Telegram Web Link
Rabbiin faaruu haqa godhatu, faarfamuu jaalataa... Alhamdulillaah jedhi....!
‏إنَّ اللّٰه يُحب أنْ يُحمد ، فقُل الحمدلله 🩶.


Alhamdulillaah👇
@tafak_or
Rabbiin gabricha tokko yoo jaalate, ni mokkora.....!
إن الله إذا أحب عبدًا ابتلاه .

Jaalala Rabbii argachuuf obsuun dirqama....!

@tafak_or
✍️ Naannoo keessanitti maal jedhama? Bareedumaaf moo bushinnatti fudhatama?
Sanyiidhaan dabra moo guyyaa keessa dhufa...?


Namni qabdan mee harka baasaa ? 😁
#Lamaanuu_barbada...😁

Tokkotu xayyaara keessatti keessummeessituun ingiliffaan "beef 🍖 or chicken 🍗"/ Foon moo lukkuu barbaadda jettee gaafatteen?
Achumaa "Monday" barbaada jedheen ? 😁


Kan moggaa isaa xayyaara keessa jiru, hiika kenneefii "Lukkuudha moo Foon nyaatta?" siin jedhaa jirtii bar jedheen...!

Maal Ani hiika wallaale seetaa "Monday"/الإثنين jedhaanii jiraa bar jedheen... jedhama😁


Guyyàan Monday afaan Arabiffaatiin maal jedhama ? yoo hiika isaa beektan dubbiin qaallichi sirrii jiraa beektan... 😁

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Dadhabinna_kee....

1) Qeeqa ykn comment namaa irraa hafeen danda'u... ykn baay'ee dhiphata...
2) Yeroo haasahu ni hollata...
3) Fuulduratti bahee ykn afoo dhaabatee waa dubbachuu fi falmuus hin jaalatu...!
4) Yeroo hundaa fagaatee kophaa jiraata...!
5) Yoo isa xiqqeessan.... dafee adopt godhà.... ykn namni isa xiqqeessinaan isa ajjeese jedhee uf tilmaama...!
6) Teeda gaarii ilaallatee hin beeku... yeroo hundaa gaaritu na mudata jechuun inumaa isaaf hin dhufu...!
7) Nama jala deema malee uf danda'ee jiraachuu goonkumaa hin yaadu...!
8) Sagaleen isaa akka malee gadi bu'aadha...!
9) Bakka walgeettiiti ni hollata... ykn gammachuu hin qabu...!
10) Dandeettii qabutti hin amanu...!
Ykn dandeettii ni qaba jedheehuu uf hin yaadu...!
11) Waa yaali isaan jechuu mannaa... du'atu isaaf dhihaata...!
waan haaraa hin beekne wahii yaaluu ni sodaatan....!
@Ibro
Amaloonni akkanaa dadhabinna kee calaqiisiisu....!

Yoo jaalatte Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
✍️ Kaliifota armaan gadii keessaa, kan yeroo du'u unriidhaan irra manguddoo eennu____?
Anonymous Poll
47%
A) Umar binu Kaxxaab (Radiyallaahu anhu)
40%
B) Usmaan binu Affaan (Radiyallaahu anhu)
20%
C) Aliyyi binu Abii Xaalib (Radiyallaahu anhu)
Kurnyan jalqabaa Zul-Hijjaa irraa... akka addunyaatti Irra caaltuu guyyootaa tahuudhaan beekkamti...!

Rabbiin warra irraa fayyadamu nu haa taasisu...!
Baatiin #Zulhijjaa guyyaa boruu jechuun #Juma'aa boruu tokko (1)ta'uun mirkanaayee Jira. #Alhamdulillah, namni Rabbiin hiree Hajjii bara kanaa siif hin hirin, toltuun Akka #Soomaa, #Zikrii, Qaraatii #Qura'aana kkf sin dabrin.
Rabbiin keyrii ji'a kanaa nu haa woffaqu. Waggaa itti aanu nu maraa Rabbiin Hajjii nu haa dhaabu. Amiiiiiiiin


https://www.tg-me.com/tafak_or
Guyyoonni sadarkaan isaa sadarkaa Jihaadaas caalu, guyyaa boruu ni eegala...


guyyaan guyyoota kurnyan tanatti qixxaatu inuma hin jirre...
guyyoota kanneen akkamitti dabarsuu qabna laata ?
#Zul-Hijjaa keessa keeyrii armaan gadii saamachuu dandeessu. Keeyrii 50 ol dalagachu ni dandeessa:👇

1) Salaata fardii irratti jajjabaachuu,
2) Soomana Sunnaa fi gaafa guyyaa Arafaa soomuu,
3) Laa ilaaha illalllaah, Subhaanallaah, walhamdulillaah, Wallaahu Akbaru jechuun zikrii hessummeessuu,
4) Azaana irratti mu'azzina Jala deemuun deebii kennuu,
5) Istigfaaraa fi Du'aa'ii hessummeessuu,
6) Salawaata Ergamaa Aalamaa irratti buusuu (Sallallaahu aleyhi wasallam)
7) Qur'aana qara'uu; qur'aana xiinxalluu; qur'aana waliif eeguu fi Wal barsiisuun keeyrii saamachuu...
8) Towbaa heddummeessuu...,
9) Haadhaa fi Abbaa keenyatti tola ooluu....
10) Rahimaa fi firoottan keenya sufachuu ykn jajjabeeffachuu...
11) Hiriyyoottan haadhaa fi Abbaa keenyaa bira deemnee jajjabeessuun....
12) Keessummaa mana Kee dhufte keessummeessuu fi yeroo inni manatti galu kabaja isaaf malu isaaf godhuun ajrii saamachuu...
13) Ollaatti tola ooluu...
14) Salaama facaasuudhaan ajrii saamachuu...
15) Beelahaa fi rakkataa nyaata nyaachisuun...,
16) Dubbii gaarii dubbachuun sadaqaadha...
17) Salaata leylii ykn halkanii irratti jajjabaachuu....
18) Sunnaa waajiba Jala deemtu hundaa dhiisuu dhabnee... too'achuun...
19) Salaata duhaa salaatuu...
20) Azkaara ganamaa fi galgalaa irratti jabaachuu....
21) Xahaaraa irratti rafuu...
22) Azkaara bakka gara garaatti qara'amu hundaa yeroo hunda qara'uu...
23) Jum'aaf dhiqachuu; urgeeffachuu; ganamaan gara Masjidaa deemuu;
Imaamatti dhihaattee saffaa duraa irratti salaatuu...
Qaawwa cufuun iddoo duwwaa hanbisuu dhabuu; saffii guutuu...
24) Seeqachuu....
25) Addunyaa tana gubbatti uumaawwan Rabbiin uume xiinxalluu....
🖋@Ibroo

26) #itti_fufa.... hanga 50.... yoo jaalattan Share godhaa👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Zul-Hijjaa keessa keeyrii armaan gadii saamachuu dandeessu. Keeyrii 50 ol dalagachu ni dandeessa:👇 1) Salaata fardii irratti jajjabaachuu, 2) Soomana Sunnaa fi gaafa guyyaa Arafaa soomuu, 3) Laa ilaaha illalllaah, Subhaanallaah, walhamdulillaah, Wallaahu…
Yeroo jalqabaatiif Chanala kanarratti barreeffama dheeraa qubbeen kootiin isiniif barreesse... hanganaa ol ture garuu akka isin hin nuffisiisneefan uf qusadhe.

Irra hedduun keessan Akka hin jaalanne ni beeka... garuu dirqama waan taheef.... maaltu beeka nama tokkos yoon fayyade jedheeti....
yoon balleesse dhiifama...

ykn #share godhaa isinis keeyrii tana na wajjiin saamadhaa
من دل على خير فله مثل أجر فاعله.
👇
طوبی لمن حَبَّ النبيَّ بقلبه،
وبذكره طول الزمان ترنما! ﷺ
Suuraa kahfii qara'uu hin dagatinaa asumaanuu...!
لا تنسَوا الكهف.
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Zul-Hijjaa keessa keeyrii armaan gadii saamachuu dandeessu. Keeyrii 50 ol dalagachu ni dandeessa:👇 1) Salaata fardii irratti jajjabaachuu, 2) Soomana Sunnaa fi gaafa guyyaa Arafaa soomuu, 3) Laa ilaaha illalllaah, Subhaanallaah, walhamdulillaah, Wallaahu…
Keeyrii Zul-Hijjaa keessaa Kutaa #2ffaa ..

26) Salaata towbaa salaatuu,
27) Raka'aa lamaan wuduu'a booda salaatuu,
28)Nasihaa ykn dhaamsa gaggaarii waliif dabarsuu...
29) Wallaalaa waa barsiisuu,
30) Gaarittii Wal ajajuu hamtuu irraa wal seeruuf,
31) Miidhamaadhaaf tumsuu,
32) ija gadi qabachuu,
33) Obboleewwan Rabbiif jecha wwal jaalattuun ziyaaruu,
34) Salaata Janaazaa deemuu,
35) Dhibamaa gaafachuu,
36) Yaamicha siif godhame awwaachuu,
37) Nama yaada keessa jiru tokko booharsuun,
38) Salaatarraa baatee... hanga salaanni gahuuf teessee eeggachuu,
39) Masjida deemtee halaqaata Ilmiidhaa dhageeffachuu,
40) Ulmaa'ii kabajuun,
42) Islaamummaa keessatti namoota waan islaamummaa nama shakkisiisaa fidan irratti deebii gahaa laachuu....
43) Sunnaa Rasuulaa facaasuu,
44) Kennaa adda addaa waliif kennuun Wal gammachiisuu
45) Fuula Rabbiitiif jecha obboleessa muslimaa tokko deemtee harka fuudhuu...
46)Manguddoo kabajuun...
47) Deyni ykn Idaa namarraa kafaluu...
48) Mallaqa nama haajaa qabuuf, namaaf liqeessuun...,
49) Nama mallaqa liqeessiteefii siif kafaluu dadhabee yeroo kennitee eeggachuun,
50) Idaa nama irraa qabdu tokko, dhiisuufiis baattu hamma wahii qarqaaruu....
🖋@Ibroo

51
..#Itti_fufa.... Share godhaa👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Live stream finished (51 minutes)
2024/09/23 07:31:51
Back to Top
HTML Embed Code: