Telegram Web Link
โœ๏ธ Jaalala qalbiidhaa eennullee hoogganuudhaaf dandeettii itti hin qabuโ€ฆ
Hanga Rasuulli Aalamaa (Sallallaahu aleyhi wasallama)
akkana jedhan takka:
โ€ Yaa waan ani qabu, waan ati qabdu keessatti qoonni kiyya isa kanaโ€ฆwaan ati qofti qabdu kan ani hin qabne keessatti garuu nan qabin Yaa Rabbiโ€ฆ"
Kennaa biraa keessatti wal qixxeessitee qooduu ni dandeesaaโ€ฆgaruu jaalala keessatti yoomuu walqixa jaalachuu hin dandeessuโ€ฆ!
โœ๏ธ Ammas hadiisa biraa keessatti akkana jedhan:
โ€ Ani jaalala Aaโ€™ishaadhaa samii irraa kennameโ€ฆ.."

Kanaafuu Jaalalli hireedhaโ€ฆ.!!

Share๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
Akhlaaqa gaarii
Barbaachisummaa Amala gaarii

1 Aayatoonni qurโ€™aana kanneen akhalaqa gaarii horachuutti nama kakaasan lakkoofsa hin qabanโ€ฆ
2 Amalli gaariin eenyummaa nama tokkootiโ€ฆ
3 Kan madaalamtuun amala keetiinโ€ฆilmi namaa dheerinnaa fi gabaabinna, furdinnaa fi qaldhinnaan osoo hin taane amala isaatiin madaalama..
4 Islaamummaa fi akhalaaqa gidduu kallattii hundaan walitti dhufeenya guddatu jiraโ€ฆ
5 Diiniin ykn amantiin Akhlaaqaโ€ฆ
6 Amalli dhuunfaa fi hawaasa guutuu irrattis dhiibbaa guddaa waan qabuuf..sirritti beekuun baayโ€™ee barbaachisaโ€ฆ
7 Amalli kankee buโ€™uura milkaahinna keetiitiโ€ฆ
8 Hawaasa tokko ijaaruuf murteessaan amalaโ€ฆ
9 Amalli gaariin nyaataa fi dhugaatii caala jireenya kankee keessatti barbaachisaadhaโ€ฆ
10 Amala yoo hin qabaanne eennuun wajjiinuu jiraachuu hin dandeessuโ€ฆ
11
Share๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
Aayata tana sirritti xiinxallaa meeโ€ฆ.

ููŽู„ูŽู…ูŽู‘ุง ุฌูŽุงุกูŽ ุฃูŽู…ู’ุฑูู†ูŽุง ู†ูŽุฌูŽู‘ูŠู’ู†ูŽุง ุตูŽุงู„ูุญู‹ุง ูˆูŽุงู„ูŽู‘ุฐููŠู†ูŽ ุขู…ูŽู†ููˆุง ู…ูŽุนูŽู‡ู ุจูุฑูŽุญู’ู…ูŽุฉู ู…ูู‘ู†ูŽู‘ุง๏ดพ

โ€ Ajajni keenya dhufee jennaanโ€ฆSaalihii fi warroota isa wajjiin amananis Rahmata keenyaan azaaba jalaa naga baafneโ€ฆ"

Cinqaa fi rakkoo hedduu booda baldhinni siif dhufnaanโ€ฆbeeki Rahmata rabbiitiinโ€ฆ.
โœ๏ธ Erga dhibamtee waggaa hedduu yaalamtee booda fayyinaanโ€ฆdoktora cimaan waan waldhaanamteef ykn dawaa bareeda waan argatteef osoo hin taaneโ€ฆRahmta Rabbiitiin akka tahe yaadadhuโ€ฆ!
โœ๏ธ Erga dalagaa malee turtee yoo dalagaa argatteโ€ฆdandeettii keetiin osoo hin taane; waraqaa ragaas waan qabduuf osoo hin taane, Rahmata Rabbiitiin akka tahe yaadadhuโ€ฆ.!
โœ๏ธ Erga ati abdii kutattee booda yoo Rabbbiin ilma siif kenneโ€ฆdandeettii keetiin osoo hin taane ykn sababa dawaa fudhatteef osoo hin taaneโ€ฆRahmatuma isaatiin akka tahe hin dagatinโ€ฆ

Kunneen hunduu hayyama Rabbiitiin duubatti sababoota si fayyaduu fi si miidhuus dandaโ€™anii mitiโ€ฆ!
Dhibamaa meeqatu waldhaanamee yaala dhabeโ€ฆ
Hayyuu meeqatu osoo waraqaa ragaa guutuu qabu dalagaa dhabeโ€ฆ
Nama meeqatu fuudhee ilma dhabe..
Kheeyriin ati keessa jirtu hunduu Rahmata Rabbiitiinโ€ฆabbaa galataattu galata sitti ooleeโ€ฆgalata isaa hin dagatin..!

Share๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ๏ธ Rasuulatti salaama naaf dhaami jetteen haati manaa goota addunyaa kanaa #Ismael haniyyaaโ€ฆ.
ุณู„ู… ุนู„ู‰ ุงู„ุฑุณูˆู„
Addunyaan tuni hardha nama jabaa uf keessaa dhabdee jirtiโ€ฆ.
โœ๏ธ Ilma namaa tahee namni badii hin dalagne hin jiruโ€ฆgaruu galanni Rabbiif haa tahuu yeroo hundaa balballi towbaadhaa banaadhaโ€ฆ.!

Alhamdulillaah
๐Ÿ–‹๏ธSh/Saalih Alfowzaan (Rahimahullaah)
โœ๏ธ Salaata keessatti dhiiraa fi dubartoonni bakka shan qofatti garaagarummaa qabu. Isaanis:

Yaaluu dandeessuu?
๐Ÿ‘‡๐Ÿป
โœ๏ธ Yeroon ammaa kuniโ€ฆ.:

Yeroo dalagaa,
Yeroo qurโ€™aana keessa haftazan..,
Yeroo wantoota haaraa hedduu keessa baratan,
Yeroo barnootaan cimanii bakka guddaa itti gahanโ€ฆ,
Yeroo towbaa,
Yeroo dhaloota qaranii keessatti guddisan..,
Yeroo isa keessa hariiroo qurโ€™aanaa kan duraa caala cimsanโ€ฆ,
Yeroo gara Rabbiitti fuula deebiโ€™anโ€ฆ.!
Waan buโ€™aa isiniif hin qabnetti yeroo keessan ufirraa hin gubinaaโ€ฆ.

โœ๏ธ Gaafii lamarraa gaafatamuuf fuuldura keenyatti qaxaroon nuuf qabameeraโ€ฆ:
Umrii kankee maal keessatti fixxee fi dargaggummaa kankee maal irratti gubdeedhaโ€ฆ??!

โœ๏ธ Koottaa bifa haaraadhaan eegalleeโ€ฆsammuu keenya wantoota nuu fi amantii keenya akkasumas hawaasa keenya fayyadaan busy haa taanuuโ€ฆ!!

Share๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ๏ธ Rizqiin kheeyrii Rabbiin siif kennu qofa osoo hin taaneโ€ฆsharriin Rabbiin sirraa deebisullee Rizqii tahuu isaa hin dagatinโ€ฆ..!!
#Dhiifamaโ€ฆ.

โœ๏ธ Namni tokko dhiifama yoo siin jedheโ€ฆdirqama isatu balleessaa qabaa, dhugaan teeti jechaa mitiโ€ฆ!
Sitti boonuu caala,hariiroon gidduu keessan lamaan jiraa waa hunda caalaa akka tahe galuufis malaโ€ฆ!
โœ๏ธ Dhiifama jechuun yeroo tokko tokkoโ€ฆwanti fedhes gidduu keenyatti uumamu ani sirraa fagaachuu hin barbaaduus ni tahaโ€ฆ!
โœ๏ธ Uf tuuluun hanga silaa sirraa eeggamuu fi bakka sirraa eeggamu irraa fuutee akka siin hin tarreโ€ฆ.!
Nama dhiifama si gaafate yoma sana dhiifama jedhiinโ€ฆnamoonni akkasii Baayโ€™ee hin argaman waan taheefโ€ฆ.!!

Waan dhiifama naaf gootaniif galatoomaaโ€ฆ!

https://www.tg-me.com/tafak_or
#Piraankii

โœ๏ธ Yoo hujiin gowwootaa maqaan isaa,piraankii jedhamu kuni akka amma jiru kanaan itti fufe,shyxaanni uf tuffatee beeki.

ila
Ummata dhiha addunyaa qubatee jiru kana,Rabbiin ol tahe,hammeenya isaanii nuu ibsee turee hubadhu, nuti immoo,fakkeenyi keenna godhannee jaanjawaa jirraa taajjabi.

Eeee
Shirri isaan xaxan,yakki isaan raawwataniifi diliin isaan hojjatan,gaara diiguu gahaa argi,dhaloota diiguun immoo,hujii ibliisaatii hubadhu.
ูˆูŽู‚ูŽุฏู’ ู…ูŽูƒูŽุฑููˆุง ู…ูŽูƒู’ุฑูŽู‡ูู…ู’ ูˆูŽุนูู†ู’ุฏูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ู…ูŽูƒู’ุฑูู‡ูู…ู’ ูˆูŽุฅูู†ู’ ูƒูŽุงู†ูŽ ู…ูŽูƒู’ุฑูู‡ูู…ู’ ู„ูุชูŽุฒููˆู„ูŽ ู…ูู†ู’ู‡ู ุงู„ู’ุฌูุจูŽุงู„ู

Yoooo
Yeroo ammaa kana,maqaa abshaalummaa,qarooma, dhageettii dabalachuufi beekkamtii barbaadaatiin wanti hojjatamaa jiru,irra caalaan isaa,faallaa Amantii, faallaa Aadaafi safuu hawaasaa,faallaa hawaasummaa faallaa fedha ummataatiifi faallaa jiruu ilma namaatii argi,ilmi namaa,harkumaan gowwummaa bitataa jiraa taajjabi.

Jaaloo
Piraankii jedhamee wanti hojjatamaa jiru irra caalaan isaa,qaamaan haa tahuu bilbilaan hojjatamus,yookaa barnoota uf keessaa hin qabu,yookaa bohartii tahee ittiin hin bashannanamu,yeroofi akkataa hinqabu, umriifi saala hin filatu,lolaafi tola addaan hin baafatu, akkuma dhufetti geggeeffamaa jira,gaafa tokko gumaa walittiin galuuf imalanii eegi.

Eeeee
Sheyxaanni gaafa Rabbiin wal-lolu,erga na abaartee na darbite,ilma namaa hunda gowwoomsee,ibiddatti naqa,jara si qulqulleessee sitti harka kenne malee jedhee Rabbiin wal-dhabee deemee hubadhu,amma immoo,ilma namaa tahee kan hujii ibliisaa tuffachiisaa jirutu ol yaaโ€™aa jiraa taajjabi.
ู‚ุงู„ ูุจุนุฒุชูƒ ู„ุฃุบูˆูŠู†ู‡ู… ุฃุฌู…ุนูŠู†ุŒ ุฅู„ุง ุนุจุงุฏูƒ ู…ู†ู‡ู… ุงู„ู…ุฎู„ุตูŠู†
ู„ุฃู‚ุนุฏู† ู„ู‡ู… ุตุฑุงุทูƒ ุงู„ู…ุณุชู‚ูŠู…

Magan!
Hanga lubbuun harโ€™aa,qaama jaraa keessa jirtu,ani gowwoomsuu hin dhiisu jedhee beeki.
ูŠู‚ูˆู„ ุฅุจู„ูŠุณ ู„ู„ู‡ ุนุฒูˆุฌู„. : ูˆุนุฒุชูƒ ูˆุฌู„ุงู„ูƒ ู„ุฃุบูˆูŠู†ู‡ู… ู…ุงุฏุงู…ุช ุฃุฑูˆุงุญู‡ู… ููŠ ุฃุฌุณุงุฏู‡ู…

Namana
Marsaaleen hawaasaa haaraa dhalatan kuni,yeroo garii baga dhufan nama jechisiisaa beeki,namaafi sheyxaana addaan bahuu dadhabe hunda addaan baasaa jiranii xiinxalli.

Hohohoo
Amantii keessa jirra seena malee,ummata Rabbiin sodaatutu heddummaata fakkaata malee,safuufi aadaa hawaasaa tikfanna seena malee,hafuurrinuu jiraachuu Rabbitu beekaa laali.

Kanaaf
Hujiin manaa beektootaa,kan hayyootaa,kan Aaqilaa, kan Aalimaa,kan daaโ€™ii,kan maanguddoo,kan haadhaa fi abbaa,kan firaafi gosaa,kan nama namooma qabuu heddutu jiraa,Rabbi nu baraaru malee,roobaafi lolaa dhiisii,akka cubbuu teenyaatiif kan silaa takka bullee oollu mitii taajjabi.

Hey
Ol siqxee allaattii waliin samii irra bararuuf,lukkuu jala fiiguu dhiisuudhaa uf dhaqqabi.

Ust.Cush Sufiyan Ali
Share ๐Ÿ‘‡๐Ÿป

https://www.tg-me.com/tafak_or
Dhiifama hardha osoo barboota isiniif dabarsin oole mitiiโ€ฆ.!!

Guyyaa osoo erga takkas taatu osoo isiniif hin dabarsin ooluโ€ฆakka isin na eegdan waan beekuuf keessi koo Raahaa hin argatuโ€ฆ!!
Yeroma dhufe gab isin godha inshallaah dhiifama narraa tahaaโ€ฆ!!
#Noโ€ฆ.

โœ๏ธ Namoota yeroo hundaa deeggarsa sirra barbaadan, garuu bakka isaan barbaaddetti uf biratti hin garre hundaanโ€ฆNo jechuu qabdaโ€ฆ.!!

Isaan dura ummata akkam wahiitiโ€ฆ.๐Ÿซฃ
โœ๏ธ Yoo yaanni kankee hunduu jaalala Rabbii barbaaduu tahe, waan si yaachisaa hundaa Rabbiin siif gahaโ€ฆ..!!

Yaa Rabbi jaalala tee fi Jannata sirraa barbaannaโ€ฆ.๐Ÿคฒ๐Ÿพ

@tafak_or
2024/11/17 09:26:31
Back to Top
HTML Embed Code: