhufuutu jira.

Channal ronaldo guyyaa takkatti nama miliyoona hedduu subscriber godheef. Nama miliyoona 10 oli. Kana hunda gabaasa jaallan facebook godhanirraa agarre.

Nabiyyii kophaa dhufu sanii fii ronaldoo walitti laali. Chaanaala barsiisaa tahan kan amantii fii ka wallisaa walitti laali. Chaanaala qur'aanaa fii ka muzziqaa walitti laali.

Followers isaa miliyoona 20 miti biliyoona osoo tahe ronaldoon, qabeenya isaatii wajjiin yoo osoo hin amanin du'e warra ibiddatti. Nama muslimaa ka tohwiidatti nama yaamu ka followers 10 hin qabneetu Rabbi biratti nama hin amanne hundarra caala.

Kana hunda booda aayaata tana yaadadhu

๏ดฟู„ุง ุฎูŽูŠุฑูŽ ููŠ ูƒูŽุซูŠุฑู ู…ูู† ู†ูŽุฌูˆุงู‡ูู… ุฅูู„ู‘ุง ู…ูŽู† ุฃูŽู…ูŽุฑูŽ ุจูุตูŽุฏูŽู‚ูŽุฉู ุฃูŽูˆ ู…ูŽุนุฑูˆูู ุฃูŽูˆ ุฅูุตู„ุงุญู ุจูŽูŠู†ูŽ ุงู„ู†ู‘ุงุณู ูˆูŽู…ูŽู† ูŠูŽูุนูŽู„ ุฐู„ููƒูŽ ุงุจุชูุบุงุกูŽ ู…ูŽุฑุถุงุชู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ููŽุณูŽูˆููŽ ู†ูุคุชูŠู‡ู ุฃูŽุฌุฑู‹ุง ุนูŽุธูŠู…ู‹ุง๏ดพ [An-Nisฤโ€™: 114]

๏ดฟูˆูŽู…ุง ุฃูŽูƒุซูŽุฑู ุงู„ู†ู‘ุงุณู ูˆูŽู„ูŽูˆ ุญูŽุฑูŽุตุชูŽ ุจูู…ูุคู…ูู†ูŠู†ูŽ๏ดพ [Yลซsuf: 103]
๏ดฟุงู„ู…ุฑ ุชูู„ูƒูŽ ุขูŠุงุชู ุงู„ูƒูุชุงุจู ูˆูŽุงู„ู‘ูŽุฐูŠ ุฃูู†ุฒูู„ูŽ ุฅูู„ูŽูŠูƒูŽ ู…ูู† ุฑูŽุจู‘ููƒูŽ ุงู„ุญูŽู‚ู‘ู ูˆูŽู„ูƒูู†ู‘ูŽ ุฃูŽูƒุซูŽุฑูŽ ุงู„ู†ู‘ุงุณู ู„ุง ูŠูุคู…ูู†ูˆู†ูŽ๏ดพ [Ar-Raโ€˜d: 1]

๏ดฟููŽุฃูŽู‚ูู… ูˆูŽุฌู‡ูŽูƒูŽ ู„ูู„ุฏู‘ูŠู†ู ุญูŽู†ูŠูู‹ุง ููุทุฑูŽุชูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุงู„ู‘ูŽุชูŠ ููŽุทูŽุฑูŽ ุงู„ู†ู‘ุงุณูŽ ุนูŽู„ูŽูŠู‡ุง ู„ุง ุชูŽุจุฏูŠู„ูŽ ู„ูุฎูŽู„ู‚ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุฐู„ููƒูŽ ุงู„ุฏู‘ูŠู†ู ุงู„ู‚ูŽูŠู‘ูู…ู ูˆูŽู„ูƒูู†ู‘ูŽ ุฃูŽูƒุซูŽุฑูŽ ุงู„ู†ู‘ุงุณู ู„ุง ูŠูŽุนู„ูŽู…ูˆู†ูŽ๏ดพ [Ar-Rลซm: 30]

๏ดฟูˆูŽู…ุง ุฃูŽุฑุณูŽู„ู†ุงูƒูŽ ุฅูู„ู‘ุง ูƒุงูู‘ูŽุฉู‹ ู„ูู„ู†ู‘ุงุณู ุจูŽุดูŠุฑู‹ุง ูˆูŽู†ูŽุฐูŠุฑู‹ุง ูˆูŽู„ูƒูู†ู‘ูŽ ุฃูŽูƒุซูŽุฑูŽ ุงู„ู†ู‘ุงุณู ู„ุง ูŠูŽุนู„ูŽู…ูˆู†ูŽ๏ดพ [Sabaโ€™: 28]

Aayaatoonni hedduun tana malee jirtu ilmi namaa irra hedduun wallaalaa, haqa didaa, baaxilaaf tumsaa akka tahe akeekti.

Heddumina osoo hin taane iimaana ka nagaya nama baasu

๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
‏๏ดฟ ุฅู† ุงู„ู„ู‡ ูˆู…ู„ุงุฆูƒุชู‡ ูŠุตู„ูˆู† ุนู„ู‰ ุงู„ู†ูŽู‘ุจููŠูู‘ ูŠุงุฃูŠู‡ุงุงู„ุฐูŠู† ุขูŽู…ูŽู†ููˆุงุตูŽู„ูู‘ูˆุงุนู„ูŠู‡ ูˆูŽุณูŽู„ูู‘ู…ููˆุง ุชูŽุณู’ู„ููŠู…ู‹ุง ๏ดพ


ุงู„ู„ูŽู‘ู‡ูู€ู€ู…ูŽู‘ ุตูŽู„ูู‘ ูˆูŽุณูŽู€ู€ู€ู„ูู‘ู…ู’ ูˆูŽุจูŽุงุฑููƒู’ ุนู„ู‰ ู†ูŽุจููŠูู‘ู†ูŽู€ู€ู€ุง ู…ูุญู…ูŽู‘ุฏ๏ทบ๐ŸŒธ
#Isin_kabajamtoota

โœ๏ธ Namni kabajaa fi ulfinna qabu yeroo kamuu keessa kee si butaโ€ฆ!!
Kabajaan nama boojitiโ€ฆnamni kabaja siif qabu waa hedduu keessatti sakaalee si boojiโ€™aโ€ฆ
Yeroo kamuu namni kabajamaan nama hunda caala onnee tantee si harkisaโ€ฆ
๐Ÿ‘‰๐Ÿผ Nama arrabaa fi sammuun isaas kabajaa irratti guddattetu kabajamaa namaatiโ€ฆ!!

โœ๏ธ Kabajamaa namaa jechuun :

Isa wayta dogoggore dhiifama nama gaafatuโ€ฆ
Kan osoo waan sirraa barbaadu sin gaafatin dura dursee hayyama si gaafatuโ€ฆ!
Nama yoo ati deeggarsa isaaf gooteโ€ฆdeddeebiโ€™ee si galateeffatuโ€ฆ!
Nama harkaa fi kennaa dura seequudhaan dursee si simatuโ€ฆ
Nama gatii ati qabdu beekee..gatii siin madaalu siif kennuโ€ฆ.!
Nama lubbuu tantee waa hundaa ol kabajuโ€ฆ.!!

Namni nama kabaju Yeroo hundaa kabajamaadhaโ€ฆ.!!

๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
‏๏ดฟ ูˆูŽุงู„ุตูู‘ุจู’ุญู ุฅูุฐูŽุง ุชูŽู†ูŽููŽู‘ุณูŽ ๏ดพ

โœ๏ธ Rabbiin barii guyyaa hardhaa tana keessaโ€ฆ
Balbala Rahmataa isiniif haa banuโ€ฆRizqii bareeda bakka isin hin yaannee isiniif haa kennuโ€ฆ..๐Ÿคฒ๐Ÿฟ
Namoonni umrii 20 gadi jirtan hunduu na dhageeffadhaaโ€ฆ:

โœ๏ธ Yeroo keessan harka caalu social media gubbatti gubaa hin oolinaaโ€ฆUmrii keessanitti hin taphatinaaโ€ฆ!
๐Ÿ‘‰๐Ÿผ Ee beekkamaadha account kankee kan ati banattee irratti waa post gootu, ilmii adda addaatiin hawaasa fayyaduus dandeessaโ€ฆgaruu waan san caala nama yaachisutu jiraa na dhageeffadhu:๐Ÿ‘‡๐Ÿป

Qurโ€™aanaan busy tahuu, Sunnaa Rasuulaa (SAW) fi ilmii barachutu social media gubbaatti waa barreessuu dursaโ€ฆ!
Kanaafuu umriin kankee umrii waa keessa sammutti waa kuufattu; umrii keessa waa dubbistu; umrii keessa barnoota adda addaa hordofuun sammuu kee gabbifattuโ€ฆ
Miidiyaa yeroo kamuu ni dhaqqabdaโ€ฆgaruu sammuun tantee tan waraqaa caala qulqulluu tuniโ€ฆwaan hin taaneen gaafa guutamteโ€ฆgaafa guddatte sirreessuun gatii si gaafataโ€ฆ.!!
Kanaafuu barnoota kankee gosa hundaa duuka buutee hordofutuโ€ฆnamoota hin beekne jala osoo follow gootu umrii kankee gubuu caala si fayyada..!
Ammarraa barnootatti jilbiifadhuโ€ฆwaa dubbisii sammutti waa kuufadhuโ€ฆumrii kankee keessaa stage ati amma irra jirtu kun waa hundaa ol qaaliidhaโ€ฆwarqee qabdu kanaan hin qoosinโ€ฆ!
Waa hundaa ol irratti xiyyeeffadhuโ€ฆgaafa wahii osoo hin gaabbine ammuma dhaqqabadhuโ€ฆ.!!

Galatoomaaโ€ฆwaliif raabsaaโ€ฆ!!

https://www.tg-me.com/tafak_or
โ˜†โ˜†๏ทฝโ˜†โ˜†

ุงูŽู„ุณูŽู„ุงู…ู ุนูŽู„ูŽูŠู’ูƒูู… ูˆูŽุฑูŽุญู’ู…ูŽุฉู ุงูŽู„ู„ู‡ู ูˆูŽุจูŽุฑูŽูƒุงุชูู‡ู‎โ™กโ™กโ™กโœ‹
#MAALTAATE IMMOO.. ?! ๐Ÿค”
#MAALIIF AARTE..... ?!๐Ÿ˜ก
๐Ÿชตhaga rabbiin jiru homaa hin taatu... hin
#aarin...
๐Ÿชต rabbiin immoo yeroo maraa jiraataadha... ๐Ÿฅฐ
๐ŸชตKanaafuu haga jiruu teetii homaa hin taatu jechuudha..... ๐Ÿ˜Š
#ALHAMDULILLAH๐ŸŒนjedhi mee na duuka.... #ALHAMDULILLAAH๐ŸŒน
โœ
#Mee... mee... seeqadhu.... ๐Ÿ˜„๐Ÿ˜Šโ˜บ..................๏ธ
abshir rahmata rabbii irraa garaa hin muratin..... garuu badii daleydee isarraa of hin fageessin.... tolee... ๐Ÿค
share.... ๐Ÿ‘‡

https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ๏ธ Ati ufii keetii uf dhaamsite taanaanโ€ฆosoo ifaa addunyaa guutuullee ibsanii si ibsuu hin dandaโ€™uโ€ฆ.!!

Ufumaa keetii ifaa ufiif tahuu qabdaโ€ฆ.okay ๐Ÿ‘Œ
#Jireenyi_tunโ€ฆโ€ฆ.๐Ÿค”

โœ๏ธ Jireenyi yeroo hunda salphaa mitiโ€ฆgaruu yoo hanguma Rabbiin siif kenne sana jaalatte siif salphachuu dandeessiโ€ฆ!
โœ๏ธ Namni Rabbitti hin amanne baโ€™aa jireenyaa tana akkamitti akka ufitti salphisuu dandaโ€™u hin beekne garuuโ€ฆ.!, maaliin ufirraa salphisaanis gaafii natti tahaโ€ฆ!
๐Ÿ‘‰๐Ÿผ Nuti garuuโ€ฆjireenyi hammaattus, salphattus hunduu keeyriif akka tahe hubannaโ€ฆkanatu keessa keenyaaf boqonnaa kennaโ€ฆ.!
Yoo hammaatte ni obsinaโ€ฆyoo nuuf laafte ykn gammachuu taateโ€ฆgalata Rabbiin galfannaโ€ฆhunduu nuuf keeyriidha. Hunduu nuuf mindaadha.
Namni akkuma isheen jirtutti jaalate jaalaluma argataโ€ฆnamni jibbes jibbama argataโ€ฆ.Rabbiin keenya gara laafessa, Rahmata qabeessasโ€ฆ.!!

Rabbiin nuuf haa laaffisuโ€ฆ.!!
Share๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
Hogganaan Telegiraam Faransaayitti toโ€™atame

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC)-Hogganaan miidiyaa hawaasummaa Telegiraam Paaveel Duuroov Faransaayitti toโ€™annoo jala oolfamuun gabaafame.

Miidiyaalee Fayansaay wabeeffachuun BBCโ€™n akka gabaasetti, Paaveel Poolisii Faransaayiin kan toโ€™atame, xiyyaara dhuunfaa isaan buufata xiyyaaraa Lee Burgee jedhamu wayita qubatutti taโ€™uun eerameera.

Sababni toโ€™atamuu isaas telegiraamiidhaan yakki raawwatameera jedhamuun ajaja akka toโ€™annoo jala oolfamu irratti baโ€™een akka taโ€™e Poolisiin ibseera.

Raashiyaatti kan dhalate, abbaan qabeenyaa kun lammummaa Faransaayii fi Emereetota Arabaa kan qabu taโ€™uun ibsameera.

Paaveel Duroov, ragaalee fayyadamtootaa dabarsee hinkennuu jechuun bara 2018 telegiraamiin Raashiyaa keessatti ugguramee turuun ni yaadatama.

Share๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
โ™กโ™กโ™ก๏ทฝโ™กโ™กโ™ก
#OBSI.....
โ– Karatti hin dhaabin ammuma ittiin dararamii....
โ– boru injifataa ta'ii jiraadhu...
share... โ˜๏ธ
2024/09/21 21:40:58
Back to Top
HTML Embed Code: